Categories
Uncategorized

Kaayyoo Karaa Hin Qabne

Beekumsa walii galaatiif akka isiniif ta’uuf; Namni hin beeyne baraa. Qaayidaan ❝الغاية تبرر الوسيلة❞ yookiin immoo Afaan Ingiliffaatiin  ❝The end justify the means❞ (Namni Afaan Arabaa dubbisuun isa rakkisu yoo jiraate “Al-Ghaayatu Tubarriru Al-wasiilaa” ja’a Arabiffaan) ja’u Warra siyaasaa biratti  ❝The theory of  Consequentialism❞ jedhamuun beekkama. Hiikni isaa immoo haaluma nama hundaaf ifutti yoo hiikne ❝Kaayyoo keetu karaa irra deemtu siif halaaleeysa!❞ jechuudha.

Karaa biraatiin Bakka itti deemtu malee karaa deemtuun hin filatin jechuudha.

Qaayidaan kun kan muslimootaa miti. Kan bu’uura amantii islaamaallee qabu miti. Yeroo jalqabaatiif namticha ‘Niccolo Machiavelli’ ja’amuutu kitaaba isaa ‘The Prince’ ja’amu keessatti lafa kaaye. Namtichi kun Lammii Xaaliyaan yoo ta’u; Namoota siyaasaa (polititians) biratti ❝the father of modern political science.❞ ja’amuun beekkama. Kitaaboonni inni barreesse hedduun; keessattu kitaaba ‘The Prince’ ja’amuun beekkamu dabalatee kitaaboota siyaasa shiraatiin guutamaniidha.

Haa ta’uu malee garuu Qaayidaa kana akka waan amantii islaamaa irraa ragaa itti argataniitti warri/jama’aan bu’uura godhatee socho’u nu keessa ni jira. Jama’aa kana kaayyoon isaanii amantii islaamaa moosisuu osoo hin taane kuffisuudha. Gubbaa isaaniirra waan amantii islaamaatiif tumsan fakkaatu. Kaayyoon isaanii garuu faallaadha.

Kana yoon ja’u miseensoonni jama’aa kanaa hundi kaayyoo dhokataa (secret goal) kana beekanii jiran jechuu miti. Irra baay’een haala jechuun danda’amuun hedduun miseensoota isaanii bareedina gubba gubbaa qofa ilaaluudhaan kan itti seenaniidha.

Jama’an kun maqaa tokkummaa ja’uun Khurafaataa fii Bida’aa gara garaa akka Amantii islaamaa faaluuf cichee halkanii guyyaa hojjeta. Jama’aa kana jama’aa biraa irraa wanti adda isaan taasisu ejjennoo dhaabbataa tokko hin qaban. Yoo suufiyyaa bira dhaqan suufiyyaa ta’u. Yoo tabliigha bira dhaqan tabliigha ta’u. Yoo jama’aa biraa bira dhaqaniis haaluma jara san fakkaatu qabaatu. Walumaa galatti jechi “Gaararraa” ja’u eenyummaa isaanii sirritti ibsa. Gaararraa beeytuu? Gaararraan bineensa xiqqaa kan iddoo mukaa fii baalaa jiraatuudha. Bineensa biraa irraa wanti adda isa taasisu inni bifa dhaabbataa hin qabu. Bifti isaa bifuma iddoo jiraatuu sana fakkaata. Yoo iddoon inni jiraatu adii ta’e bifti isaas adii ta’a. Yoo bifti iddoo inni jiraatuu gurraacha ta’e bifti isaas akkasuma.

Kana hunda akka godhan kan isaan taasisu kaayyoo siyaasaa isaanii kan “Machiavelli” irraa korrajame kan ❝الغاية تبرر الوسيلة❞ ja’uudha.


📚 Gara jecha ijoo keenyaatti yoo deebinu akkumaan olitti tuqe ❝الغاية تبرر الوسيلة❞ jechuun:-

🚷 Zinaa hojjechuun galma kaayyoo keetiiti yoo ta’e zinaa hojjechuun siif halaali jechuudha.

⚔ Hatuu fii kijibuun galma kaayyoo keetti si geessa yoo ta’e hatuu fii kijibuun siif halaali jechuudha.

🗡 Lubbuu namaa ajjeesuun galma kaayyoo keetti si geessa yoo ta’e dhiiga namaa dhangalaasuu fi lubbuu namaa ajjeesuuniis (kan muslimaatillee yoo ta’e) siif halaali jechuudha.

Kun immoo gonkumayyuu Qaayidaa Amantii islaamaa miti. Qaayidaa muslimootaas miti. Ta’aas hin turre. Ful-duraas ta’uu hin danda’u. Amantiin islaamaa Qaayidaa(principle) jal’inaa kan akkanaa kana irraa qulqulluudha. Akka namni waan hin taane fafakkeessee waan akkanaa kanaan isin hin joonjeessine yoo barbaaddan Aqiidaa amantii islaamaa sheekootii fii ulamaa’ii teenya gurguddoo irratti baradhaa. Ija banadhaa. Kuni dimshaashumatti yaadachiisaaf kan dhiyaateedha. Bal’inaan walitti dachaana. Nagayatti..

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *