Dubartiin Jireenya Keetiif Gahee Olaanaa Qabdi
Guyyaa Tokko Abbaa Manaa Fi Haati Manaa Wal Lolan Manguddoon Biyyaatiis Araaraaf Erga Walitti Qabanii Booda Rakkoo Keessan Himadhaa… Yeroo Ja’aniin
Abbaa Manaa: “Ani Dadhabee Yeroon Hojii Irraa Deebi’u Dadhabbii Baafachuun Barbaada Garuu Iyyeensi Mucaa Isii Boqonnaa Mitii Dhiphina Natti Ida’a…
Manguddooniis Abbaa Manaa Kana Taajjabaa “Tan Biraa Hoo?” Ja’aniin
Abbaa Manaa: “Ani Yeroon Hojii Irraa Deebi’u Mucaa Fuudhi Naan Jettee Ittoo Gooti Aannan Mucaa Danfisti… Maal Qaba Osoo Ani Hojii Irraa Hin Deebi’in Dura Waan Hunda Xumurtee Na Eeydee…
(Aariidhaan) Hanga Ani Hojii Irra Oolee Dhufu Isiin Akka Feetetti Taa’aa Ooltee…” Je’e
Sana Booda Haati Manaatiis Manguddoo Duratti Ol Kaatee “Dhiifama Naaf Godhi Itti Hin Deebi’u” Jettee Akka Manguddoon Deeman Goote
Eega Bulanii Booda Haati Manaa Tun Mucaa Isii Fudhattee Gara Mana Haadha Isii khutte
Abbaan Manaa Kun Hojii Irra Oolee Dadhabee Yeroo Dhufu Manni Isaa Cufaadha Hulaa Banatee Yeroo Seenu Manni Keessi Ni Qabbanaawa Oowwisuuf Yaaluus Milkaa’uu Hin Dandeenye Uffata Ida’atee Uffatee Nyaata Haati Manaa Isaa Qopheessitee Deemte Nyaatee Callisni Mana Keessaa Yeroo Isa Dhiphisu TV Banatee Garuu Sagalee Gurraan Dhaga’uu Barsiifate Sagalee Mucaa Isaa San Yaaduu Eegale
Ganama Yeroo Ka’u Faxaraa Fi Seeqinsa Inni Jaalatu Kolfi Haati Manaa Isaa Hin Jiru Dallanee Fuula Isaa Dhiqatee Gara Bakka Hojii Isaatti Khute Faxara Isaa Kaaffee Bakka Hojii Isaatii Nyaatee Garuu Akka Kan Haadha Manaa Isaatti Isa Hin Gammachiisne Haati Manaa Naaf Bilbiltii Je’ee Bilbila Isaa Irra Deddeebiidhan laalus Isiin Garuu Hin Bilbilleef Bakka Hojii Oolee Galgala Hiriyoota Isaa Waliin Hiraata Nyaatee Taphatee Galgaleeffatuus Manni Onaan/Duwwaan Sun Akkuma Isa Eegutti Jira Akka Waan Manni Kun Isa Nyaatutti Mana Kanatti Deemuu Sodaachuu Eegale
Akka Mana Gaddaatti Isa Jibbisiisuu Itti Fufe
Dhimma Kana Taa’ee Yeroo Itti Yaadu Edaa Namni Haadha Manaa Malee Hir’uudha…
Edaa Mucaan Bohaartii Fi Haara Galfiidha… “Dhiifama Naaf Godhi Naaf Araarami” Je’ee Manguddoo Itti Ergate
Xumurame
Ani Kanin Jedhu Wanta Gammachuu Siif Kennu Osoo Hin Dhabin Dura Addaan Baasii Beeki!
Kabaji Haadhoolii
Kabaji Obboleettii
Kabaji Jaartii
Kabaji Dubartii
👌 Yoo Dhugaan Kan Isaan Kabajju Taate Ati Milkooyte
Dhangaa_fi_Soorata_Jireenyaa!
1, → Maalif akka dhalatte, of gaafadhuutii hubadhu!
2, → rabbii si uume sodaachuu dirqama kee godhadhu!
3, → Kabajaa fi naamusa kee eeggadhu!
4, → Kaayyoo tee irratti, kutannoo fi murannoo qabaadhu!
5, → Osoo rakkoon hin dhufin, rabbii kee yaadadhu!
6, → Yemmuu balleesite, dafii dhiifama gaafadhu!
7, → Jireenya injifachuuf, dursa ofiikee injifadhu!
8, → rabbii kee kadhachuu; amala taasifadhu!
9, → Umurii dheerachuu yoo feete, waan gaarii hojjedhu!
10, → Nama kamiifuu, ilaalcha gaarii fi kabaja qabaadhu!
11, → Haqaa fi dhara, ragaan xiinxali adda baafadhu!
12, → Ejjannoo sirrii kan mataa keetii qabaadhu!
13, → Qabeenyas dhabdu, amalaa fi garraamummaa qabaadhu!
14, → Namummaa keetin, of tahii mul’adhu!
15, → Hiriyyaa nama hamatuu fi nama sobu; irraa fagaadhu!
16, → Sammuu keetin, of abboomii jiraadhu!
17, → Yeroo gaa’ilaaf nama filattu, bareedinna bifa osoo hin taane, bareedinna qalbii ilaalii filadhu!
18, → Haqaa fi mirga keef, sodaa tokko malee falmadhu!
19, → Lammii fi biyya keef, bilisummaa dheebodhu!
20, → Barnoota amaantaa teetii, jabeessii baradhu!
21, → Yemmuu duroomte, hiyyeesota yaadadhu!
22, → Warroota dhukkubsatan, bira dhaqii gaafadhu!
23, → Haadha fi abbaakee, kabajii kunuunfadhu!
24, → Nama tola oltummaa siif ole, hundaa galateefadhu!
25, → Waan filattu, adda baafadhu!
26, → Du’a booda jireenyi jiraachuusaa qalbifadhu!
27, → Furtuu jannataa fudhachuuf, dhuugaadhan jilbeefadhuutii rabbii kee kadhadhu!
28, → Eessaa, maalif, eenyun, maaliin akka dhufte; Eessaa fi maalirraa akka jirtu; akkasumas, Eessaa fi maaliif akka deemtu; sirriitti gadiifageenyaan xiinxalii hubadhu!
29, → Gorsaa kiyya gabaabaa kana, adaraa qomatti naaf qabadhu!
30, → Hundumaa olitti rabbii Ogummaa akka siif kannuuf, dadhabbii malee karadhu!
=> Dubbisuu keessaniif → Galata qabdan!
Horaa Bulaa
Gorsa Luqman Al Hakim
GORSA LUQMAN HAKIM ILMA ISAA GORSE #SHARE GODHI
1. Sodaa Rabbii Daldala Kee Taasifadhu Bu’aa Guddoo Argattaatii.
2. Hedduu Bakka Du’aa Deemuu Guddisi Aakiraa Si Yaadachiiftii.
3. Bakka Cidhaa Deemuu Hin Guddisin Addunyaa Si Jaalachiiftii.
4. Lukkuu Kormaa Irra Laafaa Hin Ta’in, Innuu Sii Rafuu Halkan Ka’ee
Iyyaatii.
5.Wallaalaa Jaalachuu Hin Hawwin, Wanti Ani Itti Jiru Tun Gaariidha Jedhee Itti Fufaatii.
6. Badii Takka Ergan Balleesse Boodan Towbadha Hin Jedhin
Osoo Ati Hin Towbanne Duuti Tasa Sitti Dhuftiitii.
7. Rabbii Kee Sodaadhu, Garuu Sodaa Isaa Nama Hin Agarsiifatin Akka Namni Si Kabajuuf
Osoo Qalbiin Kee Badduu
Taatee Jirtuu.
8. Hamtuu Irraa Fagaadhu Hamtuunis Sirraa Fagaattiitii.
9. Ulamaa’ii Saa’ibuu Fi Gorsa Haayyootaa Dhaggeeffachuun Sirratti Haa Jiraatuu.
10. Kijiba Irraa Dhorkami Bareedina Fuulaa Sirraa Deemsisatii.
11.Haala Hammaachuu Irraa Fagaadhu Yaadaatu Sitti Heddummataati.
12. Nama Waa Sirraa Hin Hubanne Hubachiisuuf Dadhabuurra Siidaa/Dhagaa Guddaa Sochoosuutu Irra Laafa.
13. Nama Wallaalaa Hin Ergatin, Yoo Nama Ergattu Dhabde Ofumaa Of Ergadhu.
14.Bara Tokkotu Dhufa Kan Namni Waan Beeku Kessaatti Rakkatu. [Waan Hamtuu Baayyee Waan Arguuf]
15. Iddoo Qubsuma Nama Rabbi Zakkaru Bira Taa’uu Filadhu Yoo Beekaa Taate Beekumsatu Siif Ida’amaa Yoo Wallaalaa Taate Beekumsaa Argattaati
16. Nama Rabbi Hin Zakkarre Bira Hin Taa’in
Yoo Beekaa Taate Beekumsi Kee Si Hin Fayyadu [Yoo Isa Barsiiste Malee] Yoo Wallaalaa Taate Wallaalummaa Ida’ataatii
17. Nyaata Kee Nama Rabbi Sodaatu Malee Hin Nyaachisin Ajriitu Si Jalaa Xiqqaataati.
18. Hoggaa Mari’attu Beekaa Waliin Mari’adhu Karaa Irratti Si Qajeelchaati
19. Duniyaan tun Galaana Qileedhaati , Kanaafuu Ati Doonii Kee Sodaa Rabbii Taasifadhu Waan Keessatti Fe’attu Ammoo Iimaana Godhadhu.
20. Waan Ulfaatu Hedduun Baadhadhee Arge Garuu Waan Akka Ollaa Badaa Ulfaatu Hin Agarre.
21 Waan Hadhaahu Hedduun Dhandhamee Arge Garuu Waan Akka Hiyyummaa Hadhaahu Hin Agarre.
22. Waan Barattetti Hanga Daleydutti Kan Biraa Barachuuf Hin Jarjarin
23. Nama Tokko Obboleessa Taasifachuu Yoo Barbaadde Dura Mufachiisii laali, Yoo Irra Siif Darbe Obboleessa Jabaadha Qabadhu Yoo Irra Siin Darbin Irraa Fagaadhu
24. Bakka Irraa Dhufterra Ganda Itti Deemtu Kan Aakhiraa Santu Sitti dhihoodhaa Beeki.
25. Yaa Rabbi Naaf Araarami Jechuu heddummeess, Yeroo Takkatu Jira Kan Rabbiin Du’aa’ii Keessatti Hin Deebifne.
26. Liqii Irraa Fagaadhu Guyyaa Si Xiqqeessitti Halkan Immoo Si Yaaddessiti.
27. Ani Callisuu Kiyyatti Takkaa Gaabbee/Sheenawee Hin Beeku
Dubbachuun Yoo Meeta Taate Callisuun Warqii Dha Beeki…
• Warraa Waan Dubbisetti
Fayyadamu Ittiin Gorfamu Rabbii Nu Haa Taasisu
#Aamiin
Tokkoon Mucaan Dardaraa Akkana Ja’a
#tokkoon mucaa dardaraa akkana ja’a…
Yeroon umrii dardarummaa dura seenu kaniin hedduu mana hin dhufne, akkasuma manattis yeroon hin deebineen ture, akki kun ammoo ummaa tiyya hedduu dallansiisa…
Sababaan: guyyaa yeroon mana jiru irra hedduu rafeetin galgalaas yeroo ummaan tiyya rafte booda manatti deebi’a ja’a…
#ummaan tiyya haala kanarraa na dadhabnaan waraqaa barreysitee firija gubbatti naaf maxxansuu eegalte..waraqaan bakka nyaanni jiruu fi bakkaan waanin dhugu itti naaf qopheeysitu itti naaf himtee irraa fudhadhuudha…
#guyyaan ni deeme, yeroonis ni dheeratte osuma galgala hunda waraqaa naaf maxxansitee bakkaan haajaa tiyya irraa fudhadhu naaf himtuu…
#halkanirraa halkan tokko tureetin manatti deebi’e yeroon deebi’u akkumaan barettin waraqaa firija gubbatti maxxansaa arke.. waraqaa San dubbisuu hifadheetumaan firraa dhiisee gama hirriba kiyyaa rafutti seene…!!!
#ganama yeroon dammaqu dalayduu mana keenyaa ta boochu ta imimmaan ija isii guutee jiru ta na kaaftuun arke.
Yeroon hirribarraa dammaqu…
Ummaan tee duniyaa irraa deemteeti jirti naan jatte..!!
#hangam takkaan ummaa tiyyaa wajjiin addaan bahun na laaleeyse, na rifachiise.. hangaan isii awwaalutti niin obse.!!
Galgala yeroon manatti deebi”u qalbiin tiyya yaadaan guutamte ijji tiyya haala imimmaanin guutamteeniin dhufee siree tiyyarra ciise..!!
#osumaan ciisutti jiruutin waraqaa ummaa tiyyaa taniin hin dubbisin San yaadadhe rifadhee lafaa ol ka’ee…gama alawaadaa jarjareetin waraqaa firija gubbaa buqqaasee dubbisutti seene…!!!
#yaanni daranaati natti jabaate rakkoon natti cimte, waraqaan yeroo tana bakka nyaanni jiruu fi bakka dhugaatin jirturraa hin haasoytu.. waraqaa kessa akkanaatu barreyfamee jira…
” yaa ilma kiyya arraan tana qacollatti na dhukkuba yeroo mana dhufte na kaasiiti mana haakimaa na geeysi..!!” Jatti…
[و قضى ربُكَ آلآ تعبدوا إلا إياه و بالوالدين إحسانا]….
“Osoo booda hin sheenoyne haadhaa fi abbaa keenyatti tola haa oolluu..!!!!!!
Abbaa Seeyfii Qara Lamaa
Abbaa seefii Afaan lamaa~Aliyyii ibnu Abii xalib ( R.A ) jaalatamaa ummataa Muhammad ( S A W ) sodda rasula Rabbi
ilmaa adeeraa rasula rabbii ( s a w ) araa senaa Aliyyi walin lala turti garii
————————————
Muslimtoonni yeroo karaa Rabbi keessaatti qabsaahu
Ummataa tokkon lola ol aantummaa ummataa San keessatti barbaadufii mitii
Biyyaa ummataa tokko too’annoo ifii jala oolfatee gabromfatuufii mitii kherii ummanni tokko qabu saamuufii mitii na argaafii na dhagahaafi mitii
Yeroo namaan lolan sanis hannaan ykn dagachiisanii hin lolan ifattii labsanii lolan!
Waan Rabbiin guddaan Subaahanahu wata’alaa isaanirraa barbaadufi karaa rabbiin isaanirraa fedhufi jalaatu ( qofaa) kessaattii lolan
————————————
Senaa gabaabdu ajaa’iba tana akka armaan gadiitii ilaala~ Aliyyii ibnu Abii xaalib
Kun fakkiin isaa sodaan inni Rabbi isaatiif qabu nama namni iimaanni qalbii isaa guutee tokkoo mu’ujizaa akka Ambiyotaa dalaguu ni danda’aa jechuu namati agarsiisu tokko iimaanni kun waan hin dalagne hin qabu bar
Guyyaa tokko bakka dirre lolaatti
Muslimtootaafi kaafirtootaanni lolaaf walitti dhufanii osoo tuutni walitti jigee lalli cimaan hin jaqabin duraa namaa jabaa jettanii itti amantan tokko of keessaa filaa waliif as baasaa jedhan kaffaarri gama isaanitti jabaa itti abdatu ni bahee
Duba Bu’insi isaan gamaaf gamanaa walitti fiigan leencaa hidhaa kutee waa qabachuuf fiigu Humni isaan ittin wallolan mormaa walirraa gatuuf jecha jabeenyi isaan ittiin waldura dhaabbatan hijaa wal bahuuf jecha SUBAHAAN ALLAAH
Namuu dhaabbatee isaanuma laala seyfiin tun akka qilleensa hawarraa shawwisu godhati osuma wal haadhani yeruma kana namtichi kaafira kun xiqqo takkaan of boodatii siqe jedhe gufate kufe yeroo inni kufe
Aliyyii kaafirticha adaw’ii rabbiifi rasulaa kana isaa gorra’uuf jecha itti fiige hoggaa Aliyyii dhufee irraa dhaabbatee namtichi kun ” Ak” jedhee Hancufa fuula Aliyyi keessatti ol tufe
Aliyyii duraan secondi takkaa malee isaa kuchisiise jiraa amma yero inni hancufa fuulaarratti tufe dhiisee of booda achii biraa siqe
Kaafirtichii kun lafaa ka’eetti aboo tabaafii mitii ka waliif baanee walajjeessuf deemna narraayyu aante amma maliif na dhiifte?? Mee jedheen Aliyyi ni jedheen dhugaa dha Duran si ajjeessufin ture~ rabbiif jechaa fuula rabbii barbaadufin siin lolaa ture duraan Haa ta’uu ammaa ergaa tuu jette hancufaa fuularratti natufte Rabbiin arteeti namticha kun sirraatti tufuuf jecha isaa ajjeefte male anaaf jechaa mitii jedhee yoo nagaafate malittin beka tanan sodaadhee bar tanaafin si dhisee bar jedheen Aah😭😭😭😭😭
Mee maal yaaddan?
