1.) iisaan (a.s)ilma mariyam tasumaa jireenya bara baraa jiraachuun hin kennamneefi
Rabbiin inni isa uume sa’aatii fedhetti isa dhabamsiisuu danda’a dhaabamuu kana irraa isaas ta’ee qaama biraatti gargaarsifatee humni tokkolleen kan isa baraaru hin jiru jechi rabbii akkas jedha
لَّقَدْ كَفَرَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓا۟ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلْمَسِيحُ ٱبْنُ مَرْيَمَ ۚ قُلْ فَمَن يَمْلِكُ مِنَ ٱللَّهِ شَيْـًٔا إِنْ أَرَادَ أَن يُهْلِكَ ٱلْمَسِيحَ ٱبْنَ مَرْيَمَ وَأُمَّهُۥ وَمَن فِى ٱلْأَرْضِ جَمِيعًا ۗ وَلِلَّهِ مُلْكُ ٱلسَّمَـٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا ۚ يَخْلُقُ مَا يَشَآءُ ۚ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ
Warri “Rabbiin isumatu Masiih ilma Maryami” jedhan dhugumatti kafaraniiru. Jedhi: “sila yoo Inni Masiih ilma Maryam, haadha isaatiifi namoota dachii irra jiran hunda balleesuu fedhe eenyutu Rabbi irraa isin tiksa?” Mootummaan samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii jiran hundaatuu kan Rabbiiti. Waan fedhe uuma. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Warri nasaaraa irraa ‘Rabbiin Iisaa ilma Maryam’ jedhan dhugumatti kafaraniiru. Yaa ergamichaa! ‘Eenyumatu yoo Rabbiin Almasiih Iisaa ilma Maryam, haadha isaatiifi namoota dachii keessaa hunda dhabamsiisuu fedhe Isa dhorguu danda’a?’ jedhiin. Yeroo namni tokkollee sana hin danda’u ta’e inni gooftaa tokkicha; uumamni hunduu Iisaafi haadha isaa dabalatee gabricha isaatii akeeka. Mootummaan samii, dachiifi wanta jidduu isaan lamaanii kan Rabbiiti. Waanuma fedhe uuma. Waan inni uumuu fedhee uume keessa tokko Iisaadha; inni gabricha Rabbiitiifi ergamaa Isaati. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha. Waan keeyyattoota darban irraa fudhatamu – Waadaa Rabbiitiin hojjachuu dhiisuun diinummaa, jibbaafi loliisa jidduu namootaatti banuu danda’a. – Nasaaraa warra Rabbiin foon Iisaa uffatee dhufe jedhanu irratti deebiin kennamee kufriifi jallinni isaanii ibsameera. – Iisaan gabbaramaa ta’uu waan dhara taasisu keessaa tokko odoo Rabbiin Almasiihiin, haadha isaafi cufa namoota dachii keessa jiranuu dhabamsiisuu fedhee namni tokkollee dhorguu hin danda’u. – Ammas gooftaa ta’uu dhabuu Iisaa kan akeeku keessaa tokko ‘Rabbiin waan fedhe uuma’ kan jedhuudha. Inni waan fedhe haadhaafi abbaa irraa ni uuma; kan akka Iisaa immoo abbaa malee haadha qofa irraa uuma. Kan akka bofa Muusaa jajjaboo irraa uume. Kan akka Hawwaa’i immoo dhiira irraa uume.
Surah 5, Ayah 17
Akka qabxii kanaatti allaahaan iisaas(A.S) ta’ee haadha isaa akkasuma wantoota dachii irra jiran hunda balleessuu osoo barbaade wanti isa irraa nama baasu akka hin jirre hubachiisa
2.)IISAAN (A.S) NYAATAA TURE
Namoota lafa irra jiraachuun wantoota bu’uura isaan barbaachisu keessaa tokko nyaata soorata malee jiraachuun hin danda’amu kun immoo uumamaan dadhabaa ta’uu isaanii argisiisa ilmi mariyam isaanis (A.S) namoota nyaatan keessaa tokko
Akkamitti kana waan lafarraa baheef biqilee nyaatu waaqayyoo ta’uu danda’a ?
مَّا ٱلْمَسِيحُ ٱبْنُ مَرْيَمَ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِ ٱلرُّسُلُ وَأُمُّهُۥ صِدِّيقَةٌ ۖ كَانَا يَأْكُلَانِ ٱلطَّعَامَ ۗ ٱنظُرْ كَيْفَ نُبَيِّنُ لَهُمُ ٱلْـَٔايَـٰتِ ثُمَّ ٱنظُرْ أَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ
Masiih Ilma Maryam ergamaa isa dura ergamoonni dabran malee homaa miti. Haati isaas akkaan dhugoomsituudha. Lamaanuu nyaata kan nyaatan turan. Akkamitti akka keeyyattoota ifa isaaniif taasifnu ilaali. Ergasiis akkamitti akka isaan (dhugaa irraa) garagalan ilaali.
Almasiih ilma Maryam ergamaa ergamoota keessaa tokko ta’e malee homaa miti. Duuti isaan qunname isas ni qunnama. Haati isaa Maryamaan dhugaa dubbachuufi dhugumeessuu baay’atti. Isaan lamaanuu nyaata nyaatu turan. Akkamumatti odoo nyaatatti haajomanuu gabbaramaa ta’u? Yaa ergamichaa! Akka nuti ragaa tokkummaa Rabbii ibsinuufi dhara isaan daangaa taranii gabbaramummaa waan Rabbiin malee jiruuf kennan dhabamsiisu ibsinu ilaalii xinxali. Isaan kana waliin aayatattii kana mormu. Sana boodas akkamitti akka isaan ragoolee iftuu tokkummaa Rabbii akeektu kanaa waliin haqa irraa deebifamanu ilaalii xinxali.
Surah 5, Ayah 75
3.) ILMI MARIYAM ISAAN (A.S) UUMAMA WAAN TA’EEF DU’A JALAA MILIQUU HIN DANA’U
Nabi’ isaan (A.S) osoo qiyaamaan hin gahin dura dachii kanarratti heeyyama rabbiitiin eega bu’ee ergama isa bakkaan gahee booda ni du’a.isaan (A.S) akka du’u yerooma dhalatee haati isa baattu dubbate
وَٱلسَّلَـٰمُ عَلَىَّ يَوْمَ وُلِدتُّ وَيَوْمَ أَمُوتُ وَيَوْمَ أُبْعَثُ حَيًّا
Guyyaa ani dhaladhe, guyyaa ani du’uufi guyyaa ani kaafamuus nageenyi ana irra jira.”
Shayxaanaafi deeggartoota isaa irraa guyyaa dhaloota kiyyaa, guyyaan duuufi guyyaa fayyaa taee kaafamus nagaa ta`uun naaf jira. Guyaa mukuu kana sadan shayxaanni nah in xuqne jedhe.
Surah 19, Ayah 33
Gabbaramaan dhugaa allahaan tasumaa kan hin duuneedha kan du’a uumeefi Yesuus yoo Waaqayyoo ta’ee akkamitti du’a ofii uumeen qabama .?
وَتَوَكَّلْ عَلَى ٱلْحَىِّ ٱلَّذِى لَا يَمُوتُ وَسَبِّحْ بِحَمْدِهِۦ ۚ وَكَفَىٰ بِهِۦ بِذُنُوبِ عِبَادِهِۦ خَبِيرًا
Jiraataa Isa hin duune irratti hirkadhu. Faarsuu Isaa waliin Isa qulqulleessi. Badii gabroota Isaa iccitii beekuu keessatti Isumatu ga’aadha.
Yaa ergamichaa! Dhimma kee hunda keessatti Rabbii jiraataa hafaa hin duune irratti hirkadhu. Isaa faarsaa qulqulleessi. Dilii gabroota isaa beekuudhaaf inni gahaadha. Isheerraa homaa isa hin dhokatu. Isheerratti isaan mindeessuuf jira.
Surah 25, Ayah 58
4.) GAAFFII FI DEEBII GUYYAA KA’UMSA (QIYAAMA)
Guyyaa qiyaamaa iisaan rabbii isaa funduratti dhihaate gaafatama ati anaafi haadhakoo rabbii gaditti waaqayyoo godhadhaa gabbaraa jettee turte ? Jedhamee gaafatama deebiin isaa bakka ganama tasa ani hin jenneen ta’a
وَإِذْ قَالَ ٱللَّهُ يَـٰعِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ ءَأَنتَ قُلْتَ لِلنَّاسِ ٱتَّخِذُونِى وَأُمِّىَ إِلَـٰهَيْنِ مِن دُونِ ٱللَّهِ ۖ قَالَ سُبْحَـٰنَكَ مَا يَكُونُ لِىٓ أَنْ أَقُولَ مَا لَيْسَ لِى بِحَقٍّ ۚ إِن كُنتُ قُلْتُهُۥ فَقَدْ عَلِمْتَهُۥ ۚ تَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِى وَلَآ أَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِكَ ۚ إِنَّكَ أَنتَ عَلَّـٰمُ ٱلْغُيُوبِ
Yeroo Rabbiin “Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha kiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?” jedhu [yaadadhu]. [Inni] ni jedhe: “Ati qulqulloofte! Ani waan dhugaa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta’u. Yoo ani isa jedheera ta’eef, ati dhugumatti isa barteetta. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku. Dhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti.
Guyyaa Qiyaamaa ogga Rabbiin Iisaadhaan dubbatee ‘yaa Iisaa ilma Maryam! Sila ati namootaan anaafi haadha kiyya Rabbii gaditti gabbaramoo taasifadhaa jetteettaa?’ jedhu yaadadhu. Iisaan Rabbii isaa qulqulleessee ni jedhe: ‘dhugaa malee isaanitti himuun anaaf hin barbaachisu. Odoon jedheera ta’ee ati sana beekteetta; homaa si hin dhokatu waan ta’eef. Waan ani lubbuu kiyya keessatti dhoksu ni beekta. Waan lubbuu kee keessaa hin beeku. Kan waan fagoo akkaan beeku si qofa. ‘
Surah 5, Ayah 116
Gabbaramaan dhugaa allaahin anaaf bulaa ana qofa gabbaraa jedha
وَمَآ أَرْسَلْنَا مِن قَبْلِكَ مِن رَّسُولٍ إِلَّا نُوحِىٓ إِلَيْهِ أَنَّهُۥ لَآ إِلَـٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعْبُدُونِ
(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafuu Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine.
Yaa Ergamichaa! si dura ergamaa tokko hin ergine, dhugaan kan gabbaramu ana malee hin jiru; kanaafuu Anuma qofa gabbaraa; Ana biras waa hin qabinaa jechuun wahyii itti goonu malee.
Surah 21, Ayah 25
5✓ ISAAN [A.S] NABIYYII TA’UU
قَالَ إِنِّى عَبْدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِىَ ٱلْكِتَـٰبَ وَجَعَلَنِى نَبِيًّا
Innis (daa’imichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ani gabricha Rabbiiti. Inni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira.
Iisaan (as): ni jedhe: an gabricha Rabbiiti; Injiiliin naa kenneera; nabiyyoota isaa keessaayis isa tokko na godheera.
Surah 19, Ayah 30
Gabbaramaan keenya allaahaan immoo nabiyyii akka nuti waaqayyoo goonee qabaannutti nun ajajne nabiyyiinis uummataan garboota koo ta’aa taayitaan jedhu hin kennamneef
مَا كَانَ لِبَشَرٍ أَن يُؤْتِيَهُ ٱللَّهُ ٱلْكِتَـٰبَ وَٱلْحُكْمَ وَٱلنُّبُوَّةَ ثُمَّ يَقُولَ لِلنَّاسِ كُونُوا۟ عِبَادًا لِّى مِن دُونِ ٱللَّهِ وَلَـٰكِن كُونُوا۟ رَبَّـٰنِيِّـۧنَ بِمَا كُنتُمْ تُعَلِّمُونَ ٱلْكِتَـٰبَ وَبِمَا كُنتُمْ تَدْرُسُونَ
Ilma namaa tokkoof Rabbiin kitaaba, hukmii (beekumsaafi hubannoo seera amantii)fi nabiyyummaa isaaf kennee, ergasii namootaan “Rabbii gaditti gabroota naaf ta’aa” jechuun (isaaf) hin malu. Garuu (kan inni isaaniin jedhu) waan kitaaba barsiisaa turtaniifi waan qu’ataa turtaniif jecha beektota beekumsa isaaniitiin hojjatan ta’aa jechuudha.
Nama tokkoof Rabbiin kitaaba Isa biraa buufame kennee beekumsaafi hubannoo kennee nabiyyii godhee isa filannaan ergasii namootaan ‘Rabbii gaditti anaaf gabricha ta’aa’ jechuun hin taane. Garuu isaaniin ‘beektota beekumsa isaaniitiin hojjatan, namoota leenjisan, kitaaba namoota irratti buufame barsiisuufi kan hubattanii irraa barataartanuutiin gaaromsaa ta’aa’ isaaniin jedhu.
Surah 3, Ayah 79
وَلَا يَأْمُرَكُمْ أَن تَتَّخِذُوا۟ ٱلْمَلَـٰٓئِكَةَ وَٱلنَّبِيِّـۧنَ أَرْبَابًا ۗ أَيَأْمُرُكُم بِٱلْكُفْرِ بَعْدَ إِذْ أَنتُم مُّسْلِمُونَ
Maleykotaafi nabiyyoota gabbaramaa taasifachuutti isin ajajuun isaaf hin malu. Sila erga isin Muslimoota taatanii booda kufritti isin ajajaa?
Akkasumas maleykotaafi nabiyyoota Rabbii gaditti gabbaramaa godhachuu isin ajajuun isarraa hin barbaachisu. Sila erga isin Rabbitti amantanii isa jala butamtanii kufriitti isin ajajuun isaaf eeyyamamaa?
Surah 3, Ayah 80
6.) waaqayyoo ofii isaati waaqayyo hin qabu
Gabbaramaan dhuga tokkicha qofa isa qofatu gabbaramaa waan ta’eef isa irratti gabbaramaan biraa hin jiru garuu ilmi mariyam iisaan(A.S) ofii isaatii akka allaahiin gabbaramaa keennaaf gabbaramaa isaa ta’e suuraa quraana kabajamaa keessatti irratti dubbachuun isaa allaahin akkas jechuun nuuf hime
لَقَدْ كَفَرَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓا۟ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلْمَسِيحُ ٱبْنُ مَرْيَمَ ۖ وَقَالَ ٱلْمَسِيحُ يَـٰبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبَّكُمْ ۖ إِنَّهُۥ مَن يُشْرِكْ بِٱللَّهِ فَقَدْ حَرَّمَ ٱللَّهُ عَلَيْهِ ٱلْجَنَّةَ وَمَأْوَىٰهُ ٱلنَّارُ ۖ وَمَا لِلظَّـٰلِمِينَ مِنْ أَنصَارٍ
Isaan “Rabbiin Masiih Ilma Maryami” jedhan dhugumatti kafaranii jiru. Masiihis ni jedhe: “Yaa Ilmaan Israa’iil! Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa. Dhugumatti, dubbiin namni Rabbitti waa qindeesse, Rabbiin isa irratti jannata haraama taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Miidhaa raawwattootaafis tumsitoonni hin jiranu.”
Nasaaraan warri Rabbiin Almasiih Iisaa ilma Maryam jedhan dhugumatti kafaraniiru. Waan gabbaramuu wanta Rabbiin malee jirutti hirkisaniif jecha. Almasiih ilma Maryam isaaniin jedhe: ‘yaa Banii Israa’iil Rabbiin tokkicha gabbaraa; inni gooftaa kootiifi gooftaa keessani. Nuti isaaf gabricha ta’uu keessatti wal qixa. Namni waan biraa Rabbitti qindeesse Rabbiin jannata seenuu isarratti haraama godheera. Qubannaan isaa ibidda jahannami. Rabbiin biratti tumsaafi gargaaraan isaaf hin jiru. Adabbii isa eeggatu irraa wanti isa bilisa baasu hin jiru. ‘
Surah 5, Ayah 72
Dabalataaf (.Suuraa Al/Imaraan 3:51.)(.Suuraa maa’idaa 5:117.) .(SUURAAmarayam 19:36.)
(.Suuraa zukruf 43:64.)
7.) ilmi mariyam Iisaan (A.S) gargaarsa barbaadaa ture
iisaan (aleehia salaam) waan hojjatu hunda keessatti gargaarsaafi eegumsa gabbaramaa isaa barbaadaa ture akkasuma malakaa jibriiliin ajajamaa ture raajii kanniin hojjatus dandeettii fi taayitaa mataa isaan osoo hin ta’iin heeyyamaa fi gargaarsa allaahiin hojjechaa ture kun waaqaayoo ta’uu dhabuu isaa argisiisa
إِذْ قَالَ ٱللَّهُ يَـٰعِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ ٱذْكُرْ نِعْمَتِى عَلَيْكَ وَعَلَىٰ وَٰلِدَتِكَ إِذْ أَيَّدتُّكَ بِرُوحِ ٱلْقُدُسِ تُكَلِّمُ ٱلنَّاسَ فِى ٱلْمَهْدِ وَكَهْلًا ۖ وَإِذْ عَلَّمْتُكَ ٱلْكِتَـٰبَ وَٱلْحِكْمَةَ وَٱلتَّوْرَىٰةَ وَٱلْإِنجِيلَ ۖ وَإِذْ تَخْلُقُ مِنَ ٱلطِّينِ كَهَيْـَٔةِ ٱلطَّيْرِ بِإِذْنِى فَتَنفُخُ فِيهَا فَتَكُونُ طَيْرًۢا بِإِذْنِى ۖ وَتُبْرِئُ ٱلْأَكْمَهَ وَٱلْأَبْرَصَ بِإِذْنِى ۖ وَإِذْ تُخْرِجُ ٱلْمَوْتَىٰ بِإِذْنِى ۖ وَإِذْ كَفَفْتُ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ عَنكَ إِذْ جِئْتَهُم بِٱلْبَيِّنَـٰتِ فَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِنْهُمْ إِنْ هَـٰذَآ إِلَّا سِحْرٌ مُّبِينٌ
“Yaa Iisaa ilma Maryam! haala ati daa’imummaafi ga’eessummaan nama dubbiftuun yeroo Ani ruuhii qulqulluudhaan si jabeesse, ni’imaa Ani siifi haadha kee irratti oole yaadadhu” yeroo Rabbiin jedhe (dubbadhu). Ammas (yeroo) Ani kitaaba, ogummaa, Tawraatiifi Injiiliin si barsiisuufi yeroo heyyama kiyyaan dhoqqee irraa waan akka allaattii uumtee afuura keessatti afuuftee heyyama kiyyaan allaattii ta’u; yeroo heyyama kiyyaan jaamaafi shoolii (barasa) fayyiftu, yeroo heyyama kiyyaan du’aa kaaftu, yeroo ati ragaa ifa ba’aan isaanitti dhufnaan isaan irraa warri kafaran “kuni sihrii ifa galaadha” jedhan, yeroo (si ajjeesuu barbaadnaan) banii Israa’iil sirraa deebise” [yaadadhu].
Ogga Rabbiin Iisaadhaan dubbatee ‘yaa Iisaa ilma Maryam! Tola kiyya ani sitti oole oggan abbaadhaan malee si uume, tola ani haadha kee Maryam irratti oggan dubartoota bara ishee irra ishee filadhu itti oole yaadadhu. Akkasumas tola kiyya kan ogga Jibriiliin si jabeessinaan daa’imummaan gara Rabbitti isaan waamtuufi ga’eessummaan namootaan dubbattu, kan ogga ani barreeffama si barsiisuu, Tawraatiin ishee Muusaa irratti buuseefi Injiiliin kan sirratti buuse si barsiise akkasumas iccitii sharii’aafi kaayyoo isaa si barsiisu sirratti oole, ammas tola Rabbiin sirratti oole irraa ati dhoqqee irraa boca fakkii allaattii tolchitee ergasii ishee keessatti afuuftee eeyyama kiyyaan allaattii ta’a; nama jaamummaan dhalate fayyifta; lamxii ni fayyifta; gogaa nagaa godhata; du’aa’ii
kee Rabbiin kadhattuun du’aa fayyiftu hunda yaadadhu; hundi kunuu eeyyama kiyyaani. Ammas tola ani sirratti oole irraa kan biroo ogga Baniin Israa’iil ati ragaa ifaadhaan isaanitti dhufnaan kafaranii wanti Iisaan ittiin dhufe kun sihrii ifaadha jedhanii si ajjeesuu fedhan sirraa deebisuudha.
Surah 5, Ayah 110
Akka waliigalaatti qabxiin qur’aan ni kabajamaa armaan olitti ibsaman shakkii tokko malee iisaan (aleehi salaam) garbichaafi ergama arabbiiti malee waaqayyoo miti ilma waaqayyootii mitii akka hin turree akka hin taaneefi tasumaayyuu ta’uu akka hin dandeenye nuuf ibsa allahiin keenya akkas nuun jedha
فَذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمُ ٱلْحَقُّ ۖ فَمَاذَا بَعْدَ ٱلْحَقِّ إِلَّا ٱلضَّلَـٰلُ ۖ فَأَنَّىٰ تُصْرَفُونَ
Sun Allaah, Gooftaa keessan, kan dhugaati. Dhugaa booda jallina malee maaltu jira? Akkamumatti irraa gara galfamtu?
Egaa yaa namootaa! kan kana hunda hojjatu gooftaa keessan isa haqa tae sanaafi isa isin uume sana. Dubbii keessan isa olii gadii oofu sana. Egaa erga dhugaa baranii booda irraa fagaachuufi badiinsa malee maaltu jira? Sammuun keessan haqa mulataa kana dhiiftee eessa deemti ree?
Surah 10, Ayah 32
Itti fufa 👆👳♀😌