Categories
Uncategorized

Namoota gubbaan amanne ja’uu jira.

ومن الناس من يقول امنا بالله وباليوم الاخر وما هم بمؤمنين
Ilma namaa khanarraa ni jiraa je’e. nama amannee jirra ja’uu jiraa je’e. nama islaamooynee jirra, aboo amantii qabanne, nuti mislima, nuti mu’umina nama afaaniin ja’uu jiraa je’e.
وما هم بمؤمنين
Hin amanne immoo je’e isaan. guyyaa aakhiraattiis amanne ja’an, rabbittiis amanne ja’an, ammoo hin amannee keessa isaanii waan biraatii jiraa ja’a rabbi subhaanahuu wa ta’aalaa. gubbaan akkana ja’an malee.
يخادعون الله والذين امنوا وما يخدعون الا انفسهم وما يشعرون
Rabbi shawwaduu fedhanii je’e jarri san amanne ja’anii. warra rabbitti amanees shawwaduu fedhanii je’e amanne ja’anii. si wajji taa’anii si wajji haasawan, si wajji taa’anii diin si wajji haasawan, si wajji taa’anii diiniif si wajji quuqaman, afaaniin hogguu laaltu. gubbaa hogguu laaltu.
وما هم بمؤمنين
Keessaan ammoo hin amannee je’e rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa.
وما يخدعون الا انفسهم
Lubbuu isaanii malee namni isaan shawwadu jiran tokkon jiruu je’e rabbiin.
وما يشعرون
Ammoo hin beekhan. akka if shawwadu jiran hin beekhan. hariifaaf if taa’an isaan nama kana hunda itti taphachu jirraaf if taa’an, isaan nama kana hunda if jala oofu jirraaf if taa’an, ammoo hin beekhanii je’e akka if shawwadu jiran rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa.
في قلوبهم مرض
Qalbii isaanii keessa dhukkubaa jiraa je’e ummata san. qalbii isaanii keessa dhukkubaa jira.
فزادهم الله مرضا
Dhukkuba munaafiqummaa qalbii isaanii keessa jira. duraanuu rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhukkuba biraa isaaniif ida’ee je’e. suuraa biraa rabbiin gizee buuse suuraa san ittin amanan daranaa dhukkubni itti ida’amaaf. aayata biraa rabbiin gizee buuse san itti kafaran, ittin amanan daranaa dhukkuba ida’afii jachu. khuniis dhukkuba duraan qabanirratti rabbiin qur’aana buuseetuma dhukkuba biraa itti ida’aaf jara san.
ولهم عذاب عليم بما كانوا يكذبون
Ummanni san waan kijibaniif jecha, waan gubbaan amanne ja’anii keessa isaaniitiin waan biraa oofaniif jecha, waan gubbaan fakkeessanii keessa isaaniitiin waan biraatiin deemaniif jecha, qixaaxa jabaatu isaaniif jiraa ja’a rabbiin subhanahu wa ta’aalaa. qixaaxa laaleeysaatu isaaniif jiraa ja’a.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *