Categories
Uncategorized

Maaliif namoonni sammuun miidhaman 80% ol akka dhiira tahan yaaddee ni beeytaa??

Itoopiyaa dabalatee biyyoota addunyaarra jiran hunda keessatti lakkoofsi dargaggeessa dhiiraa sammuun miidhamanii dachaa dachaan dabalaa jira kun sababaan isaa maali ni beeytanii?

Kana qofaa miti namoonni daandii irra jiraatan 75% ol kan tahan warra dhiiraati kunoo sababaan isaa maali?

Jechoota hawaasa keenyaa kanarraa haa jalqabuu ati yeroo dhiira taate akkana siin jan…
1.Ati dhiiraa if dandahuu qabda
2.Ati dhiiraa akkamitti dadhabe jetta
3.Ati dhiiraa bar
4.Dhiira taatee moo
5.Dhiirummaa guuttee bar
6.Ati dhiira, maatii kee rakkoo kana keessaa baasuu qabda, ati dhiira bar siin jan aniis waaniin siin ja’u hin qabu ati dhiiraa jabaadhu.

Ilmi dhiiraa tokko lakkuma gama dargaggummaa ol guddachaa deemuun waa’een jireenyaa isa yaachisuu eegala yeroo kana wanta dandahu hunda yaaluu eegala wanta yaalu kana namootatti himuu caalaa ifiif waliin rakkachuu filata sababaa kanaaf dhiphinni sammuu fi yaaddoon itti dabalaa deema wanta yaade san yoo milkeessuu dadhabe yaaliin daandii milkaa’inaa irraa tokko ja’ee kan biraa yaaluu eegala yeroo kanatti yoo namni isa gargaaru bira hin jiraanne takkahuu namni daandii sirrii irra isa kaayu yoo bira hin jiraanne ”Stress” keessa seenee rakkoo sammuuf saaxilama.
Kun Kan mudate sababaa hojii dhabuu fi diinagdeetiini rakkoo isaa kana if dagachiisuuf takkaahuu wanti Hin Dandeessu ja’u akka sammuu keessatti itti hin da deebiineef Araada adda addaa namarraa kophatti bahee fayyadamuu eegala kun akka inni jireenya daandii irraa filatu isa godha.

Walumaa galatti dhiibbaa kana kan fide qabxiilee gurguddoo 4.
1.Sababa aadaa fi hasaasummaa
2.Rakkoo maatii
3.Rakkoo sammuu
4.Deeggarsa namootaa dhabuudha.

Akkuma beekkamu hawaasani keenya harki caalu fuula dargaggeessaa irraa rakkoo isaa hubachuu hin dandahan kun ammoo dhukkubbii fi dhibee dargaggummaa keessatti namoonni hedduun akka maraatan waan godhe keessaa hangafa.

Ammallee an akka dargaggeessa tokkotti wanniin siin ja’u yoo jiraate ATI DHIIRAA JABAADHU garuu sammuu tee hanga yaaduu dandeessu ol hin yaachisin.

Warri barruu kana hanga dhumaatti dubbiftan galatoomaa.🤗

Categories
Uncategorized

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Je’an

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Je’an
Haqni Namni Muslimaa tokko obboleeysa isaa kha Muslimaatirraa qabu shani (5)

  1. Hoggaa Namni Muslimaa tokko salaama nurratti qara’e hanga dandeenyeen bareechinee deebisuu
  2. Obboleeysi Muslimaa yoo dhukkubsate dheeynee gaafachuu
  3. Nama Muslimaa ka du’e janaazaa isaa gaggeeysuu
  4. Obboleeysi keenya Kan Muslimaa yoo na afeere (Nu yaammate) yaaminsa san owwaachuu
  5. Namni Muslimaa tokko yoo nu biratti haxxifatee Alhamdulillaah jedhe nutis itti aansinee rabbii rahmata siif haa godhu (Yarhamukumullah) jennee deebisuufi

Rabbiin warra haqa walii eegu nu haa godhu

Categories
Uncategorized

Seenaa dhiiraa fi dhalaafis fakkeenya taatu.

