Sababoota gurguddoo Afran armaan gadii kanaaf jecha karaan fayyinaa ykn jannataa islaamummaan alatti gonkumayyuu, yoomiyyuu hin jirus, hin argamus.
.
✅1ffaa: Amantii Ilmi namaa hundi irratti dhalateedha.
.
Ilmi namaa dhalachuun, du’uun, Haxxifachuun, Hamamoochuun, Rafuun, Nyaachuu fi dhuguun, Guddachuun, dulloomuun Seera uumamaa kan inni jaalatuus jibbuus ittiin buluuf dirqamuudha. Kanumaafi Rassuulli Keenya(صلى الله عليه وسلم) Amantiin islaamaa Amantii Uumamaa ta’uu akkana jechuudhaan nuuf ibsu:-
.
Imaam Muslim Kitaaba 040, Lakkoofsa 6853
Abu Hureeyiraa(ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ) irraa akka odeeffametti Ergamaan Rabbii(صلى الله عليه وسلم) akkana jedha:-
.
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «كُلُّ مَوْلُودٍ يُولَدُ عَلَى الفِطْرَةِ، فَأَبَوَاهُ يُهَوِّدَانِهِ، أَوْ يُنَصِّرَانِهِ، أَوْ يُمَجِّسَانِهِ….» رواه البخاري ومسلم وغيرهما.፤
.
«Daa’imni dhalatu kamiyyuu Fixraa (Islaamummaa) irratti malee hin dhalatu. Maatiin isaa garuu; Kiristiyaana Isa taasisu yookiin yahuudaa isa taasisu yookiin Warra Ibidda gabbaru isa taasisu malee…» [Bukhaarii fi Muslim]
…….
Kanumaan Wal qabatee Allaahnis Qur’aana irratti Akkana ja’a:-
.
فَأَقِمْ وَجْهَكَ لِلدِّينِ حَنِيفًا ۚ فِطْرَتَ اللَّهِ الَّتِي فَطَرَ النَّاسَ عَلَيْهَا ۚ لَا تَبْدِيلَ لِخَلْقِ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكَ الدِّينُ الْقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ [٣٠:٣٠]
.
«(Yaa Muhammad!) Karaa haqaatti deebi’uun fuula kee diiniif sirreessi. Uumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumees (qabadhaa). Uumaa Rabbii Jijjiiruun hin jiru. Santu amantii sirriidha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.» (30:30)
.
✅2ffaa: Amantii Rabbiin Ilma namaatiif filatee, jaalateedha.
.
الْيَوْمَ أَكْمَلْتُ لَكُمْ دِينَكُمْ وَأَتْمَمْتُ عَلَيْكُمْ نِعْمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ الْإِسْلَامَ دِينًا
.
«Amantii keessan har’a isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti dhangalaasee. Amantiis islaama isiniif jaaladheera.» (5:3)
—
✅3ffaa: Amantii takkittii Rabbi biratti fudhatama Qabduu dha.
.
إِنَّ الدِّينَ عِندَ اللَّهِ الْإِسْلَامُ
.
«Dhugumatti amantiin Rabbiin biratti (fudhatama qabu) Islaama qofa.» (3:19)
—
✅4ffaa: Amantii namni isii ala amantii biraa barbaade hoonga’uudha.
.
وَمَن يَبْتَغِ غَيْرَ الْإِسْلَامِ دِينًا فَلَن يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِي الْآخِرَةِ مِنَ الْخَاسِرِينَ [٣:٨٥]
.
«Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhirattis inni warra hoonga’an irraayi.» (3:85)
.
Kanaafuu osoo aduun gara seenteen hin deebi’in yookiin immoo osoo lubbuun kokkee si hin ga’in gara islaamummaa koottuu cinqii addunyaatii fii azaaba aakhiraa irraayis bilisa of baasi. Islaamummaan ala fayyinni hin jiru. Dhugaan jirtu Kanuma hadhooytuus liqimsi, yoo siif liqimfamte immoo qoodi (share) godhi.
Categories