Gaaffii 1: Masjiinni Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Kabajamaan hijraa meeqaffaa keessa jaarame?
Deebii 1: Hijraa takkaffatti (1)
Gaaffii 2: Faaxumaan intalti Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wasallam) umrii meeqatti heerumte?
Deebii 2: Umrii kudha saddeetitti (18)
Gaaffii 3: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) erga ergamanii booda joollee dhiiraa meeqa argatan?
Deebii 3: Jollee lama; Isaanis Ibraahimii fi Abdallah.
Gaaffii 4: Jalqaba Namni salaamtaa Islaamummaa Rasuula (Sallallaahu aleyhi wa sallam) irratti qara’e eenyu?
Deebii 4: Abu-zarri Al-Gifaari.
Gaaffii 5: Irra caaltuun Jaartii Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tami?
Deebii 5: Kadiijaa intala kuweylid.
Gaaffii 6: Keessummaan Gosa saqiif yoom Rasuulatti (Sallallaahu aleyhi wa sallam) dhufte hijraa meeqatti?
Deebii 6: Baatii Ramadaana keessa Hijraa saglaffaatti (9)
Gaaffii 7: Abbaan Kadiijaa intala Kuweylid duula kam keessatti du’e?
Deebii 7: Duula Harbul fijaar keessatti du’e.
Gaaffii 8: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergamanii waggaa kurnaffatti maaltu argame?
Deebii 8: Aamul Huzni (Bara gaddaati). Sababni isaas Adeeraa fi Jaartiin isaanii waan irraa du’aniif.
Gaaffii 9: Haadha mu’umintootaa Safiyyaa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hijraa meeqaffaa keessa fuudhe?
Deebii 9: Hijraa shanaffatti (5)
Gaaffii 10: Bakka bu’aa muslimtootaa tan deesse intalti warra Haashim eenyu ja’amti?
Deebii 10: Faaxumaa intala Asad, Bakka bu’aan sunis Aliyyi bin Abii-xaalib.
Gaaffii 11: Kadiijaan jaartiin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) yoom duute?
Deebii 11: Baatii Ramadana Hijraa dura waggaa sadaffaatti (3)
Gaaffii 12: Maalif maqaan Abdallah ilmi Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) kan qoosaa Xayyibii fi Xaahir ja’amee yaamame?
Deebii 12: Waan eega Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergamanii booda dhalateef.
Gaaffii 13: Gaafa joollen Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Zeeynaba fi Ruqiyyaan dhalatan umriin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) meeqa?
Deebii 13: Gaafa Zeeynaban dhalattu umrii soddom (30), gaafa Ruqiyyaan dhalattu ammoo soddomii sadi (33).
Gaaffii 14: Salaannii yoom dirqama godhamte?
Deebii 14: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Sami ol bahan.
Gaaffii 15: Intalti Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan dura heerumte eenyu?
Deebii 15: Zeeynabaa.
Gaaffii 16: Haati mu’umintootaa A’ishaan hijraa meeqaffaa keessa duute?
Deebii 16: Baati ramadaana keessa halkan kudha torbatti (17) hijraa shantamii saddeetitti (58) duute.
Gaaffii 17: Ijollee Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) keessaa dubbii fi bifaanillee tan isa fakkaattu eenyu?
Deebii 17: Faaxumaa.
Gaaffii 18: Yahuudaa tami tan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) dura Madiinaa keessaa baasan?
Deebii 18: Yahuudaa banii qeeynuqa’a.
Gaaffii 19: Maalif Abu-Xaalibitti dhaame akaakayyuun Rasuulaa nabi Muhammad akka guddisuuf gaafa du’u?
Deebii 19: Waan abbaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam)fi abuu Xaalib garaa tokko bahaniif.
Gaaffii 20: Umriin Hasan ilma Aliyyii gaafa du’u meeqa?
Deebii 20: Umrii afurtamii torba (47)