Qur’aanaa fi Saayinsiin Ammayyaa waa’ee Orbiitii ilaalchisee maal dubbatan. Yeroo Kana jennu, Qur’aanaa fi Saayinsiin tokko jechuu keenyaa miti. Garuu waan Qur’aanni Waggoota 1400 dura dubbate, kan Saayinsiin ammayyaa itti qaqqabe dubbachuu keenya malee. Yoo Qur’aanaa fi Saayinsiin tokko kan jennu taate dogooggora guddaadha. Wanti Nuti waa’ee kanaa irratti ibsuu barbaanne waan Qorannoon Saayinsii ammayyaa itti qaqqabe kan Qur’aanni waggoota 1400 dura dubbate ifa Gochuu dha. Mee bakka lamatti qoodnee waa’ee Orbiitii (Falaka) jedhu kana haa ilaalluu:
1. Waa’ee Orbiitii (Falak): Qur’aanni waa’ee sochii aduu, ji’aa fi qaamolee samii biroo yeroo dubbatu, jecha addaa fi hiika gadi fagoo qabu fayyadama. “Falak” Jechi kun afaan Arabiffaatiin waan geengoo ykn daandii maramaa agarsiisa.
Aayatoonni armaan gadii dhimma kana ifa godhu:
A. Aayata “Kullun fii Falakin Yasbahuun”
Aayanni kun Qur’aana keessatti iddoo lamatti irra deddeebi’amee dhufe, kunis barbaachisummaa isaa agarsiisa: Suuraa Al-Anbiyaa’, Aayata 33:
“وَهُوَ الَّذِي خَلَقَ اللَّيْلَ وَالنَّهَارَ وَالشَّمْسَ وَالْقَمَرَ ۖ كُلٌّ فِي فَلَكٍ يَسْبَحُونَ”
Hiika: “Inni (Rabbiin) Isa halkan, guyyaa, aduu fi ji’a uumeedha. Hundinuu daandii (orbiitii) ofii isaanii keessa daaku (socho’u).”
Suuraa Yaasiin, Aayata 40 ttis akkana jedha:
“لَا الشَّمْسُ يَنبَغِي لَهَا أَن تُدْرِكَ الْقَمَرَ وَلَا اللَّيْلُ سَابِقُ النَّهَارِ ۚ وَكُلٌّ فِي فَلَكٍ يَسْبَحُونَ”
“Aduun ji’a qaqqabachuun (bakka isaa bu’uun) isaaf hin malu; halkanis guyyaa hin dursu. Hundinuu daandii (orbiitii) ofii isaanii keessa daaku (socho’u).”
Ibsa Aayata Kanaa: Kullun-Hundinuu): Jechi kun aduu, ji’a, fi akkuma aayata duraa irraa hubannutti, qaamolee halkan uumaman (urjoota) fi lafa (sababni halkan fi guyyaan lafa irratti uumamuuf) of keessatti hammata. Kana jechuun qaamni samii hundi sochii keessa jira jechuudha.
Falak – Orbiitii/Daandii) jechuudha. Akkuma olitti ibsame, kun daandii geengoo, kan maramaa ta’e agarsiisa.
Yasbahuun jechuun Ni daaku jechuudha. Jechi kun Arabiffatti sochii qaama tokkoo kan ofuma isaatiin ofirra naanna’aa deemu agarsiisa. Akkuma nama bishaan keessa daakuu jechuudha. Kunis aduun, jiinii fi lafti yeroo orbiitii isaanii keessa deeman, ofirraas naanna’uu (rotation) isaanii agarsiisa.
Dinqiin isaa, jechi Yasbahuun jedhu gara duubaatti yoo dubbifames “Yasbahuun” ta’a. Kunis sochii irra deddeebii fi kan hin dhaabbanne agarsiisuu danda’a.
Yaada “Aduun ni Socho’a” Jedhu; Hanga jaarraa dhihoo asitti, saayintistoonni Awurooppaa aduun bakka tokko dhaabbatti (static) jedhanii amanu turan. Garuu Qur’aanni ifatti aduunis akka sochootu ibsa.
Suuraa Yaasiiin, Aayata 38 irratti:
“وَالشَّمْسُ تَجْرِي لِمُسْتَقَرٍّ لَّهَا ۚ ذَٰلِكَ تَقْدِيرُ الْعَزِيزِ الْعَلِيمِ”
“Aduun iddoo murtaa’e) kan isheedhaaf murameef ni fiigdi (socho’a). Kun murtoo (Rabbi) Injifataa, Beekaati.”
Jechi “Tajrii” jedhu ni fiigdi jechuudha. Aduun bakka tokko dhaabbachuu ishee Qur’aanni ni morma.
Walumaagalatti: Qur’aanni ifaan ifatti, Qaamonni samii (aduu, ji’a, urjoota, lafa) hundi ni socho’u. Tokkoon tokkoon isaanii daandii (orbiitii) mataa isaanii qabu.
Sochiin isaanii akka daakuuti, kunis ofirra naanna’uu fi orbiitii keessa deemuu agarsiisa.
Aduun bakka tokko hin dhaabbattu, isheenis orbiitii mataa ishee qabdi.
2. Ilaalcha Saayinsii Ammayyaa: Orbiitii fi Sochii Samii; Saayinsiin ammayyaa ragaa qabatamaa hedduun wantoota Qur’aanni waggaa 1400 dura ibse kana itti qaqqabeera.
Qaamni Samii Hundi ni Socho’a: Yaada “wantoonni samii hin socho’an” jedhu durii, saayinsiin kuffiseera. Aduun, pilaanetoonni ishee (lafa dabalatee), ji’oonni isaanii, fi urjoonni hundi sochii walxaxaa keessa jiru.
✅️Orbiitiiwwan (Daandiiwwan):
-Jiini lafa naanna’a.
-Lafii fi pilaanetoonni biroo aduu naanna’u.
-Aduun mataan ishee bakka tokko hin dhaabbattu! Akkuma Qur’aanni jedhe, aduun sirna pilaanetootaa ishee (Solar System) guutuu waliin, wiirtuu gaalaaksii keenyaa (Milky Way Galaxy) naannofti. Saffisa tilmaamaan 220 km/sekondii ta’uun socho’a. Naannoo tokko guutuu gochuuf waggoota miliyoona 230 itti fudhata.
-Gaalaaksiin keenya (Milky Way) mataan isaas ni socho’a. Gara gaalaaksii biroo kan “Andromeda” jedhamuutti saffisa guddaan siqaa jira.
✅️Sochii “Daakuu” (Rotation and Revolution):
-Lafri: Yeroo aduu naannoftu (revolution), ofirras ni naannofti (rotation). Kun halkan fi guyyaa uuma.
-Ji’a: Yeroo lafa naanna’u, ofirras ni naanna’a. Sababa kanaaf, nuti yeroo hunda fuula ji’aa isa tokko qofa agarra.
-Aduun: Ofirras ni naannofti.
✅️Seera Uumaa (Physical Laws): Sochiin kun hundi akka tasaa miti. Seerota fiiziksii kan akka harkisa lafaa (gravity) fi seera sochii Newton hordofee adeema. Qur’aanni kana “Taqdiirul-‘Aziizil-‘Aliim” (Murtoo Injifataa, Beekaati) jechuun ibsa. Kunis sirna (system) uumamaa kan herrega sirrii fi seera cimaan hoogganamu ta’uu isaa agarsiisa.
Akkuma waa’ee boca lafaa irratti argine, dhimma orbiitii irrattis ilaalchi Qur’aanaa fi saayinsii ammayyaa guutummaatti wal-simu. Qur’aanni yeroo saayinsiin hawaa hin jirreetti ragaa sirrii fi ifa ta’e kenne. Fkn, aduun bakka tokko akka hin dhaabbanne ibsuun isaa, dinqii Qur’aanaa kan biraati. Kunis ammas ragaa Qur’aanni jecha uumaa addunyaa kanaa ta’uu isaa mirkaneessudha.
Categories