Categories
Uncategorized

Barnoota Gaaffii Fi Deebii

Gaaffii 41: Lolli cubbuu ykn lolli [harbul fijaar] yeroo meeqa argame?

Deebii 41: Afuri; Isaanis
1ffaa- Jidduu gosa kinaana fi Hawaazinaatti kan argame.
2ffaa- Jidduu gosa Qureeyshi fi Kinanatti.
3ffaa- Jidduu kinaana fi Banii Nasrii ilma Mu’awiyattitti akkasuma
4ffaa- Jidduu Qureeyshi, Kinaana fi Hawaazinatti kan argameedha.

Gaaffii 42: Lola harbul fijaar kana irratti gaheen Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) maali?

Deebii 42: Xiyya Adeerota isaatif Qopheessu ture.

Gaaffii 43: Maqaan kabajaa Zeeynabaa intala jaahshi eenyu?

Deebii 43: Ummu Hakiim.

Gaaffii 44: Duulli Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) baatii Ramadaanaa keessa duulan meeqa?

Deebii 44: Lama (2) isaanis lola Badrii fi Fatihii Makkaati.

Gaaffii 45: Barri Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) dhalatan maalif Bara Arbaa ja’ame?

Deebii 45: Bara Abrahaan Arba yaabbatee ka’abaa diiguf dhufe, Rassuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) waan dhalataniif.

Gaaffii 46: Hasan ilmi Aliyyii hijraa meeqatti dhalate?

Deebii 46: Baatii sha’abaanaa hijraa afraffaa keessa dhalate.

Gaaffii 47: Zeeynabaa binti jahshii Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hijraa meeqatti fuudhe?

Deebii 47: Hijraa Shanaffatti (5)

Gaaffii 48: Osoo Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hin fuudhiniin dura dalagaan Kadiijaa maal ture?

Deebii 48: Daldaltuu turte.

Gaaffii 49: Aa’ishaan bara mootummaa enyuu duute?

Deebii 49: Bara mootummaa Mu’aawiyaati.

Gaaffii 50: Abuulahab gabrittii isaa Suweybaa maalif bilisoomse?

Deebii 50: Waan isiin dhalachuu Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) itti himtee gammachifteef jecha.

Categories
Uncategorized

Barnoota Gaaffii fi Deebii

Gaaffii 21: Isin caaltuu warra dachiiti Kan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ja’aniin warra khami?

Deebii 21: Warra hudeeybiyyaa dhufan.

Gaaffii 22: Beellama marsaa lammaffaa irraa Kan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) boodarra beellama godhe du’a eenyuu irratti?

Deebii 22: Jaabir ilma Abdallah.

Gaaffii 23: Gaafa adeerri isaa Abbaas islaamawe Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) gammadee maal godhe?

Deebii 23: Gabra isaa Kan Abuu Raafi’i ja’amu bilisoomse.

Gaaffii 24: Miqdaad ilmi Amrii, Hassan, Husseeni fi haadholee mu’umintootatiif maal godheef?

Deebii 24: Hassanii fi Husseen walitti Dirhama kuma soddomii jaha (36) khanneef. akkasuma haadholee mu’umintootatif kuma torba torba (7000) khanneef.

Gaaffii 25: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) intala isaa Zeeynabaa amata meeqa booda jaarsa isii Abil-aas ilma Raabii’atitti deebise?

Deebii 25: Amata jaha (6) booda.

Gaaffii 26: Najjaashiin masaraaxa ykn eboo meeqa Rasuulaaf (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergeef?

Deebii 26: Masaraaxa ykn eboo sadi (3)

Gaaffii 27: Eboo ykn masaraaxa Najjaashin erge Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) enyu fa’af kenne?

Deebii 27: Tokko ofiif hanbifatee, taan Aliyyi fi Umariif kenne.

Gaaffii 28: Kadiijaan gaafa duutu umriin isii meeqa?

Deebii 28: Umrii jahaatamii shani (65)

Gaaffii 29: Kadiijaa maqaan kabajaa isii eenyu?

Deebii 29: Ummu Hindii ykn Haadha Hindii ja’amti.

Gaaffii 30: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) du’u umriin Abdallaa ibnu Abbaas meeqa?

Deebii 30: Umrii kudha sadii (13)

Gaaffii 31: Namni Hamzaa waliin gaafa Lola Uhud awwaalame eenyu?

Deebii 31: Abdallaa ibnu jaahshiiti.

Gaaffii 32: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Hassani fi Husseenin maal ja’anii maqaa qoosaa Baasaniif?

Deebii 32: Shabaaba lamaan jannataa.

Gaaffii 33: Firummaan jidduu Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) fi Zubeeyri jidduu jirtuu maali?

Deebii 33: Zubeeyrin ilma adaadaa Rasuulaati (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Haati isaa Safiyyaa intala Abdul Muxxalib waan taateefi.

Gaaffii 34: Lakkoofsi Arbaa kan Abrahaan Ka’abaa cabsuuf yaabbatee dhufe meeqa?

Deebii 34: Arba kudha Sadii (13)

Gaaffii 35: Osoo Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hin ergamin dura namni afran diinii Nabiyyanaa Ibraahim barbaadaa turan eenyu fa’a?

Deebii 35: 1ffaa Waraqaa binu Nowfil.
                  2ffaa Ubeeydulaahi binu jahshi.
                  3ffaa Usmaan ilma Huweyris.
                  4ffaa Zeyid ilma Amri.

Gaaffii 36: Aanummaan jidduu Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) fi Abbaa Salaamaa ilma Abdul Asad jidduu jirtu maali?

Deebii 36: Ilma adaadaa rasuulaa ilma Barraati akkasumas harma haadha takkaa wajji hodhan.

Gaaffii 37: Gaafa Hijraa bahan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) umrii meeqa?

Deebii 37: Umrii shantamii Sadii (53)

Gaaffii 38: Erga Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) du’ee Faaxumaan Isa booda hangam turtee duute?

Deebii 38: Baatii jaha (6)

Gaaffii 39: Faaxumaan umrii meeqatti duute?

Deebii 39: Umrii digdamii Sagal (29)

Gaaffii 40: Hafsaan intalti Umar gaafa rasuulli umrii meeqaa dhalatte?

Deebii 40: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Umrii soddomii shaniiti (35)

Categories
Uncategorized

Barnoota gaaffii fi deebii

Gaaffii 1: Masjiinni Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Kabajamaan hijraa meeqaffaa keessa jaarame?

Deebii 1: Hijraa takkaffatti (1)

Gaaffii 2: Faaxumaan intalti Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wasallam) umrii meeqatti heerumte?

Deebii 2: Umrii kudha saddeetitti (18)

Gaaffii 3: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) erga ergamanii booda joollee dhiiraa meeqa argatan?

Deebii 3: Jollee lama; Isaanis Ibraahimii fi Abdallah.

Gaaffii 4: Jalqaba Namni salaamtaa Islaamummaa Rasuula (Sallallaahu aleyhi wa sallam) irratti qara’e eenyu?

Deebii 4: Abu-zarri Al-Gifaari.

Gaaffii 5: Irra caaltuun Jaartii Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tami?

Deebii 5: Kadiijaa intala kuweylid.

Gaaffii 6: Keessummaan Gosa saqiif yoom Rasuulatti (Sallallaahu aleyhi wa sallam) dhufte hijraa meeqatti?

Deebii 6: Baatii Ramadaana keessa Hijraa saglaffaatti (9)

Gaaffii 7: Abbaan Kadiijaa intala Kuweylid duula kam keessatti du’e?

Deebii 7: Duula Harbul fijaar keessatti du’e.

Gaaffii 8: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergamanii waggaa kurnaffatti maaltu argame?

Deebii 8: Aamul Huzni (Bara gaddaati). Sababni isaas Adeeraa fi Jaartiin isaanii waan irraa du’aniif.

Gaaffii 9: Haadha mu’umintootaa Safiyyaa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hijraa meeqaffaa keessa fuudhe?

Deebii 9: Hijraa shanaffatti (5)

Gaaffii 10: Bakka bu’aa muslimtootaa tan deesse intalti warra Haashim eenyu ja’amti?

Deebii 10: Faaxumaa intala Asad, Bakka bu’aan sunis Aliyyi bin Abii-xaalib.

Gaaffii 11: Kadiijaan jaartiin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) yoom duute?

Deebii 11: Baatii Ramadana Hijraa dura waggaa sadaffaatti (3)

Gaaffii 12: Maalif maqaan Abdallah ilmi Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) kan qoosaa Xayyibii fi Xaahir ja’amee yaamame?

Deebii 12: Waan eega Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergamanii booda dhalateef.

Gaaffii 13: Gaafa joollen Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Zeeynaba fi Ruqiyyaan dhalatan umriin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) meeqa?

Deebii 13: Gaafa Zeeynaban dhalattu umrii soddom (30), gaafa Ruqiyyaan dhalattu ammoo soddomii sadi (33).

Gaaffii 14: Salaannii yoom dirqama godhamte?

Deebii 14: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Sami ol bahan.

Gaaffii 15: Intalti Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan dura heerumte eenyu?

Deebii 15: Zeeynabaa.

Gaaffii 16: Haati mu’umintootaa A’ishaan hijraa meeqaffaa keessa duute?

Deebii 16: Baati ramadaana keessa halkan kudha torbatti (17) hijraa shantamii saddeetitti (58) duute.

Gaaffii 17: Ijollee Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) keessaa dubbii fi bifaanillee tan isa fakkaattu eenyu?

Deebii 17: Faaxumaa.

Gaaffii 18: Yahuudaa tami tan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) dura Madiinaa keessaa baasan?

Deebii 18: Yahuudaa banii qeeynuqa’a.

Gaaffii 19: Maalif Abu-Xaalibitti dhaame akaakayyuun Rasuulaa nabi Muhammad akka guddisuuf gaafa du’u?

Deebii 19: Waan abbaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam)fi abuu Xaalib garaa tokko bahaniif.

Gaaffii 20: Umriin Hasan ilma Aliyyii gaafa du’u meeqa?

Deebii 20: Umrii afurtamii torba (47)

Categories
Of Madaali

Hubannoo kee madaali

Hubannoon kee ofumaan of madaali

Hubannoo kee madaali

1 / 10

Sahaabtichi "Gooftaa shahiidootaa" jedhamuun beekkamu eenyu?

2 / 10

Sahaabtichi "Zunnuureeyn" jedhamuun beekkamu kami?

3 / 10

Nabiyyiin keenya (Saw) gaafa ergaman umriin isaanii waggaa meeqa ture?

4 / 10

Sahaabtichi "Al-Faaruuq" jedhamuun beekkamu eenyu?

5 / 10

Suuraa Qur'aanaa keessaa kan Sajdaa (iddoo yeroo qara'aa itti dhuftan sujuudan) lama qabdu tami?

6 / 10

Kitaaba Toowraat keessaa jecha maal ja'uutu jalqaba bu'e?

7 / 10

Ergamaan Rabbii osoo jiruu duula meeqa duule?

8 / 10

Eega Rasuulli Rabbii (Sallallaahu Aleeyhi wasallam) ergamanii masjiinni lammaaffaa jaarame kami?

9 / 10

Erga Nabiyyiin keenya (Saw) ergamanii masjiidni jalqaba ijaarame kami?

10 / 10

Abbaan manaa (jaarsi) Asmaa Bint Abiibakrii maqaan isaa eenyu?

Your score is

The average score is 63%

0%

Categories
Uncategorized

Kaafamiinsa Du’aan boodaatti Amanuu

Du’aan booda kaafamiinsi jiraachuutti amanuu ilaalchisee Rabbiin (s.w) Qur’aana kabajamaa keessatti ifaan ifatti dubbaachuudhaan akkana jedheera.

وَنُفِخَ فِى ٱلصُّورِ فَصَعِقَ مَن فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَن فِى ٱلْأَرْضِ إِلَّا مَن شَآءَ ٱللَّهُ ۖ ثُمَّ نُفِخَ فِيهِ أُخْرَىٰ فَإِذَا هُمْ قِيَامٌۭ يَنظُرُونَ
Garrii (Xurumbaa) keessatti ni afuufama. Warri samii keessaatiifi warri dachii keessaa hunduu, nama Allaahaan fedhe malee, ni dhumu. Ergasii yeroo biraas isa keessatti afuufama. Yeroo san isaan dhaabbatanii ilaaloo ta’u. {Qur’aana 39:68}

زَعَمَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ أَن لَّن يُبْعَثُوا۟ ۚ قُلْ بَلَىٰ وَرَبِّى لَتُبْعَثُنَّ ثُمَّ لَتُنَبَّؤُنَّ بِمَا عَمِلْتُمْ ۚ وَذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٌۭ
Isaan kafaran (erga duunee) hin kaafamnu jechuu dubbatan” Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti kakadhee! Dhugumatti, isin ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himama. Sunis Rabbirratti laafaa dha” jedhiin.(Qur’aana 64:7) Dabalataaniis, akkana jedhe;

Sun waan Rabbiin, Isatu dhugaa ta’eefi, Isatu du’aa kan kaasuu, ammas Inni waan hunda irratti danda’aa ta’eefi. Dhugumatti, Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiru. Ammas dhugumatti Rabbiin namoota awwaala keessa jiran (hunda) ni kaasa. {Qur’aana 22:6-7}

وَأَقْسَمُوا۟ بِٱللَّهِ جَهْدَ أَيْمَٰنِهِمْ ۙ لَا يَبْعَثُ ٱللَّهُ مَن يَمُوتُ ۚ بَلَىٰ وَعْدًا عَلَيْهِ حَقًّۭا وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ
Kakaa isaanii kan daangaa gahe “Rabbiin nama du’e hin kaasu” jechuun Rabbiin kakatan, Lakkisaa (isin kaasaa); Waadaa isa irratti dhugaa ta’e (Rabbiin seeneera). Garuu irra hedduun namaa hin beekan. {16:38}

Ergamaan Rabbii (s.a.w) jalqaba nama Qabriin irraa saaqamtuudha. Waa’een kanaa Hadiisa keessatti dubbatameera.

Ani guyyaa qiyaamaa dura bu’aa ilmaan Aadamiiti. Nama jalqaba qabriin irraa saaqamtu. Jalqaba nama manguddummaan kennamtuufi. {Sahiiha Muslim lakk, 2278}

Wantoonni kaafamiinsa ibsan Qur’aana keessa heddutuuyyuu jiru. sana keessaa muraasa isaanii haala armaan gadii kanaan haa ilaalluu.

#Tokkoffaa; jalqabarratti ilmaan namaa maal irraa akka  uumaman beekuudha.

Sila namni akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroo san inni mormaa ifa ba’aa ta’ee argama. Fakkeenya Nuuf godheeti, uumama isaa dagatee “erga isheen bututtee lafee eenyutu jiraachisa?” jedhe“ Isa yeroo jalqabaa ishee uumetu jiraachisa” jedhi, Inni uumama hunda beekaadha. {Qur’aana 33:77-79}

ضَرَبَ لَكُم مَّثَلًۭا مِّنْ أَنفُسِكُمْ ۖ هَل لَّكُم مِّن مَّا مَلَكَتْ أَيْمَٰنُكُم مِّن شُرَكَآءَ فِى مَا رَزَقْنَٰكُمْ فَأَنتُمْ فِيهِ سَوَآءٌۭ تَخَافُونَهُمْ كَخِيفَتِكُمْ أَنفُسَكُمْ ۚ كَذَٰلِكَ نُفَصِّلُ ٱلْـَٔايَٰتِ لِقَوْمٍۢ يَعْقِلُونَ
Inni (Rabbiin) Isa uumiinsa jalqabu; sana booda kan isa deebisuudha. Inni isa irratti akkaan laafaadha. Dachiifi samii keessa sifaata ol aanaatu Isaaf jira, Inni injifataa ogeessa. {Qur’aana 30:27}

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِن كُنتُمْ فِى رَيْبٍۢ مِّنَ ٱلْبَعْثِ فَإِنَّا خَلَقْنَٰكُم مِّن تُرَابٍۢ ثُمَّ مِن نُّطْفَةٍۢ ثُمَّ مِنْ عَلَقَةٍۢ ثُمَّ مِن مُّضْغَةٍۢ مُّخَلَّقَةٍۢ وَغَيْرِ مُخَلَّقَةٍۢ لِّنُبَيِّنَ لَكُمْ ۚ وَنُقِرُّ فِى ٱلْأَرْحَامِ مَا نَشَآءُ إِلَىٰٓ أَجَلٍۢ مُّسَمًّۭى ثُمَّ نُخْرِجُكُمْ طِفْلًۭا ثُمَّ لِتَبْلُغُوٓا۟ أَشُدَّكُمْ ۖ وَمِنكُم مَّن يُتَوَفَّىٰ وَمِنكُم مَّن يُرَدُّ إِلَىٰٓ أَرْذَلِ ٱلْعُمُرِ لِكَيْلَا يَعْلَمَ مِنۢ بَعْدِ عِلْمٍۢ شَيْـًۭٔا ۚ وَتَرَى ٱلْأَرْضَ هَامِدَةًۭ فَإِذَآ أَنزَلْنَا عَلَيْهَا ٱلْمَآءَ ٱهْتَزَّتْ وَرَبَتْ وَأَنۢبَتَتْ مِن كُلِّ زَوْجٍۭ بَهِيجٍۢ
Yaa namootaa! Yoo kaafamuu irraa shakkii keessa jiraattan, dhugumatti Nuti biyyee irraa isin uumnee; ergasii copha bishaan saalaa irraa, dhiiga ititaa irraa, ergasii foon alalfatamu kan uumaa guuttateefi hin guuttatin irraa isin uumne; (humnaafi dandeettii keenya) isiniif ibsuuf (kana goone). Nuti waan (abbaa) feene hanga yeroo murtaa’eetti gadaamessa keessa teessifnee, ergasii daa’imman goonee isin baafna. Ergasii akka umrii jabinaa keessan irra geessaniif (isin jiraachifna). Isin irraas nama (umrii ijoollummaatiin) du’utu jira.

Erga duraan waa beekee akka homaa hin beekneef, isin irraayis nama gara umrii gadi aanaa deebi’utu jira. Dachiis gogduu taatee agarta; yeroo Nuti bishaan (bokkaa) ishee irratti buufne ni sochooti; ni iitoftis, akaakuu marga bareedaa irraas ni magarsiti (Ashaakiltii) bifa hundaa irraas ni biqilchiti.{Qur’aana 22:5}

يَوْمَ نَطْوِى ٱلسَّمَآءَ كَطَىِّ ٱلسِّجِلِّ لِلْكُتُبِ ۚ كَمَا بَدَأْنَآ أَوَّلَ خَلْقٍۢ نُّعِيدُهُۥ ۚ وَعْدًا عَلَيْنَآ ۚ إِنَّا كُنَّا فَٰعِلِينَ
Guyyaa samii akka barreessan xalayaa (galmee) marutti marru san [yaadadhu]. Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna. Kun waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra.{Qur’aana 21:104}

أَفَعَيِينَا بِٱلْخَلْقِ ٱلْأَوَّلِ ۚ بَلْ هُمْ فِى لَبْسٍۢ مِّنْ خَلْقٍۢ جَدِيدٍۢ
Sila Nuti uumaa duraatiin ni dadhabnee? Lakkii! Isaan uumaa haarawa irraa shakkii wal makate keessa jiru.{Qur’aana 50:15}

Sila namni akkanumaan dhiifamuu yaadaa? Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa ta’ee hin turree? Ergasii dhiiga ititaa ta’eeti (nama godhee) uumee guute. Isa irraas cimdii lama, dhiiraafi dhalaa, taasise. Sila (Rabbiin akkas godhe) sun du’aa jiraachisuu irratti danda’aa mitii? {Qur’aana 75:36-40}

#Lammaffaa; Dacheen erga duutee booda akka Rabbiin ishee jiraachisu hubachuu.
ِ
وَمِنۡ اٰيٰتِهٖۤ اَنَّكَ تَرَى الۡاَرۡضَ خَاشِعَةً فَاِذَاۤ اَنۡزَلۡنَا عَلَيۡهَا الۡمَآءَ اهۡتَزَّتۡ وَرَبَتۡ‌ؕ اِنَّ الَّذِىۡۤ اَحۡيَاهَا لَمُحۡىِ الۡمَوۡتٰى ؕ اِنَّهٗ عَلٰى كُلِّ شَىۡءٍ قَدِيۡرٌ
Ati dachii gogduu taate arguun mallattoolee Isaa irraayi. Ergasii yeroo Nuti ishee irratti bishaan (rooba) buufne ni sochooti, ni tullooftis. Dhugumatti, Inni ishee jiraachise, warra du’e jiraachisaadha, Inni waan hunda irratti danda’aadha.{Qur’aana 41:39}

يُخْرِجُ ٱلْحَىَّ مِنَ ٱلْمَيِّتِ وَيُخْرِجُ ٱلْمَيِّتَ مِنَ ٱلْحَىِّ وَيُحْىِ ٱلْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ وَكَذَٰلِكَ تُخْرَجُونَ
(Inni) jiraa du’aa irraa baasa; du’aas jiraa irraa baasa. Dachiis erga isheen duutee booda jiraachisa. Akkuma kanatti kaafamtu. {Qur’aana 30:19}

وَٱلَّذِى نَزَّلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءًۢ بِقَدَرٍۢ فَأَنشَرْنَا بِهِۦ بَلْدَةًۭ مَّيْتًۭا ۚ كَذَٰلِكَ تُخْرَجُونَ
Ammas (Rabbiin) Isa samii irraa bishaan madaalaan buusee, ergasii ittiin dachii duutuu jiraachifne. Akkuma kana baafamtu. {Qur’aana 43:11}

Samii irraas bishaan barakaa qabu buufnee ergasii isaan ashaakiltiiwwaniifi firiiwwan haamamanis biqilchine. Hundee muka timiraa dhedheeroo, kan daraaraa kuufamaa qabuus (ni magarsine). Gabroota nyaachisuuf jecha (buufne). Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu jiraachifne. Baafamuunis akkasuma. {Qur’aana 50:9-11}

وَهُوَ ٱلَّذِى يُرْسِلُ ٱلرِّيَٰحَ بُشْرًۢا بَيْنَ يَدَىْ رَحْمَتِهِۦ ۖ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَقَلَّتْ سَحَابًۭا ثِقَالًۭا سُقْنَٰهُ لِبَلَدٍۢ مَّيِّتٍۢ فَأَنزَلْنَا بِهِ ٱلْمَآءَ فَأَخْرَجْنَا بِهِۦ مِن كُلِّ ٱلثَّمَرَٰتِ ۚ كَذَٰلِكَ نُخْرِجُ ٱلْمَوْتَىٰ لَعَلَّكُمْ تَذَكَّرُونَ
Inni Isa bubbeewwan gammachiisaa taasisee rahmata Isaa dura erguudha. Yeroo isheen duumessa ulfaataa baadhatte gara biyya duuteetti oofna; bishaan isatti buusuun fuduraalee hunda baafne. Akka isin gorfamtaniif jecha akka kanatti du’aa (awwaala irraa) kaafna.{Qur’aana 7:57}

وَٱللَّهُ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ ٱلرِّيَٰحَ فَتُثِيرُ سَحَابًۭا فَسُقْنَٰهُ إِلَىٰ بَلَدٍۢ مَّيِّتٍۢ فَأَحْيَيْنَا بِهِ ٱلْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ كَذَٰلِكَ ٱلنُّشُورُ
Allaahnis Isa qilleensa ergee, isheenis duumessa ol kaaftee gara lafa duuteetti isa oofnee dachii erga isheen duutee booda ittiin jiraachifne. Kaafamni Qiyaamaas akkuma kana.{Qur’aana 35:9}

Sadaffaa; uumamni samiiwwanii fi dachii uuma ilmaan namaa irra guddaa akka ta’e hubachuu.

لَخَلْقُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ أَكْبَرُ مِنْ خَلْقِ ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ
Samiifi dachii uumuutu namaa uumuu irra guddaadha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan. {Qur’aana 40:57}

أَوَلَمْ يَرَوْا۟ أَنَّ ٱللَّهَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ وَلَمْ يَعْىَ بِخَلْقِهِنَّ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يُحْـِۧىَ ٱلْمَوْتَىٰ ۚ بَلَىٰٓ إِنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍۢ قَدِيرٌۭ

Sila Rabbiin, Isa samiifi dachii uumee, isaan uumuu keessatti dadhabbiin itti hin dhaga’amin, du’aa kaasuu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee? Eeyyeen; Inni waan hunda irratti danda’aadha.{Qur’aana 46:33}

أَوَلَيْسَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يَخْلُقَ مِثْلَهُم ۚ بَلَىٰ وَهُوَ ٱلْخَلَّٰقُ ٱلْعَلِيمُ
Sila Inni samiifi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa mitii? Eeyyeen (danda’aa dha!)Inni akkaan uumaa, beekaadha. {Qur’aana 36:81}

Sila akka Rabbiin samiifi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa ta’eefi beellama isa keessa shakkiin hin jirre isaaniif taasise ta’uu hin ilaallee? Miidhaa dalagdoonni (Rabbitti) kafaruu malee ni didan. {Qur’aana 17:99}

رَفَعَ سَمْكَهَا فَسَوَّىٰهَا
Ijaarsa ishee ol fuudhee, ishee wal qixxeesse. {Qur’aana 79:28}

Guyyaa qiyaamaa ilmaan namaa uumaa isaanii kan jalqaba irratti uumaman sanaan wajjiin kaafamu. Garuu ummanni Rabbitti kafaran hedduun isaanii erga duunee, qaamni keenya bututee biyyee ta’ee booda akkamitti jiraachifamnee, qabrii keessaa baafamna jedhanii morman. Haa ta’u malee Qur’aanni mormii isaanii kanaaf deebii quubsaa yeroo kennu akkana jedhe;

Dhugumaatti, sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuu dinqisiifatan. Kaafiroonni“ kun waan dinqisiisaadha”jedhan. “Sila yeroo duunee biyyee taane (ni kaafamnaa)? Sun deebii fagoodha.” (jedhu). Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. Galmee tiksaatu nu bira jira. {Qur’aana 50:2-4}

Rabbiin beekaa waan hundaati. wanti tokkoo isa jalaa hin dhukatu. Dachee keessatti atamii fi waan atamirra xiqqoo ta’ee ni beeka. wanti tokkoo kan isatti ulfaatu hin jiru. Akkuma jireenya wayta adunyarraa sanatti qaama isaa wajjiin isa kaasa.

وَإِذْ قَالَ إِبْرَٰهِـۧمُ رَبِّ أَرِنِى كَيْفَ تُحْىِ ٱلْمَوْتَىٰ ۖ قَالَ أَوَلَمْ تُؤْمِن ۖ قَالَ بَلَىٰ وَلَٰكِن لِّيَطْمَئِنَّ قَلْبِى ۖ قَالَ فَخُذْ أَرْبَعَةًۭ مِّنَ ٱلطَّيْرِ فَصُرْهُنَّ إِلَيْكَ ثُمَّ ٱجْعَلْ عَلَىٰ كُلِّ جَبَلٍۢ مِّنْهُنَّ جُزْءًۭا ثُمَّ ٱدْعُهُنَّ يَأْتِينَكَ سَعْيًۭا ۚ وَٱعْلَمْ أَنَّ ٱللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌۭ
Yeroo Ibraahiim “Gooftaa kiyya! Akkamitti du’aa akka kaaftu natti agarsiisi” jedhes [yaadadhaa] (Rabbiiniis) “Sila hin amannee?” jedhe (Ibraahiimis): “Lakkii (amaneera), Garuu akka onneen kiyya tasgabbaa’uufi” jedhe”. Simbira irraa afur gara keetti fuudhii isaan kukkutii, Sana booda isaan irraa qooda wahii gaara hunda irra kaayi. Ergasii isaan waami; fiigaa sitti dhufu.” Rabbiin injifataa, ogeessa ta’uus beeki. {Qur’aana 2:260}

Nabi Ibraahiim {Nageenyi Rabbii isaan irra haa jiraatu} Allaattiwwan Afurii foon isaanii ciree walitti make. Erga sanii foon isaanii gaarren irratti qoqqodee kaaye. Sana booda ammo isaan waamee jennaan allaatti taatee walitti qabamte ariitiidhaan gara isaanii dhufte. {Ibnu kasiir}

Guyyaa diinotiin Rabbii gara ibiddaatti walitti qabamanii ittifaman san [yaadadhu]. Yeroo ishee bira dhufan, dhageettiin isaanii, agartuun isaanitiifi gogaan isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’u. Gogaa isaanitiin “Maalif ragaa nurratti baatu?” jedhan [Isaan] ni jedhu: “Rabbii Isa waan hunda dubbachiise, kan yeroo jalqabaa isin uume, kan gara Isaatti deebifamtantu nu dubbachiise.” Isinis dhageettiin keessan, agartuun keessaniifi gogaan keessan ragaa isin irratti ba’uu kan of dhoksitan hin taane. Haa ta’u malee, Rabbiin hedduu waan isin dalagdanii beekuu dhabuu yaaddan.Sun yaada keessan, kan isin Gooftaa keessanitti yaaddaniidha.Isin balleessee, warra hoonga’an irraa taatan.{Qur’aana 41:19-23}

ٱلْيَوْمَ نَخْتِمُ عَلَىٰٓ أَفْوَٰهِهِمْ وَتُكَلِّمُنَآ أَيْدِيهِمْ وَتَشْهَدُ أَرْجُلُهُم بِمَا كَانُوا۟ يَكْسِبُونَ
Har’a afaan isaanii ni cufna; harki isaanii Nutti dubbatti; miilli isaaniis waan isaan hojjataa turan ragaa baati.{Qur’aana 36:65}

يَوْمَ تَشْهَدُ عَلَيْهِمْ أَلْسِنَتُهُمْ وَأَيْدِيهِمْ وَأَرْجُلُهُم بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ
Guyyaa Arrabni isaanii, harki isaaniitiifi miilli isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’an (adabamu).{Qur’aana 24:24}