Obsa dhabuu fi dubbii hin taane dubbachuun keenya waan tokkollee jijjiiruu ykn waan barbaadame nuuf argamsiisuu hin danda’u.
Ibnul Qayyim (Rahimahullaah) akkana jedhu:
🔰 Sabrii (Obsa) jechuun:
🔻 Murtee Rabbii irratti akka hin aarre lubbuu ofii qabuu (qusachuu),
🔻 Arraba himannaa dhiheessuu irraa qabuu,
🔻 Qaama hammeenya (cubbuu) hojjachuu irraa qabuu jechuudha.
Marsaan Sabrii (obsaa) bu’uuraalee sadan kana irra naanna’a.
Rakkoo fi karaa Rabbii irratti rakkoo nama mudatu irratti obsuu
Gabrichi Rabbii tokko yeroo Qur’aana qara’u, rakkoon qaama addunyaa kanaa ta’uu isaa fi rakkoo kana irraa fagaachuu akka hin dandeenye sirritti beeka. Rakkoon karaa hadhaa’aa gabroonni Rabbii dhugaa irra deemaniidha. Dhugaa kana jechi Rabbii itti aanu kun akkana jechuun mirkaneessa:
(الم أَحَسِبَ النَّاسُ أَن يُتْرَكُوا أَن يَقُولُوا آمَنَّا وَهُمْ لَا يُفْتَنُونَ وَلَقَدْ فَتَنَّا الَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۖ فَلَيَعْلَمَنَّ اللَّهُ الَّذِينَ صَدَقُوا وَلَيَعْلَمَنَّ الْكَاذِبِينَ)
(Aliif Laam Miim). Namoonni “Amanneerra” jechuu qofaan, isaan osoo hin mokkoramin kan dhiifaman of se’uu? Isaan warra isaaniin dura turan dhugumatti mokkorreerra. Rabbiin warra dhugaa dubbatan ni beeka; kijibdootas ni beeka.
(Al-Ankabuut; 1-3)
Keeyyata Qur’aana biraa keessatti akkana jedha:
( لَتُبْلَوُنَّ فِي أَمْوَالِكُمْ وَأَنفُسِكُمْ وَلَتَسْمَعُنَّ مِنَ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ مِن قَبْلِكُمْ وَمِنَ الَّذِينَ أَشْرَكُوا أَذًى كَثِيرًا ۚ وَإِن تَصْبِرُوا وَتَتَّقُوا فَإِنَّ ذَٰلِكَ مِنْ عَزْمِ الْأُمُورِ )
Qabeenya keessanii fi lubbuu keessan keessatti dhugumatti ni mokkoramtu. Warra isin dura kitaaba kennaman irraa fi warra (Rabbiitti) qixxeessan (Mushrikoota) irraas waan namaudduu baay’ee ni dhageessu. Yoo obsitanii fi Rabbiin sodaattan, dhugumatti kun dhimmoota gurguddoo (kutannoo barbaadan) irraayyi.
(Aali-Imraan; 186)
Akkasumas:
( وَلَنَبْلُوَنَّكُم بِشَيْءٍ مِّنَ الْخَوْفِ وَالْجُوعِ وَنَقْصٍ مِّنَ الْأَمْوَالِ وَالْأَنفُسِ وَالثَّمَرَاتِ ۗ وَبَشِّرِ الصَّابِرِينَالَّذِينَ إِذَا أَصَابَتْهُم مُّصِيبَةٌ قَالُوا إِنَّا لِلَّهِ وَإِنَّا إِلَيْهِ رَاجِعُونَ أُولَٰئِكَ عَلَيْهِمْ صَلَوَاتٌ مِّن رَّبِّهِمْ وَرَحْمَةٌ ۖوَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُهْتَدُونَ )
Sodaa fi beela irraa waan ta’een, qabeenya, lubbuu fi fuduraalee irraas hir’isuun dhugumatti isin mokkorra. Warra obsan (Jannataan) gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe “Nuti kan Rabbiiti; nuti gara Isaattis deebi’oodha” jedhan (gammachiisi). Warri sun immoo faaruun Gooftaa isaanii irraa ta’ee fi rahmanni isaan irra jira. Isaan sun isaanumatu qajeelfamoodha.
(Al-Baqaraa; 155-157)
( وَلَنَبْلُوَنَّكُمْ حَتَّىٰ نَعْلَمَ الْمُجَاهِدِينَ مِنكُمْ وَالصَّابِرِينَ وَنَبْلُوَ أَخْبَارَكُمْ )
Isin irraa warra qabsaa’anii fi warra obsan hanga adda baasnee beeknutti, oduu keessanis hanga ibsinutti dhugumatti isin mokkorra.
(Muhammad; 31)
Yeroo lamaan (bal’inaa fi dhiphina) keessattis nama gabricha Rabbii ta’e, waan jaallatuus ta’ee waan jibbu irratti haala barbaachisuun nama Rabbiif dhaabbate; isaaf jecha dubbiin Rabbii kun darbe:
{ أَلَيسَ اللَّهُ بِكافٍ عَبدَهُ }
{Rabbiin gabricha Isaa ga’aa mitii?}
Eeyyeen! Rabbiin ga’aadha!!
<< Al-Waabil As-Sayyib – Ibnul Qayyim >>
Kanarraa qabxiin nuti fudhannu, Rabbiin gabroota isaa hunda akka mokkoruu fi mokkora sana obsa godhannee yoo dabarre Jannata ishee nuuf qaalii taate akka nu seensisu; kanaa faallaa yoo ta’e immoo adabbii cimaa akka qabuudha. Rabbiin nu haa tiiksu. Rabbiin nama jaallate ni mokkora; nuti immoo mokkora sana obsa godhannee darbuu qabna.
Yaa Rabbii keenya, Waan hunda irratti obsa nuuf kennii.
Amiiiiiiiiiin 🤲 🤲 🤲
Categories