#Ibnul~jowziin kitaaba isaa “adabul majaalis” keeysatti akkana ja’a ; Intala bareedduu jaarsa qabdu takkaatu makka keeysa turte..guyyaa tokko gama daawwiti if laalteeti jaarsa isiitin ; namni fuula kiyya kana arkee hin fattanamne ni jiraa jatteen?!
Ee ;gabricha rabbii beekkamaa #Ubeeydi ibnu Aamiri ja’en.!! Naaf hayyami isaan fattanaa jatteen,siif hayyame ja’en.!!
Akka nama fatwaa gaafatutti itti dhufteeti, masjidul haraamirraa bakka namni hin garreetti wajjiin achi baate.!! Eegana fuula isii ka akka muraa ji’aa fakkaaturra iqaama firraa bante.!! Ubeeydi ;yaa gabrittii rabbii,rabbii kee sodaadhuu if sattari ja’en.!!
An siin mokkarameetin jira ,waan feetu narratti murteeysi jatteen.!! Gaafileen si gaafadha yoo dhugaa naaf himte amrii tee niin laala ja’en.!! Waan feete na gaafadhu dhugaan siif himaa jatteen.! Ubeeydi; osoo malakul mowti ruuhii tee sirraa fuudhuf sitti dhufe haajaa tee an siif guutun si ni gammachiisaa ja’en.? wallaahii lakkii jatteen ..dhugaa dubbatte ja’en. Osoo qabrii keeysa kaayamtee gaafidhaaf malaykaan lamaan si teeysisanii,haajaa tee an siif guutun si ni gammachiisa ja’en ?! Wallaahi lakkii jatteen..dhugaa dubbatte ja’en.! Osoo namni guyyaa qiyaama kitaaba isaani mirgaa fi bitaan fudhachu jirani,ati ammoo harka kamiinin fudhadhaa hin beynee ,haajaa tee siif guutun si ni gammachiisa ja’en? Wallaahi lakkii jatteen..dhugaa dubbatte ja’en.!! Osoo miizaana fidanii si duraa kaayanii, ka miizanni kee ni ulfaata moo ni salphifamaa hin beeyne haajaa tee siif guutee si ni gammachiisa ja’en.?! Wallaahi lakkii jatteen..dhuga dubbatte ja’en.! Osoo rabbi dura si fidani gaafidhaaf,an haajaa tee si guute si ni gammachiisa ja’en? Wallaahi lakkii jatteen..dhugaa dubbatte ja’en.!!
Yaa gabritti rabbi,rabbii kee sodaadhu, rabbiin kee tola sitti oolee sirra qanani’e maalif waan inni hin jaalanne barbaadda ja’en? gama jaarsa isii osoo boochu deebiteeti, anaa fi ati rabbi gabbarutti hin jirru ka’ii rabbi gabbari jatteen.!!
Salaata,soomanaa fi ibaadarratti as garagalte. Jaarsi isii ka akkana ja’u ture; ubeeydi ibnu Aamir waan inni na godhe, jaarti tiyya ta halkanu aruuztittii fakkaattu, raahibaa (moloksetti) na jalaa jijjiree.!!

Categories
Uncategorized

SEENAA SHEKHUL ISLAAM IBNU TEYMIYYAAH (Bara 661-728 Hijiraa)

Abuul Abbaas Ahmad Binu AbdulHaliim binu AbduSalaam Binu Teymiyyaah bara 661 Hijiraa Harraan Magaalaa je’amtu tan Turkiyaa keessatti argamtutti dhalate. Bara 728 Hijiraa Adunyarraa gama Akhiiraa godaane.

Seenaa Sheekul Islaam Ilaalchisee Kitaabni kuma 1 ol barreeyfamee jira. Abbaan Isaa Aalim beekkamaa ture. Abbaan Isaa bara 667 Hijiraa gama Shaam Maatii Isaatiin godaanee itti gale. Ibnu Teymiyyaan Maatii beekkumsaan sadarkaa guddoo qaban keessatti dhalatee guddatte. Abbaan Isaa Damashqitti eega galan beekkumsa Isaatiin beekkamee barsiisaa ture. Akaakoon Isaa AbduSalaam beekaa Hadiisaa fii Tafsiiraati ture. Kitaaba “Mantaqaa Al-Akhbaar” je’amu qaba. Imaamu Showkaaniin “Neylal Owxaar Sharhi Mantaqaa Al-Akhbaar” jechuun Ibsa itti godhee jira.

Ibnu Teymiyyaan Maatii akkanaa tana keessaan argame. Joollummaan Quraana Haffazee, Hadiisa Rasuulaa s.a.w Haffazuu itti fufe. Beekkumsa Islaamaarraa waan takka Osoo hin hambisin Sheekkootii 100 ol irraa baratee jira. Ibnu Teymiyyaan Abbaan Isaa bara 682 hoggaa du’e, Inni bakka Isaa bu’ee barsiisu eegale. Hoggaa Inni bakka Abbaa bu’ee barsiisuu jalqabu Umriin Isaa amata 21 hin dabarre. Umrii Dargaggummaa Osoo hin dabrin joollummaan beekkumsa hedduu haffazee jira. Rabbiin dandeettii sammuu guddoo Isaan kenneen hedduun namaa Isa dinqisiifataa ture.

Ibnu Teymiyyaa Rabbiin beekkumsa, Jeynummaa, Adunyarraa dantaa dhabuu, Obsa, Jabeenya qaamaa fii Aqiidaa qulqulluu badhaaseenii jira. Beekkumsaan, Barsiisuun, Haqa Ibsuun, Barreeysuun, Islaamaaf tumsuun yeroo Isaa sanitti warra jiran hunda dursee maqaa “Sheekhul Islaam” je’u kan sadarkaa argatee jira. Sheekh Islaamaa akka jechuuti, Sheekh Islaama hundaa tahee jira.

Jihaada Inni karaa Rabbii keessatti godheen hoggaa hunda Muslimoota biratti moggaasa kabajaa “Sheekhul Islaam” je’uun yaamam.

Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaan Jihaada qalamaa, Afaanii fii Seyfillee godhee jira. Mootummaan Tattaar Shaam caphsuuf duula hoggaa bantu Muslimoota Jihaadaaf ka’aa jechuun kaasee Shaamii hanga Misraatti akka Muslimoonni qabsoo karaa Rabbii keessatti godhan akka Ulamaa’iitti yaamee ifiif keessaa hin hafne. Inni dirree lolaa dhaqee Adawwii dura dhaabbatee jira.

Jihaanni Isaa guddaan Amantii Islaamaa qulqulluu laaqaa adda addaarraa Xaharsuuf qabsoon godhe kan irraanfatamuu miti.

Firqaa fii Jallinni Inni hin Saaxilin hin jiru, Shii’aa, warra Falsafaa, Jahmiyyaa, Mu’atazilaa, Suufiyyaa, Kiristaanaa fii Yahuudaan irraa hin hafne.

Hunda Quraanaa fii Hadiisaan Saaxilee qullaa dhaabee jira. Keessattuu warra Suufiyyaa Falsafaan balleeyse kan akka Ibnu Arabii hedduu Saaxilee maalummaa Isaanii ibse.

Ibnu Arabiin “Wanni hundi Rabbi, Anis Rabbi, Karkarroon Rabbi, Sareen Rabbi…” jechuun falsafaa “Wahdatul Wujuud” Islaamatti kan makhe hoggaa tahu, Suufiyyaan hedduun Isa jala deemti.

Ibnu Teymiyyaan kitaaba Ibnu Arabii Quraanaa fii Hadiisa dura qabuun Ibnu
Arabiin akka Filoosoofara Kaafira tahe addeeysee jira. Sababaa Ibnu Arabii akka malee Saaxileef Sheekkootii Suufiyyaa takka takka itti hinaafanii Mootummoota zamana san jiruu waliin Isa miidhuuf yaalii adda addaa godhaa turan. Mootummaan Ibnu Teeymiyyaa fii Suufiyoota Ibnu Arabii jala deemu walitti fiddee Ibnu Teymiyyaan ragaa Quraanaa fii Hadiisaatiin Isaan wareersaa ture. Garuu beekkumsaan dadhabnaan humnaan waan itti tarkaanfataniif Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaa hogga hedduu hidhaa akka seenu godhanii jiran.

Inni soda malee Quraanaa fii Hadiisa qofa qabatee waan sanii achii hunda Quraanaa fii Hadiisaan wal dura fiduun wal qunnamu fudhachuu fi wal khallafuu irraa dhaabbachuu aadaa Salafaa Muslimoota keessatti deebisuuf Jihaada guddaa godhee jira.

Kitaaboota hedduu barreeysee jira. Kitaaboonni Isaa dhibba 3 akka caalan
dubbatama. Barattoonni Isaa lakkaawamanii hindhuman. Kan sadarkaa beekkumsaatiin Islaama keessatti beekkaman hedduu warri Isarraa barate.

Ibnu Teymiyyaan Islaama Qulqulluu Rasuulaa fii Sahaabaan irra turan san deebisuuf jecha hedduu carraaqe. Qulqullummaan Islaamaa Quraanaa fii Hadiisatti deebi’uudha jechuun warra Falsafaa adda addaa hundaaf deebii kennee jira. Deebiin Inni warra jallataa zamana Isaa hundaaf kenne arrallee warra falsafaa hirriba dhorguu itti fuftee jirti.

Yahuudaan Namni Jibban guddaan Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaadha.

Shii’aan Ulamaa’ii Islaamaa haalaan jibban keessaa Ibnu Teymiyyaan durarra jira.

Ahbaashiin Adawwiin isii guddaan Ibnu Teymiyyaadha. Firqaa jalloon hundi

Ibnu Teymiyyaan waan Isaan Saaxileef hin jaalatan. Garuu Muslimoonni Sunnaa hundi “Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaah” Sheekh Islaama hundaa jechuun ittiin boonan.

Kitaaboonni Isaa arra mana Kitaabaa hunda keessatti argaman. Aalimni Kitaaba Isaa manaa hin qabne akka waan hin jirreeti. Sunniin fatwa Ibnu Teymiyyaatiin hin gammadiin akka waan hin jirreeti. Rabbiin abbaa fedheef beekkumsaa fii hikmaa kenna. Ibnu Teymiyyaa Rabbiin Jaalala ilma namaallee itti hin qusanne. Adunyaan Sunnii guutuun Isa ni jaalatan. Kitaabni seenaa Isaa dubbatu kuma 1 oliitu barreeyfame.

Barattoonni Isaa qoftii Beekkumsa Isaatiif ragaa ni bahan. Darasoota Isaa keessaa Imaam Ibnul Qayyim Al-Jawzii fii Imaam Az-Zahbii dubbachuun ni gaha.

Kitaaboonni Isaa hedduudha, Sanirraa:

• Aqiidatu Al-Waasixiyyaah (Aqiidaa Ahlus-Sunnaah maal akka taate keessatti Ibsa.) Afaan Oromootiin Jafar Bayaan nama je’amuun hikkamee jira.

• Raf’ul Malaam Anil A’imatil A’alaam (Imaamman Islaamaa kabajaa Isaan qaban Ibsa)

• Majmuu’ul Fataawaa (Jaldii ykn Volume 35)

• Al-Furqaan Beyna Owliyaa’I Rahmaan wa Owliyaa’I Sheeyxaan. (Kitaabni kun wanni irraa dubbatu Awliyaan Rabbii eenyu? Maaliin beekan? Awliyaan Sheeyxaanaa eenyu? Maaliin beekan?)

• Minhaaju Sunnaati An-Nabawiyyaah. Kanaa fii kan biroo Kitaaboonni
Isaa hedduudha.

DU’A SHEEKHUL ISLAAM IBNU TEYMIYYAA

Bara 728 Hijiraa Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaan Damashqitti Ibnu Arabii
Filoosoofara je’amu Kaafira tahuu Isaa Quraanaa fii Hadiisaan waan addeeyseef Suufiyyaan Ibnu Arabii jala deeman akka hidhamu godhanii mana hidhaa seene. Ibnu Teymiyyaan Kitaaba akka hin dubbifnee fii akka kitaaboota hin arganne godhamee ture. Garuu Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaan Kitaaboota qara’e hunda mataa Isaa keessaa waan qabuuf mana Hidhaa keessa taa’ee Kitaaboota hedduu barreeysaa ture. Mana hidhaa keessatti badii malee hidhamee achuma keessatti du’e. Awwaalcha Isaa irratti Hawaasni Damashqii kuma dhibbaa ol tahu bahee awwaale. Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaan Adunyaarraa galus dalagaan Isaa hanga guyyaa qiyaamaa Muslimoota fayyada. Kitaaboonni Isaa arrallee Adawwii Islaamaa hunda bochiisaa, saaxilaa jira. Muslimootaaf qajeelloo fii bakka itti deebi’an tahee itti fufa. Ahbaashiin Sheekhul Islaam Adunyaan Maqaa Sheekha Islaamaa jettuun yaamtu kana Sheekhni Isaanii kan Maqaa “Sheekhul Fitnaa” Sheekha Fitinaa jechuun beekkamu Kaafira jechuun arrabsa. Rabbiin abbaa fedhe beekkumsaan ol qaba.

Ibnu Teymiyyaan Sheekhul Islaam je’amee yaamamuu hanga guyyaa Qiyaamaa itti fufa. Abdullaahi Hararii Sheekhul Fitinaa jechuun yaamamuun Isaa itti fufti. Kunoo akkatti Rabbiin abbaa fedhe qajeelchee abbaa fedhe jallisa.

Categories
Uncategorized

Haala Toluu

Mee yaa obboleessa/ttii tiyya sadarkaa haala toluun namaaf qabdu hadiissan armaan gadii kanarraa hubadhu Irra guddaan namni muslimaa ittiin beekkamu haala toluudhaani.

وعن عبد الله بن عمرو بن العاص رضي الله عنهما، قَالَ: لَمْ يكن رسولُ الله صلى الله عليه وسلم فَاحِشًا وَلا مُتَفَحِّشًا، وكان يَقُولُ: ((إنَّ مِنْ خِيَارِكُمْ أحْسَنَكُمْ أخْلاَقًا)). متفقٌ عَلَيْهِ.
Ergamaa aalama (saw) kunoo akkana jedhan 《irraa caalaan keessaa,irra tolaa haalaati》

وعن أَبي الدرداءِ رضي الله عنه أن النبي صلى الله عليه وسلم قَالَ: ((مَا مِنْ شَيْءٍ أثْقَلُ في مِيزَانِ العبدِ المُؤْمِنِ يَوْمَ القِيَامَةِ مِنْ حُسْنِ الخُلُقِ، وَإنَّ الله يُبْغِضُ الفَاحِشَ البَذِيَّ)).
Ammaas akkana jedhan 《guyyaa qiyaamaadhaa wanti haala toluurra mizaana namaaf ulfeessuu takkalleenu hin jirtu,rabbiin nama faahisha baalageedha jibba》

وعن أَبي هريرة رضي الله عنه قَالَ: سُئِلَ رسولُ الله صلى الله عليه وسلم عَنْ أكثرِ مَا يُدْخِلُ النَّاسَ الْجَنَّةَ؟ قَالَ: ((تَقْوَى اللهِ وَحُسنُ الخُلُقِ))، وَسُئِلَ عَنْ أكْثَرِ مَا يُدْخِلُ النَّاسَ النَّارَ، فَقَالَ: ((الفَمُ وَالفَرْجُ)).
Ammaas gaaf tokko ergamaan keenya (saw) ni gaafatame dalagaa guddoo jannata nama seensifturraa duuba akka jedhaniin《sodaa rabbii qabaachuufii haala toluudha》ammaas irraa guddoo waan ibiidda nama seensistuu irra gaafatamnaan akkana jedhaniin 《afaan(arrabaa ) fii farjii(qaama saalaati) 》
ا
وعنه، قال: قَالَ رسول الله صلى الله عليه وسلم: ((أكْمَلُ المُؤمنينَ إيمَانًا أحسَنُهُمْ خُلُقًا، وَخِيَارُكُمْ خِيَارُكُمْ لِنِسَائِهِمْ)).
Ammallee akkana jedhan《irra guutamaan mu’minaa gama iimaanatitti nama haala tolu, filataam keessan kanuma haadha manaa isaatiif filatamaati(isii biratti jaalatamu)》

وعن عائشة رضي الله عنها، قالت: سَمِعْتُ رسولَ الله صلى الله عليه وسلم يقول: ((إنَّ المُؤْمِنَ لَيُدْرِكُ بحُسْنِ خُلُقِه دَرَجَةَ الصَّائِمِ القَائِمِ)).
Ammallee akkana jedhan《mu’minni haala toluun isaa sadarkaa nama guyyaa soommanuu kan halkaan dhaabbatuu (salaataan) titti qixxeessiti》

Haala toluun
             :irra caalaa namaa sitaasisti
             : miizaana siif ulfeessiti
             :jannata nama geessiti
             :guutamuu iimaana keeti agarsiifti
             :jannataa keessati irra dhihaata ollaa ergamaa rabbii (s.a.w)  si taasifti
             :sadarkaa nama halkan salatu guyyaa soommanutiti siqixxeessiti
●ergamaan keenya gaafa ergama haala gaarii guutuuf ergame,nama hundarra nama haala tolu ture,
■HAALA GAARII QABAACHUUN MALLATTOO ISLAAMUMMAATI
■HAALA GAARII QABAADHU

Categories
Uncategorized

Hiriyyaa Gaarii Filadhu!

AS WR WB IKHWAANII FILLAAH
Hedduu waan barchiisaati dubbisi hin hifatin
○Diin islaamaa keessatti hiriyyaa filachuun bakka guddaa qabdi.
Yoo hiriyyaa gaarii hiriyyaa godhatte milkoofte
Yoo hiriyyaa badaa saahiba gidhattee ammok faallaa karas milkii gortee jirta
Rabbiin(sw) waa’ee nama hiriyyaa badaa saahibee hoongaahee yeroo dubbatu akkana jedha
Al-Furqan 25:28

》》يَٰوَيْلَتَىٰ لَيْتَنِى لَمْ أَتَّخِذْ فُلَانًا خَلِيلًا 《《
《《Yaa badii tiyya osoon abaluu san hiriyyaa godhachuj baadhee》》
Al-Furqan 25:29

《《لَّقَدْ أَضَلَّنِى عَنِ ٱلذِّكْرِ بَعْدَ إِذْ جَآءَنِىۗ وَكَانَ ٱلشَّيْطَٰنُ لِلْإِنسَٰنِ خَذُولًا 》》

《《Dhugumatti na jallisee eega inna natti dhufee booda zikriirraa.  Sheeyxaanniniis namaaf slphisaa taee jira》》Ergamaa aalamaa kkas jedhan.

وعن أَبي سعيد الخدري رضي الله عنه عن النَّبيّ صلى الله عليه وسلم قَالَ: ((لا تُصَاحِبْ إلا مُؤْمِنًا، وَلاَ يَأْكُلْ طَعَامَكَ إلا تَقِيٌّ)). رواه أَبُو داود والترمذي بإسناد لا بأس
《Hin saahbin mu’minalee,hin nyaachisin nyaata kee nama sodaa rabbii qabu malee》
Yaa ikhwaanii maalif osoo muuminni jiruu kaafira saahibna.
Osoo gaariin jiruu ajaa maalif hiriyyaa godhanna
Osoo hiriyyaan masjiida na geessu jiruu maalif kan bakka zinaa,bakka hannaa,bakka hamii nu geessu saahibna.
Itti yaaduu qabna rabbiin hiriyyaa gaarii nuhaa waffaquu.
Ammas ergamaa rahmaa (saw) akkana jedhan.

وعن أَبي هريرة رضي الله عنه أن النَّبيَّ صلى الله عليه وسلم قَالَ: ((الرَّجُلُ عَلَى دِينِ خَلِيلِهِ، فَليَنْظُرْ أَحَدُكُمْ مَنْ يُخَالِلُ)).
《Namni haaluma(diinuma) hirriyyaa isaa irratti jira. Tokkoon keessaan nama hiriyyaa godhata haa ilaallattuu(filatuu)》
☆hiriyyaan gaariin gaarii nama taasisa
☆hiriyyaan hattuun hattuu sitaasisa
☆hiriyyaan masjiida oolu masjiida si oolcha
☆kan bakka zinaa bulu achuma sibulcha
■duuba hiriyyaan gaariin sababa isaatiin rabbiin si milkeessuutu mala
■ammas sababa hiriyyaa badaatiin rabbiin sihoongeessa. Ammaas ergamaan khaaliqaa akkaas jedhan

وعن أَبي موسى الأشعري رضي الله عنه أن النَّبيّ صلى الله عليه وسلم قَالَ: ((المَرْءُ مَعَ مَنْ أَحَبَّ)). مُتَّفَقٌ عَلَيهِ.
《Namni namuma jaalatee wajjin ta’a jedhan》
Kanaafuu yaa ikhwaanii 
Hiriyyaa haa filannuu:
●kan diin isaa jabeessu
●kan haala tolu
●kan masjiida deddebiu
●kan mu’mina tae
●kan ergamaan keenya(saw) nuuf dhaman san haa filannuu
Dubbii hiriyyaa filachuu tun waan akkaan itti yaaduun barbaachisaati.
Rabbiin hiriyyaa gaarii nuhaa waffaqu
              Hiriyyaa wajjiin milkoofnu
              Hiriyyaa diin irra barannu
            Hiriyyaa haala gaari irra barannu
          Hiriyyaa duniyaa qofaa miti aakhirattillee hiriyyas waliif taanu rabbiin akka naafii isiiniif kennuu duaaiidhaan haa walbira dhaabbannuu.

Categories
Uncategorized

Ergamaa Haqaa!

Yeroon Rabii’al Awwal; wagga 7ffaa hijiraa keessa duula Zaati Riqaa jedhamuun beekamuutu ture. Nabiyyii Muhammed “ﷺ” fi Sahaaboonni duula kana irraa deebi’anii osoo karaa adeemanii iddoo wayiitti boqachuu barbaadan. Yeroo kana sahaaboonni muka gaaddisa bareedaa qabu tokko Rasuulaaf “ﷺ” dhiisanii isaanis naannawa sanatti muka biraa barbaaddatanii addaan faffaca’anii iddoo gaaddisa isaaniif qabu cicciisan.
Ergamaan Rabbiitis “ﷺ” Seeyfii isaanii mukicha jala ciisan kana irratti fannifatanii ciisanii akkuma shilimsaniin (hirriibni isaan fudhateen) Namtichi mushrikaa (Namni muslima hin ta’in) Kan Ghowras Ibnul Haaris jedhamu; kan muslimoota kana irra miidhaa geessisuuf isaan faana bu’ee adeemaa ture tokko dhufee, gara iddoo muka Rassuulli “ﷺ” jala ciisanii adeemuudhaan seeyfii isaanii iddoo itti rarraafamte irraa gad buusee; Morma Rassuulaa “ﷺ” irratti qabuudhaan akkana jedheen:-

“Eenyuutu sirraa na dhoorka?”

Rassuulliniis “ﷺ” (hirriiba isaaniirraa dammaqanii) “Allaah jabaatee ol taheetu (narraa si dhorka)” jedhaniin.

Yeroo kana Seeyfiin namticha harkaa lafatti kufte, Rassuulliniis “ﷺ” seeyfii tana fudhatanii (akkuma namtichi godhe sana morma isaa irratti qabuudhaan) “Eenyuutu sirraa na dhoorga?” Jedhanii gaafatan.

Namtichi baadiyyaa kuniis “Atummaan irra caalaa nama seeyfii qabatee ta’i (malee namni si narraa dhoorgu hin jiru)” jedhe

Rassuulliniis “ﷺ” ‹‹Allaah’n malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre Ragaa ni baataa?›› jedhe

Namtichiniis: ‹‹Lakkii kana ragaa hin bahu. Garuu (kana booda) akkaan si hin waraannee fi ummata si waraanu wajjiinis akkaan hin taane waadaan siif gala.›› jedhee gad lakkifame. Sana booda Namtichi mushrikaa kun achii deemee yeroo ummata isaa bira dhaqu ummata isaatiin:-

‹‹Dhugumatti Irra caalaa ilma namaa biraayiin gara keessan dhufe.›› jedheen.

Sana booda osuma hin turin isaa fii ummanni isaatiis fedhii fi kaka’umsa mataa isaaniitiin gara amantii islaamaatti seenan.
***
Nabiyyii humnaan amantii babal’isu osoo hin taane; Nabiyyii nama isa ajjeesuuf dhufeyyuu akkanatti dhiifamaan gad lakkisu qabna. Alhamdulillaah! Kan amantii islaamummaa babal’isees jaalalaafi namaaf dhiisuu kana malee humnaa miti.
√ Mee Ergamaa Rahmataa Kana Irratti Salawaata Buusaa
Sallallaahu Aleeyhi Wassallam

Categories
Uncategorized

Haqaa Haadhaa.

