Categories
Uncategorized

SEENAA SHEKHUL ISLAAM IBNU TEYMIYYAAH (Bara 661-728 Hijiraa)

Abuul Abbaas Ahmad Binu AbdulHaliim binu AbduSalaam Binu Teymiyyaah bara 661 Hijiraa Harraan Magaalaa je’amtu tan Turkiyaa keessatti argamtutti dhalate. Bara 728 Hijiraa Adunyarraa gama Akhiiraa godaane.

Seenaa Sheekul Islaam Ilaalchisee Kitaabni kuma 1 ol barreeyfamee jira. Abbaan Isaa Aalim beekkamaa ture. Abbaan Isaa bara 667 Hijiraa gama Shaam Maatii Isaatiin godaanee itti gale. Ibnu Teymiyyaan Maatii beekkumsaan sadarkaa guddoo qaban keessatti dhalatee guddatte. Abbaan Isaa Damashqitti eega galan beekkumsa Isaatiin beekkamee barsiisaa ture. Akaakoon Isaa AbduSalaam beekaa Hadiisaa fii Tafsiiraati ture. Kitaaba “Mantaqaa Al-Akhbaar” je’amu qaba. Imaamu Showkaaniin “Neylal Owxaar Sharhi Mantaqaa Al-Akhbaar” jechuun Ibsa itti godhee jira.

Ibnu Teymiyyaan Maatii akkanaa tana keessaan argame. Joollummaan Quraana Haffazee, Hadiisa Rasuulaa s.a.w Haffazuu itti fufe. Beekkumsa Islaamaarraa waan takka Osoo hin hambisin Sheekkootii 100 ol irraa baratee jira. Ibnu Teymiyyaan Abbaan Isaa bara 682 hoggaa du’e, Inni bakka Isaa bu’ee barsiisu eegale. Hoggaa Inni bakka Abbaa bu’ee barsiisuu jalqabu Umriin Isaa amata 21 hin dabarre. Umrii Dargaggummaa Osoo hin dabrin joollummaan beekkumsa hedduu haffazee jira. Rabbiin dandeettii sammuu guddoo Isaan kenneen hedduun namaa Isa dinqisiifataa ture.

Ibnu Teymiyyaa Rabbiin beekkumsa, Jeynummaa, Adunyarraa dantaa dhabuu, Obsa, Jabeenya qaamaa fii Aqiidaa qulqulluu badhaaseenii jira. Beekkumsaan, Barsiisuun, Haqa Ibsuun, Barreeysuun, Islaamaaf tumsuun yeroo Isaa sanitti warra jiran hunda dursee maqaa “Sheekhul Islaam” je’u kan sadarkaa argatee jira. Sheekh Islaamaa akka jechuuti, Sheekh Islaama hundaa tahee jira.

Jihaada Inni karaa Rabbii keessatti godheen hoggaa hunda Muslimoota biratti moggaasa kabajaa “Sheekhul Islaam” je’uun yaamam.

Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaan Jihaada qalamaa, Afaanii fii Seyfillee godhee jira. Mootummaan Tattaar Shaam caphsuuf duula hoggaa bantu Muslimoota Jihaadaaf ka’aa jechuun kaasee Shaamii hanga Misraatti akka Muslimoonni qabsoo karaa Rabbii keessatti godhan akka Ulamaa’iitti yaamee ifiif keessaa hin hafne. Inni dirree lolaa dhaqee Adawwii dura dhaabbatee jira.

Jihaanni Isaa guddaan Amantii Islaamaa qulqulluu laaqaa adda addaarraa Xaharsuuf qabsoon godhe kan irraanfatamuu miti.

Firqaa fii Jallinni Inni hin Saaxilin hin jiru, Shii’aa, warra Falsafaa, Jahmiyyaa, Mu’atazilaa, Suufiyyaa, Kiristaanaa fii Yahuudaan irraa hin hafne.

Hunda Quraanaa fii Hadiisaan Saaxilee qullaa dhaabee jira. Keessattuu warra Suufiyyaa Falsafaan balleeyse kan akka Ibnu Arabii hedduu Saaxilee maalummaa Isaanii ibse.

Ibnu Arabiin “Wanni hundi Rabbi, Anis Rabbi, Karkarroon Rabbi, Sareen Rabbi…” jechuun falsafaa “Wahdatul Wujuud” Islaamatti kan makhe hoggaa tahu, Suufiyyaan hedduun Isa jala deemti.

Ibnu Teymiyyaan kitaaba Ibnu Arabii Quraanaa fii Hadiisa dura qabuun Ibnu
Arabiin akka Filoosoofara Kaafira tahe addeeysee jira. Sababaa Ibnu Arabii akka malee Saaxileef Sheekkootii Suufiyyaa takka takka itti hinaafanii Mootummoota zamana san jiruu waliin Isa miidhuuf yaalii adda addaa godhaa turan. Mootummaan Ibnu Teeymiyyaa fii Suufiyoota Ibnu Arabii jala deemu walitti fiddee Ibnu Teymiyyaan ragaa Quraanaa fii Hadiisaatiin Isaan wareersaa ture. Garuu beekkumsaan dadhabnaan humnaan waan itti tarkaanfataniif Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaa hogga hedduu hidhaa akka seenu godhanii jiran.

Inni soda malee Quraanaa fii Hadiisa qofa qabatee waan sanii achii hunda Quraanaa fii Hadiisaan wal dura fiduun wal qunnamu fudhachuu fi wal khallafuu irraa dhaabbachuu aadaa Salafaa Muslimoota keessatti deebisuuf Jihaada guddaa godhee jira.

Kitaaboota hedduu barreeysee jira. Kitaaboonni Isaa dhibba 3 akka caalan
dubbatama. Barattoonni Isaa lakkaawamanii hindhuman. Kan sadarkaa beekkumsaatiin Islaama keessatti beekkaman hedduu warri Isarraa barate.

Ibnu Teymiyyaan Islaama Qulqulluu Rasuulaa fii Sahaabaan irra turan san deebisuuf jecha hedduu carraaqe. Qulqullummaan Islaamaa Quraanaa fii Hadiisatti deebi’uudha jechuun warra Falsafaa adda addaa hundaaf deebii kennee jira. Deebiin Inni warra jallataa zamana Isaa hundaaf kenne arrallee warra falsafaa hirriba dhorguu itti fuftee jirti.

Yahuudaan Namni Jibban guddaan Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaadha.

Shii’aan Ulamaa’ii Islaamaa haalaan jibban keessaa Ibnu Teymiyyaan durarra jira.

Ahbaashiin Adawwiin isii guddaan Ibnu Teymiyyaadha. Firqaa jalloon hundi

Ibnu Teymiyyaan waan Isaan Saaxileef hin jaalatan. Garuu Muslimoonni Sunnaa hundi “Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaah” Sheekh Islaama hundaa jechuun ittiin boonan.

Kitaaboonni Isaa arra mana Kitaabaa hunda keessatti argaman. Aalimni Kitaaba Isaa manaa hin qabne akka waan hin jirreeti. Sunniin fatwa Ibnu Teymiyyaatiin hin gammadiin akka waan hin jirreeti. Rabbiin abbaa fedheef beekkumsaa fii hikmaa kenna. Ibnu Teymiyyaa Rabbiin Jaalala ilma namaallee itti hin qusanne. Adunyaan Sunnii guutuun Isa ni jaalatan. Kitaabni seenaa Isaa dubbatu kuma 1 oliitu barreeyfame.

Barattoonni Isaa qoftii Beekkumsa Isaatiif ragaa ni bahan. Darasoota Isaa keessaa Imaam Ibnul Qayyim Al-Jawzii fii Imaam Az-Zahbii dubbachuun ni gaha.

Kitaaboonni Isaa hedduudha, Sanirraa:

• Aqiidatu Al-Waasixiyyaah (Aqiidaa Ahlus-Sunnaah maal akka taate keessatti Ibsa.) Afaan Oromootiin Jafar Bayaan nama je’amuun hikkamee jira.

• Raf’ul Malaam Anil A’imatil A’alaam (Imaamman Islaamaa kabajaa Isaan qaban Ibsa)

• Majmuu’ul Fataawaa (Jaldii ykn Volume 35)

• Al-Furqaan Beyna Owliyaa’I Rahmaan wa Owliyaa’I Sheeyxaan. (Kitaabni kun wanni irraa dubbatu Awliyaan Rabbii eenyu? Maaliin beekan? Awliyaan Sheeyxaanaa eenyu? Maaliin beekan?)

• Minhaaju Sunnaati An-Nabawiyyaah. Kanaa fii kan biroo Kitaaboonni
Isaa hedduudha.

DU’A SHEEKHUL ISLAAM IBNU TEYMIYYAA

Bara 728 Hijiraa Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaan Damashqitti Ibnu Arabii
Filoosoofara je’amu Kaafira tahuu Isaa Quraanaa fii Hadiisaan waan addeeyseef Suufiyyaan Ibnu Arabii jala deeman akka hidhamu godhanii mana hidhaa seene. Ibnu Teymiyyaan Kitaaba akka hin dubbifnee fii akka kitaaboota hin arganne godhamee ture. Garuu Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaan Kitaaboota qara’e hunda mataa Isaa keessaa waan qabuuf mana Hidhaa keessa taa’ee Kitaaboota hedduu barreeysaa ture. Mana hidhaa keessatti badii malee hidhamee achuma keessatti du’e. Awwaalcha Isaa irratti Hawaasni Damashqii kuma dhibbaa ol tahu bahee awwaale. Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaan Adunyaarraa galus dalagaan Isaa hanga guyyaa qiyaamaa Muslimoota fayyada. Kitaaboonni Isaa arrallee Adawwii Islaamaa hunda bochiisaa, saaxilaa jira. Muslimootaaf qajeelloo fii bakka itti deebi’an tahee itti fufa. Ahbaashiin Sheekhul Islaam Adunyaan Maqaa Sheekha Islaamaa jettuun yaamtu kana Sheekhni Isaanii kan Maqaa “Sheekhul Fitnaa” Sheekha Fitinaa jechuun beekkamu Kaafira jechuun arrabsa. Rabbiin abbaa fedhe beekkumsaan ol qaba.

Ibnu Teymiyyaan Sheekhul Islaam je’amee yaamamuu hanga guyyaa Qiyaamaa itti fufa. Abdullaahi Hararii Sheekhul Fitinaa jechuun yaamamuun Isaa itti fufti. Kunoo akkatti Rabbiin abbaa fedhe qajeelchee abbaa fedhe jallisa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *