Categories
Uncategorized

❝OFII JAL’ATANII RABBI HIN SAKKABAN!❞

Namticha Rifeensa ciru tokkootu namticha maammila isaa kan Rifeensa cirachaa jiruun akkana je’e ❝Akka Rabbiin hin jirre beeytaa garuu ati?❞ je’ee gaafate. Namtichi maammila isaa kuniis baay’ee ajaa’ibee  ❝Akkamitti?❞ je’ee gaafii gaafiin deebiseef. Namtichi rifeensa muru kuniis ❝Hin argituu? Osoo Addunyaan tun Rabbii isii uume qabaattee; Waraanni, Beelli, Rakkoon fii Seer-dhabummaan kun hundi hin uumamu ture. Kanaafuu Rabbiin yeroo tokko nu uumee nu dhiisee deeme ykn irraanfate❞ je’een.

Namtichi Rifeensa murachaa turees nama akkaan hikmaa qabu waan ta’eef akkuma namtichaatti innis faraqaa isaatti ❝Rifeensa murtuu wanti ja’amu tokkolleen akka hin jirre beeytaa garuu?❞ je’ee gaafate. Namtichi Rifeensa muruus hedduu dubbiin waan isa dhibdeef ❝Akkamitti?❞ je’ee maammila isaa kana inniis gaafii gaafiin deebiseef. Namtichi rifeensa murachaa ture kuniis ❝Eyyeen! Rifeensa murtuun(namni rifeensa namarraa ciru) osoo jiraatee Namni Rifeensi isaa irratti guduraayee fi Areedni isaa irratti buuka’e biyya kana keessatti hin mul’atu ture.❞ je’ee deebiseef.

Yeroo kana namtichi Rifeensa ciru kun ❝Lakkii Namoonni akkasii kun gara ‘Rifeensa ciruu’ waan hin dhufneef malee osoo isaan ‘Rifeensa Murtuu’ bira dhufanii Nama rifeensi isaa guduraayee fii Areedni isaa buuka’e tokkollee hin argitu ture❞ je’ee namticha maammila isaa kanaaf deebii laateef. Namtichi maammila isaa kuniis ❝Dhugaa dubbatte! Rakkoon addunyaa teenya tanarra jiruus akkuma kana; Namoonni Rabbii isaan uume irraa waan fagaachaa adeemanii fii gara isaatti waan dhufuu didaniif malee Waan Rabbiin hin jirreef miti.❞ je’ee deebii akkaan nama quubsitu laateefii biraa deeme.

Kanaafuu Obboleessoo ofiif jal’attee Rabbi hin sakkabin. Rakkoo si mudate keessaa ba’uuf jalqaba Gara Rabbii keetti deebi’i. Isa gargaachifachuudhaan wanti hundi ni laaffatti waan ta’eef. Kanuma!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *