Categories
Uncategorized

Barnoota Gaaffii Fi Deebii

Gaaffii 51: Abddallahin abbaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) gaafa du’u umriin isaa meeqa?

Deebii 51: Kudha Saddeeti (18)

Gaaffii 52: Adaadaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Safiyyaan bara mootummaan eenyu ture duute?

Deebii 52: Bara mootummaa Umar ilma Kaxxaab duute.

Gaaffii 53: Adaadaawwan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Kan islaamawan eenyu fa’a?

Deebii 53: Safiyyaa, Arwaa fi Aatikaa.

Gaaffii 54: Adaadaawwan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Kan hin islaamawin eenyu fa’a?

Deebii 54: Ummu Hakiim, Barraa fi Umeeymadha.

Gaaffii 55: Qaanqeen ykn nuurri narraa ba’u, fooqii Shaam kan ibsuun arge tan jette eenyu?

Deebii 55: Aaminaa binti Wahaab, haadha Nabiyyii (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan taate.

Gaaffii 56: Intalti Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan lammaffarratti dhalattef eenyu?

Deebii 56: Ruqiyyaadha.

Gaaffii 57: Duula Tabuuk keessa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hangam ture?

Deebii 57: Guyyaa Shantam (50) ture.

Gaaffii 58: Usmaan binu Affaan intala Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ummu kulsum hijraa meeqatti fuudhe?

Deebii 58: Hijraa lammaffaatti (2)

Gaaffii 59: Maqaawwan Madiinaa tarreessi?

Deebii 59: 1. Madiinatul Munawwaraa.
                  2. Yasrib.
                  3. Xeeybaa
                  4. Xaabaa.
                  5. Ardul Muhaajir.
                  6. Hasiinatu.
                  7. Madiinatu Rasuul (s.a.w).
                  8. Aakilaatul Quraa Walbuldaan.
                  9. Jaabiratu.
                 10. Al-mubaarakatu.
                 11. Al-baarratu.
                 12. Al-azraa’u.
                 13. Al-miskiinatu.
                 14. Madja’u Rasuuli.
                 15. Qariyatul Ansaari

Gaaffii 60: Maqaawwan Makkaa tarreessi?

Deebii 60: Jaha Isaanis 1. Makkatul Mukarramaa.
                                        2. Bakkatu.
                                        3. Ummul Quraa.
                                        4. Albaladul Haraam.
                                        5. Albeeytul Atiiq.
                                        6. Alhaaximatu.

Gaaffii 61: Osoo Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hin dhalatin dura namoonni maqaan isaani Muhammad ja’aman eenyu fa’a?

Deebii 61: • Muhaammad ilma Uheeyhaa ilma Jalaah Kan gosti isaa Awsii irraa ta’e.
• Muhaammad ilma Suufiyaan ilma Majaashi’i.
• Muhaammad ilma Hamraan Kan gosti Ju’uufi irraa ta’e.
• Muhaammad ilma Maslamaa Kan gosti isaa Ansaara ta’e.
• Muhaammad ilma Kuzaa’ii Kan gosti Salamiyyi ta’e.
• Muhaammad ilma Baraa’ii Kan gosti Bakriyyi ta’e.

Gaaffii 62: Jaartiin Adeera Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) qoree karaa irratti guuruun Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) rakkisaa turte eenyu?

Deebii 62: Ummu Jamiil Arwaa intala Harbii ykn jaartii Abuu lahab.

Gaaffii 63: Jaartiiwwan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) keessaa tan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) sadaqaa baay’ifti je’een eenyu?

Deebii 63: Zeeynabaa intala Jahshiiti.

Gaaffii 64: Haati mu’umintootaa Zeeynabaan intalli Jahshii hijraa meeqatti duute?

Deebii 64: Hijraa Digdamitti (20)

Gaaffii 65: Zeeynabaan intalti Jahshii gaafa duutu umrii isii meeqa?

Deebii 65: Umrii Shantamii Sadi (53)

Gaaffii 66: Haati Mu’umintootaa Zeeynabaan intalti Kuzeeymaa, Rasuula (Sallallaahu aleyhi wa sallam) wajjiin hammam jiraatte?

Deebii 66: Baatii Saddeet (8)

Gaaffii 67: Jaartiiwwan isaa keessaa tan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) akka laaffisoon nyaata caaltutti dubartirraa isiidha caaltuun je’een eenyu?

Deebii 67: Aa’ishaadha.

Gaaffii 68: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) haadha mu’umintootaa Sowdaa intala Zama’a eega ergamee hagam taa’ee fuudhe?

Deebii 68: Ergamee amata kurnaffaa (10) du’a Kadiijaa booda Ramadaana keessa fuudhe.

Gaaffii 69: Intalti Zeeynabaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) deesse, Tan Aliyyi fuudhe eenyu?

Deebii 69: Umaamaa intala Aabil-Aas ilma Rabii’aat.

Gaaffii 70: Ilmaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) lamaan Kan baatii ramadaana keessa du’an eenyu fa’a?

Deebii 70: Ruqiyyaa fi Faaxumaa dha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *