1. Kaayyoo Keessaa Hubadhu:
➨ Maaliif akka salaatu:- Salaanni dirqama Rabbiin nurra kaa’eedha, akkasumas karaa ittiin Rabbiitti dhihaannuudha. Kaayyoo kana yoo hubatte, salaanni sitti hin ulfaatu.
➨ Ibaadaan maal akka ta’e: Ibaadaan wanta Rabbiin jaalatu hunda hojjechuudha. Salaanni ibaadaa keessaa isa guddaadha, garuu zakaa kennuu, soommanuu fi dalagaa gaarii hojjechuunis ni jira.
2. Qophii Godhadhu:
➨ Yeroo sirrii filadhu:- Yeroo hojii dabalataa hin qabnetti salaatuu filadhu.
➨ Bakka mijataa barbaadi: Bakka qulqulluu fi xiyyeeffannoo nama hin harkisne filadhu.
➨ Qulqullina eeggadhu: Salaata dura wudu’a goradhu. Wudu’aan qaama kee qulqulleessuu qofa osoo hin taane, sammuu kee salaataaf qopheessa.
3. Salaata Hin Jarjarsin:
➨ Suuta suutaan salaati:- Jechoota salaataa hubachuuf yaali.
➨ Xiyyeeffannaa kee walitti qabi: Wanta adda addaa yaaduu dhiisii salaata keetirratti xiyyeeffadhu.
➨ Du’aa’ii goradhu: Salaata booda Rabbi karadhu. Wanta barbaaddu hunda Rabbi gaafachuu dandeessa.
4. Ibaadaa Biraa Godhi:
➨ Qur’aana dubbisi:- Guyyaa guyyaan Qur’aana dubbisuu fi hiikkaa isaa hubachuuf yaali.
➨ Zakaa kenni:- Qabeenya kee irraa harka muraasa hiyyeeyyiif kenni.
➨ Soomi:- Ramadaan keessa soomu. Soomuun qaama kee qulqulleessuu qofa osoo hin taane, sammuu kee cimsa.
➨ Dalagaa gaarii hojjedhu: Nama gargaaruu, nama tasgabbeessuu fi nama gammachiisuuf yaali.
5 . Du’aa’ii Godhadhu:
➨ Rabbiin kadhadhu:- Salaata fi ibaadaan akka siif laafutti Rabbiin kadhadhu.
➨ Abdii hin kutatin:- Yeroo tokko tokko salaanni siif ulfaachuu danda’a, garuu abdii hin kutatin. Yeroo hunda Rabbiin kadhadhu.
➨ Akkuma hojii hundaatti, salaata fi ibaadaan barachuu fi itti cichuun barbaachisa. Haa ta’u malee, mindaan isaa guddaa dha. Salaanni fi ibaadaan jireenya kee gammachuu fi nageenyaan guutuu danda’a.
Rabbiin Salaata Isiniif Haa laaffisu🤲
Month: November 2025
Qur’aanaa fi Saayinsiin Ammayyaa waa’ee Orbiitii ilaalchisee maal dubbatan. Yeroo Kana jennu, Qur’aanaa fi Saayinsiin tokko jechuu keenyaa miti. Garuu waan Qur’aanni Waggoota 1400 dura dubbate, kan Saayinsiin ammayyaa itti qaqqabe dubbachuu keenya malee. Yoo Qur’aanaa fi Saayinsiin tokko kan jennu taate dogooggora guddaadha. Wanti Nuti waa’ee kanaa irratti ibsuu barbaanne waan Qorannoon Saayinsii ammayyaa itti qaqqabe kan Qur’aanni waggoota 1400 dura dubbate ifa Gochuu dha. Mee bakka lamatti qoodnee waa’ee Orbiitii (Falaka) jedhu kana haa ilaalluu:
1. Waa’ee Orbiitii (Falak): Qur’aanni waa’ee sochii aduu, ji’aa fi qaamolee samii biroo yeroo dubbatu, jecha addaa fi hiika gadi fagoo qabu fayyadama. “Falak” Jechi kun afaan Arabiffaatiin waan geengoo ykn daandii maramaa agarsiisa.
Aayatoonni armaan gadii dhimma kana ifa godhu:
A. Aayata “Kullun fii Falakin Yasbahuun”
Aayanni kun Qur’aana keessatti iddoo lamatti irra deddeebi’amee dhufe, kunis barbaachisummaa isaa agarsiisa: Suuraa Al-Anbiyaa’, Aayata 33:
“وَهُوَ الَّذِي خَلَقَ اللَّيْلَ وَالنَّهَارَ وَالشَّمْسَ وَالْقَمَرَ ۖ كُلٌّ فِي فَلَكٍ يَسْبَحُونَ”
Hiika: “Inni (Rabbiin) Isa halkan, guyyaa, aduu fi ji’a uumeedha. Hundinuu daandii (orbiitii) ofii isaanii keessa daaku (socho’u).”
Suuraa Yaasiin, Aayata 40 ttis akkana jedha:
“لَا الشَّمْسُ يَنبَغِي لَهَا أَن تُدْرِكَ الْقَمَرَ وَلَا اللَّيْلُ سَابِقُ النَّهَارِ ۚ وَكُلٌّ فِي فَلَكٍ يَسْبَحُونَ”
“Aduun ji’a qaqqabachuun (bakka isaa bu’uun) isaaf hin malu; halkanis guyyaa hin dursu. Hundinuu daandii (orbiitii) ofii isaanii keessa daaku (socho’u).”
Ibsa Aayata Kanaa: Kullun-Hundinuu): Jechi kun aduu, ji’a, fi akkuma aayata duraa irraa hubannutti, qaamolee halkan uumaman (urjoota) fi lafa (sababni halkan fi guyyaan lafa irratti uumamuuf) of keessatti hammata. Kana jechuun qaamni samii hundi sochii keessa jira jechuudha.
Falak – Orbiitii/Daandii) jechuudha. Akkuma olitti ibsame, kun daandii geengoo, kan maramaa ta’e agarsiisa.
Yasbahuun jechuun Ni daaku jechuudha. Jechi kun Arabiffatti sochii qaama tokkoo kan ofuma isaatiin ofirra naanna’aa deemu agarsiisa. Akkuma nama bishaan keessa daakuu jechuudha. Kunis aduun, jiinii fi lafti yeroo orbiitii isaanii keessa deeman, ofirraas naanna’uu (rotation) isaanii agarsiisa.
Dinqiin isaa, jechi Yasbahuun jedhu gara duubaatti yoo dubbifames “Yasbahuun” ta’a. Kunis sochii irra deddeebii fi kan hin dhaabbanne agarsiisuu danda’a.
Yaada “Aduun ni Socho’a” Jedhu; Hanga jaarraa dhihoo asitti, saayintistoonni Awurooppaa aduun bakka tokko dhaabbatti (static) jedhanii amanu turan. Garuu Qur’aanni ifatti aduunis akka sochootu ibsa.
Suuraa Yaasiiin, Aayata 38 irratti:
“وَالشَّمْسُ تَجْرِي لِمُسْتَقَرٍّ لَّهَا ۚ ذَٰلِكَ تَقْدِيرُ الْعَزِيزِ الْعَلِيمِ”
“Aduun iddoo murtaa’e) kan isheedhaaf murameef ni fiigdi (socho’a). Kun murtoo (Rabbi) Injifataa, Beekaati.”
Jechi “Tajrii” jedhu ni fiigdi jechuudha. Aduun bakka tokko dhaabbachuu ishee Qur’aanni ni morma.
Walumaagalatti: Qur’aanni ifaan ifatti, Qaamonni samii (aduu, ji’a, urjoota, lafa) hundi ni socho’u. Tokkoon tokkoon isaanii daandii (orbiitii) mataa isaanii qabu.
Sochiin isaanii akka daakuuti, kunis ofirra naanna’uu fi orbiitii keessa deemuu agarsiisa.
Aduun bakka tokko hin dhaabbattu, isheenis orbiitii mataa ishee qabdi.
2. Ilaalcha Saayinsii Ammayyaa: Orbiitii fi Sochii Samii; Saayinsiin ammayyaa ragaa qabatamaa hedduun wantoota Qur’aanni waggaa 1400 dura ibse kana itti qaqqabeera.
Qaamni Samii Hundi ni Socho’a: Yaada “wantoonni samii hin socho’an” jedhu durii, saayinsiin kuffiseera. Aduun, pilaanetoonni ishee (lafa dabalatee), ji’oonni isaanii, fi urjoonni hundi sochii walxaxaa keessa jiru.
✅️Orbiitiiwwan (Daandiiwwan):
-Jiini lafa naanna’a.
-Lafii fi pilaanetoonni biroo aduu naanna’u.
-Aduun mataan ishee bakka tokko hin dhaabbattu! Akkuma Qur’aanni jedhe, aduun sirna pilaanetootaa ishee (Solar System) guutuu waliin, wiirtuu gaalaaksii keenyaa (Milky Way Galaxy) naannofti. Saffisa tilmaamaan 220 km/sekondii ta’uun socho’a. Naannoo tokko guutuu gochuuf waggoota miliyoona 230 itti fudhata.
-Gaalaaksiin keenya (Milky Way) mataan isaas ni socho’a. Gara gaalaaksii biroo kan “Andromeda” jedhamuutti saffisa guddaan siqaa jira.
✅️Sochii “Daakuu” (Rotation and Revolution):
-Lafri: Yeroo aduu naannoftu (revolution), ofirras ni naannofti (rotation). Kun halkan fi guyyaa uuma.
-Ji’a: Yeroo lafa naanna’u, ofirras ni naanna’a. Sababa kanaaf, nuti yeroo hunda fuula ji’aa isa tokko qofa agarra.
-Aduun: Ofirras ni naannofti.
✅️Seera Uumaa (Physical Laws): Sochiin kun hundi akka tasaa miti. Seerota fiiziksii kan akka harkisa lafaa (gravity) fi seera sochii Newton hordofee adeema. Qur’aanni kana “Taqdiirul-‘Aziizil-‘Aliim” (Murtoo Injifataa, Beekaati) jechuun ibsa. Kunis sirna (system) uumamaa kan herrega sirrii fi seera cimaan hoogganamu ta’uu isaa agarsiisa.
Akkuma waa’ee boca lafaa irratti argine, dhimma orbiitii irrattis ilaalchi Qur’aanaa fi saayinsii ammayyaa guutummaatti wal-simu. Qur’aanni yeroo saayinsiin hawaa hin jirreetti ragaa sirrii fi ifa ta’e kenne. Fkn, aduun bakka tokko akka hin dhaabbanne ibsuun isaa, dinqii Qur’aanaa kan biraati. Kunis ammas ragaa Qur’aanni jecha uumaa addunyaa kanaa ta’uu isaa mirkaneessudha.
Haraam irraa ija gaqqabachuu
Kutaa 4ffaa
• Ija gaqqabataa namni kharaarra taa’u arra. ija gaqqabataa arra namni kharaarra taa’u. tokkoffaa wannummaan khararra taa’uufuu maali! arra namni waan adda addaa laaluufi. dubartii achii baatee achi seentu laaluufi gaafiin hin jirtu tana kheessa. nama magaalaa kheessa deemu gosa hedduu jira aboo laalikhaa tanafaa, aboo tunfaan hin bareedduu masha allah awoo dubbii ajaa’ibaati ja’a, aboo warra eessaati sa mucaan tun dhihuma tanaan arkee haariyaa seenee ja’aa bar, laaluufi wanni namni khararra taa’uuf. makhiinaa namaa ta gaddeemtu, ta ol deemtu makhiinaa tana hoo eenyuu bite sa aboo tun faan ta ajaa’ibaati immoo abaluu bitee awoo dura deemee bar waan akkana akkanaa laaluufi namni tun hundi laaggaa fitinaa siffiddu qabdii beekhi tun hundi fitinaa siffiddu qabdi qabeenya khee kha qabdutti akka hin gammanne si gooti qana’aa akka hin qabaanne si gooti miskiinummaa qalbii siffiddi ta namaa tana laaltee atii ifii teetiif jireenyi kheetuu fatanaa kheessa jira namuu fatanaa kheessa jiraa beekhi kha makhiinaan deemu sanilleen fatanaa kheessa jira fatanaan namaa wal haa dhabduu malee.
• ( لقد خلقنا الانسان في كبد )
Ilma namaa fatanaa kheessa uumnee ja’a rabbiin s.w gaafa dura garaa haadhaatii baaturraa eegalee namni fatanaa kheessa jira achumaa booyaa gabbaha booyichaan eegala jiruma tanaahuu gaafa achii khe’e daaddee baxxaq baxxaq ja’a achi kufa achii ka’a achi kufa qabsoodha jiruun khalaas achii hogguu khe’ee tapha eegale maaltu dhufa haati maaf waan akkanaa hin godhin jattee garafti achii barnoota seena hojii manaatii jira cinqii jira hojii manaa tana ni dabara fatanaa jira ministirii jinnii achii as guuri gaafa achii eeybifamee behees hojii barbaada haariyatti si fiizaa qabatee bakka cufa deema fatanaadha tuniis achi seena managerri isaa maaf sa’aa lamatti hin seenin aboo ati maaf sa’aa dabarsita miindaan kee murame tana osoo firraa eeguu jiraata namni jireenyi duniyaa qabsoodhaa jachu ammoo ija tee gadhiistee laaluun akka ati jireenya khee khana tuffattu akka ati jireenya Rabbiin sii qoode jaalachuu dhabdee rabbii wajjin wal loltu si gooti aboo abaluus nagiya jiraa abaluus nagiya jiraa aboo anuma qofaa ta biraa kheessa jira maali musiibaan na buute maali balaan na buute jireenya khee khana ni jibbita ammoo yo qalbiin as deebitee laalte waan namni san hin qabne ta ati qabdu dila takkaa jira qananii Rabbiin nama tanii kannin ta siif kanne dila takkaa jira abbaan qabeenyaa qabeenya qabaachuu mala garuu nyaata barbaade nyaachuu hin dandahu nyaata barbaade nyaachuu hin dandahu.
