Categories
Uncategorized

🚨 TOKKICHUMMAA RABBII (TAWḤIID) LALLABA HANGA JIRUTTI RAGAA WALII GALAA WALIIN!

⭐I. Qur’aana irraa Ragaa ✅

1. Rabbiin Tokkicha – Sura Al-Ikhlaas

Je’i: “Inni Allaah (gabbaramaa dhugaa) tokkicha.[1]
Allaahn hirkoo waa hundaati.
Hin dhalle hin dhalannes.
Hiriyyaan tokkoos isaaf hin taane.”

(Al-Ikhlaas 112:1–4)

2. Rabbiin tokkummaa ofii labse

Inumaa kabajaan Gooftaa keenyaa dhugumatti guddateera; jaartiis ta’ee ilmoo hin qabu.
(Al-Jinn 72:3)

3. Rabbummaan qofti gabbaramuu qabu

(Kan akkana hojjate) kun Rabbii keessani, Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, (Inni) uumaa waan hundaatii, Isa (qofa) gabbaraa, Inni waan hunda tiksaadha.

(Al-An’aam 6:102)

4. Ergamtoonni hunda Tawhiida lallaban

(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine.

(Al-Anbiyaa 21:25)

5. Rabbiin malee waaqni biraa hin jiru

Gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkichaIsa, isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. (Inni) akkaan mararfataa rahmata godhaadha.

(Al-Baqarah 2:163)

II. 💙Hadiisa irraa Ragaa💙

1. Hadiisa Jibriil – Bu’uura Islaamaa

Maqaa: Hadiisu Jibriil
Jecha Nabiyyii ﷺ: Islaam, Iimaan fi Ihsaan ibsu.

Lakkoofsa Hadiisaa:

Sahih Muslim – Hadiisa Lakkoofsa 8 (narration of Umar ibn al-Khattab)

Sahih Bukhari – Hadiisa Lakkoofsa 50

2. Hadiisa Mu’aaz bin Jabal – Tawhiida lallabsi

Nabiyyi ﷺ Mu’aaz gara Yamanitti erguun:

> “Ummata Kitaaba bira deemta… waan jalqabaan isaanitti lallabdu tawhiida Rabbii haa ta’u.”

Lakkoofsa Hadiisaa:

Sahih Bukhari – Hadiisa Lakkoofsa 7372

Sahih Muslim – Hadiisa Lakkoofsa 19

3. Hadiisa ‘La ilaha illallah’ jedhu – Namni haqa irratti du’e Jannata seena

“Namni ‘Laa ilaaha illallah’ jedhee du’e Jannata seena.”

Lakkoofsa Hadiisaa:

Sahih Bukhari – Hadiisa Lakkoofsa 5827

Sahih Muslim – Hadiisa Lakkoofsa 94

4. Hadiisa: Ergamtoonni hundi Tawhiida lallaban

> “Nabiin ani dura jiru hunda tajaajilaa saboota isaatti erga, tawhiida lallabuun ergame.”

Lakkoofsa Hadiisaa:

Sahih Bukhari – Hadiisa Lakkoofsa 1386

Sahih Muslim – Hadiisa Lakkoofsa 121

☑️III. Macaafa Duraa (Kakuu moofaa & haaraa ) irraa Ragaa💙

1. Kakuu Moofaa

Amaantii Museeti:

“”Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti  hin qabaatin!”
  — Bau. 20:3

2. Shama’ Yisra’el

“Yaa Israa’el dhaga’i! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha!”
  — Kes. 6:4

3. Kakuu haaraa irraayyuu — Yesuus ofiiti

“Yesus deebisee, “Inni hundumaa irra caalu, ‘Dhaga’i, yaa Israa’el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.”
  — Mar. 12:29

4. Yesuus akkana jedhe

“Yesus itti dabalee, “Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda’u; abbaa koo irraa akkan dhaga’etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo duukaa bu’uu hin barbaadu, ‘yaada isa ana ergee duukaan bu’a malee.”
  — Yoh. 5:30

5. Yesuus waaqeffannaaf Rabbiin kadhate

“Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.”
  — Yoh. 17:3


QABXII IJAARSI LALLABAA

1️⃣ Rabbiin Tokkicha – Ilmaan hin qabu, hin dhalatu, qixxee hin qabu.
2️⃣ Ergamtoonni hunda (Aadam, Nuuh, Ibraahim, Muusaa, Yesuus, Muhammad ﷺ) Tawhiida lallaban.
3️⃣ Kitaabban hunda (Torah, Zaboor, Injil, Qur’aan) Waaqayyo Tokkicha lallabu.
4️⃣ Nama Rabbi tokko jedhanii du’an Jannata Rabbiin isaaf waadaa gale.

Categories
Uncategorized

ALLAAHIN NI DUBBATAA?

EEYYAN!: Rabbiin Qur’aana isaa keessatti Akkaataa itti dubbatuun ifa godhee lafa nuuf kaahee jira.

Suuraa Ash-Shuuraa (42), keeyyata 51 keessatti ibsameera:

“Namni tokkollee kan Rabbiin isa dubbisu hin taane wahyii (beeksisa) qofaan yookiin dahoo duubaan yookiin Ergamaa (Malaa’ikaa) ergee, hayyama Isaatiin waan fedhe wahyii godhee beeksisuu malee, inni ol ta’aa ogeessa. “

Rabbii karaalee sadihiin ilama namaatti dubbata akkuma keeyyata qur’aanaa asii olii kana irratti agartan.

1,wahyii qoma isaatti darbuun Rabbiin dubbii isaa itti beeksisa.

2,dahoo duubaan: kallattiidhaa osoo of hin mul’isin nama sanitti dubbachuun fknf Akka Nabi Muusaa [As] kallattiin wojjiin dubbachuun.(Suuraa An-Nisaa, 4:164)


3,ergamaa Jibriil erguun akka nabi Muhammad [saw] fi nabiyyoota isa dura darbanii
Kataalee sadan kanaan ilma namaatti dubbata.

Allaahin Bakka argettii fi akka fedhetti isa dubbatuu miti Akka itti dubbatu beeka, bakka itti dubbatu beeka, nama itti dubbatus beeka.

Har’as dubbiin isaa alhamdulillaah qur’aanni biyya lafaa kana irra jira kan haalata hundaa keessatti si dubbisu.

fakkeenyaaf:
Namaa hundaatti dubbachuu (Yaa Ayyuhan Naas – Yaa namootaa!)

Mu’uminootaatti dubbachuu (Yaa Ayyuhallazina Aamanuu – Yaa warra amantan!)

Kaafirootatti dubbachuu (Yaa Ayyuhallazina Kafaruu!)

Ergamaa isaaatti dubbachuu (Yaa Ayyuhar Rasuul – Yaa Ergamaa!)

Nama sadaffaan of dubbachuu (Allah jedhe… ykn Nu jennee…)

Qur’aanni Dubbii Isaa Ta’uu:isaa: “Yoo tokko mushrikootaa si kadhate, Dubbii Rabbii hanga dhagahuutti jireenya isaaf kenni.” (Suuraa At-Tawbaa, 9:6)

Har’a kiristaanonni Waaqayyo natti dubbate jedhanii kan shuubbisan hoo yoo jenne wlh dubbii Kijibaati.

Iyesuus akkana jedhe

“Inni ana erge ofii isaatii anaaf dhugaa ba’eera; 👉🏼isin utuu inni dubbatuu sagalee isaa takkaa hin dhageenye, bifa isaas argitanii hin beektan.”
  — Yoh. 5:37

Dhugaan jirtu tana kan hafes gana!!!

Itti fuufa barumsi…

Categories
Uncategorized

#Hajarul_Aswad /Dhagaa gurraacha

Kiristaanonni yeroo baay’ee waan nuti musilimtoonni ka’abaa waaqessinu sehu.

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin.

47:19″Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan
biraa akka hin jirre beeki.
فاعلم أنه لا إله إلا الله

Beekumsa Keessaa Inni Dursu Rabbii Nu Uume Beekuudha. Rabbii Keenya “Allah Malee Dhugaan Kan Waaqeffatamu Hin Jiru” Ja’anii Beekuudha.

Rabbiin Keenya Allahn Ummata Hunda Keessatti Ergamtoota Isaa “Na Qofa Gabbaraa ; Taabotoota Irraa Immoo Fagaadhaa” Je’ee Ergee Jira.

16:36″ Dhugumatti, Nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas
fagaadhaa” (jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra.
ولقد بعثنا في كل أمة رسولا أن اعبدوا الله واجتنبوا الطاغوت

Erga Kana Akka Seensaatti Hubannee Booda Gama Yaada Faallaa Kiristaanota Bira Jiruutti Haa Deebinuu.
Akkana Je’u “Muslimoonni Dhakaa Gurraacha  (Hajarul Aswad) Waaqeffatu” Ja’anii Yaadu.

Hajarul Aswad Dhakaa Miidhaas Faayidaas Hin Qabneedha. Rabbii Tokkicha Allaah Kan Fayyaduus Miidhuus Danda’u Malee Hajarul Aswad Hin Waaqeffatamu.
Sahih Bukaarii Kitaaba 25, Hadiisa 83
Aabis Ibn Rabii’aa Irraa Akka Odeeffametti Umar (R.A) Gama Hajarul Aswad Dhufee Dhungatee Akkana Je’e “Ni Beeka Ati Dhakaadha ; Hin Fayyaddus Hin Miitus. Nabiyyiin Osoo Kan Si Dhungatan Arguu Baadhee Silaa Si Hin Dhungadhu”.

ﻋَﻦْ ﻋَﺎﺑِﺲِ ﺑْﻦِ ﺭَﺑِﻴﻌَﺔَ، ﻋَﻦْ
ﻋُﻤَﺮَ ـ ﺭﺿﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ ـ ﺃَﻧَّﻪُ ﺟَﺎﺀَ ﺇِﻟَﻰ ﺍﻟْﺤَﺠَﺮِ ﺍﻷَﺳْﻮَﺩِ ﻓَﻘَﺒَّﻠَﻪُ، ﻓَﻘَﺎﻝَ ﺇِﻧِّﻲ ﺃَﻋْﻠَﻢُ ﺃَﻧَّﻚَ ﺣَﺠَﺮٌ ﻻَ ﺗَﻀُﺮُّ ﻭَﻻَ ﺗَﻨْﻔَﻊُ، ﻭَﻟَﻮْﻻَ ﺃَﻧِّﻲ ﺭَﺃَﻳْﺖُ ﺍﻟﻨَّﺒِﻲَّ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ ﻳُﻘَﺒِّﻠُﻚَ ﻣَﺎ ﻗَﺒَّﻠْﺘُﻚَ

Kanaa Ol Maal Barbaadda? Hajarul Aswad Dhakaa Hin Miines Hin Fayyadnes. Garuu Nabi Muhammad ﷺ Wanta Isaan Dhungataniif Ni Dhunganna.

Dhungachuun Qabeenya Rabbiitii Miti. Sababni Isaas Rabbiin Hin Dhungatamu. Dhungachuun Qabeenya Ilma Namaati. Dhungachuun Waaqeffatuu Miti. Dhungachuun Wanta Jaalalti Ittiin Ibsamtuudha.
Fakkeenya Ilmi Abbaa Osoo Dhungatee Waaqeffate Jechuu Miti.
Namni Tokko Osoo Tapha Tokko Injifatee Waancaa Dhungatee Waaqeffate Jechuu Miti.

Hajarul Aswad Osoo Isaaf Kan Sagadamu ; Kadhatamu ; Sodaatamu… Ta’ee Shirkii (Rabbii Gaditti Waaqeffatame) Ja’amuu Ni Danda’a. Garuu Wantoota Kanniin Hundumaa Isaaf Godhuun Dhoorkaadha.

Hajarul Aswad Dhakaa Caccabaadha. Dhagahuu , Dubbachuu , Arguu , Beekuu Kan Hin Dandeenye Yoo Ta’u Bu’uura Mana Rabbiitiif Akka Ta’uuf Jannata Irraa Dhufe.

Sunan Nasa’i Kitaaba 24, Hadiisa 2938
Abdallaah Ibn Abbaas Akka Odeessetti Nabi Muhammad ﷺ Akkana Ja’an ” Hajarul Aswad Jannata Irraayi “.
عن ابن عباس أن النبي ﷺ قال “الحجر اﻷسود من الجنة”

Hajarul Aswad Akka Hin Gabbaramne Erga Ragaadhaan Akkanatti Hubannee Worroonni Hajarul Aswadiin Waaqeffattu (Gabbartu) Nuun Ja’an Ragaan Isaanii Maalii?

Hajarul Aswad Nabi Muhammad ﷺ Ergamuun Dura Naannoo Ka’abaatti Taabotoota 360 Keessa Tokko Kan Ja’aniif Ragaan Isaanii Maali?
Jette Jettee Ganda Keessaa Osoo Hin Ta’in Ragaa Qur’aanaa , Hadiisaa Fi Seenaa Irraa Nuuf Fidaa Mee. Wanta Hin Jirre Kijiba Eessaa Baasu Ree?!

Amantiin Islaamaa Amantii Qulqulluu Rabbiin Tokkichi Allahn Keessatti Gabbaramu(Waaqeffatamu) dha Malee Dhakaa Fi Mukni Kan Keessatti Waaqeffatamuu Miti. Kanaafuu Gama Amantii Dhugaa, Qulqulluu Fi Jaalatamtuu Kan Taate Gama Amantii Islaamaa Koottaa Isiniin Jenna. Rabbiin Amantii Dhugaa Kana Isiniif Haa Hiru. Aamiin!

Obboleeyyan kiyya isinis #share gochuudhan keeyrii tana carraaqqadha jzk🙏

Categories
Uncategorized

Seenaa Dargaggeessa Quba Isaa ibiddaan gubee.

👉 Dargaggeessa tokkotu kan akkaan rabbiin sodaatutu baadiyaa keessa jiraata ture, gaaf tokko namoonni waayee lafaa qo’atan osoo lafarratti qu’annaa gaggeessanii aduun itti dhiinaan gargar bahanii ergasii warroota qu’annaa gaggeessan keessaa shamarri (dubarri) takka osoo deemaa jirtuu mana wahii of fuunduratti argitee achi dheyxee ergasii abbaa manichaatti wanta isii muudate itti himtee na bulchi jetteenii gaafatte namichis waan akkaan rabbi sodaatuf heyyameef ergasii isii siree isaa gadhiiseefii siree isaa irra rafte inni garuu lafa rafe siree isii jalaan akka hin qorrineef ibidda qabsiifatee ibidda cinaa rafee amma jidduuma kana sheeyxaanni waswaasuu eegalee sireerratti itti ol bahii je’een ergasii namichis isii irratti badii dalaguurra je’ee quba isaa tokko ibidda keessa kaahee gubee xiqqo rafe isiinis namichi narratti ol hin bahuu jettee eegaa jirti ergasii namichi yeroo inni quba ofirratti gubu arginaan maal akka tahe galuufii dide namichi ammas xiqqoo erga rafee booda hirriba keessaa dammaqe ammas sheeyxaanni waswaasee sireerratti ol bahi jennaan namichi ammas isiirratti badii dalaguurra je’ee amnas quba isaa tokko ofirratti gube osoo akkanuma godhuu quba isaa hunda ofirratti gube intallis rifattee maal akka inni godhu osomaa laaltuu hirriba osoo hin rafin itti bariinaan gara mana isiitti galte ergasii maatiin isii eessa turtee(bultee)  galte gaafatan isiinis wanta hundaa itti himte abbaan isiitis waan namichi of godhe dhageenyaan isiidhaan mana isaa natti agarsiisi je’eenii itti agarsiistee abbaa isii biraa deebite abbaan isii erga namicha bira gahee nagaa gaafatee ergasii quba isaa huccuun kan mammarame argee qubni kee maal si tahe je’ee gaafate namichis abbaa Intalaa akka tahe hin beeku ergasii akkanatti intalli takka na bira bultee achumaan sheeyxaanni na waswaasnaan quba kiyya ofirratti gube je’eenii itti hime abbaanis dalagaan namichaa akkaan waan dinqisiisteef ani abbaa intala saniiti je’eenii itti hime ergasii intala isaa nikaaha godheefii itti heerumsiise

Subhaanallaah! Wallaahi Wabillaahi rabbiin nama isaa je’ee of qabe yeroo kamiyyuu ni milkeessa.🤲🤲

Nama birootiifis seenaa tana dabarsaafi ittiin wal gorsaa Jazaakumullaahu keyran!

Categories
Uncategorized

🥀Salaataa fi ibaadaan akkamitti akka siif laafuu danda’uuf, gorsa muraasa armaan gadii siif kennuu niin danda’a:

1. Kaayyoo Keessaa Hubadhu:

➨ Maaliif akka salaatu:- Salaanni dirqama Rabbiin nurra kaa’eedha, akkasumas karaa ittiin Rabbiitti dhihaannuudha. Kaayyoo kana yoo hubatte, salaanni sitti hin ulfaatu.
➨ Ibaadaan maal akka ta’e: Ibaadaan wanta Rabbiin jaalatu hunda hojjechuudha. Salaanni ibaadaa keessaa isa guddaadha, garuu zakaa kennuu, soommanuu fi dalagaa gaarii hojjechuunis ni jira.

2. Qophii Godhadhu:

➨ Yeroo sirrii filadhu:- Yeroo hojii dabalataa hin qabnetti salaatuu filadhu.
➨ Bakka mijataa barbaadi: Bakka qulqulluu fi xiyyeeffannoo nama hin harkisne filadhu.
➨ Qulqullina eeggadhu: Salaata dura wudu’a goradhu. Wudu’aan qaama kee qulqulleessuu qofa osoo hin taane, sammuu kee salaataaf qopheessa.

3. Salaata Hin Jarjarsin:

➨ Suuta suutaan salaati:- Jechoota salaataa hubachuuf yaali.
➨ Xiyyeeffannaa kee walitti qabi: Wanta adda addaa yaaduu dhiisii salaata keetirratti xiyyeeffadhu.
➨ Du’aa’ii goradhu: Salaata booda Rabbi karadhu. Wanta barbaaddu hunda Rabbi gaafachuu dandeessa.

4. Ibaadaa Biraa Godhi:

➨ Qur’aana dubbisi:- Guyyaa guyyaan Qur’aana dubbisuu fi hiikkaa isaa hubachuuf yaali.
➨ Zakaa kenni:- Qabeenya kee irraa harka muraasa hiyyeeyyiif kenni.
➨ Soomi:- Ramadaan keessa soomu. Soomuun qaama kee qulqulleessuu qofa osoo hin taane, sammuu kee cimsa.
➨ Dalagaa gaarii hojjedhu: Nama gargaaruu, nama tasgabbeessuu fi nama gammachiisuuf yaali.

5 . Du’aa’ii Godhadhu:

➨ Rabbiin kadhadhu:- Salaata fi ibaadaan akka siif laafutti Rabbiin kadhadhu.
➨ Abdii hin kutatin:- Yeroo tokko tokko salaanni siif ulfaachuu danda’a, garuu abdii hin kutatin. Yeroo hunda Rabbiin kadhadhu.

➨ Akkuma hojii hundaatti, salaata fi ibaadaan barachuu fi itti cichuun barbaachisa. Haa ta’u malee, mindaan isaa guddaa dha. Salaanni fi ibaadaan jireenya kee gammachuu fi nageenyaan guutuu danda’a.

Rabbiin Salaata Isiniif Haa laaffisu🤲

Categories
Uncategorized

Qur’aanaa fi Saayinsiin Ammayyaa Waa’ee Orbiitii Maal jedhu?

Qur’aanaa fi Saayinsiin Ammayyaa waa’ee Orbiitii ilaalchisee maal dubbatan. Yeroo Kana jennu, Qur’aanaa fi Saayinsiin tokko jechuu keenyaa miti. Garuu waan Qur’aanni Waggoota 1400 dura dubbate, kan Saayinsiin ammayyaa itti qaqqabe dubbachuu keenya malee. Yoo Qur’aanaa fi Saayinsiin tokko kan jennu taate dogooggora guddaadha. Wanti Nuti waa’ee kanaa irratti ibsuu barbaanne waan Qorannoon Saayinsii ammayyaa itti qaqqabe kan Qur’aanni waggoota 1400 dura dubbate ifa Gochuu dha. Mee bakka lamatti qoodnee waa’ee Orbiitii (Falaka) jedhu kana haa ilaalluu:

1. Waa’ee Orbiitii (Falak):  Qur’aanni waa’ee sochii aduu, ji’aa fi qaamolee samii biroo yeroo dubbatu, jecha addaa fi hiika gadi fagoo qabu fayyadama. “Falak” Jechi kun afaan Arabiffaatiin waan geengoo ykn daandii maramaa agarsiisa.
Aayatoonni armaan gadii dhimma kana ifa godhu:
A. Aayata “Kullun fii Falakin Yasbahuun”
Aayanni kun Qur’aana keessatti iddoo lamatti irra deddeebi’amee dhufe, kunis barbaachisummaa isaa agarsiisa: Suuraa Al-Anbiyaa’, Aayata 33:
“وَهُوَ الَّذِي خَلَقَ اللَّيْلَ وَالنَّهَارَ وَالشَّمْسَ وَالْقَمَرَ ۖ كُلٌّ فِي فَلَكٍ يَسْبَحُونَ”

Hiika: “Inni (Rabbiin) Isa halkan, guyyaa, aduu fi ji’a uumeedha. Hundinuu daandii (orbiitii) ofii isaanii keessa daaku (socho’u).”
Suuraa Yaasiin, Aayata 40 ttis akkana jedha:
“لَا الشَّمْسُ يَنبَغِي لَهَا أَن تُدْرِكَ الْقَمَرَ وَلَا اللَّيْلُ سَابِقُ النَّهَارِ ۚ وَكُلٌّ فِي فَلَكٍ يَسْبَحُونَ”

“Aduun ji’a qaqqabachuun (bakka isaa bu’uun) isaaf hin malu; halkanis guyyaa hin dursu. Hundinuu daandii (orbiitii) ofii isaanii keessa daaku (socho’u).”

Ibsa Aayata Kanaa: Kullun-Hundinuu): Jechi kun aduu, ji’a, fi akkuma aayata duraa irraa hubannutti, qaamolee halkan uumaman (urjoota) fi lafa (sababni halkan fi guyyaan lafa irratti uumamuuf) of keessatti hammata. Kana jechuun qaamni samii hundi sochii keessa jira jechuudha.

Falak – Orbiitii/Daandii) jechuudha. Akkuma olitti ibsame, kun daandii geengoo, kan maramaa ta’e agarsiisa.
Yasbahuun jechuun Ni daaku jechuudha. Jechi kun Arabiffatti sochii qaama tokkoo kan ofuma isaatiin ofirra naanna’aa deemu agarsiisa. Akkuma nama bishaan keessa daakuu jechuudha. Kunis aduun, jiinii fi lafti yeroo orbiitii isaanii keessa deeman, ofirraas naanna’uu (rotation) isaanii agarsiisa.

Dinqiin isaa, jechi Yasbahuun jedhu gara duubaatti yoo dubbifames “Yasbahuun” ta’a.  Kunis sochii irra deddeebii fi kan hin dhaabbanne agarsiisuu danda’a.

Yaada “Aduun ni Socho’a” Jedhu; Hanga jaarraa dhihoo asitti, saayintistoonni Awurooppaa aduun bakka tokko dhaabbatti (static) jedhanii amanu turan. Garuu Qur’aanni ifatti aduunis akka sochootu ibsa.
Suuraa Yaasiiin, Aayata 38 irratti:
“وَالشَّمْسُ تَجْرِي لِمُسْتَقَرٍّ لَّهَا ۚ ذَٰلِكَ تَقْدِيرُ الْعَزِيزِ الْعَلِيمِ”

“Aduun iddoo murtaa’e) kan isheedhaaf murameef ni fiigdi (socho’a). Kun murtoo (Rabbi) Injifataa, Beekaati.”
Jechi “Tajrii” jedhu ni fiigdi jechuudha. Aduun bakka tokko dhaabbachuu ishee Qur’aanni ni morma.
Walumaagalatti: Qur’aanni ifaan ifatti, Qaamonni samii (aduu, ji’a, urjoota, lafa) hundi ni socho’u. Tokkoon tokkoon isaanii daandii (orbiitii) mataa isaanii qabu.
Sochiin isaanii akka daakuuti, kunis ofirra naanna’uu fi orbiitii keessa deemuu agarsiisa.
Aduun bakka tokko hin dhaabbattu, isheenis orbiitii mataa ishee qabdi.

2. Ilaalcha Saayinsii Ammayyaa: Orbiitii fi Sochii Samii;  Saayinsiin ammayyaa ragaa qabatamaa hedduun wantoota Qur’aanni waggaa 1400 dura ibse kana itti qaqqabeera.
Qaamni Samii Hundi ni Socho’a: Yaada “wantoonni samii hin socho’an” jedhu durii, saayinsiin kuffiseera. Aduun, pilaanetoonni ishee (lafa dabalatee), ji’oonni isaanii, fi urjoonni hundi sochii walxaxaa keessa jiru.

✅️Orbiitiiwwan (Daandiiwwan):
-Jiini  lafa naanna’a.
-Lafii fi pilaanetoonni biroo aduu naanna’u.

-Aduun mataan ishee bakka tokko hin dhaabbattu! Akkuma Qur’aanni jedhe, aduun sirna pilaanetootaa ishee (Solar System) guutuu waliin, wiirtuu gaalaaksii keenyaa (Milky Way Galaxy) naannofti. Saffisa tilmaamaan 220 km/sekondii ta’uun socho’a. Naannoo tokko guutuu gochuuf waggoota miliyoona 230 itti fudhata.
-Gaalaaksiin keenya (Milky Way) mataan isaas ni socho’a. Gara gaalaaksii biroo kan “Andromeda” jedhamuutti saffisa guddaan siqaa jira.
✅️Sochii “Daakuu” (Rotation and Revolution):
-Lafri: Yeroo aduu naannoftu (revolution), ofirras ni naannofti (rotation). Kun halkan fi guyyaa uuma.
-Ji’a: Yeroo lafa naanna’u, ofirras ni naanna’a. Sababa kanaaf, nuti yeroo hunda fuula ji’aa isa tokko qofa agarra.
-Aduun: Ofirras ni naannofti.
✅️Seera Uumaa (Physical Laws): Sochiin kun hundi akka tasaa miti. Seerota fiiziksii kan akka harkisa lafaa (gravity) fi seera sochii Newton hordofee adeema. Qur’aanni kana “Taqdiirul-‘Aziizil-‘Aliim” (Murtoo Injifataa, Beekaati) jechuun ibsa. Kunis sirna (system) uumamaa kan herrega sirrii fi seera cimaan hoogganamu ta’uu isaa agarsiisa.

Akkuma waa’ee boca lafaa irratti argine, dhimma orbiitii irrattis ilaalchi Qur’aanaa fi saayinsii ammayyaa guutummaatti wal-simu. Qur’aanni yeroo saayinsiin hawaa hin jirreetti ragaa sirrii fi ifa ta’e kenne. Fkn, aduun bakka tokko akka hin dhaabbanne ibsuun isaa, dinqii Qur’aanaa kan biraati. Kunis ammas ragaa Qur’aanni jecha uumaa addunyaa kanaa ta’uu isaa mirkaneessudha.

Categories
Uncategorized

Haraam irraa ija gaqqabachuu

Kutaa 4ffaa

• Ija gaqqabataa namni kharaarra taa’u arra. ija gaqqabataa arra namni kharaarra taa’u. tokkoffaa wannummaan khararra taa’uufuu maali! arra namni waan adda addaa laaluufi. dubartii achii baatee achi seentu laaluufi gaafiin hin jirtu tana kheessa. nama magaalaa kheessa deemu gosa hedduu jira aboo laalikhaa tanafaa, aboo tunfaan hin bareedduu masha allah awoo dubbii ajaa’ibaati ja’a, aboo warra eessaati sa mucaan tun dhihuma tanaan arkee haariyaa seenee ja’aa bar, laaluufi wanni namni khararra taa’uuf. makhiinaa namaa ta gaddeemtu, ta ol deemtu makhiinaa tana hoo eenyuu bite sa aboo tun faan ta ajaa’ibaati immoo abaluu bitee awoo dura deemee bar waan akkana akkanaa laaluufi namni tun hundi laaggaa fitinaa siffiddu qabdii beekhi tun hundi fitinaa siffiddu qabdi qabeenya khee kha qabdutti akka hin gammanne si gooti qana’aa akka hin qabaanne si gooti miskiinummaa qalbii siffiddi ta namaa tana laaltee atii ifii teetiif jireenyi kheetuu fatanaa kheessa jira namuu fatanaa kheessa jiraa beekhi kha makhiinaan deemu sanilleen fatanaa kheessa jira fatanaan namaa wal haa dhabduu malee.

• ( لقد خلقنا الانسان في كبد )
Ilma namaa fatanaa kheessa uumnee ja’a rabbiin s.w gaafa dura garaa haadhaatii baaturraa eegalee namni fatanaa kheessa jira achumaa booyaa gabbaha booyichaan eegala jiruma tanaahuu gaafa achii khe’e daaddee baxxaq baxxaq ja’a achi kufa achii ka’a achi kufa qabsoodha jiruun khalaas achii hogguu khe’ee tapha eegale maaltu dhufa haati maaf waan akkanaa hin godhin jattee garafti achii barnoota seena hojii manaatii jira cinqii jira hojii manaa tana ni dabara fatanaa jira ministirii jinnii achii as guuri gaafa achii eeybifamee behees hojii barbaada haariyatti si fiizaa qabatee bakka cufa deema fatanaadha tuniis achi seena managerri isaa maaf sa’aa lamatti hin seenin aboo ati maaf sa’aa dabarsita miindaan kee murame tana osoo firraa eeguu jiraata namni jireenyi duniyaa qabsoodhaa jachu ammoo ija tee gadhiistee laaluun akka ati jireenya khee khana tuffattu akka ati jireenya Rabbiin sii qoode jaalachuu dhabdee rabbii wajjin wal loltu si gooti aboo abaluus nagiya jiraa abaluus nagiya jiraa aboo anuma qofaa ta biraa kheessa jira maali musiibaan na buute maali balaan na buute jireenya khee khana ni jibbita ammoo yo qalbiin as deebitee laalte waan namni san hin qabne ta ati qabdu dila takkaa jira qananii Rabbiin nama tanii kannin ta siif kanne dila takkaa jira abbaan qabeenyaa qabeenya qabaachuu mala garuu nyaata barbaade nyaachuu hin dandahu nyaata barbaade nyaachuu hin dandahu.

• ( ولا تمدن عينيك الى ما متعنا به )
Waan isaan itti qananiisne tana hin laalinii je’e rabbi s.w jaartii babbareedduu khannineefii qabeenya babbareedaa khannineefii jara kaafiraa khana waan isaani ballisne tana hin laalinii je’e duniyuma tanarratti akka itti qanani’aniif khannineef malee qananii biraa kheessa hin jiranii je’e rabbiin s.w akkuma aayata biraa keessatti himetti rabbiin s w
( ومن اعرض عن ذكري فان له معيشه ضنكا ونحشره يوم القيامه اعمى قال ربي لما اشرتني اعمى وقد كنت بصيرا قال كذلك اتتك اياتنا فنسيتها وكذلك اليوم تنسى )
Duniyaa tanarratti namni rabbi kafare namni haqa rabbii wallaale nama Islaamaa tahuus dilii kheessa khute kha dilii gurguddoo hunda dalage takkaa shirkii cufa kha dalage namni san duniyaarrattuu jireenya cinqii isa jiraachisnaa je’e rabbi s.w osoo qabeenya qabuu moo ee osoo qabeenya qabuu osoo beekkamtii qabuu moo ee osoo beekkamtii qabuu urjii addunyaa tanaa ta amma ja’an tana haa tahu yoo fadhe urjii duniyaa silaa sahaaboota rasuulaati s.a.w warra diin khana duniyaa tana waliin gehee khute garuu dalagaa sheeyxaanaatirraa sheyxaanni urjii nama biraa nu fakkeessee nu dura khaaye warra sheeyxaanaaf bitamu.

• Namni arra ijaan rahaa barbaada ija isaa gadhiisee rahaan san qalbii dhaqqabuu hin dandeessu namni arra gurraan wallee adda addaa dhaggeeffachuu fi asoosama jaalalaa dhaggeeffachuu fi waan akkanaatiin gammachuu barbaada wanni san ammoo qomasaarra hin geessu gammachuu irraa hin agaru maalif jannaan bakki gammachuu arkataniin qalbiidha gaa bakki gammachuu arkataniin qalbiidha malee ijaa miti qalbiidha malee gurraa miti haraam dalaga namni khe’ee farshoo dhuga zinaa dalaga waan adda addaa dalaga gammachuu hin agaru maalif qalbiidha bakki gammachuu barbaadaniin obboleeyyan bakka sanii dhabe namni arraan tana irra guddaan warri beekkamaa addunyaa kun maal tehe farshoo adda addaa dhugaa maal figgadhiisa rahaa barbaada fooriyyaa namni addunyaarraa fooriyyuuf san hogguu laallu gammachuun sanii achii hin hafneef nu fakkaattiimii wallaahi cinqi jira namni san khe’ee maal godha hoggaa gale diraga adda addaa khana figgadhiisa farshoo adda addaa dhuga waan adda addaatiin qaama isaa hadoocha cinqii jireenyaa ta kheessa jiru tana irraanfachuuf kha nuti raha jira seenu inni cinqi jira tana figgadhiisa taan figgadhiisa boodarra sammuun isaatuu nagiya hin qabdu nama akkasii.

• Faayidaan ija gaqqabachuu maali tokkoffaa haraam irraa tiiyfamuudha lammaffaa jaalala duniyaatiin osoo hin sakhaalamne waan rabbiin siif qoode akka jaalattu si gooti ija tee gaqqabachuun sadaffaa khushuu’a namaa fiddi ija gaqqabachuun namni ija gaqqabatu khushuu’a qaba afraffaa ija gaqqabachuun qalbii namaa qulqulleeysiti qalbiin namaa ni qulqullooyti qalbiin namaa tun akka daawwitii adiidha waraqaa adii takkaahuu namni hoggaa dilii dalage tuqaa gurraattii irra tuqama hoggaa dilii dalage tuqaa gurraattii irra tuqama lakka dili daddeebi’aa deemuun namni osoo irraa hin toowbanne diliin wal duubaan lakka dalaguun qalbiin isaa tun gurraachoomtee walii galti duboo obboleeyyan islaamaa hoggaa khana rasuul a.s.w maal je’e
( كالكوزي مجخيه )
Akka bircuqqoo gaggaragalchanii taatii je’e qalbiin namaa bircuqqoon tun waa itti qicachuudhaaf ol garagaltee taa’uu qabdi waan itti qicattu siif fuuti yoo gaggaragalchite hoo ta kheessa jirtuus kheessaa gannaqamti ta gubbaan itti neeyxuus gubbarra yaati malee gad hin seentu ilma namaa akkas taha hoggaa diliin qalbii isaa dukkaneessite.

• Bircuqqoon tun waa itti qicachuudhaaf ol garagaltee taa’uu qabdi waan itti qicattu siif fuuti yoo gaggaragalchite hoo ta kheessa jirtuus kheessaa gannaqamti ta gubbaan itti neeyxuus gubbarra yaati malee gad hin seentu ilma namaa akkas taha hoggaa diliin qalbii isaa dukkaneessite achi booda gara galchee yaada wanni ati biratti fokkattu isa bira bareeddu wanni ati bira bareedduu isa bira fakkottu masjiida dhaquu salaatuu qur’aana qara’uu kana badawumma laalaahuu akka nama boodatti hafee aadaa amata 1400 duraa akka nama saniin deemuu laalaa jachu ammoo wanti tun faayidaa isiin qabdu rahaa isiin qabdu tana irraa cufaadha inni ammoo dubartiirra harka khaayyatee deemuu mana caffaraa dhiichisee if waraabee gadhiisuu farshoo adda addaa dhuguu gubboo khannuu gubboo fudhachuu dubartiin isa jala yaa’uu tana hariifumma laala namni qalbiin isaa gaggaragaltee waan jirtuuf jecha khanaaf duboo obboleeyyan islaamaa ija gaqqabachuun qalbiin namaa akka qulqullooytee teessu gooti.

• Gaaf tokko imaamu shaafi’iin gaafa qur’aana haffazu sheekha isaa wakiil bira dhaqe walaloodhaan kaaye maal je’e
( شكوت الى وكيع سوء حفظي وارشدني الى ترك المعاصي واخبرني بان العلم نور ونور الله لا يغطي )
Sheekha khiyya wakiil bira dhaqeetiin itti himee je’e yaa sheekha dhihoo tana maali arra hifziin najjabaattee qur’aana arra dadhabee duraan daqiiquma xiqqottiin haffazee kha’aa arra na dheeratee maalii je’e maal je’e
( وارشدني الى ترك المعاصي )
Dilii dhiisii naan je’ee je’e diliitu akkana si godhee dilii dhiisii diliirraa fagaadhuu
( واخبرني )
Naaf hime
( بان العلم نور )
Ilmiin tun nuura laal yaa shaafii ilmiin tun nuuraa beekhi naan je’ee je’e nuurri rabbii ammoo nama dilii dalaguuf hin kannamuu rabbi diliirraa nuhaa fageessu obboleeyyan islaamaa.

• Rasuul a.s.w maal je’e nama osoo haraam tokko laaluu fadhuu osoo laaluus danda’uu osoo carraa qabuu ijasaa tana dirqiin nama irraa gaqqabe rabbiin mi’aa iimaanaa bakka buusaafii je’e rabbiin nama san mi’aa iimaanaa yoom agarre obboleeyyan yoom agarre mee laali arraan tanarraa laali ammarraa osoo waan takka laaluu feetuu ija irraa gaqqabi wallaay mi’aa san hogguus si dhagayamti hoggus firra agarta mi’aa san mi’aa iimaanaa ta inni itti qanani’u takka rabbiin bakka buusaafii je’e rabbiin warra itti dalagu nuhaa godhu.

Categories
Uncategorized

Haraam irraa ija gaqqabachuu

Kutaa 3ffaa

• Qabeenya namaa bareedaa tokko yoo agarte masha allah yaa rabbi barakhaa kheessa khaayiif ja’ii kharadhuuf li’annahuu ijji tee itti hafti waan san. ijji tee waan san ni balleessiti. ijji tee waan san ni miiti. al eeynu haqqun ijji haqa RASUULAA je’e s.a.w. ija ija ja’an malee wanni ija ja’amtu hin jirtu hin je’in ni jirti. gaafa sahaabaatillee ni turte, gaafa rasuulaatillee ni turte. RASUUL a.s.w. sanirra dhaabbatee ijji nama miidhuu nuu hime ERGAMAAN RABBII a.s.w.

• Gaaf tokko sahaabaan tokko osoo qaama dhiqatuu sahabaan tokko isaa asitti girdoo isaa godhee dhaabbata osoo dhiqatu namni tokko deemaa dhufe sahabaan ERGAMAA RABBII a.s.w akkuma deemaa dhufetti akkuma akkana je’etti qaama isaa bareeda arge gurbaa dhiqatu kana. aboo qaamni khanuma akkami qaamni bareedaan akkanaa takkaan agarre je’e gurbaan. sahaabtichi san hogguma san hollatee lafa dhehe kan dhiqachuu jiru. ERGAMAA RABBII bira geesse dubbiin a.s.w hoggaa kana RASUUL a.s.w maal je’ee gaafate dubbiin tun maal irraa dhufte jennaan maal agartee mee waan shakkite ni qabdaa je’een gurbaa khaan kan bira jiruunis yaa ERGAMAA RABBII s.a.w osoo gurbaan kun qaama dhiqachuu jiru tokko deemaa dhufee akkana je’e hin jenne gurbaa akkas je’e san naaf yaama je’een RASUUL a.s.w hoggaa gurbaa yaman maal je’een ergamaan rabbii a.s.w

على ما يقتل بعضكم البعض
Sa gariin keessan maalif wal ajjeestan boo je’een. maalif wal ajjeestanii wanni irra wal ajjeestan maalii! tokkoon keessan hoggaa waan isatti bareedu arke masha allah je’ee marakhaa haa khadhatuufii je’e. ERGAMAAN RABBII a.s.w akkasitti gurbaan san akka dhiqatu godhee kha laale san wadda’atee dhiqatee bishaan isaa saniin fuudhanii khaan kha dhukkubsate san irra naqanii namichi san akkasi fayyee jachu itti dhiqatee. ijji haqa.

• العين تدخل الرجل القبر والجمل قتل
Ijji dhiira meeqa qabri galchiti. ammallee gaala meeqa disxi galchiti. gaalli hoggaa itti bareedee laalee namni gaala san diree gaalli san dhukkubsatee hoggaa du’uu deemu firraa qalatanii disxi darbatanii nyaatan. ijji haqaa jechu dubo obboleeyyan islaamaa. ija gaqqabachuun balaan tee akka nama hin seenneefiis ni gargaarti. ija gaqqabachuun balaan namarra jirtu sanilleen akka sin seenneef ni gargaarti. fitinaa hunda sirraa qabdi jachu obboleeyyan islaamaa. khanaaf ija teenya gad haa qabannuu. kheessaafuu zabana teknooloojii khana. kheessaafuu zabana intarneet khana. kheessaafuu zabana namni hayaa dhabee qaanfii dhabee khabajaa waan ja’amu isa kheessaa fuudhamte. dur namni safuu qaba amantiillee yoon beeyne namni adaba aadaa mataa isaa qaba. aadaa waan fokkottuurraa isa dhoorkitu qaba. amma aadaan saniis ni dhabamte amantiilleen nu kheessaa dhabamte obboleeyyan islaamaa. wanni nuti laallu waan nama qaanfachiisu. wanni nuti haasooynu. wanni nuti dhaggeeffannu. wanni nuti hojjannu. irra guddaan isii waan nama qaanfachiisu kheeyriiniis akkuma jirtu tehee. khanaaf duboo obboleeyyan islaamaa balaan hundi bakki irraa khaatu ija.

• Balaan hundinuu bakki irraa khaatu ija. jaalalti duniyaa bakki irraa si seentu ija. boonni bakki irraa si seenu ija. nama boonu bira teessee akkaataa isaa yoo agarte boonaatu si kheessa dhufa atilleen boona san hawwita. if ajaa’ibuulleen bakki irraa nama dhuftu ija. ati nama ibaadaa tokko taatee nama badii kheessa jiru tokko yoo agarte if ajaa’ibda sa boo an edaa nagiyattiin jira aboo ana malee dhiirti hin jirtu jetta osoo deemtuu ija gaqqabadhuu. khanaaf RABBIIN s.w tanatti nu ajajaa jachu obboleeyyan islaamaa.

• Hawaasa keenya wanni diigu jiru guddoon ija. hawaasa keenya wanni balleessu jiru guddoon ija. sababaa khanaatiif ERGAMAAN RABBII a.s.w

نهى عن الجلوس في الطرقات
Kharaara taa’uu dhoorke RASUUL a.s.w magaalaa kheessa taa’uu ni dhuurke ERGAMAAN RABBII a.s.w sahaabaan hoggaa khana yaa ERGAMAA RABBII khararra taa’uu khana nuti dhiisuu hin dandeenyuu ja’aniin haajaa teenyaa kheessa nuu jira binnee kheessa gurguranna keessatti yaada wal dabarfanna khararra taa’uu khana yaa RASUULA RABBII duboo akkami itii haajamnaahii jennaan maal je’een RASUUL a.s.w

اذا اعطوا الطريقه حقها
Kharaaf haqa isaa khanaa je’e eega akkas taate eega dhiisuu hin dandeenye haqa kharaa guutaahii je’e haqni kharaa maali duboo obboleeyyan islaamaa arra irra guddaan keenya khararra ni tatteenya arra irra guddaan keenya khararra taa’uun amala nu tehee jira haqa kharaa khannu jirraa dura haqa kharaa sanuu ni beeynaa obboleeyyan islaamaa hoggaa khana sahaabaan

وما حق الطريق يا رسول الله صلى الله عليه وسلم
Yaa ergamaa rabbii haqni kharaa maalii ja’aniin kharaalleen haqa nurraa qabaa ee kharaalleen haqa isinirraa qaba haqni kharaa maali duboo yaa ergamaa rabbii jannaan

غضوا ابصاركم
Ija teessan gaqqabadhaa toltutti ajajaa hamtuurraa dhoorkaa je’e.

Itti fuufa……………………..

Categories
Uncategorized

Haraam irraa ija gaqqabachuu

• Wanni ilmi namaa waa itti fudhatuun informeeshina ala jiru tuttuqaan ta’uu mala wanni kun waan akkanaatii je’ee ni beekha. namni ijaani khaan kan lammaffaa. kan sadaffaa gurraan dhagahuun informeeshina fudhata. namni ammoo khana hunda keessaa kan foddaan isaa qalbii wajjin qaxxixaa wali banaa ijaa ja’an. wanni ijaan laalte akkasumatti qalbii teetirra sii teessi footoon isii viidiyoo ta’uus sochiin wanni ati agarte tun akkasuma waraabamtee qalbiirraa sii teessi. xiqqo booda teessee yoo yaaddeehuu waan san hunda tartiibaan agarta akka nama kaameeraa viidiyoon waraabee. ijji adagaan isii badduudha obboleeyyan islaamaa. ijji dubbiin isii badduudha.

• Maal je’e RASUUL a.s.w sahaatichi tokko itti dhufe gaafate ERGAMAA RABBII yaa ERGAMAA RABBII maal naan jattaa je’een

النذر الفجاه
laalicha dagaggamaa tirraa maal naan jettaa je’een karaa osoo deemu jiruu fakkeenyaaf akkumaan akkana je’etti dubartii takkarra yoon dhaqe, akkumaan akkana je’etti waan haraamiirra yoon dhaqe akkam naan jattaa jennaan

قال له اصرف بصرك
Ija tee gaqqabii je’een RASUUL a.s.w itti dhaabdee hin laalinii tara duraa dingataan irra dheeyxee san sittin katabamtuu je’een. achi booda ammoo ta ati laalte ta ati mirga kheetiin laalte san ammoo siif katabamti hulii daqiiqaa hanga laaltu wajji siif katabamti guyyaa boruu ammoo RABBIN s.w maal ja’a

ان السماء والبصر والفؤاد كل اولئك كان عنه مسؤولا 
Ijji namaa ta wahiin arra laalu tun, gurri namaa ka namni arra wahiin dhaggeeffatu waan adaba qabuu fi waan adaba hin qabne hunda itti dhaggeeffatu, ijji namaa kan waan nama qaanfachiisuu fi waan gaarii itti laalu kitaaba rabbi haa laalu namni. guyyaa boru

كل اولئك كان عنه مسؤولا والفؤاد
Onneelleen qalbiilleen wanni ati kheessa yaaddu ilma namaatiif ilaalchi ati qabdu hamtuun ati kheessa yaaddu fi gaariin ati yaadduus hunda RABBI s.w guyyaa boruu takka takkatti irraa nama gaafataa je’e RABBI s.w kanaaf obboleeyyan islaamaa ija teenyaan waan laallu irraa if eeguu nurraa eeggama.

• Namni har’aan tana dubartii karaa haraamiin hawwu dura ija isaatiin laaleeti kha waan san hawwu. dubartiilleen akkasuma. namni har’a qabeenya haraam hawwu, kan qabeenya namaa saamulleen, dura ija isaatirraa khaati wanni hundi. mana namaa bareedaa laala, qabeenya namaa bareedaa laala, makiinaa namni ittiin deemu laala. uffata namni uffatu laala, anoo maalifiin akkana hin taane waan ja’uun khe’ee haraami seena duboo obboleeyyan islaamaa

• كل الحوادث مبداها من النظر ومعظم النار من مستصغر شرار كم نظره فتكت قلب صاحبها فتكه السهام بلا قوس ولا وترى
Obboleeyyan islaamaa shaa’ireen akkana ja’a duboo, walaleessaan islaamaa akkana ja’a wannummaan hundinuu jalqabni bakki isiin irraa khaatu ijarraahi ija tana. meeqaatu gabricha isii gaddaafee halaakhee ja’a. gooboo xiyya hin qabneen malee onneessaa ka seente dhukkubni, summiin ilma namaa hedduu jira je’e duboo obboleeyyan islaamaa sababa ijasaa gadhiisuutiin.

• Rabbiin maal ja’a s.w

ولا تمدن عينيك الى ما متعنا به ازواجا منهم زهره الحياه الدنيا لنفسنهم فيه
Warra qabeenya itti bal’isne, ummata kaafiraa kha jiruu itti tolchine, ummata kaafiraa kan madraka irraa fooriyyu, ummata kaafiraa kha huccuu bareedduu uffatee deemu, kha fedhe haa tahuu, khan nyaata bareedaa nyaatu, makiinaa bareedduun deemu ija tee gadhiistee hin laalinii je’e. li’annahuu ija tee gadhiistee yoo laalte jireenya inni kheessa jiru sani gatiin isaa si kheessa dhufa obboleeyyan islaamaa. jireenya isaa bareedaa ta’uu si mul’ata kha inni jireenya fokkotaa keessa jiru. kanaaf ija tee itti gadhiistee hin laalin RABBIIN wanni nuti san gooneef

لنفتنهم فيه
San keessatti isaan mokkoruudhaafi malee waan bareedina keessa jiran hin sehinii ja’a RABBIIN s.w hattaa qabeenya namaatillee ija itti dhaabnee laaluu, ija gadiitiin laaluu RABBIIN nu dhoorke jechu obboleeyyan islaamaa. kun hundinuu waan ta’eef qaba duboo. Khasaaraa guddoo qabdi ijji gama kaaniin wanni ati laalte san miidhamuu keessa jira gama kaaniin ammoo hawwiin waan sanii si keessa dhufuu keessa jira. ijalleen hoggaa waan bareedduun isinitti dhuftee laaltanillee masha allah la quwwata illaa billaa allaahumma baarik lahuu fii akkana ja’aa je’e RASUUL a.s.w.

