• Wanni ilmi namaa waa itti fudhatuun informeeshina ala jiru tuttuqaan ta’uu mala wanni kun waan akkanaatii je’ee ni beekha. namni ijaani khaan kan lammaffaa. kan sadaffaa gurraan dhagahuun informeeshina fudhata. namni ammoo khana hunda keessaa kan foddaan isaa qalbii wajjin qaxxixaa wali banaa ijaa ja’an. wanni ijaan laalte akkasumatti qalbii teetirra sii teessi footoon isii viidiyoo ta’uus sochiin wanni ati agarte tun akkasuma waraabamtee qalbiirraa sii teessi. xiqqo booda teessee yoo yaaddeehuu waan san hunda tartiibaan agarta akka nama kaameeraa viidiyoon waraabee. ijji adagaan isii badduudha obboleeyyan islaamaa. ijji dubbiin isii badduudha.
• Maal je’e RASUUL a.s.w sahaatichi tokko itti dhufe gaafate ERGAMAA RABBII yaa ERGAMAA RABBII maal naan jattaa je’een
النذر الفجاه
laalicha dagaggamaa tirraa maal naan jettaa je’een karaa osoo deemu jiruu fakkeenyaaf akkumaan akkana je’etti dubartii takkarra yoon dhaqe, akkumaan akkana je’etti waan haraamiirra yoon dhaqe akkam naan jattaa jennaan
قال له اصرف بصرك
Ija tee gaqqabii je’een RASUUL a.s.w itti dhaabdee hin laalinii tara duraa dingataan irra dheeyxee san sittin katabamtuu je’een. achi booda ammoo ta ati laalte ta ati mirga kheetiin laalte san ammoo siif katabamti hulii daqiiqaa hanga laaltu wajji siif katabamti guyyaa boruu ammoo RABBIN s.w maal ja’a
ان السماء والبصر والفؤاد كل اولئك كان عنه مسؤولا
Ijji namaa ta wahiin arra laalu tun, gurri namaa ka namni arra wahiin dhaggeeffatu waan adaba qabuu fi waan adaba hin qabne hunda itti dhaggeeffatu, ijji namaa kan waan nama qaanfachiisuu fi waan gaarii itti laalu kitaaba rabbi haa laalu namni. guyyaa boru
كل اولئك كان عنه مسؤولا والفؤاد
Onneelleen qalbiilleen wanni ati kheessa yaaddu ilma namaatiif ilaalchi ati qabdu hamtuun ati kheessa yaaddu fi gaariin ati yaadduus hunda RABBI s.w guyyaa boruu takka takkatti irraa nama gaafataa je’e RABBI s.w kanaaf obboleeyyan islaamaa ija teenyaan waan laallu irraa if eeguu nurraa eeggama.
• Namni har’aan tana dubartii karaa haraamiin hawwu dura ija isaatiin laaleeti kha waan san hawwu. dubartiilleen akkasuma. namni har’a qabeenya haraam hawwu, kan qabeenya namaa saamulleen, dura ija isaatirraa khaati wanni hundi. mana namaa bareedaa laala, qabeenya namaa bareedaa laala, makiinaa namni ittiin deemu laala. uffata namni uffatu laala, anoo maalifiin akkana hin taane waan ja’uun khe’ee haraami seena duboo obboleeyyan islaamaa
• كل الحوادث مبداها من النظر ومعظم النار من مستصغر شرار كم نظره فتكت قلب صاحبها فتكه السهام بلا قوس ولا وترى
Obboleeyyan islaamaa shaa’ireen akkana ja’a duboo, walaleessaan islaamaa akkana ja’a wannummaan hundinuu jalqabni bakki isiin irraa khaatu ijarraahi ija tana. meeqaatu gabricha isii gaddaafee halaakhee ja’a. gooboo xiyya hin qabneen malee onneessaa ka seente dhukkubni, summiin ilma namaa hedduu jira je’e duboo obboleeyyan islaamaa sababa ijasaa gadhiisuutiin.
• Rabbiin maal ja’a s.w
ولا تمدن عينيك الى ما متعنا به ازواجا منهم زهره الحياه الدنيا لنفسنهم فيه
Warra qabeenya itti bal’isne, ummata kaafiraa kha jiruu itti tolchine, ummata kaafiraa kan madraka irraa fooriyyu, ummata kaafiraa kha huccuu bareedduu uffatee deemu, kha fedhe haa tahuu, khan nyaata bareedaa nyaatu, makiinaa bareedduun deemu ija tee gadhiistee hin laalinii je’e. li’annahuu ija tee gadhiistee yoo laalte jireenya inni kheessa jiru sani gatiin isaa si kheessa dhufa obboleeyyan islaamaa. jireenya isaa bareedaa ta’uu si mul’ata kha inni jireenya fokkotaa keessa jiru. kanaaf ija tee itti gadhiistee hin laalin RABBIIN wanni nuti san gooneef
لنفتنهم فيه
San keessatti isaan mokkoruudhaafi malee waan bareedina keessa jiran hin sehinii ja’a RABBIIN s.w hattaa qabeenya namaatillee ija itti dhaabnee laaluu, ija gadiitiin laaluu RABBIIN nu dhoorke jechu obboleeyyan islaamaa. kun hundinuu waan ta’eef qaba duboo. Khasaaraa guddoo qabdi ijji gama kaaniin wanni ati laalte san miidhamuu keessa jira gama kaaniin ammoo hawwiin waan sanii si keessa dhufuu keessa jira. ijalleen hoggaa waan bareedduun isinitti dhuftee laaltanillee masha allah la quwwata illaa billaa allaahumma baarik lahuu fii akkana ja’aa je’e RASUUL a.s.w.
Haraam irraa ija gaqqabachuu
• Obboleeyyan islaamaa hunda dura lubbuu tiyyaa fi isiniif sodaa rabbiitiin dhaama. sodaan rabbii ajaja rabbiin s.w ummata nu dura dabree fi nullee itti nu ajaje. akkasuma sodaan rabbii waan duniyaa fi aakhirattillee ittiin najaa bahanii jachuudha duboo obboleeyyan. warra rabbi sodaatu rabbi nu haa taasisu insha allah. itti aansuudhaan mata dureen gorsa keenyaa maal jetti
غد النذر
Ija gaqqabachuu waan ja’u waliin laalla jechuudha. Gorsa guyyaa har’aa keessatti insha allah maalifiin mata duree tana filadhe jennaan. irra hedduun keenya har’aan tana bakka tanaan mokkoramnee jirra. irra hedduun keenya ija gaqqabachuu tana laaftu laallee jirra. ammoo khasaaraan isiin qabdu, badiin isiirraa khaatu akkaan guddoodha obboleeyyan islaamaa. hangam takka balaa akka qabdu waliin laalla jechuudha arraan tana. rabbiilleen s.w qur’aana isaa keessatti, ergamaan isaatilleen a.s.w hadiisa isaa keessatti kana nu barsiisanii jachu duboo obboleeyyan.
• Rabbiin maal ja’a s.w
قل للمؤمنين يغضوا من ابصارهم ويحفظوا فروجهم ذلك اذكى لهم ان الله خبير بما يعملون
Akkana je’iinii ja’a warra rabbitti amaneen je’i yaa ergamaa kiyya muhammad s.a.w ija teessan gaqqabadhaa je’iin, ija teessan gaqqabaa ja’iin warra rabbitti amane khanaan
ويحفظه فخروجهم
Qaama saalaa isaaniitillee tiyfadhaa je’iinii ja’a rabbiin s.w
ذلك اذكى لهم
Santu isaaniif irra gaariidhaa je’e. qalbii isaaniitiif sanii irra gaari, jireenya bareedaa jiraachuuf sanii irra gaari, fahmii gaarii qabaachuuf sanii irra gaari, qur’aanni si keessa taa’uudhaaf saniitu irra gaariidhaa ja’a rabbiin s.w.
• Dhiira qofaa miti ka ija gaqqabatu, dubartiilleen ija gaqqabachuu qabdi, dubartiilleen ija isii lafa gaqqabuu qabdi maal ja’an
وقل للمؤمنات يغضضن من ابصارهن ويحفظن فروجهن ولا يبدينا زينتهن الا ما ظهر منها
Dubartiilleen ija teessan gaqqabadhaa ja’iinii ja’a RABBI s.w. dhiirtiniis dubartiiniis ija gaqqabutti ajajamte jechu obboleeyyan islaamaa. maalirraa ija gaqqabata namni, maal irraa ijasaa gaqqabuu qaba ilmi namaa. waan isaaf haraam tehe hundarraa ija gaqqabuu qaba, ajnabii laalurraa ija gaqqabuu qaba. dubartiileen dhiiraa ajnabii ija itti dhaabdee laaluurraa ija gaqqabuu qabdi khanaatu qalbii isaaniitiifillee qulqulluudha irra gaariidha. RABBI s.w nu barsiise islaamummaa keessatti RABBIIN waan nuu tolu hunda nu barsiise, waan milkii jireenyaa nuu fidu hunda nu barsiise, waan jireenya bareedaa akka jiraannu, balaarraa akka tiiyfamnu waan nu godhu hunda RABBI s.w nu barsiise. yoo nuti qajeelfama diin islaamaa jala deemne, yoo nuti qajeelfama amantii islaamaa jala deemne jireenyi keenya hundi milkii taha jechu duboo obboleeyyan islaamaa. warra diin islaamaa jala deemu RABBI nu haa taasisu obboleeyyan.
• Balaan ijarraa kaatu balaa akkaan hamtuuti. aayata duraa san keessatti maal je’e RABBI s.w.
قل للمؤمنين يغد من ابصارهم ويحفظو فروجهم
Warra rabbitti amaneen ja’i ija teessan gaqqabadhaa ja’iin itti aansee maal dubbate qaama saalaa kheessan haraam irraa tiiysaa je’iinii je’e. mufassirtoonni maal ja’an ayaata kana hoggaa fudhatan wanni rabbiin qaama saalaa tiiysuu dura ija gaqqabachuu dubbateef isiitu karaa san nama geessaa ja’an, dubartii haaraamiin laaluutu karaa san nama geessa, footoolee adda addaa haraamiin laaluutu karaa san nama geessa zabana ammaa kanafaa zabana fitinaan heddummaatte kana zamana intarneet mana cufa guute kana dubartii gosa adda addaa tanaa si dura deema, mobile bantu gosa addaa si dura deema, tv bantu gosa addaa si dura deema namni yoo ijasaa qaqabachuu baate fitinaa hedduu keessa bu’aa jechuudha duuboo obboleeyyan islaamaa.
• Namni hoggaa haraam itti dhufe, namni hoggaa osoo deemuu ijji isaa dubartiirra dheeyxe dafee irra deebisuu qaba ija isaa itti dhaabe ilaalu hin qabu. dubartiilleen akkasuma bakka fitnaarraa hoggaa ijji isii dheeyxe daftee irraa deebisuu qabdi li’annahuu sheyxaanni tana fayyadama
النظر سهم مسموم من سهام ابليس
Ijaan waa laaluun tun xiyya sheyxaanaa hamaati xiyya summii qabuu ja’an. xiyyi summii qabu si dirraan numa duuta. xiyyi summii qabu si dirraan laalaa fi dhukkubbii hedduu qaama keessa gadhiisa. akkasuma laalichi haraam kunilleen summii qaama kee keessa gadhiisa.
• Ibnul qayyimal jawziyan maal ja’a RABBIIN rahmata isaaf haa godhuu ijaan haraam laaluun tun tokkoffaa waan laalte tana qalbii teetirratti footoo akka khaatu si gootii je’e wanti tun qalbii teetirraatti footoo hoggaa khaate bakka sanii yoo deemtellee waan san qaxab qaxabii si dhufaa je’e. Waan san hoggaa qaxab jatte qalbii tee keessatti bakka kanniteefii waan san itti deddeebitee kan yaadattu yoo taate waan kana xiintaluu dhufaa je’e. waan kana xiinxaluun lakka dhufuun hawwiin ati waan kanaaf qabdu si dabalaa dhufaa je’e. lakka ati hawwiin waan kanaaf qabdu si dabalaa dhufuun murannaa dhufaa je’e khalaas waan kana arkachuun qabaa, waan kana itti qanani’uun qabaa waan ja’uu si dhufa. waan kana itti qanani’uun qabaa takka murannaan ilmi namaa waan san numa dalagaa je’e wanti takka irraa isa hin deebistuu je’e yoo rabbummaan rahmata isaa godhee waan san haala isaa mijjeessuu baatee takkaa isa jibbisiisee irraa deebise malee takka murannaan dhufnaan wanni feete irraa isa deebisuu hin dandeessuu je’e. laalaa duboo obboleeyyan islaamaa. dura maalirraa khaate wanni tun dura laalicharraa khaate jachuu. namni laalicha kana laaftu laaluun qabu.
Barnoota Gaaffii Fi Deebii
Gaaffii 101: Dhiirarraa guutun namaa hedduudha, dhalaan nama afur malee guutuu hin tane? Isaan sun eenyu fa’a?
Deebii 101: 1. Maryam binti Imraan
2. Aasiya binti Muzaahim
3. Khadiijaa binti Kuweylid
4. Faaxumaa binti Muhammad (Sallallaahu aleyhi wa sallam)
Gaaffii 102: Jaartiiwwan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) keessaa tan gosaa fi aanummaadhan isatti hin deebine isii temi?
Deebii 102: Safiyyaa binti Huyeyyi ibnu Akxab isiin aanummaadhan Nabiyyana Haarunitti deebiti.
Gaaffii 103: Aanummaan jidduu Khadiijaa fi Zubeeyri ilma Awwaam jidduu jirtu maali?
Deebii 103 Ilma obboleessa isiiti (adaadaa).
Gaaffii 104: Jaartin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan bilisummaa warra isheetif sababa taate tami?
Deebii 104: Juweyriyya intala haaris.
Gaaffii 105: Intalti Faaxumaan, Gaafa duutu Aliyyi akka fuudhu dhaamtef tami?
Deebii 105: Intala obboleettiin isii Zeeynabaan deesse, Umaamaa tan jedhamtu.
Gaaffii 106: Usmaan intala Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Ummu kulsumi fi Ruqiyyaa keessaa tam dura fuudhe?
Deebii 106: Ruqiyyaa dha.
Gaaffii 107: Intalti Rasuulaan (Sallallaahu aleyhi wa sallam) akaakayyu jettu tan dura dhalatte eenyu?
Deebii 107: Umaamaa intala Abil-aas ilma Rabii’a tan taate.
Gaaffii 108: Jaartiwwan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) eessatti awwalaman?
Deebii 108: Baqii’itti awwalaman, Kadiijaa fi Meymuunaa malee.
Gaaffii 109: Adeerri Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Kan gaafa ka’abaa ijaaran dhagaa wajjin guure eenyu?
Deebii 109: Abbaas ilma Abdulmuxxalibi.
Gaaffii 110: Ibraahim ilmi Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) yoom dhalate?
Deebii 110: Baatii zil-hijjaa hijraarraa saddeettaffatti (8) dhalate.
Barnoota Gaaffii Fi Deebii
Gaaffii 91: Zeeynabaan intalti Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) gara Madiinaa hijraa meeqaffatti godaante?
Deebii 91: Hijraa lammaffaatti (2)
Gaaffii 92: Ilmi Adeera Khadiijaa kan gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergame Khadijaan bira geessite eenyu?
Deebii 92: Waraqaa ilma Nowfil.
Gaaffii 93: Boojuu Banii Qureeyzaa keessaa intalti Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) lubbuu isaatif filate tami?
Deebii 93: Rihaanaa intala Zeyid.
Gaaffii 94: Gaafa kam Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ani Nabiyyiidha hin kijibu, ani ilma Abdulmuxxalibi je’ee dhaadate?
Deebii 94: Gaafa duula Huneeyniiti.
Gaaffii 95: Jaartin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hedduu soommanuu fi hedduu halkan dhaabbattee salaatun tan beekkamtu tami?
Deebii 95: Hafsaa binti Umar ibnu kaxxaabi.
Gaaffii 96: Aayanni qur’aanaa erga Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) du’e booda buute tami?
Deebii 96: Hin jirtu (wahyiin ni dhaabbatte).
Gaaffii 97: Gurbaan warra ibiddaa Kan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) qamisa isaaniitiin kafananii irratti salaatan eenyu?
Deebii 97: Abdallah ibnu Ubeyyi ibnu Saluul (mataa munaafiqaa kan ta’e).
Gaaffii 98: Intalti Rabbiin Rasuulaaf (Sallallaahu aleyhi wa sallam) nikaaya hidhe tami?
Deebii 98: Zeeynabaa binti Jahshi.
Gaaffii 99: Jaartii Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) keessaa tan hin deenne tami?
Deebii 99: Aa’isha binti Abii Bakriiti
Gaaffii 100: Sahaabtichi ijaan Rasuula (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hin argin eenyu?
Deebii 100: Abdallah ilma ummi Maktuum Kan ballaa ture.
Barnoota Gaaffii Fi Deebii
Gaaffii 71: Umriin Aa’ishaa gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) fuudhu meeqa?
Deebii 71: Umrii Sagal (9)
Gaaffii 72: Jaartin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Sowdaan binti Zam’aa amata meeqatti duute?
Deebii 72: Amata shantami afuritti (54), baati shawwaal, yeroo mootummaa Mu’aawiyaa keessa.
Gaaffii 73: Janaazaa Hafsaa jaartii Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) irratti imaama ta’ee kan salaachise eenyu?
Deebii 73: Bulchaa Madiinaa, Marwaan binu Hakam.
Gaaffii 74: Intalti [Ilmoon] Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan osoo hin dahin ykn hin dhalin duute eenyu?
Deebii 74: Ummu Kulsum.
Gaaffii 75: Umriin haadha mu‘umintootaa, Hafsaa intala Umar yeroo duutu meeqa?
Deebii 75: Umrii jahaatam (60)
Gaaffii 76: Gaafa lola Badrii Hamzaan Adeerri Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) seeyfii meeqaan lole?
Deebii 76: Seeyfii lamaan lole.
Gaaffii 77: Jaartiin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Ibraahim malee ilmaan hunda tan deesse eenyu?
Deebii 77: Khadiijaa binti Khuweeylid.
Gaaffii 78: Hijraa dura maqaan Madiinaa maal turte?
Deebii 78: Yasribaa.
Gaaffii 79: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) eega Madiinaa dhaqee hijraa meeqatti hajje?
Deebii 79: Hijraa kurnaffaatti (10), Isiinis Hajjatul wadaa’i ja’amti.
Gaaffii 80: Dubartoota keessaa lammaffaarratti tan islaamoyte eenyu?
Deebii 80: Ummul Fadli (Jaarti Abbaas ilma Abdulmuxxalib) tan taate.
Gaaffii 81: Namni Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) iccitii itti dhoyfatu eenyu?
Deebii 81: Huzeeyfaa ibnu Yaman.
Gaaffii 82: Intalti Zeynabaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) deesse kan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) yeroo salaatu baadhatan eenyu?
Deebii 82: Umaamaa binti Abul Aasii ilma Rabii’i.
Gaaffii 83: Amata meeqa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) dhoysaan Nama Karaa Rabbii irratti yaamaa ture?
Deebii 83: Amata sadi (3)
Gaaffii 84: Manni Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Madiina keessatti mana meeqa?
Deebii 84: Mana sagal (9)
Gaaffii 85: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) lubbuun jiru Masjiida meeqaatu Madiinaa keessa jira?
Deebii 85: Masjiida isaa wajjin kudhani (10)
Gaaffii 86: Adaadaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Safiyyaan intalti Abdulmuxxalib eessatti awwalamte?
Deebii 86: Madiina bakka Baqi’i ja’amtutti.
Gaaffii 87: Waardiyyaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) eenyu fa’a, Hanga gaafa Rabbiin (Sallallaahu aleyhi wa sallam) anaatu si eega je’eenitti?
Deebii 87: 1. Sa’aad ilma Mu’aaz.
2. Muhaammad ilma Maslama.
3. Zubeeyri ilma Awwaam.
4. Ubbaad ilma Bishri.
5. Abi Ayyuubil’ Ansaari.
6. Zakwaan ilma Abdallahi.
7. Sa’aad ilma Abi waqqaas
Gaaffii 88: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Samii olbahe maal yaabbatee samii ol behe?
Deebii 88: Buraaq.
Gaaffii 89: Bara Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Lubbuun jiru keessa hangafa munaafiqaa kan ta’e eenyu?
Deebii 89: Abdallah ibnu ubeyyi ibnu Saluul.
Gaaffii 90: Guddiftuun Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Ummu Eeyman yoom duute?
Deebii 90: Eega Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) du’e booda baatii Shan (5) turtee duute.
Barnoota Gaaffii Fi Deebii
Gaaffii 51: Abddallahin abbaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) gaafa du’u umriin isaa meeqa?
Deebii 51: Kudha Saddeeti (18)
Gaaffii 52: Adaadaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Safiyyaan bara mootummaan eenyu ture duute?
Deebii 52: Bara mootummaa Umar ilma Kaxxaab duute.
Gaaffii 53: Adaadaawwan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Kan islaamawan eenyu fa’a?
Deebii 53: Safiyyaa, Arwaa fi Aatikaa.
Gaaffii 54: Adaadaawwan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Kan hin islaamawin eenyu fa’a?
Deebii 54: Ummu Hakiim, Barraa fi Umeeymadha.
Gaaffii 55: Qaanqeen ykn nuurri narraa ba’u, fooqii Shaam kan ibsuun arge tan jette eenyu?
Deebii 55: Aaminaa binti Wahaab, haadha Nabiyyii (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan taate.
Gaaffii 56: Intalti Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan lammaffarratti dhalattef eenyu?
Deebii 56: Ruqiyyaadha.
Gaaffii 57: Duula Tabuuk keessa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hangam ture?
Deebii 57: Guyyaa Shantam (50) ture.
Gaaffii 58: Usmaan binu Affaan intala Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ummu kulsum hijraa meeqatti fuudhe?
Deebii 58: Hijraa lammaffaatti (2)
Gaaffii 59: Maqaawwan Madiinaa tarreessi?
Deebii 59: 1. Madiinatul Munawwaraa.
2. Yasrib.
3. Xeeybaa
4. Xaabaa.
5. Ardul Muhaajir.
6. Hasiinatu.
7. Madiinatu Rasuul (s.a.w).
8. Aakilaatul Quraa Walbuldaan.
9. Jaabiratu.
10. Al-mubaarakatu.
11. Al-baarratu.
12. Al-azraa’u.
13. Al-miskiinatu.
14. Madja’u Rasuuli.
15. Qariyatul Ansaari
Gaaffii 60: Maqaawwan Makkaa tarreessi?
Deebii 60: Jaha Isaanis 1. Makkatul Mukarramaa.
2. Bakkatu.
3. Ummul Quraa.
4. Albaladul Haraam.
5. Albeeytul Atiiq.
6. Alhaaximatu.
Gaaffii 61: Osoo Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hin dhalatin dura namoonni maqaan isaani Muhammad ja’aman eenyu fa’a?
Deebii 61: • Muhaammad ilma Uheeyhaa ilma Jalaah Kan gosti isaa Awsii irraa ta’e.
• Muhaammad ilma Suufiyaan ilma Majaashi’i.
• Muhaammad ilma Hamraan Kan gosti Ju’uufi irraa ta’e.
• Muhaammad ilma Maslamaa Kan gosti isaa Ansaara ta’e.
• Muhaammad ilma Kuzaa’ii Kan gosti Salamiyyi ta’e.
• Muhaammad ilma Baraa’ii Kan gosti Bakriyyi ta’e.
Gaaffii 62: Jaartiin Adeera Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) qoree karaa irratti guuruun Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) rakkisaa turte eenyu?
Deebii 62: Ummu Jamiil Arwaa intala Harbii ykn jaartii Abuu lahab.
Gaaffii 63: Jaartiiwwan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) keessaa tan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) sadaqaa baay’ifti je’een eenyu?
Deebii 63: Zeeynabaa intala Jahshiiti.
Gaaffii 64: Haati mu’umintootaa Zeeynabaan intalli Jahshii hijraa meeqatti duute?
Deebii 64: Hijraa Digdamitti (20)
Gaaffii 65: Zeeynabaan intalti Jahshii gaafa duutu umrii isii meeqa?
Deebii 65: Umrii Shantamii Sadi (53)
Gaaffii 66: Haati Mu’umintootaa Zeeynabaan intalti Kuzeeymaa, Rasuula (Sallallaahu aleyhi wa sallam) wajjiin hammam jiraatte?
Deebii 66: Baatii Saddeet (8)
Gaaffii 67: Jaartiiwwan isaa keessaa tan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) akka laaffisoon nyaata caaltutti dubartirraa isiidha caaltuun je’een eenyu?
Deebii 67: Aa’ishaadha.
Gaaffii 68: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) haadha mu’umintootaa Sowdaa intala Zama’a eega ergamee hagam taa’ee fuudhe?
Deebii 68: Ergamee amata kurnaffaa (10) du’a Kadiijaa booda Ramadaana keessa fuudhe.
Gaaffii 69: Intalti Zeeynabaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) deesse, Tan Aliyyi fuudhe eenyu?
Deebii 69: Umaamaa intala Aabil-Aas ilma Rabii’aat.
Gaaffii 70: Ilmaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) lamaan Kan baatii ramadaana keessa du’an eenyu fa’a?
Deebii 70: Ruqiyyaa fi Faaxumaa dha.
Barnoota Gaaffii Fi Deebii
Gaaffii 41: Lolli cubbuu ykn lolli [harbul fijaar] yeroo meeqa argame?
Deebii 41: Afuri; Isaanis
1ffaa- Jidduu gosa kinaana fi Hawaazinaatti kan argame.
2ffaa- Jidduu gosa Qureeyshi fi Kinanatti.
3ffaa- Jidduu kinaana fi Banii Nasrii ilma Mu’awiyattitti akkasuma
4ffaa- Jidduu Qureeyshi, Kinaana fi Hawaazinatti kan argameedha.
Gaaffii 42: Lola harbul fijaar kana irratti gaheen Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) maali?
Deebii 42: Xiyya Adeerota isaatif Qopheessu ture.
Gaaffii 43: Maqaan kabajaa Zeeynabaa intala jaahshi eenyu?
Deebii 43: Ummu Hakiim.
Gaaffii 44: Duulli Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) baatii Ramadaanaa keessa duulan meeqa?
Deebii 44: Lama (2) isaanis lola Badrii fi Fatihii Makkaati.
Gaaffii 45: Barri Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) dhalatan maalif Bara Arbaa ja’ame?
Deebii 45: Bara Abrahaan Arba yaabbatee ka’abaa diiguf dhufe, Rassuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) waan dhalataniif.
Gaaffii 46: Hasan ilmi Aliyyii hijraa meeqatti dhalate?
Deebii 46: Baatii sha’abaanaa hijraa afraffaa keessa dhalate.
Gaaffii 47: Zeeynabaa binti jahshii Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hijraa meeqatti fuudhe?
Deebii 47: Hijraa Shanaffatti (5)
Gaaffii 48: Osoo Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hin fuudhiniin dura dalagaan Kadiijaa maal ture?
Deebii 48: Daldaltuu turte.
Gaaffii 49: Aa’ishaan bara mootummaa enyuu duute?
Deebii 49: Bara mootummaa Mu’aawiyaati.
Gaaffii 50: Abuulahab gabrittii isaa Suweybaa maalif bilisoomse?
Deebii 50: Waan isiin dhalachuu Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) itti himtee gammachifteef jecha.
Barnoota Gaaffii fi Deebii
Gaaffii 21: Isin caaltuu warra dachiiti Kan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ja’aniin warra khami?
Deebii 21: Warra hudeeybiyyaa dhufan.
Gaaffii 22: Beellama marsaa lammaffaa irraa Kan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) boodarra beellama godhe du’a eenyuu irratti?
Deebii 22: Jaabir ilma Abdallah.
Gaaffii 23: Gaafa adeerri isaa Abbaas islaamawe Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) gammadee maal godhe?
Deebii 23: Gabra isaa Kan Abuu Raafi’i ja’amu bilisoomse.
Gaaffii 24: Miqdaad ilmi Amrii, Hassan, Husseeni fi haadholee mu’umintootatiif maal godheef?
Deebii 24: Hassanii fi Husseen walitti Dirhama kuma soddomii jaha (36) khanneef. akkasuma haadholee mu’umintootatif kuma torba torba (7000) khanneef.
Gaaffii 25: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) intala isaa Zeeynabaa amata meeqa booda jaarsa isii Abil-aas ilma Raabii’atitti deebise?
Deebii 25: Amata jaha (6) booda.
Gaaffii 26: Najjaashiin masaraaxa ykn eboo meeqa Rasuulaaf (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergeef?
Deebii 26: Masaraaxa ykn eboo sadi (3)
Gaaffii 27: Eboo ykn masaraaxa Najjaashin erge Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) enyu fa’af kenne?
Deebii 27: Tokko ofiif hanbifatee, taan Aliyyi fi Umariif kenne.
Gaaffii 28: Kadiijaan gaafa duutu umriin isii meeqa?
Deebii 28: Umrii jahaatamii shani (65)
Gaaffii 29: Kadiijaa maqaan kabajaa isii eenyu?
Deebii 29: Ummu Hindii ykn Haadha Hindii ja’amti.
Gaaffii 30: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) du’u umriin Abdallaa ibnu Abbaas meeqa?
Deebii 30: Umrii kudha sadii (13)
Gaaffii 31: Namni Hamzaa waliin gaafa Lola Uhud awwaalame eenyu?
Deebii 31: Abdallaa ibnu jaahshiiti.
Gaaffii 32: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Hassani fi Husseenin maal ja’anii maqaa qoosaa Baasaniif?
Deebii 32: Shabaaba lamaan jannataa.
Gaaffii 33: Firummaan jidduu Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) fi Zubeeyri jidduu jirtuu maali?
Deebii 33: Zubeeyrin ilma adaadaa Rasuulaati (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Haati isaa Safiyyaa intala Abdul Muxxalib waan taateefi.
Gaaffii 34: Lakkoofsi Arbaa kan Abrahaan Ka’abaa cabsuuf yaabbatee dhufe meeqa?
Deebii 34: Arba kudha Sadii (13)
Gaaffii 35: Osoo Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hin ergamin dura namni afran diinii Nabiyyanaa Ibraahim barbaadaa turan eenyu fa’a?
Deebii 35: 1ffaa Waraqaa binu Nowfil.
2ffaa Ubeeydulaahi binu jahshi.
3ffaa Usmaan ilma Huweyris.
4ffaa Zeyid ilma Amri.
Gaaffii 36: Aanummaan jidduu Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) fi Abbaa Salaamaa ilma Abdul Asad jidduu jirtu maali?
Deebii 36: Ilma adaadaa rasuulaa ilma Barraati akkasumas harma haadha takkaa wajji hodhan.
Gaaffii 37: Gaafa Hijraa bahan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) umrii meeqa?
Deebii 37: Umrii shantamii Sadii (53)
Gaaffii 38: Erga Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) du’ee Faaxumaan Isa booda hangam turtee duute?
Deebii 38: Baatii jaha (6)
Gaaffii 39: Faaxumaan umrii meeqatti duute?
Deebii 39: Umrii digdamii Sagal (29)
Gaaffii 40: Hafsaan intalti Umar gaafa rasuulli umrii meeqaa dhalatte?
Deebii 40: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Umrii soddomii shaniiti (35)
Barnoota gaaffii fi deebii
Gaaffii 1: Masjiinni Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Kabajamaan hijraa meeqaffaa keessa jaarame?
Deebii 1: Hijraa takkaffatti (1)
Gaaffii 2: Faaxumaan intalti Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wasallam) umrii meeqatti heerumte?
Deebii 2: Umrii kudha saddeetitti (18)
Gaaffii 3: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) erga ergamanii booda joollee dhiiraa meeqa argatan?
Deebii 3: Jollee lama; Isaanis Ibraahimii fi Abdallah.
Gaaffii 4: Jalqaba Namni salaamtaa Islaamummaa Rasuula (Sallallaahu aleyhi wa sallam) irratti qara’e eenyu?
Deebii 4: Abu-zarri Al-Gifaari.
Gaaffii 5: Irra caaltuun Jaartii Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tami?
Deebii 5: Kadiijaa intala kuweylid.
Gaaffii 6: Keessummaan Gosa saqiif yoom Rasuulatti (Sallallaahu aleyhi wa sallam) dhufte hijraa meeqatti?
Deebii 6: Baatii Ramadaana keessa Hijraa saglaffaatti (9)
Gaaffii 7: Abbaan Kadiijaa intala Kuweylid duula kam keessatti du’e?
Deebii 7: Duula Harbul fijaar keessatti du’e.
Gaaffii 8: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergamanii waggaa kurnaffatti maaltu argame?
Deebii 8: Aamul Huzni (Bara gaddaati). Sababni isaas Adeeraa fi Jaartiin isaanii waan irraa du’aniif.
Gaaffii 9: Haadha mu’umintootaa Safiyyaa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hijraa meeqaffaa keessa fuudhe?
Deebii 9: Hijraa shanaffatti (5)
Gaaffii 10: Bakka bu’aa muslimtootaa tan deesse intalti warra Haashim eenyu ja’amti?
Deebii 10: Faaxumaa intala Asad, Bakka bu’aan sunis Aliyyi bin Abii-xaalib.
Gaaffii 11: Kadiijaan jaartiin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) yoom duute?
Deebii 11: Baatii Ramadana Hijraa dura waggaa sadaffaatti (3)
Gaaffii 12: Maalif maqaan Abdallah ilmi Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) kan qoosaa Xayyibii fi Xaahir ja’amee yaamame?
Deebii 12: Waan eega Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergamanii booda dhalateef.
Gaaffii 13: Gaafa joollen Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Zeeynaba fi Ruqiyyaan dhalatan umriin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) meeqa?
Deebii 13: Gaafa Zeeynaban dhalattu umrii soddom (30), gaafa Ruqiyyaan dhalattu ammoo soddomii sadi (33).
Gaaffii 14: Salaannii yoom dirqama godhamte?
Deebii 14: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Sami ol bahan.
Gaaffii 15: Intalti Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan dura heerumte eenyu?
Deebii 15: Zeeynabaa.
Gaaffii 16: Haati mu’umintootaa A’ishaan hijraa meeqaffaa keessa duute?
Deebii 16: Baati ramadaana keessa halkan kudha torbatti (17) hijraa shantamii saddeetitti (58) duute.
Gaaffii 17: Ijollee Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) keessaa dubbii fi bifaanillee tan isa fakkaattu eenyu?
Deebii 17: Faaxumaa.
Gaaffii 18: Yahuudaa tami tan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) dura Madiinaa keessaa baasan?
Deebii 18: Yahuudaa banii qeeynuqa’a.
Gaaffii 19: Maalif Abu-Xaalibitti dhaame akaakayyuun Rasuulaa nabi Muhammad akka guddisuuf gaafa du’u?
Deebii 19: Waan abbaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam)fi abuu Xaalib garaa tokko bahaniif.
Gaaffii 20: Umriin Hasan ilma Aliyyii gaafa du’u meeqa?
Deebii 20: Umrii afurtamii torba (47)
Hubannoo kee madaali
Hubannoon kee ofumaan of madaali