Namtichii kaafiraa Kun Rifateetuma osoo gamaaf gamanaa hin mil’atin Dhugumaan Muhammad kun namaa haqati nabiyyii rabbitti jedhe
( ” Ashahadu Allaa ilaaha illallah waa Ashahadu Anna Muhammadan abduhuu warasuuluh jedhe) Allaahu Akubar
Subahaan Allah nama du’ee kutetu afaan qabriitti ka’ee milkaahe namaa du’etuu ka’ee islamummaan shahaada argate yoo jedhan nama hin shakkisiisuu
Namni dalagaan sahabticha kana tun si dinqisiifte namaf share godhurra maltuu si dangessa?
Namticha kafiraa kun silaa du’e hancufumalleen taatu fulaa isaarrattin tufeen xiqqeessaa jedhee yade
Aliyyi ibnu Abii xaalib ammoo lubbuu isaatiif hijaa bahurraa fedhii lubbuu isaatiif guutuurraa
Soda Rabbi isaatu qaamaa onnee isa guute
Haqa Haadhaa

Namni Saaliha Tahe Tokko Waa’ee Haqa Haadhaa Gaafatamee Yommuu Deebisu Akkana Jechuun Gorsa 30 Kennee Jira;
1. Sagalee tee Sagalee Isii Irra Ol Kaaftee Waliin Hin Haasawin
2. Mormii Hin Barbaachifne isiin Hin Mormin
3. Osoo isiin Dubbattee Hin Xumurin Hin Dubbatin
4. Maqaa Isiitiin Isii Hin yaamin (Ummaa, Harmee) Ja’ii yaami
5. Osoo Isiin Hirriiba Hin Fixatin Isii Hin Dammeysin
6. Sababa Yoo Qabaatte Malee Isii Dursitee Hin Socho’in
7. Akkuma Gabrichi Rabbii Rabbii Isaatiif Of Gadi Qabu Sana Atis Of Gadi Qabiif
8. Osoo Si Yaamtee Hin Fixatin Dafii jalaa Awwaadhu
9. Osoo Isitti Hin Himin Manaa Baatee Alatti Jalaa Hin Turin Sababni Isaas Qalbiin Isii Ni Rifattii
10. Yeroo Isii laaltu Ija tee Itti Hin Bobeessin
11. Haasawa Kee Humna Isiitii Ol Itti Hin Heddummeessin
12. Yommuu Isiin Siin Loltu Ati Immoo Callisi
13. Haasawa Isii Hin Tuffatin
14. Yeroo Dhiphachuu Isii Agartu Deemii Waliin Haasawii Taphachiisi
15. Yeroo Isiin Rakkattu Itti Dhihaadhuu Gargaari
16. Yeroo Isiin Dhukkubsatte Isii Yaalchisi
17. Yoo Isiin Daara Dhabde Daara isii Baasi
18. Dhimmi Isii Hundi Dhimma Kiyya Ja’i
19. Yaadaa Fi Karoora Isii waliin Qooddadhu
20. Firoottan Isii Ofitti Qabi
21. Jaallewwan Isii Jaaladhu
22. Abaarsa Isii Irraa Of Eeggadhu
23. Isii Mufachiisuu Irraa Fagaadhu
24. Yeroo Wal Dhabdan Suuta jedhi Dhimma Irratti Wal Dhabdan Isii Hubachiisi
25. Haasawa Haala Isiin Hubachuu Dandeessuun Isiin Haasa’i
26. Isii Gammachiisii Du’aa’ii Isii Argadhu
27. Eebba Isii Irratti Dorgomaa Ta’i
28. Kaayyoo kan kee hin dhoksiniin
29. Osoo Isiin Hin Teenye Dursitee Hin Taa’in
30. Salaata Hunda Irratti Du’aa’iin Isii Hin Dagatin
• Nama Haqa Haadha Isaa Tiksee Milkaa’u Rabbi Nu Haa Taasisu
#Aamiin
Ergamaa Haqaa
Yeroon Rabii’al Awwal; wagga 7ffaa hijiraa keessa duula Zaati Riqaa jedhamuun beekamuutu ture. Nabiyyii Muhammed “ﷺ” fi Sahaaboonni duula kana irraa deebi’anii osoo karaa adeemanii iddoo wayiitti boqachuu barbaadan. Yeroo kana sahaaboonni muka gaaddisa bareedaa qabu tokko Rasuulaaf “ﷺ” dhiisanii isaanis naannawa sanatti muka biraa barbaaddatanii addaan faffaca’anii iddoo gaaddisa isaaniif qabu cicciisan.
Ergamaan Rabbiitis “ﷺ” Seeyfii isaanii mukicha jala ciisan kana irratti fannifatanii ciisanii akkuma shilimsaniin (hirriibni isaan fudhateen) Namtichi mushrikaa (Namni muslima hin ta’in) Kan Ghowras Ibnul Haaris jedhamu; kan muslimoota kana irra miidhaa geessisuuf isaan faana bu’ee adeemaa ture tokko dhufee, gara iddoo muka Rassuulli “ﷺ” jala ciisanii adeemuudhaan seeyfii isaanii iddoo itti rarraafamte irraa gad buusee; Morma Rassuulaa “ﷺ” irratti qabuudhaan akkana jedheen:-
–
“Eenyuutu sirraa na dhoorka?”
–
Rassuulliniis “ﷺ” (hirriiba isaaniirraa dammaqanii) “Allaah jabaatee ol taheetu (narraa si dhorka)” jedhaniin.
–
Yeroo kana Seeyfiin namticha harkaa lafatti kufte, Rassuulliniis “ﷺ” seeyfii tana fudhatanii (akkuma namtichi godhe sana morma isaa irratti qabuudhaan) “Eenyuutu sirraa na dhoorga?” Jedhanii gaafatan.
–
Namtichi baadiyyaa kuniis “Atummaan irra caalaa nama seeyfii qabatee ta’i (malee namni si narraa dhoorgu hin jiru)” jedhe
–
Rassuulliniis “ﷺ” ‹‹Allaah’n malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre Ragaa ni baataa?›› jedhe
–
Namtichiniis: ‹‹Lakkii kana ragaa hin bahu. Garuu (kana booda) akkaan si hin waraannee fi ummata si waraanu wajjiinis akkaan hin taane waadaan siif gala.›› jedhee gad lakkifame. Sana booda Namtichi mushrikaa kun achii deemee yeroo ummata isaa bira dhaqu ummata isaatiin:-
–
‹‹Dhugumatti Irra caalaa ilma namaa biraayiin gara keessan dhufe.›› jedheen.
–
Sana booda osuma hin turin isaa fii ummanni isaatiis fedhii fi kaka’umsa mataa isaaniitiin gara amantii islaamaatti seenan.
***
Nabiyyii humnaan amantii babal’isu osoo hin taane; Nabiyyii nama isa ajjeesuuf dhufeyyuu akkanatti dhiifamaan gad lakkisu qabna. Alhamdulillaah! Kan amantii islaamummaa babal’isees jaalalaafi namaaf dhiisuu kana malee humnaa miti.
√ Mee Ergamaa Rahmataa Kana Irratti Salawaata Buusaa
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam.
Seenaa Saree Ajaa’ibaa

Ibnu Hajar Alasqalanin Kitaaba Isaani “ADRARUL KAMINA” Jedhamtu Keessatti Seenaa Saree Kanaa Nuuf Gabaasani Jiru Anis Akka Armaan Gadiitti Hiikee Isiniif Gumaachen Jira
DUBBISA GAARII
Biyya #Mangoliya Jedhamtu Keessatti Yeroo Sana Hawaasni Muslimaa Haala Ho’aa Fi Xiiqiin Guutameen Amantii Islaamaa Dhaloota Haarawa Dhaalchisaa Turan Haa Tahu Malee Haati Warraa Mootii Biyya Kanaa Hordoftuu Amantii Biraa Waan Taatef Biyya Kanatti Amantii Ishii Kanatti Nama Affeeruf Sagantaa Guddaa Tokko Biyyichatti Qopheessite Sagantaa Kana Irratti Beektoliin Amantii fi Abbootiin Taayitaa Garaa Garaa Affeeramanii Turan Sagantaan Kunis Nii Jalqabe Dursa Irrattis Beekaa Amantichaa Gara Wal-Tajjiitti Affeeran Namtichi Kunis Gara Wal-Wajjiitti Koruun Haasawa Eegale Akkuma Jalqabeen Ergamaa Nagayaa Nabi Muhammadiin Arrabsuu Eegale Bakka Wal-Tajjiin Kun Itti Geggeeffamaa Jiru Fuuldura Isaa Saree Adamoon Beekamu Takkatu Hidhamee Jira Namtichi Kunis Nabi Muhammadin Arrabsuu Itti Fufe Sareen Kunis Funyoo/Haada Isaa Kutachuun Namticha Kijibaa Kanatti Utaale Namoonni Waltajjii Kana Hordofaa Jiran Gamanumaan Dafanii Saree Kana Irraa Qabanii Hidhan
Hordoftoota Sagantaa Kanaa Keessaa Namtichi Waan Kana Hordofaa Jiru Tokko Aarii Sareen Kanaa Isaaf Gale Akkana Jedhe “Sareen Kun Kan Inni Akkanaan Sitti Utaaleef Sababa Ati Ergamaa Islaamaa Nabi Muhammadin Daangaa Dabartee Arrabsiteefi Dha Kanaaf Arrabsoo Kee Kanarraa Of Qusadhu” Jedhee Yommuu Inni Gorsu Beekaan Amantichaa Kunis Dadhabinni/Hir’inni Akka Itti Hin Dhaga’amneef Jecha Gorsa Namticha Kanaa Akkana Jechuun Kuffisee Darbe “Sareen Kun Sodaa Of Keessaa Hin Qabu (Goota Dha) Kanaaf Yeroo Ani Harka Kiyya Facaasaa Dubbadhu Waan Ani Isa Rukutu Itti Fakkaate Anatti Utaale” Jechuun Uummata Gowwamsuun Haasawa Isaa Itti Fufe
Ammallee Namtichi Kun itti Fufuun Daran Maqaa Rasuulaa Xureessun Seenaa Isaanii Dubbachuun Haasawa Isaa Miidhaksuu Itti Fufe Sareen Kunis Daran Kan Duraa Caalaa Aarun Osoo Namni Hin Beekin Funyoo Isaa Kutachuun Uummata Keessa Suuta Deemee Namticha Kanatti Utaalee Hidda Morma Isaatti Utaalun Hidda Isaa Kutee Lafa Ciibse
#SUBHAANA_ALLAH
√ Eeyyeen Gochi Ajaayibaa Kunis Falmii Tokko Malee Hirmaattota Waltajjichaa 40,000tti Tilmaaman Akka Isaan amantii Islaamaa Fudhataniif Sababa Tahee Jira
°••° Ergamaa Ajaayibaa Kana Irratti Salawaata Buusi S. A. W
1.waan Rabbi sii kanne xinxaalii galata galchi…
2.wanti dabre dabree san yaaduun yeroo tee ifirraa hin fixin..
3.guyyaan kee kanuma kana kessa waan gaarii hojjadhu…
4.waan fulduraa hanga dhufutti waa’ee isaa yaaduu dhiisi…
5.namni si komachuu hin dhiisuu,xiyyeffannaa hin kanniniif..
6.Galata namarraa hin eegin,waan hojjattu Rabbumaaf hojjadhu…
7.namatti tola ooli….
8.boqonnaa kee hojii keyriitin xumuri…
9.if tahii jiraadhu,nama biraa fakkachuun of hin rakkisin….
10.murtii Rabbii jaalalaan qeebali..
11.Rakkoo waliin ballootu jira jechuu beeki..
12.rakkoo sitti dhufte obsaan furmaatatti jijjiiri…..
13.hoggaa rakkatte kan si gargaaru Rabbi qofa tahuu beeki
14.dhimma namaa caalaa dhimmi kee si haa rakkisuu…
15.Waan Rabbiif jattee yoo dhiiste kan bakka siif buusu Rabbi tokkicha tahuu beeki…..
16.jiruun dhugaa jiruu iimaanaati(jiruu Rabbitti amantee ajaja isaa hordofuu)
17.waa itti fayyadamte haaluma gaariin itti fayyadami…ana booda namni itti hin fayyadamin jettee hin ballessin…
18.zikrii Rabbiitin qalbiin tasgabboyti….
19.waan Rabbiin namaaf kannerratti nama hin hassadin…
20.jiruu tana akkuma isiin sitti dhuftetti qeebali..
21.Namoota balaan itti buute laalii obsi…
22.salaata jabeessi,Dhamsa nabiyyii kan dhumaatii..
23.gahaan kiyya Rabbii,inni irkoo kiyya tahuun waa tolee ji’ii itti irkadhu…
24.dachii Rabbi kessa deemi barnoota irraa fudhu..
25.hoggaa rakkoon sitti buute obsa gaarii obsi,kan dirqamaan obsitu osoon tahin fadhiin obsi..
26.rakkoo waa hundaa ofirratti hin deebisin
27.wanti, xiqqoon kararraa si meysin kaayyoo tee qabadhuu socha’i..
28.waan Rabbi si qoode jaaladhu irra caalaa namaa taata…
29.lubbuu tee jannata ballinni isii samii fi dachii san yaadachiisi..keyrii irratti akka kakaatu taasisi…
30.jiruu tee hunda kessattu jiddu-galessaa tahi……
#dr_Aaid_Al_QARNII ..(RABBIIN GALATA ISAA JANNATAAN HAA DEEB’UUF)
RABBIIN NAMA MILKII DUNIYAA FI AAKHIRAA ARGATU NU HAA TAASISU…….

☞Namaa Wajjiin Jiraachuuf Amaloota Torba 7 kanneen kophummaa fi ko’ummaa irraa bilisa nama godhan kana qabaadhu:
1. Naamusa gaarii qabaachuu.
2. Shakkii irraa bilisa ta’uu.
3. Rakkina uumuu irraa of qusachuu.
4. Amala hamilee guddoo qabaachuu.
5. Obsa amala godhachuu.
6. Dandeeytii namootaan walii galuu qabaachuu.
7. Namoota akkuma amala isaaniitti itti michomuudha.
☞ Waa shan waan shaniin tola
1-jirenyi fayyaan tola
2-bareedinni haala gaariin tola
3-hirriibni yaada gaariin tola
4-imaltuun saahiba gaariin tola
5-halkan zikrii Rabbiitiin tola
☞ Waa Shan waa shaniin bekkama
1-Mukni firiin beekkama
2-Jaartiin yeroo jaarsi miskiinawe beekkamti
3-Saahibni yeroo Rakkoo beekkama
4-Mu’uminni yaroo mokkorame beekkama
5-Arjaan yeroo itti haajaman beekkama
☞ Rasuul (S.A.W) “Namni wantoota sadeen kanneen amala isaa
godhate doyna hin ja’amu” je’ee jira:-
1, Zakaa kan kennu.
2, Keessummaa isaa akkaan kan keessummessu.
3, Namoonni yeroo rakkatan gargaarsa kan arjoomuuf.
☞~Waa sadii (3) Rabbiin sirraa haa Fageeysu
1, Miskinumaa (Hiyyumaa)
2, Rakkoo
3, Cinqii (hiraar)
============================
☞2~Waa sadii (3) Rabbiin siif haa tiiysuu
1, Diin kee (Amantii tee)
2, Lubbuu tee
3, Warra kee
==========================
☞3~ Waa sadiin(3) Rabbiin siihaa gammachisu
1, Riziqii balloo
2, Umrii barakhaa qabduu
3, Qanaani bareedduu taan Rabbiif Irrattii galata galchitu
===========================
☞4~Waa sadii (3) Rabbiin sirraa haa deebisuu
1, Ibiddaa jahannam
2, ija haasidaa
3, Nama wallaalaa
☞5~Waan sadii (3) Rabbiin irrattii sihaa gargaruu
1, Zikrii godhuu
2, Qananii isaa irrattii galata galchu
3, Ibaadaa isaa tolchitee bareechuบ