• ( ولا تمدن عينيك الى ما متعنا به )
Waan isaan itti qananiisne tana hin laalinii je’e rabbi s.w jaartii babbareedduu khannineefii qabeenya babbareedaa khannineefii jara kaafiraa khana waan isaani ballisne tana hin laalinii je’e duniyuma tanarratti akka itti qanani’aniif khannineef malee qananii biraa kheessa hin jiranii je’e rabbiin s.w akkuma aayata biraa keessatti himetti rabbiin s w
( ومن اعرض عن ذكري فان له معيشه ضنكا ونحشره يوم القيامه اعمى قال ربي لما اشرتني اعمى وقد كنت بصيرا قال كذلك اتتك اياتنا فنسيتها وكذلك اليوم تنسى )
Duniyaa tanarratti namni rabbi kafare namni haqa rabbii wallaale nama Islaamaa tahuus dilii kheessa khute kha dilii gurguddoo hunda dalage takkaa shirkii cufa kha dalage namni san duniyaarrattuu jireenya cinqii isa jiraachisnaa je’e rabbi s.w osoo qabeenya qabuu moo ee osoo qabeenya qabuu osoo beekkamtii qabuu moo ee osoo beekkamtii qabuu urjii addunyaa tanaa ta amma ja’an tana haa tahu yoo fadhe urjii duniyaa silaa sahaaboota rasuulaati s.a.w warra diin khana duniyaa tana waliin gehee khute garuu dalagaa sheeyxaanaatirraa sheyxaanni urjii nama biraa nu fakkeessee nu dura khaaye warra sheeyxaanaaf bitamu.
• Namni arra ijaan rahaa barbaada ija isaa gadhiisee rahaan san qalbii dhaqqabuu hin dandeessu namni arra gurraan wallee adda addaa dhaggeeffachuu fi asoosama jaalalaa dhaggeeffachuu fi waan akkanaatiin gammachuu barbaada wanni san ammoo qomasaarra hin geessu gammachuu irraa hin agaru maalif jannaan bakki gammachuu arkataniin qalbiidha gaa bakki gammachuu arkataniin qalbiidha malee ijaa miti qalbiidha malee gurraa miti haraam dalaga namni khe’ee farshoo dhuga zinaa dalaga waan adda addaa dalaga gammachuu hin agaru maalif qalbiidha bakki gammachuu barbaadaniin obboleeyyan bakka sanii dhabe namni arraan tana irra guddaan warri beekkamaa addunyaa kun maal tehe farshoo adda addaa dhugaa maal figgadhiisa rahaa barbaada fooriyyaa namni addunyaarraa fooriyyuuf san hogguu laallu gammachuun sanii achii hin hafneef nu fakkaattiimii wallaahi cinqi jira namni san khe’ee maal godha hoggaa gale diraga adda addaa khana figgadhiisa farshoo adda addaa dhuga waan adda addaatiin qaama isaa hadoocha cinqii jireenyaa ta kheessa jiru tana irraanfachuuf kha nuti raha jira seenu inni cinqi jira tana figgadhiisa taan figgadhiisa boodarra sammuun isaatuu nagiya hin qabdu nama akkasii.
• Faayidaan ija gaqqabachuu maali tokkoffaa haraam irraa tiiyfamuudha lammaffaa jaalala duniyaatiin osoo hin sakhaalamne waan rabbiin siif qoode akka jaalattu si gooti ija tee gaqqabachuun sadaffaa khushuu’a namaa fiddi ija gaqqabachuun namni ija gaqqabatu khushuu’a qaba afraffaa ija gaqqabachuun qalbii namaa qulqulleeysiti qalbiin namaa ni qulqullooyti qalbiin namaa tun akka daawwitii adiidha waraqaa adii takkaahuu namni hoggaa dilii dalage tuqaa gurraattii irra tuqama hoggaa dilii dalage tuqaa gurraattii irra tuqama lakka dili daddeebi’aa deemuun namni osoo irraa hin toowbanne diliin wal duubaan lakka dalaguun qalbiin isaa tun gurraachoomtee walii galti duboo obboleeyyan islaamaa hoggaa khana rasuul a.s.w maal je’e
( كالكوزي مجخيه )
Akka bircuqqoo gaggaragalchanii taatii je’e qalbiin namaa bircuqqoon tun waa itti qicachuudhaaf ol garagaltee taa’uu qabdi waan itti qicattu siif fuuti yoo gaggaragalchite hoo ta kheessa jirtuus kheessaa gannaqamti ta gubbaan itti neeyxuus gubbarra yaati malee gad hin seentu ilma namaa akkas taha hoggaa diliin qalbii isaa dukkaneessite.
• Bircuqqoon tun waa itti qicachuudhaaf ol garagaltee taa’uu qabdi waan itti qicattu siif fuuti yoo gaggaragalchite hoo ta kheessa jirtuus kheessaa gannaqamti ta gubbaan itti neeyxuus gubbarra yaati malee gad hin seentu ilma namaa akkas taha hoggaa diliin qalbii isaa dukkaneessite achi booda gara galchee yaada wanni ati biratti fokkattu isa bira bareeddu wanni ati bira bareedduu isa bira fakkottu masjiida dhaquu salaatuu qur’aana qara’uu kana badawumma laalaahuu akka nama boodatti hafee aadaa amata 1400 duraa akka nama saniin deemuu laalaa jachu ammoo wanti tun faayidaa isiin qabdu rahaa isiin qabdu tana irraa cufaadha inni ammoo dubartiirra harka khaayyatee deemuu mana caffaraa dhiichisee if waraabee gadhiisuu farshoo adda addaa dhuguu gubboo khannuu gubboo fudhachuu dubartiin isa jala yaa’uu tana hariifumma laala namni qalbiin isaa gaggaragaltee waan jirtuuf jecha khanaaf duboo obboleeyyan islaamaa ija gaqqabachuun qalbiin namaa akka qulqullooytee teessu gooti.
• Gaaf tokko imaamu shaafi’iin gaafa qur’aana haffazu sheekha isaa wakiil bira dhaqe walaloodhaan kaaye maal je’e
( شكوت الى وكيع سوء حفظي وارشدني الى ترك المعاصي واخبرني بان العلم نور ونور الله لا يغطي )
Sheekha khiyya wakiil bira dhaqeetiin itti himee je’e yaa sheekha dhihoo tana maali arra hifziin najjabaattee qur’aana arra dadhabee duraan daqiiquma xiqqottiin haffazee kha’aa arra na dheeratee maalii je’e maal je’e
( وارشدني الى ترك المعاصي )
Dilii dhiisii naan je’ee je’e diliitu akkana si godhee dilii dhiisii diliirraa fagaadhuu
( واخبرني )
Naaf hime
( بان العلم نور )
Ilmiin tun nuura laal yaa shaafii ilmiin tun nuuraa beekhi naan je’ee je’e nuurri rabbii ammoo nama dilii dalaguuf hin kannamuu rabbi diliirraa nuhaa fageessu obboleeyyan islaamaa.
• Rasuul a.s.w maal je’e nama osoo haraam tokko laaluu fadhuu osoo laaluus danda’uu osoo carraa qabuu ijasaa tana dirqiin nama irraa gaqqabe rabbiin mi’aa iimaanaa bakka buusaafii je’e rabbiin nama san mi’aa iimaanaa yoom agarre obboleeyyan yoom agarre mee laali arraan tanarraa laali ammarraa osoo waan takka laaluu feetuu ija irraa gaqqabi wallaay mi’aa san hogguus si dhagayamti hoggus firra agarta mi’aa san mi’aa iimaanaa ta inni itti qanani’u takka rabbiin bakka buusaafii je’e rabbiin warra itti dalagu nuhaa godhu.
Haraam irraa ija gaqqabachuu
Kutaa 3ffaa
• Qabeenya namaa bareedaa tokko yoo agarte masha allah yaa rabbi barakhaa kheessa khaayiif ja’ii kharadhuuf li’annahuu ijji tee itti hafti waan san. ijji tee waan san ni balleessiti. ijji tee waan san ni miiti. al eeynu haqqun ijji haqa RASUULAA je’e s.a.w. ija ija ja’an malee wanni ija ja’amtu hin jirtu hin je’in ni jirti. gaafa sahaabaatillee ni turte, gaafa rasuulaatillee ni turte. RASUUL a.s.w. sanirra dhaabbatee ijji nama miidhuu nuu hime ERGAMAAN RABBII a.s.w.
• Gaaf tokko sahaabaan tokko osoo qaama dhiqatuu sahabaan tokko isaa asitti girdoo isaa godhee dhaabbata osoo dhiqatu namni tokko deemaa dhufe sahabaan ERGAMAA RABBII a.s.w akkuma deemaa dhufetti akkuma akkana je’etti qaama isaa bareeda arge gurbaa dhiqatu kana. aboo qaamni khanuma akkami qaamni bareedaan akkanaa takkaan agarre je’e gurbaan. sahaabtichi san hogguma san hollatee lafa dhehe kan dhiqachuu jiru. ERGAMAA RABBII bira geesse dubbiin a.s.w hoggaa kana RASUUL a.s.w maal je’ee gaafate dubbiin tun maal irraa dhufte jennaan maal agartee mee waan shakkite ni qabdaa je’een gurbaa khaan kan bira jiruunis yaa ERGAMAA RABBII s.a.w osoo gurbaan kun qaama dhiqachuu jiru tokko deemaa dhufee akkana je’e hin jenne gurbaa akkas je’e san naaf yaama je’een RASUUL a.s.w hoggaa gurbaa yaman maal je’een ergamaan rabbii a.s.w
على ما يقتل بعضكم البعض
Sa gariin keessan maalif wal ajjeestan boo je’een. maalif wal ajjeestanii wanni irra wal ajjeestan maalii! tokkoon keessan hoggaa waan isatti bareedu arke masha allah je’ee marakhaa haa khadhatuufii je’e. ERGAMAAN RABBII a.s.w akkasitti gurbaan san akka dhiqatu godhee kha laale san wadda’atee dhiqatee bishaan isaa saniin fuudhanii khaan kha dhukkubsate san irra naqanii namichi san akkasi fayyee jachu itti dhiqatee. ijji haqa.
• العين تدخل الرجل القبر والجمل قتل
Ijji dhiira meeqa qabri galchiti. ammallee gaala meeqa disxi galchiti. gaalli hoggaa itti bareedee laalee namni gaala san diree gaalli san dhukkubsatee hoggaa du’uu deemu firraa qalatanii disxi darbatanii nyaatan. ijji haqaa jechu dubo obboleeyyan islaamaa. ija gaqqabachuun balaan tee akka nama hin seenneefiis ni gargaarti. ija gaqqabachuun balaan namarra jirtu sanilleen akka sin seenneef ni gargaarti. fitinaa hunda sirraa qabdi jachu obboleeyyan islaamaa. khanaaf ija teenya gad haa qabannuu. kheessaafuu zabana teknooloojii khana. kheessaafuu zabana intarneet khana. kheessaafuu zabana namni hayaa dhabee qaanfii dhabee khabajaa waan ja’amu isa kheessaa fuudhamte. dur namni safuu qaba amantiillee yoon beeyne namni adaba aadaa mataa isaa qaba. aadaa waan fokkottuurraa isa dhoorkitu qaba. amma aadaan saniis ni dhabamte amantiilleen nu kheessaa dhabamte obboleeyyan islaamaa. wanni nuti laallu waan nama qaanfachiisu. wanni nuti haasooynu. wanni nuti dhaggeeffannu. wanni nuti hojjannu. irra guddaan isii waan nama qaanfachiisu kheeyriiniis akkuma jirtu tehee. khanaaf duboo obboleeyyan islaamaa balaan hundi bakki irraa khaatu ija.
• Balaan hundinuu bakki irraa khaatu ija. jaalalti duniyaa bakki irraa si seentu ija. boonni bakki irraa si seenu ija. nama boonu bira teessee akkaataa isaa yoo agarte boonaatu si kheessa dhufa atilleen boona san hawwita. if ajaa’ibuulleen bakki irraa nama dhuftu ija. ati nama ibaadaa tokko taatee nama badii kheessa jiru tokko yoo agarte if ajaa’ibda sa boo an edaa nagiyattiin jira aboo ana malee dhiirti hin jirtu jetta osoo deemtuu ija gaqqabadhuu. khanaaf RABBIIN s.w tanatti nu ajajaa jachu obboleeyyan islaamaa.
• Hawaasa keenya wanni diigu jiru guddoon ija. hawaasa keenya wanni balleessu jiru guddoon ija. sababaa khanaatiif ERGAMAAN RABBII a.s.w
نهى عن الجلوس في الطرقات
Kharaara taa’uu dhoorke RASUUL a.s.w magaalaa kheessa taa’uu ni dhuurke ERGAMAAN RABBII a.s.w sahaabaan hoggaa khana yaa ERGAMAA RABBII khararra taa’uu khana nuti dhiisuu hin dandeenyuu ja’aniin haajaa teenyaa kheessa nuu jira binnee kheessa gurguranna keessatti yaada wal dabarfanna khararra taa’uu khana yaa RASUULA RABBII duboo akkami itii haajamnaahii jennaan maal je’een RASUUL a.s.w
اذا اعطوا الطريقه حقها
Kharaaf haqa isaa khanaa je’e eega akkas taate eega dhiisuu hin dandeenye haqa kharaa guutaahii je’e haqni kharaa maali duboo obboleeyyan islaamaa arra irra guddaan keenya khararra ni tatteenya arra irra guddaan keenya khararra taa’uun amala nu tehee jira haqa kharaa khannu jirraa dura haqa kharaa sanuu ni beeynaa obboleeyyan islaamaa hoggaa khana sahaabaan
وما حق الطريق يا رسول الله صلى الله عليه وسلم
Yaa ergamaa rabbii haqni kharaa maalii ja’aniin kharaalleen haqa nurraa qabaa ee kharaalleen haqa isinirraa qaba haqni kharaa maali duboo yaa ergamaa rabbii jannaan
غضوا ابصاركم
Ija teessan gaqqabadhaa toltutti ajajaa hamtuurraa dhoorkaa je’e.
Itti fuufa……………………..
Haraam irraa ija gaqqabachuu
• Wanni ilmi namaa waa itti fudhatuun informeeshina ala jiru tuttuqaan ta’uu mala wanni kun waan akkanaatii je’ee ni beekha. namni ijaani khaan kan lammaffaa. kan sadaffaa gurraan dhagahuun informeeshina fudhata. namni ammoo khana hunda keessaa kan foddaan isaa qalbii wajjin qaxxixaa wali banaa ijaa ja’an. wanni ijaan laalte akkasumatti qalbii teetirra sii teessi footoon isii viidiyoo ta’uus sochiin wanni ati agarte tun akkasuma waraabamtee qalbiirraa sii teessi. xiqqo booda teessee yoo yaaddeehuu waan san hunda tartiibaan agarta akka nama kaameeraa viidiyoon waraabee. ijji adagaan isii badduudha obboleeyyan islaamaa. ijji dubbiin isii badduudha.
• Maal je’e RASUUL a.s.w sahaatichi tokko itti dhufe gaafate ERGAMAA RABBII yaa ERGAMAA RABBII maal naan jattaa je’een
النذر الفجاه
laalicha dagaggamaa tirraa maal naan jettaa je’een karaa osoo deemu jiruu fakkeenyaaf akkumaan akkana je’etti dubartii takkarra yoon dhaqe, akkumaan akkana je’etti waan haraamiirra yoon dhaqe akkam naan jattaa jennaan
قال له اصرف بصرك
Ija tee gaqqabii je’een RASUUL a.s.w itti dhaabdee hin laalinii tara duraa dingataan irra dheeyxee san sittin katabamtuu je’een. achi booda ammoo ta ati laalte ta ati mirga kheetiin laalte san ammoo siif katabamti hulii daqiiqaa hanga laaltu wajji siif katabamti guyyaa boruu ammoo RABBIN s.w maal ja’a
ان السماء والبصر والفؤاد كل اولئك كان عنه مسؤولا
Ijji namaa ta wahiin arra laalu tun, gurri namaa ka namni arra wahiin dhaggeeffatu waan adaba qabuu fi waan adaba hin qabne hunda itti dhaggeeffatu, ijji namaa kan waan nama qaanfachiisuu fi waan gaarii itti laalu kitaaba rabbi haa laalu namni. guyyaa boru
كل اولئك كان عنه مسؤولا والفؤاد
Onneelleen qalbiilleen wanni ati kheessa yaaddu ilma namaatiif ilaalchi ati qabdu hamtuun ati kheessa yaaddu fi gaariin ati yaadduus hunda RABBI s.w guyyaa boruu takka takkatti irraa nama gaafataa je’e RABBI s.w kanaaf obboleeyyan islaamaa ija teenyaan waan laallu irraa if eeguu nurraa eeggama.
• Namni har’aan tana dubartii karaa haraamiin hawwu dura ija isaatiin laaleeti kha waan san hawwu. dubartiilleen akkasuma. namni har’a qabeenya haraam hawwu, kan qabeenya namaa saamulleen, dura ija isaatirraa khaati wanni hundi. mana namaa bareedaa laala, qabeenya namaa bareedaa laala, makiinaa namni ittiin deemu laala. uffata namni uffatu laala, anoo maalifiin akkana hin taane waan ja’uun khe’ee haraami seena duboo obboleeyyan islaamaa
• كل الحوادث مبداها من النظر ومعظم النار من مستصغر شرار كم نظره فتكت قلب صاحبها فتكه السهام بلا قوس ولا وترى
Obboleeyyan islaamaa shaa’ireen akkana ja’a duboo, walaleessaan islaamaa akkana ja’a wannummaan hundinuu jalqabni bakki isiin irraa khaatu ijarraahi ija tana. meeqaatu gabricha isii gaddaafee halaakhee ja’a. gooboo xiyya hin qabneen malee onneessaa ka seente dhukkubni, summiin ilma namaa hedduu jira je’e duboo obboleeyyan islaamaa sababa ijasaa gadhiisuutiin.
• Rabbiin maal ja’a s.w
ولا تمدن عينيك الى ما متعنا به ازواجا منهم زهره الحياه الدنيا لنفسنهم فيه
Warra qabeenya itti bal’isne, ummata kaafiraa kha jiruu itti tolchine, ummata kaafiraa kan madraka irraa fooriyyu, ummata kaafiraa kha huccuu bareedduu uffatee deemu, kha fedhe haa tahuu, khan nyaata bareedaa nyaatu, makiinaa bareedduun deemu ija tee gadhiistee hin laalinii je’e. li’annahuu ija tee gadhiistee yoo laalte jireenya inni kheessa jiru sani gatiin isaa si kheessa dhufa obboleeyyan islaamaa. jireenya isaa bareedaa ta’uu si mul’ata kha inni jireenya fokkotaa keessa jiru. kanaaf ija tee itti gadhiistee hin laalin RABBIIN wanni nuti san gooneef
لنفتنهم فيه
San keessatti isaan mokkoruudhaafi malee waan bareedina keessa jiran hin sehinii ja’a RABBIIN s.w hattaa qabeenya namaatillee ija itti dhaabnee laaluu, ija gadiitiin laaluu RABBIIN nu dhoorke jechu obboleeyyan islaamaa. kun hundinuu waan ta’eef qaba duboo. Khasaaraa guddoo qabdi ijji gama kaaniin wanni ati laalte san miidhamuu keessa jira gama kaaniin ammoo hawwiin waan sanii si keessa dhufuu keessa jira. ijalleen hoggaa waan bareedduun isinitti dhuftee laaltanillee masha allah la quwwata illaa billaa allaahumma baarik lahuu fii akkana ja’aa je’e RASUUL a.s.w.
Haraam irraa ija gaqqabachuu
• Obboleeyyan islaamaa hunda dura lubbuu tiyyaa fi isiniif sodaa rabbiitiin dhaama. sodaan rabbii ajaja rabbiin s.w ummata nu dura dabree fi nullee itti nu ajaje. akkasuma sodaan rabbii waan duniyaa fi aakhirattillee ittiin najaa bahanii jachuudha duboo obboleeyyan. warra rabbi sodaatu rabbi nu haa taasisu insha allah. itti aansuudhaan mata dureen gorsa keenyaa maal jetti
غد النذر
Ija gaqqabachuu waan ja’u waliin laalla jechuudha. Gorsa guyyaa har’aa keessatti insha allah maalifiin mata duree tana filadhe jennaan. irra hedduun keenya har’aan tana bakka tanaan mokkoramnee jirra. irra hedduun keenya ija gaqqabachuu tana laaftu laallee jirra. ammoo khasaaraan isiin qabdu, badiin isiirraa khaatu akkaan guddoodha obboleeyyan islaamaa. hangam takka balaa akka qabdu waliin laalla jechuudha arraan tana. rabbiilleen s.w qur’aana isaa keessatti, ergamaan isaatilleen a.s.w hadiisa isaa keessatti kana nu barsiisanii jachu duboo obboleeyyan.
• Rabbiin maal ja’a s.w
قل للمؤمنين يغضوا من ابصارهم ويحفظوا فروجهم ذلك اذكى لهم ان الله خبير بما يعملون
Akkana je’iinii ja’a warra rabbitti amaneen je’i yaa ergamaa kiyya muhammad s.a.w ija teessan gaqqabadhaa je’iin, ija teessan gaqqabaa ja’iin warra rabbitti amane khanaan
ويحفظه فخروجهم
Qaama saalaa isaaniitillee tiyfadhaa je’iinii ja’a rabbiin s.w
ذلك اذكى لهم
Santu isaaniif irra gaariidhaa je’e. qalbii isaaniitiif sanii irra gaari, jireenya bareedaa jiraachuuf sanii irra gaari, fahmii gaarii qabaachuuf sanii irra gaari, qur’aanni si keessa taa’uudhaaf saniitu irra gaariidhaa ja’a rabbiin s.w.
• Dhiira qofaa miti ka ija gaqqabatu, dubartiilleen ija gaqqabachuu qabdi, dubartiilleen ija isii lafa gaqqabuu qabdi maal ja’an
وقل للمؤمنات يغضضن من ابصارهن ويحفظن فروجهن ولا يبدينا زينتهن الا ما ظهر منها
Dubartiilleen ija teessan gaqqabadhaa ja’iinii ja’a RABBI s.w. dhiirtiniis dubartiiniis ija gaqqabutti ajajamte jechu obboleeyyan islaamaa. maalirraa ija gaqqabata namni, maal irraa ijasaa gaqqabuu qaba ilmi namaa. waan isaaf haraam tehe hundarraa ija gaqqabuu qaba, ajnabii laalurraa ija gaqqabuu qaba. dubartiileen dhiiraa ajnabii ija itti dhaabdee laaluurraa ija gaqqabuu qabdi khanaatu qalbii isaaniitiifillee qulqulluudha irra gaariidha. RABBI s.w nu barsiise islaamummaa keessatti RABBIIN waan nuu tolu hunda nu barsiise, waan milkii jireenyaa nuu fidu hunda nu barsiise, waan jireenya bareedaa akka jiraannu, balaarraa akka tiiyfamnu waan nu godhu hunda RABBI s.w nu barsiise. yoo nuti qajeelfama diin islaamaa jala deemne, yoo nuti qajeelfama amantii islaamaa jala deemne jireenyi keenya hundi milkii taha jechu duboo obboleeyyan islaamaa. warra diin islaamaa jala deemu RABBI nu haa taasisu obboleeyyan.
• Balaan ijarraa kaatu balaa akkaan hamtuuti. aayata duraa san keessatti maal je’e RABBI s.w.
قل للمؤمنين يغد من ابصارهم ويحفظو فروجهم
Warra rabbitti amaneen ja’i ija teessan gaqqabadhaa ja’iin itti aansee maal dubbate qaama saalaa kheessan haraam irraa tiiysaa je’iinii je’e. mufassirtoonni maal ja’an ayaata kana hoggaa fudhatan wanni rabbiin qaama saalaa tiiysuu dura ija gaqqabachuu dubbateef isiitu karaa san nama geessaa ja’an, dubartii haaraamiin laaluutu karaa san nama geessa, footoolee adda addaa haraamiin laaluutu karaa san nama geessa zabana ammaa kanafaa zabana fitinaan heddummaatte kana zamana intarneet mana cufa guute kana dubartii gosa adda addaa tanaa si dura deema, mobile bantu gosa addaa si dura deema, tv bantu gosa addaa si dura deema namni yoo ijasaa qaqabachuu baate fitinaa hedduu keessa bu’aa jechuudha duuboo obboleeyyan islaamaa.
• Namni hoggaa haraam itti dhufe, namni hoggaa osoo deemuu ijji isaa dubartiirra dheeyxe dafee irra deebisuu qaba ija isaa itti dhaabe ilaalu hin qabu. dubartiilleen akkasuma bakka fitnaarraa hoggaa ijji isii dheeyxe daftee irraa deebisuu qabdi li’annahuu sheyxaanni tana fayyadama
النظر سهم مسموم من سهام ابليس
Ijaan waa laaluun tun xiyya sheyxaanaa hamaati xiyya summii qabuu ja’an. xiyyi summii qabu si dirraan numa duuta. xiyyi summii qabu si dirraan laalaa fi dhukkubbii hedduu qaama keessa gadhiisa. akkasuma laalichi haraam kunilleen summii qaama kee keessa gadhiisa.
• Ibnul qayyimal jawziyan maal ja’a RABBIIN rahmata isaaf haa godhuu ijaan haraam laaluun tun tokkoffaa waan laalte tana qalbii teetirratti footoo akka khaatu si gootii je’e wanti tun qalbii teetirraatti footoo hoggaa khaate bakka sanii yoo deemtellee waan san qaxab qaxabii si dhufaa je’e. Waan san hoggaa qaxab jatte qalbii tee keessatti bakka kanniteefii waan san itti deddeebitee kan yaadattu yoo taate waan kana xiintaluu dhufaa je’e. waan kana xiinxaluun lakka dhufuun hawwiin ati waan kanaaf qabdu si dabalaa dhufaa je’e. lakka ati hawwiin waan kanaaf qabdu si dabalaa dhufuun murannaa dhufaa je’e khalaas waan kana arkachuun qabaa, waan kana itti qanani’uun qabaa waan ja’uu si dhufa. waan kana itti qanani’uun qabaa takka murannaan ilmi namaa waan san numa dalagaa je’e wanti takka irraa isa hin deebistuu je’e yoo rabbummaan rahmata isaa godhee waan san haala isaa mijjeessuu baatee takkaa isa jibbisiisee irraa deebise malee takka murannaan dhufnaan wanni feete irraa isa deebisuu hin dandeessuu je’e. laalaa duboo obboleeyyan islaamaa. dura maalirraa khaate wanni tun dura laalicharraa khaate jachuu. namni laalicha kana laaftu laaluun qabu.
Barnoota Gaaffii Fi Deebii
Gaaffii 101: Dhiirarraa guutun namaa hedduudha, dhalaan nama afur malee guutuu hin tane? Isaan sun eenyu fa’a?
Deebii 101: 1. Maryam binti Imraan
2. Aasiya binti Muzaahim
3. Khadiijaa binti Kuweylid
4. Faaxumaa binti Muhammad (Sallallaahu aleyhi wa sallam)
Gaaffii 102: Jaartiiwwan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) keessaa tan gosaa fi aanummaadhan isatti hin deebine isii temi?
Deebii 102: Safiyyaa binti Huyeyyi ibnu Akxab isiin aanummaadhan Nabiyyana Haarunitti deebiti.
Gaaffii 103: Aanummaan jidduu Khadiijaa fi Zubeeyri ilma Awwaam jidduu jirtu maali?
Deebii 103 Ilma obboleessa isiiti (adaadaa).
Gaaffii 104: Jaartin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan bilisummaa warra isheetif sababa taate tami?
Deebii 104: Juweyriyya intala haaris.
Gaaffii 105: Intalti Faaxumaan, Gaafa duutu Aliyyi akka fuudhu dhaamtef tami?
Deebii 105: Intala obboleettiin isii Zeeynabaan deesse, Umaamaa tan jedhamtu.
Gaaffii 106: Usmaan intala Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Ummu kulsumi fi Ruqiyyaa keessaa tam dura fuudhe?
Deebii 106: Ruqiyyaa dha.
Gaaffii 107: Intalti Rasuulaan (Sallallaahu aleyhi wa sallam) akaakayyu jettu tan dura dhalatte eenyu?
Deebii 107: Umaamaa intala Abil-aas ilma Rabii’a tan taate.
Gaaffii 108: Jaartiwwan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) eessatti awwalaman?
Deebii 108: Baqii’itti awwalaman, Kadiijaa fi Meymuunaa malee.
Gaaffii 109: Adeerri Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Kan gaafa ka’abaa ijaaran dhagaa wajjin guure eenyu?
Deebii 109: Abbaas ilma Abdulmuxxalibi.
Gaaffii 110: Ibraahim ilmi Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) yoom dhalate?
Deebii 110: Baatii zil-hijjaa hijraarraa saddeettaffatti (8) dhalate.
Barnoota Gaaffii Fi Deebii
Gaaffii 91: Zeeynabaan intalti Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) gara Madiinaa hijraa meeqaffatti godaante?
Deebii 91: Hijraa lammaffaatti (2)
Gaaffii 92: Ilmi Adeera Khadiijaa kan gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergame Khadijaan bira geessite eenyu?
Deebii 92: Waraqaa ilma Nowfil.
Gaaffii 93: Boojuu Banii Qureeyzaa keessaa intalti Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) lubbuu isaatif filate tami?
Deebii 93: Rihaanaa intala Zeyid.
Gaaffii 94: Gaafa kam Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ani Nabiyyiidha hin kijibu, ani ilma Abdulmuxxalibi je’ee dhaadate?
Deebii 94: Gaafa duula Huneeyniiti.
Gaaffii 95: Jaartin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hedduu soommanuu fi hedduu halkan dhaabbattee salaatun tan beekkamtu tami?
Deebii 95: Hafsaa binti Umar ibnu kaxxaabi.
Gaaffii 96: Aayanni qur’aanaa erga Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) du’e booda buute tami?
Deebii 96: Hin jirtu (wahyiin ni dhaabbatte).
Gaaffii 97: Gurbaan warra ibiddaa Kan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) qamisa isaaniitiin kafananii irratti salaatan eenyu?
Deebii 97: Abdallah ibnu Ubeyyi ibnu Saluul (mataa munaafiqaa kan ta’e).
Gaaffii 98: Intalti Rabbiin Rasuulaaf (Sallallaahu aleyhi wa sallam) nikaaya hidhe tami?
Deebii 98: Zeeynabaa binti Jahshi.
Gaaffii 99: Jaartii Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) keessaa tan hin deenne tami?
Deebii 99: Aa’isha binti Abii Bakriiti
Gaaffii 100: Sahaabtichi ijaan Rasuula (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hin argin eenyu?
Deebii 100: Abdallah ilma ummi Maktuum Kan ballaa ture.
Barnoota Gaaffii Fi Deebii
Gaaffii 71: Umriin Aa’ishaa gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) fuudhu meeqa?
Deebii 71: Umrii Sagal (9)
Gaaffii 72: Jaartin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Sowdaan binti Zam’aa amata meeqatti duute?
Deebii 72: Amata shantami afuritti (54), baati shawwaal, yeroo mootummaa Mu’aawiyaa keessa.
Gaaffii 73: Janaazaa Hafsaa jaartii Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) irratti imaama ta’ee kan salaachise eenyu?
Deebii 73: Bulchaa Madiinaa, Marwaan binu Hakam.
Gaaffii 74: Intalti [Ilmoon] Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan osoo hin dahin ykn hin dhalin duute eenyu?
Deebii 74: Ummu Kulsum.
Gaaffii 75: Umriin haadha mu‘umintootaa, Hafsaa intala Umar yeroo duutu meeqa?
Deebii 75: Umrii jahaatam (60)
Gaaffii 76: Gaafa lola Badrii Hamzaan Adeerri Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) seeyfii meeqaan lole?
Deebii 76: Seeyfii lamaan lole.
Gaaffii 77: Jaartiin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Ibraahim malee ilmaan hunda tan deesse eenyu?
Deebii 77: Khadiijaa binti Khuweeylid.
Gaaffii 78: Hijraa dura maqaan Madiinaa maal turte?
Deebii 78: Yasribaa.
Gaaffii 79: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) eega Madiinaa dhaqee hijraa meeqatti hajje?
Deebii 79: Hijraa kurnaffaatti (10), Isiinis Hajjatul wadaa’i ja’amti.
Gaaffii 80: Dubartoota keessaa lammaffaarratti tan islaamoyte eenyu?
Deebii 80: Ummul Fadli (Jaarti Abbaas ilma Abdulmuxxalib) tan taate.
Gaaffii 81: Namni Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) iccitii itti dhoyfatu eenyu?