Bara Nabi Muhammad S.A.W Keessa Sahaabaa Beekamaa Tokko ‘tu Ture
Sahaabota Hunda Isaanii Caaluun Heddumminaan Namni Hadiisa Rasuulaa Odeesse Isa Ture

1. Maqaan Inni Ittiin Beekamu Abu Hureyra Dha Abu Hureyra ‘n Yeroo Amantii Islaamaa Qeebalan Ilmaanis Haadha Manaas Hin Qabu Ture Kan Inni Jiraatu Haadha Isaa Waliini Garuu Haati Isaa Kun Hordoftuu Amantii Islaamaa Hin Turre Kanaaf Abu Hureyra ‘n Akka Haati Isaa Kun Amantii Islaamaa Fudhattee Addunyaa Fi Aakhiraatti Milkooftuuf Hundaa Ol Yeroo Mara Du’aa’ii Godhaafii Ture Kana Malees Yeroo Mara Dhugummaa Islaamaa Haadha Isaa Kanaatti Lallabaa Ture Maal Godha Garuu Haati Isaa Kun Amantii Islaamaa Fudhachuuf Eeyyamamtuu Hin Turre
Guyyaa Tokko Abu Hureyra ‘n Cina Haadha Isaati Taa’ee Tokkichummaa ALLAH Fi Ergamummaa Nabi MUHAMMAD (saw) Akka Amantee Islaamummaa Fudhattu Gaafate Haati Isaa Garuu Diddaa Ishii Agarsiisuun Dabalataanis Nabi Muhammad ‘n Arrabsite

Abu Hureyra ‘n Dubbii Haadha Isaatti Dallanuun Boo’aa Gara Mana Nabi Muhammad Deeme Nabi Muhammad S.A.W Abu Hureyra Argee “Maaliif Boossa?” Jedhee Gaafate Abu Hureyra ‘nis “Gara Amantii Islaamaa ‘tti Waamichan Haadha Kiyyaaf Godhe Guyyaa Tokko Illee Addaan Kutee Hin Beeku Garuu Haati Kiyya Yeroo Mara Diddaa Fi Jibbaa Malee Tole Naaf Jettee Hin Beektu

Har’as Akkuman Bardhe Taasifadhe ALLAH ‘n Tokkicha MUHAMMAD Ergamaa Allah ‘ti Jedhii Muslima Ta’i Jedhee Yeroon Waamu Na Harkaa Qeebaluu Didde Daangaa Dabartee Jecha Isiniif Hin Malle Yeroo Isheen Jettu Dallansuun Niin Boo’e Kanaaf Yaa Ergamaa Rabbii Maaloo! Haati Kiyya Muslima Akka Taatu Du’aa’ii Naaf Godhaa” Jedhee Boo’icha Isaa Xumure

Rasuullis Haati Abu Hureyra Akka Muslima Taatu Du’aa’ii Godhaniif Abu Hureyra ‘nis Gara Mana Haadha Isaatti Qajeele Balbala Banatee Yeroo Seenu Haati Isaa “ALLAH Malee Gooftaan Haqaan Gabbaramu Akka Hin Jirree Fi MUHAMMAD (SAW) Ergamaa Fi Garbicha Allah Akka Ta’an” Ragaa Ba’uun Gara Amantii Islaamaa Akka Seenan Ilma Isaanii Abu Hureyra ‘f Yeroo Ibsan Abu Hureyra ‘n Gammachuu Daangaa Darbe Gammaduun Oduu Simbirtuu Kana Jaalallee Isaa Nabi Muhammad ‘f Qooduuf Gara Mana Nabi Muhammad ‘tti Saffisaan Deebi’e “Yaa Ergamaa Rabbii Oduu Dansaa Tokko Qabadheen Dhufe Rabbiin Dhugaatti Kadhaannaa Keessan Isinirraa Qeebalee Jira Haati Abu Hureyra Karaa Islaamummaa Filattee Jirti” Jechuun Immimmaan Gammachuu Isaa Dhangalaase
#MaashaaAllah

👌 Akka Seenaa Kana Irraa Hubannetti Abu Hureyra ‘n Haqa Haadha Isaa Guutuuf Osoo Hin Ifatin Halkaniif Guyyaa Qabsaa’e
Qabsoo Isaa Kanas Rabbi Bilaash Hin Balleessine Haati Kabajamtuun Kun Akka Isheen Addunyaaf Aakhiraatti Hin Kasaarre Bilisa Baasee Jira.

Categories
Uncategorized

Tawbaa

Jireenya keessatti namni dadhabaa waan ta’eef fedhii isaatiin qoramuun daandii qajeelaa irraa daba. Daandii qajeelaa irraa yommuu dabuu rakkoo baay’een isa
muudata. Rakkoolee kanniin keessaa: jireenya keessatti gammachuu fi kabaja dhabuu, sooranni isaa itti dhiphachuu, sodaa fi gaddaan guuttamuudha. Namni daandii haqaa irraa erga jallatee adabbiif of saaxilee booda, karaan adabbii kana jalaa itti bahuu danda’u tawbadha.

Hiikkaa Tawbah fi istighfaaraa

Jechi Tawbah ja’u jecha taaba ja’u irraa kan horsifameedha. Taaba jechuun “deebi’e” jechuudha. Akka shari’aatti “Tawbah jechuun ajaja Rabbiitti buluu diduu fi badii hojjachuu irraa gara Isaaf ajajamuu fi qajeelcha Isaa qabachuutti deebi’uudha.[1]”
Jechi Istighfaar ja’u maxxantuu isti- fi xumura “ghafara” jedhu irraa kan ijaarrameedha. Maxxantuun “ist-“ jettu hiika “barbaadu, gaafachu, kadhachuu” qabdi. Ghafara jechuun “araarame” jechuudha. Kanaafu, ist- fi ghafar yommuu walitti dhufan hiika “araarama barbaadu” qaba. Kanaafu, Istighfaara jechuun araarama barbaadu ykn kadhachuudha.

Araarama jechuun Rabbiin dogongora namaaf dhoksuu, badii namarraa haaqu fi gara fuunduraatti nama adabu dhiisudha.[2]” Nama du’een “Rabbiin isaaf haa araaramu” yommuu jennu, Rabbiin badii isa irraa haa haaqu, adabbii irraa isa haa baraaru jechaa jirra. Rabbiin rahmata isaaf haa godhu yommuu jennu immoo “Rabbiin adabbii irraa isa baraarun Jannata isa haa qubsiisu” jechuu keenya.

Kanaafu, namni Rabbiin irraa araarama barbaadu wantoota sadii barbaadaa jiraa jechuudha. Isaaniis:
Rabbiin badii isaaf dhoysuu, wanta badaa badii san irraa dhalatu isarraa haqun nama qulqulluu isa taasisu fi Aakhiratti adabbii jalaa isa baraarun Jannata seensisuudha.
Gabaabumatti tawbah jechuun badii irraa buqqa’un gara Rabbii ol ta’aaf ajajamuutti deebi’uudha. Istighfaara jechuun araarama kadhachuudha.

Categories
Uncategorized

Halkan tokko sulxaan  suleeymaan al qaanuniin rifateeti hirribarra dammaqe sababaa manaama hamaa arkeef jecha…

Waraana isaa kan akkaan isatti dhihaatu yaameti.. farda nuuf qopheeysi ja”en… akka namni nun beeyne taaneeti magaala keessa yaanaa ja”en…

isaa fi waraanni isaatis haala namni isaan hin beeyneen magaalaa keessa deemutti seenan.. Osoo deemutti jiranii janaazaa takka tan karaa istaanbuul keessatti darbamte teeysurra dhufan.. ta nama isii fuudhu hin qabne.

Sulxaanni : janaazaan tun tan eenyuuti ja”eti ummata gaafate.!! Gurbaa zinaa godhu kan farshoo dhugu ja”aniin ilmaanii fi warraas hin qabu jaartii takka malee nama isa awwalu hin qabu ja”aniin ummanni…
Sulxaanni : inni ummata muhammadi (saw) hin taanee ja”eti lallabe booye..!!!!!!!!!

waraana isaa yaameeti janaazaa tana baadhachutti na gargaaraa ja”eni gara jaartii isaa baadhatanii mana geeysan..
Yeroo ol seensisan jaartiin isaa hedduu booche.!!!

#mootichi ajaa”ibeeti : maalif boocha inni nama farshoo dhuguu fi zinaa dalagu ka tahe. Jiru ja”en. Jaartiin isaa akka mootii tahe isan beeytu…

Jaartiin : eenyutu akkana ja”a jatteen ,jaarsi kiyya nama akkaan rabbi gabbaru fi nama duniyaa irraa dantaa hin qabneedha jatteen.. Jaarsi kiyya farshoo bitee fideeti sagaratti gad naqee.. Alhamdulillaah dardara islaamaatirraa badii laaffise ja”a.
Dhalaa zinaa dalaydu mana fideeti mallaqa kanneefi deemi mana keetitti deebi”i ja”an…
Eegana alhamdulillaah dardara islaamaatirraa badii laaffise ja”a..!!

Kaniin isaan ja”un tahe : namni dalagaa irratti nama laala Yoo duute nama si dhiqe si awwaalu hin arkattuun ja”an.!! Kofleeti.. suleeymaan al qaanuni Fi ulamaa”oota islaama gurguddaatu narratti salaata naan ja”a jatten jaartiin isaa.!!

sulxaanni  booyeeti Wallaahi kunoo suleeymaan al qaanuunin ana ,cufa muslima wali qabeetin isa dhiqee kafanee akka isa awwaalan godha ja”en..!!

sulxaanni waraana isaati fi ulamaa”in hundinuu akka irratti salaattu ajajee.. akkasuma qabrii mootonnii islaama kessatti awwaalamanitti akka awwalamu ajaja dabarse..!!

ajaja mootichaa namuu godhaniiti irratti salaatan.. Seenaa kessatti janaazaa namni hedduun irratti salaatan taate…

Gorsa seenaatirraa:
Nama gubbaa laaltee hin jibbin ykn hin jaalatin.