Categories
Uncategorized

Haraam irraa ija gaqqabachuu

• Obboleeyyan islaamaa hunda dura lubbuu tiyyaa fi isiniif sodaa rabbiitiin dhaama. sodaan rabbii ajaja rabbiin s.w ummata nu dura dabree fi nullee itti nu ajaje. akkasuma sodaan rabbii waan duniyaa fi aakhirattillee ittiin najaa bahanii jachuudha duboo obboleeyyan. warra rabbi sodaatu rabbi nu haa taasisu insha allah. itti aansuudhaan mata dureen gorsa keenyaa maal jetti

غد النذر
Ija gaqqabachuu waan ja’u waliin laalla jechuudha. Gorsa guyyaa har’aa keessatti insha allah maalifiin mata duree tana filadhe jennaan. irra hedduun keenya har’aan tana bakka tanaan mokkoramnee jirra. irra hedduun keenya ija gaqqabachuu tana laaftu laallee jirra. ammoo khasaaraan isiin qabdu, badiin isiirraa khaatu akkaan guddoodha obboleeyyan islaamaa. hangam takka balaa akka qabdu waliin laalla jechuudha arraan tana. rabbiilleen s.w qur’aana isaa keessatti, ergamaan isaatilleen a.s.w hadiisa isaa keessatti kana nu barsiisanii jachu duboo obboleeyyan.

• Rabbiin maal ja’a s.w

قل للمؤمنين يغضوا من ابصارهم ويحفظوا فروجهم ذلك اذكى لهم ان الله خبير بما يعملون
Akkana je’iinii ja’a warra rabbitti amaneen je’i yaa ergamaa kiyya muhammad s.a.w ija teessan gaqqabadhaa je’iin, ija teessan gaqqabaa ja’iin warra rabbitti amane khanaan

ويحفظه فخروجهم
Qaama saalaa isaaniitillee tiyfadhaa je’iinii ja’a rabbiin s.w

ذلك اذكى لهم
Santu isaaniif irra gaariidhaa je’e. qalbii isaaniitiif sanii irra gaari, jireenya bareedaa jiraachuuf sanii irra gaari, fahmii gaarii qabaachuuf sanii irra gaari, qur’aanni si keessa taa’uudhaaf saniitu irra gaariidhaa ja’a rabbiin s.w.

• Dhiira qofaa miti ka ija gaqqabatu, dubartiilleen ija gaqqabachuu qabdi, dubartiilleen ija isii lafa gaqqabuu qabdi maal ja’an

وقل للمؤمنات يغضضن من ابصارهن ويحفظن فروجهن ولا يبدينا زينتهن الا ما ظهر منها
Dubartiilleen ija teessan gaqqabadhaa ja’iinii ja’a RABBI s.w. dhiirtiniis dubartiiniis ija gaqqabutti ajajamte jechu obboleeyyan islaamaa. maalirraa ija gaqqabata namni, maal irraa ijasaa gaqqabuu qaba ilmi namaa. waan isaaf haraam tehe hundarraa ija gaqqabuu qaba, ajnabii laalurraa ija gaqqabuu qaba. dubartiileen dhiiraa ajnabii ija itti dhaabdee laaluurraa ija gaqqabuu qabdi khanaatu qalbii isaaniitiifillee qulqulluudha irra gaariidha. RABBI s.w nu barsiise islaamummaa keessatti RABBIIN waan nuu tolu hunda nu barsiise, waan milkii jireenyaa nuu fidu hunda nu barsiise, waan jireenya bareedaa akka jiraannu, balaarraa akka tiiyfamnu waan nu godhu hunda RABBI s.w nu barsiise. yoo nuti qajeelfama diin islaamaa jala deemne, yoo nuti qajeelfama amantii islaamaa jala deemne jireenyi keenya hundi milkii taha jechu duboo obboleeyyan islaamaa. warra diin islaamaa jala deemu RABBI nu haa taasisu obboleeyyan.

• Balaan ijarraa kaatu balaa akkaan hamtuuti. aayata duraa san keessatti maal je’e RABBI s.w.

قل للمؤمنين يغد من ابصارهم ويحفظو فروجهم
Warra rabbitti amaneen ja’i ija teessan gaqqabadhaa ja’iin itti aansee maal dubbate qaama saalaa kheessan haraam irraa tiiysaa je’iinii je’e. mufassirtoonni maal ja’an ayaata kana hoggaa fudhatan wanni rabbiin qaama saalaa tiiysuu dura ija gaqqabachuu dubbateef isiitu karaa san nama geessaa ja’an, dubartii haaraamiin laaluutu karaa san nama geessa, footoolee adda addaa haraamiin laaluutu karaa san nama geessa zabana ammaa kanafaa zabana fitinaan heddummaatte kana zamana intarneet mana cufa guute kana dubartii gosa adda addaa tanaa si dura deema, mobile bantu gosa addaa si dura deema, tv bantu gosa addaa si dura deema namni yoo ijasaa qaqabachuu baate fitinaa hedduu keessa bu’aa jechuudha duuboo obboleeyyan islaamaa.

• Namni hoggaa haraam itti dhufe, namni hoggaa osoo deemuu ijji isaa dubartiirra dheeyxe dafee irra deebisuu qaba ija isaa itti dhaabe ilaalu hin qabu. dubartiilleen akkasuma bakka fitnaarraa hoggaa ijji isii dheeyxe daftee irraa deebisuu qabdi li’annahuu sheyxaanni tana fayyadama

النظر سهم مسموم من سهام ابليس
Ijaan waa laaluun tun xiyya sheyxaanaa hamaati xiyya summii qabuu ja’an. xiyyi summii qabu si dirraan numa duuta. xiyyi summii qabu si dirraan laalaa fi dhukkubbii hedduu qaama keessa gadhiisa. akkasuma laalichi haraam kunilleen summii qaama kee keessa gadhiisa.

• Ibnul qayyimal jawziyan maal ja’a RABBIIN rahmata isaaf haa godhuu ijaan haraam laaluun tun tokkoffaa waan laalte tana qalbii teetirratti footoo akka khaatu si gootii je’e wanti tun qalbii teetirraatti footoo hoggaa khaate bakka sanii yoo deemtellee waan san qaxab qaxabii si dhufaa je’e. Waan san hoggaa qaxab jatte qalbii tee keessatti bakka kanniteefii waan san itti deddeebitee kan yaadattu yoo taate waan kana xiintaluu dhufaa je’e. waan kana xiinxaluun lakka dhufuun hawwiin ati waan kanaaf qabdu si dabalaa dhufaa je’e. lakka ati hawwiin waan kanaaf qabdu si dabalaa dhufuun murannaa dhufaa je’e khalaas waan kana arkachuun qabaa, waan kana itti qanani’uun qabaa waan ja’uu si dhufa. waan kana itti qanani’uun qabaa takka murannaan ilmi namaa waan san numa dalagaa je’e wanti takka irraa isa hin deebistuu je’e yoo rabbummaan rahmata isaa godhee waan san haala isaa mijjeessuu baatee takkaa isa jibbisiisee irraa deebise malee takka murannaan dhufnaan wanni feete irraa isa deebisuu hin dandeessuu je’e. laalaa duboo obboleeyyan islaamaa. dura maalirraa khaate wanni tun dura laalicharraa khaate jachuu. namni laalicha kana laaftu laaluun qabu.