👉 Dargaggeessa tokkotu kan akkaan rabbiin sodaatutu baadiyaa keessa jiraata ture, gaaf tokko namoonni waayee lafaa qo’atan osoo lafarratti qu’annaa gaggeessanii aduun itti dhiinaan gargar bahanii ergasii warroota qu’annaa gaggeessan keessaa shamarri (dubarri) takka osoo deemaa jirtuu mana wahii of fuunduratti argitee achi dheyxee ergasii abbaa manichaatti wanta isii muudate itti himtee na bulchi jetteenii gaafatte namichis waan akkaan rabbi sodaatuf heyyameef ergasii isii siree isaa gadhiiseefii siree isaa irra rafte inni garuu lafa rafe siree isii jalaan akka hin qorrineef ibidda qabsiifatee ibidda cinaa rafee amma jidduuma kana sheeyxaanni waswaasuu eegalee sireerratti itti ol bahii je’een ergasii namichis isii irratti badii dalaguurra je’ee quba isaa tokko ibidda keessa kaahee gubee xiqqo rafe isiinis namichi narratti ol hin bahuu jettee eegaa jirti ergasii namichi yeroo inni quba ofirratti gubu arginaan maal akka tahe galuufii dide namichi ammas xiqqoo erga rafee booda hirriba keessaa dammaqe ammas sheeyxaanni waswaasee sireerratti ol bahi jennaan namichi ammas isiirratti badii dalaguurra je’ee amnas quba isaa tokko ofirratti gube osoo akkanuma godhuu quba isaa hunda ofirratti gube intallis rifattee maal akka inni godhu osomaa laaltuu hirriba osoo hin rafin itti bariinaan gara mana isiitti galte ergasii maatiin isii eessa turtee(bultee) galte gaafatan isiinis wanta hundaa itti himte abbaan isiitis waan namichi of godhe dhageenyaan isiidhaan mana isaa natti agarsiisi je’eenii itti agarsiistee abbaa isii biraa deebite abbaan isii erga namicha bira gahee nagaa gaafatee ergasii quba isaa huccuun kan mammarame argee qubni kee maal si tahe je’ee gaafate namichis abbaa Intalaa akka tahe hin beeku ergasii akkanatti intalli takka na bira bultee achumaan sheeyxaanni na waswaasnaan quba kiyya ofirratti gube je’eenii itti hime abbaanis dalagaan namichaa akkaan waan dinqisiisteef ani abbaa intala saniiti je’eenii itti hime ergasii intala isaa nikaaha godheefii itti heerumsiise
Subhaanallaah! Wallaahi Wabillaahi rabbiin nama isaa je’ee of qabe yeroo kamiyyuu ni milkeessa.🤲🤲
Nama birootiifis seenaa tana dabarsaafi ittiin wal gorsaa Jazaakumullaahu keyran!
Categories