Deebii 81: Huzeeyfaa ibnu Yaman.
Gaaffii 82: Intalti Zeynabaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) deesse kan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) yeroo salaatu baadhatan eenyu?
Deebii 82: Umaamaa binti Abul Aasii ilma Rabii’i.
Gaaffii 83: Amata meeqa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) dhoysaan Nama Karaa Rabbii irratti yaamaa ture?
Deebii 83: Amata sadi (3)
Gaaffii 84: Manni Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Madiina keessatti mana meeqa?
Deebii 84: Mana sagal (9)
Gaaffii 85: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) lubbuun jiru Masjiida meeqaatu Madiinaa keessa jira?
Deebii 85: Masjiida isaa wajjin kudhani (10)
Gaaffii 86: Adaadaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Safiyyaan intalti Abdulmuxxalib eessatti awwalamte?
Deebii 86: Madiina bakka Baqi’i ja’amtutti.
Gaaffii 87: Waardiyyaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) eenyu fa’a, Hanga gaafa Rabbiin (Sallallaahu aleyhi wa sallam) anaatu si eega je’eenitti?
Deebii 87: 1. Sa’aad ilma Mu’aaz.
2. Muhaammad ilma Maslama.
3. Zubeeyri ilma Awwaam.
4. Ubbaad ilma Bishri.
5. Abi Ayyuubil’ Ansaari.
6. Zakwaan ilma Abdallahi.
7. Sa’aad ilma Abi waqqaas
Gaaffii 88: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Samii olbahe maal yaabbatee samii ol behe?
Deebii 88: Buraaq.
Gaaffii 89: Bara Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Lubbuun jiru keessa hangafa munaafiqaa kan ta’e eenyu?
Deebii 89: Abdallah ibnu ubeyyi ibnu Saluul.
Gaaffii 90: Guddiftuun Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Ummu Eeyman yoom duute?
Deebii 90: Eega Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) du’e booda baatii Shan (5) turtee duute.
Barnoota Gaaffii Fi Deebii
Gaaffii 51: Abddallahin abbaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) gaafa du’u umriin isaa meeqa?
Deebii 51: Kudha Saddeeti (18)
Gaaffii 52: Adaadaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Safiyyaan bara mootummaan eenyu ture duute?
Deebii 52: Bara mootummaa Umar ilma Kaxxaab duute.
Gaaffii 53: Adaadaawwan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Kan islaamawan eenyu fa’a?
Deebii 53: Safiyyaa, Arwaa fi Aatikaa.
Gaaffii 54: Adaadaawwan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Kan hin islaamawin eenyu fa’a?
Deebii 54: Ummu Hakiim, Barraa fi Umeeymadha.
Gaaffii 55: Qaanqeen ykn nuurri narraa ba’u, fooqii Shaam kan ibsuun arge tan jette eenyu?
Deebii 55: Aaminaa binti Wahaab, haadha Nabiyyii (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan taate.
Gaaffii 56: Intalti Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan lammaffarratti dhalattef eenyu?
Deebii 56: Ruqiyyaadha.
Gaaffii 57: Duula Tabuuk keessa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hangam ture?
Deebii 57: Guyyaa Shantam (50) ture.
Gaaffii 58: Usmaan binu Affaan intala Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ummu kulsum hijraa meeqatti fuudhe?
Deebii 58: Hijraa lammaffaatti (2)
Gaaffii 59: Maqaawwan Madiinaa tarreessi?
Deebii 59: 1. Madiinatul Munawwaraa.
2. Yasrib.
3. Xeeybaa
4. Xaabaa.
5. Ardul Muhaajir.
6. Hasiinatu.
7. Madiinatu Rasuul (s.a.w).
8. Aakilaatul Quraa Walbuldaan.
9. Jaabiratu.
10. Al-mubaarakatu.
11. Al-baarratu.
12. Al-azraa’u.
13. Al-miskiinatu.
14. Madja’u Rasuuli.
15. Qariyatul Ansaari
Gaaffii 60: Maqaawwan Makkaa tarreessi?
Deebii 60: Jaha Isaanis 1. Makkatul Mukarramaa.
2. Bakkatu.
3. Ummul Quraa.
4. Albaladul Haraam.
5. Albeeytul Atiiq.
6. Alhaaximatu.
Gaaffii 61: Osoo Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hin dhalatin dura namoonni maqaan isaani Muhammad ja’aman eenyu fa’a?
Deebii 61: • Muhaammad ilma Uheeyhaa ilma Jalaah Kan gosti isaa Awsii irraa ta’e.
• Muhaammad ilma Suufiyaan ilma Majaashi’i.
• Muhaammad ilma Hamraan Kan gosti Ju’uufi irraa ta’e.
• Muhaammad ilma Maslamaa Kan gosti isaa Ansaara ta’e.
• Muhaammad ilma Kuzaa’ii Kan gosti Salamiyyi ta’e.
• Muhaammad ilma Baraa’ii Kan gosti Bakriyyi ta’e.
Gaaffii 62: Jaartiin Adeera Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) qoree karaa irratti guuruun Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) rakkisaa turte eenyu?
Deebii 62: Ummu Jamiil Arwaa intala Harbii ykn jaartii Abuu lahab.
Gaaffii 63: Jaartiiwwan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) keessaa tan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) sadaqaa baay’ifti je’een eenyu?
Deebii 63: Zeeynabaa intala Jahshiiti.
Gaaffii 64: Haati mu’umintootaa Zeeynabaan intalli Jahshii hijraa meeqatti duute?
Deebii 64: Hijraa Digdamitti (20)
Gaaffii 65: Zeeynabaan intalti Jahshii gaafa duutu umrii isii meeqa?
Deebii 65: Umrii Shantamii Sadi (53)
Gaaffii 66: Haati Mu’umintootaa Zeeynabaan intalti Kuzeeymaa, Rasuula (Sallallaahu aleyhi wa sallam) wajjiin hammam jiraatte?
Deebii 66: Baatii Saddeet (8)
Gaaffii 67: Jaartiiwwan isaa keessaa tan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) akka laaffisoon nyaata caaltutti dubartirraa isiidha caaltuun je’een eenyu?
Deebii 67: Aa’ishaadha.
Gaaffii 68: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) haadha mu’umintootaa Sowdaa intala Zama’a eega ergamee hagam taa’ee fuudhe?
Deebii 68: Ergamee amata kurnaffaa (10) du’a Kadiijaa booda Ramadaana keessa fuudhe.
Gaaffii 69: Intalti Zeeynabaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) deesse, Tan Aliyyi fuudhe eenyu?
Deebii 69: Umaamaa intala Aabil-Aas ilma Rabii’aat.
Gaaffii 70: Ilmaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) lamaan Kan baatii ramadaana keessa du’an eenyu fa’a?
Deebii 70: Ruqiyyaa fi Faaxumaa dha.