Gaaffii 91: Zeeynabaan intalti Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) gara Madiinaa hijraa meeqaffatti godaante?
Deebii 91: Hijraa lammaffaatti (2)
Gaaffii 92: Ilmi Adeera Khadiijaa kan gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergame Khadijaan bira geessite eenyu?
Deebii 92: Waraqaa ilma Nowfil.
Gaaffii 93: Boojuu Banii Qureeyzaa keessaa intalti Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) lubbuu isaatif filate tami?
Deebii 93: Rihaanaa intala Zeyid.
Gaaffii 94: Gaafa kam Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ani Nabiyyiidha hin kijibu, ani ilma Abdulmuxxalibi je’ee dhaadate?
Deebii 94: Gaafa duula Huneeyniiti.
Gaaffii 95: Jaartin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hedduu soommanuu fi hedduu halkan dhaabbattee salaatun tan beekkamtu tami?
Deebii 95: Hafsaa binti Umar ibnu kaxxaabi.
Gaaffii 96: Aayanni qur’aanaa erga Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) du’e booda buute tami?
Deebii 96: Hin jirtu (wahyiin ni dhaabbatte).
Gaaffii 97: Gurbaan warra ibiddaa Kan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) qamisa isaaniitiin kafananii irratti salaatan eenyu?
Deebii 97: Abdallah ibnu Ubeyyi ibnu Saluul (mataa munaafiqaa kan ta’e).
Gaaffii 98: Intalti Rabbiin Rasuulaaf (Sallallaahu aleyhi wa sallam) nikaaya hidhe tami?
Deebii 98: Zeeynabaa binti Jahshi.
Gaaffii 99: Jaartii Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) keessaa tan hin deenne tami?
Deebii 99: Aa’isha binti Abii Bakriiti
Gaaffii 100: Sahaabtichi ijaan Rasuula (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hin argin eenyu?
Deebii 100: Abdallah ilma ummi Maktuum Kan ballaa ture.
Categories