GORSA LUQMAN HAKIM ILMA ISAA GORSE #SHARE GODHI
1. Sodaa Rabbii Daldala Kee Taasifadhu Bu’aa Guddoo Argattaatii.
2. Hedduu Bakka Du’aa Deemuu Guddisi Aakiraa Si Yaadachiiftii.
3. Bakka Cidhaa Deemuu Hin Guddisin Addunyaa Si Jaalachiiftii.
4. Lukkuu Kormaa Irra Laafaa Hin Ta’in, Innuu Sii Rafuu Halkan Ka’ee
Iyyaatii.
5.Wallaalaa Jaalachuu Hin Hawwin, Wanti Ani Itti Jiru Tun Gaariidha Jedhee Itti Fufaatii.
6. Badii Takka Ergan Balleesse Boodan Towbadha Hin Jedhin
Osoo Ati Hin Towbanne Duuti Tasa Sitti Dhuftiitii.
7. Rabbii Kee Sodaadhu, Garuu Sodaa Isaa Nama Hin Agarsiifatin Akka Namni Si Kabajuuf
Osoo Qalbiin Kee Badduu
Taatee Jirtuu.
8. Hamtuu Irraa Fagaadhu Hamtuunis Sirraa Fagaattiitii.
9. Ulamaa’ii Saa’ibuu Fi Gorsa Haayyootaa Dhaggeeffachuun Sirratti Haa Jiraatuu.
10. Kijiba Irraa Dhorkami Bareedina Fuulaa Sirraa Deemsisatii.
11.Haala Hammaachuu Irraa Fagaadhu Yaadaatu Sitti Heddummataati.
12. Nama Waa Sirraa Hin Hubanne Hubachiisuuf Dadhabuurra Siidaa/Dhagaa Guddaa Sochoosuutu Irra Laafa.
13. Nama Wallaalaa Hin Ergatin, Yoo Nama Ergattu Dhabde Ofumaa Of Ergadhu.
14.Bara Tokkotu Dhufa Kan Namni Waan Beeku Kessaatti Rakkatu. [Waan Hamtuu Baayyee Waan Arguuf]
15. Iddoo Qubsuma Nama Rabbi Zakkaru Bira Taa’uu Filadhu Yoo Beekaa Taate Beekumsatu Siif Ida’amaa Yoo Wallaalaa Taate Beekumsaa Argattaati
16. Nama Rabbi Hin Zakkarre Bira Hin Taa’in
Yoo Beekaa Taate Beekumsi Kee Si Hin Fayyadu [Yoo Isa Barsiiste Malee] Yoo Wallaalaa Taate Wallaalummaa Ida’ataatii
17. Nyaata Kee Nama Rabbi Sodaatu Malee Hin Nyaachisin Ajriitu Si Jalaa Xiqqaataati.
18. Hoggaa Mari’attu Beekaa Waliin Mari’adhu Karaa Irratti Si Qajeelchaati
19. Duniyaan tun Galaana Qileedhaati , Kanaafuu Ati Doonii Kee Sodaa Rabbii Taasifadhu Waan Keessatti Fe’attu Ammoo Iimaana Godhadhu.
20. Waan Ulfaatu Hedduun Baadhadhee Arge Garuu Waan Akka Ollaa Badaa Ulfaatu Hin Agarre.
21 Waan Hadhaahu Hedduun Dhandhamee Arge Garuu Waan Akka Hiyyummaa Hadhaahu Hin Agarre.
22. Waan Barattetti Hanga Daleydutti Kan Biraa Barachuuf Hin Jarjarin
23. Nama Tokko Obboleessa Taasifachuu Yoo Barbaadde Dura Mufachiisii laali, Yoo Irra Siif Darbe Obboleessa Jabaadha Qabadhu Yoo Irra Siin Darbin Irraa Fagaadhu
24. Bakka Irraa Dhufterra Ganda Itti Deemtu Kan Aakhiraa Santu Sitti dhihoodhaa Beeki.
25. Yaa Rabbi Naaf Araarami Jechuu heddummeess, Yeroo Takkatu Jira Kan Rabbiin Du’aa’ii Keessatti Hin Deebifne.
26. Liqii Irraa Fagaadhu Guyyaa Si Xiqqeessitti Halkan Immoo Si Yaaddessiti.
27. Ani Callisuu Kiyyatti Takkaa Gaabbee/Sheenawee Hin Beeku
Dubbachuun Yoo Meeta Taate Callisuun Warqii Dha Beeki…
• Warraa Waan Dubbisetti
Fayyadamu Ittiin Gorfamu Rabbii Nu Haa Taasisu
#Aamiin
Categories