Categories
Uncategorized

“Beekkumsi waan hedduu Namatti himuu qofaa miti; beekumsi dhugaa taqwaadhaani malee.”

Namni tokko:

• Aayata baay’ee beekhuu danda’a,
• Hadiisa hedduu odeessuu danda’a,
• Kitaabota hedduu dubbisuu danda’a,
• Barnoota amantii keessatti sadarkaa ol’aanaa qabaachuu danda’a.

Garuu beekumsi sun yoo gama Rabbii sodaachuu, ajaja Rabbii hordofuu fi cubbuu irraa fagaachuutti isa hin geessine, beekumsi isaa bu’aa takkan qabu.

Fakkeenyaaf: Nama lama haa laalluu:

Namni jalqabaa

• Kitaabota hedduu dubbise,
• Hadiisa baay’ee beekee,
• Garuu kijiba dubbata, nama miidha, salaata laaffisa.

Namni lammaffaa

Beekumsi isaa xiqqaa ta’uu danda’a,
• Garuu Rabbii sodaata,
• Salaata eegata,
• Dhugaa dubbata,
• Namaaf gaarii hojjata.

namni lammaffaa kun beekkumsa dhugaa irraa bu’aa argatee jira.

Beekkumsa jechuun: “Waan hedduu beekuu qofaa miti; waan beekanitti hojjachuudha malee.

Kanaaf Muslimni:

• Beekumsa haa barbaannuu,
• Garuu beekumsa san gara taqwaa fi hojii gaariitti jijjiiruuf yaalluu.

🌿 Gabaabumatti: Beekumsi dhugaan mataa keessatti kuufamuu qofa miti; qalbii fi hojii keessatti mul’achuu qaba. Mallattoon beekumsa dhugaa taqwaa fi Rabbii sodaachuudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *