Categories
Uncategorized

Kaafamiinsa Du’aan boodaatti Amanuu

Du’aan booda kaafamiinsi jiraachuutti amanuu ilaalchisee Rabbiin (s.w) Qur’aana kabajamaa keessatti ifaan ifatti dubbaachuudhaan akkana jedheera.

وَنُفِخَ فِى ٱلصُّورِ فَصَعِقَ مَن فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَن فِى ٱلْأَرْضِ إِلَّا مَن شَآءَ ٱللَّهُ ۖ ثُمَّ نُفِخَ فِيهِ أُخْرَىٰ فَإِذَا هُمْ قِيَامٌۭ يَنظُرُونَ
Garrii (Xurumbaa) keessatti ni afuufama. Warri samii keessaatiifi warri dachii keessaa hunduu, nama Allaahaan fedhe malee, ni dhumu. Ergasii yeroo biraas isa keessatti afuufama. Yeroo san isaan dhaabbatanii ilaaloo ta’u. {Qur’aana 39:68}

زَعَمَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ أَن لَّن يُبْعَثُوا۟ ۚ قُلْ بَلَىٰ وَرَبِّى لَتُبْعَثُنَّ ثُمَّ لَتُنَبَّؤُنَّ بِمَا عَمِلْتُمْ ۚ وَذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٌۭ
Isaan kafaran (erga duunee) hin kaafamnu jechuu dubbatan” Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti kakadhee! Dhugumatti, isin ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himama. Sunis Rabbirratti laafaa dha” jedhiin.(Qur’aana 64:7) Dabalataaniis, akkana jedhe;

Sun waan Rabbiin, Isatu dhugaa ta’eefi, Isatu du’aa kan kaasuu, ammas Inni waan hunda irratti danda’aa ta’eefi. Dhugumatti, Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiru. Ammas dhugumatti Rabbiin namoota awwaala keessa jiran (hunda) ni kaasa. {Qur’aana 22:6-7}

وَأَقْسَمُوا۟ بِٱللَّهِ جَهْدَ أَيْمَٰنِهِمْ ۙ لَا يَبْعَثُ ٱللَّهُ مَن يَمُوتُ ۚ بَلَىٰ وَعْدًا عَلَيْهِ حَقًّۭا وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ
Kakaa isaanii kan daangaa gahe “Rabbiin nama du’e hin kaasu” jechuun Rabbiin kakatan, Lakkisaa (isin kaasaa); Waadaa isa irratti dhugaa ta’e (Rabbiin seeneera). Garuu irra hedduun namaa hin beekan. {16:38}

Ergamaan Rabbii (s.a.w) jalqaba nama Qabriin irraa saaqamtuudha. Waa’een kanaa Hadiisa keessatti dubbatameera.

Ani guyyaa qiyaamaa dura bu’aa ilmaan Aadamiiti. Nama jalqaba qabriin irraa saaqamtu. Jalqaba nama manguddummaan kennamtuufi. {Sahiiha Muslim lakk, 2278}

Wantoonni kaafamiinsa ibsan Qur’aana keessa heddutuuyyuu jiru. sana keessaa muraasa isaanii haala armaan gadii kanaan haa ilaalluu.

#Tokkoffaa; jalqabarratti ilmaan namaa maal irraa akka  uumaman beekuudha.

Sila namni akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroo san inni mormaa ifa ba’aa ta’ee argama. Fakkeenya Nuuf godheeti, uumama isaa dagatee “erga isheen bututtee lafee eenyutu jiraachisa?” jedhe“ Isa yeroo jalqabaa ishee uumetu jiraachisa” jedhi, Inni uumama hunda beekaadha. {Qur’aana 33:77-79}

ضَرَبَ لَكُم مَّثَلًۭا مِّنْ أَنفُسِكُمْ ۖ هَل لَّكُم مِّن مَّا مَلَكَتْ أَيْمَٰنُكُم مِّن شُرَكَآءَ فِى مَا رَزَقْنَٰكُمْ فَأَنتُمْ فِيهِ سَوَآءٌۭ تَخَافُونَهُمْ كَخِيفَتِكُمْ أَنفُسَكُمْ ۚ كَذَٰلِكَ نُفَصِّلُ ٱلْـَٔايَٰتِ لِقَوْمٍۢ يَعْقِلُونَ
Inni (Rabbiin) Isa uumiinsa jalqabu; sana booda kan isa deebisuudha. Inni isa irratti akkaan laafaadha. Dachiifi samii keessa sifaata ol aanaatu Isaaf jira, Inni injifataa ogeessa. {Qur’aana 30:27}

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِن كُنتُمْ فِى رَيْبٍۢ مِّنَ ٱلْبَعْثِ فَإِنَّا خَلَقْنَٰكُم مِّن تُرَابٍۢ ثُمَّ مِن نُّطْفَةٍۢ ثُمَّ مِنْ عَلَقَةٍۢ ثُمَّ مِن مُّضْغَةٍۢ مُّخَلَّقَةٍۢ وَغَيْرِ مُخَلَّقَةٍۢ لِّنُبَيِّنَ لَكُمْ ۚ وَنُقِرُّ فِى ٱلْأَرْحَامِ مَا نَشَآءُ إِلَىٰٓ أَجَلٍۢ مُّسَمًّۭى ثُمَّ نُخْرِجُكُمْ طِفْلًۭا ثُمَّ لِتَبْلُغُوٓا۟ أَشُدَّكُمْ ۖ وَمِنكُم مَّن يُتَوَفَّىٰ وَمِنكُم مَّن يُرَدُّ إِلَىٰٓ أَرْذَلِ ٱلْعُمُرِ لِكَيْلَا يَعْلَمَ مِنۢ بَعْدِ عِلْمٍۢ شَيْـًۭٔا ۚ وَتَرَى ٱلْأَرْضَ هَامِدَةًۭ فَإِذَآ أَنزَلْنَا عَلَيْهَا ٱلْمَآءَ ٱهْتَزَّتْ وَرَبَتْ وَأَنۢبَتَتْ مِن كُلِّ زَوْجٍۭ بَهِيجٍۢ
Yaa namootaa! Yoo kaafamuu irraa shakkii keessa jiraattan, dhugumatti Nuti biyyee irraa isin uumnee; ergasii copha bishaan saalaa irraa, dhiiga ititaa irraa, ergasii foon alalfatamu kan uumaa guuttateefi hin guuttatin irraa isin uumne; (humnaafi dandeettii keenya) isiniif ibsuuf (kana goone). Nuti waan (abbaa) feene hanga yeroo murtaa’eetti gadaamessa keessa teessifnee, ergasii daa’imman goonee isin baafna. Ergasii akka umrii jabinaa keessan irra geessaniif (isin jiraachifna). Isin irraas nama (umrii ijoollummaatiin) du’utu jira.

Erga duraan waa beekee akka homaa hin beekneef, isin irraayis nama gara umrii gadi aanaa deebi’utu jira. Dachiis gogduu taatee agarta; yeroo Nuti bishaan (bokkaa) ishee irratti buufne ni sochooti; ni iitoftis, akaakuu marga bareedaa irraas ni magarsiti (Ashaakiltii) bifa hundaa irraas ni biqilchiti.{Qur’aana 22:5}

يَوْمَ نَطْوِى ٱلسَّمَآءَ كَطَىِّ ٱلسِّجِلِّ لِلْكُتُبِ ۚ كَمَا بَدَأْنَآ أَوَّلَ خَلْقٍۢ نُّعِيدُهُۥ ۚ وَعْدًا عَلَيْنَآ ۚ إِنَّا كُنَّا فَٰعِلِينَ
Guyyaa samii akka barreessan xalayaa (galmee) marutti marru san [yaadadhu]. Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna. Kun waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra.{Qur’aana 21:104}

أَفَعَيِينَا بِٱلْخَلْقِ ٱلْأَوَّلِ ۚ بَلْ هُمْ فِى لَبْسٍۢ مِّنْ خَلْقٍۢ جَدِيدٍۢ
Sila Nuti uumaa duraatiin ni dadhabnee? Lakkii! Isaan uumaa haarawa irraa shakkii wal makate keessa jiru.{Qur’aana 50:15}

Sila namni akkanumaan dhiifamuu yaadaa? Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa ta’ee hin turree? Ergasii dhiiga ititaa ta’eeti (nama godhee) uumee guute. Isa irraas cimdii lama, dhiiraafi dhalaa, taasise. Sila (Rabbiin akkas godhe) sun du’aa jiraachisuu irratti danda’aa mitii? {Qur’aana 75:36-40}

#Lammaffaa; Dacheen erga duutee booda akka Rabbiin ishee jiraachisu hubachuu.
ِ
وَمِنۡ اٰيٰتِهٖۤ اَنَّكَ تَرَى الۡاَرۡضَ خَاشِعَةً فَاِذَاۤ اَنۡزَلۡنَا عَلَيۡهَا الۡمَآءَ اهۡتَزَّتۡ وَرَبَتۡ‌ؕ اِنَّ الَّذِىۡۤ اَحۡيَاهَا لَمُحۡىِ الۡمَوۡتٰى ؕ اِنَّهٗ عَلٰى كُلِّ شَىۡءٍ قَدِيۡرٌ
Ati dachii gogduu taate arguun mallattoolee Isaa irraayi. Ergasii yeroo Nuti ishee irratti bishaan (rooba) buufne ni sochooti, ni tullooftis. Dhugumatti, Inni ishee jiraachise, warra du’e jiraachisaadha, Inni waan hunda irratti danda’aadha.{Qur’aana 41:39}

يُخْرِجُ ٱلْحَىَّ مِنَ ٱلْمَيِّتِ وَيُخْرِجُ ٱلْمَيِّتَ مِنَ ٱلْحَىِّ وَيُحْىِ ٱلْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ وَكَذَٰلِكَ تُخْرَجُونَ
(Inni) jiraa du’aa irraa baasa; du’aas jiraa irraa baasa. Dachiis erga isheen duutee booda jiraachisa. Akkuma kanatti kaafamtu. {Qur’aana 30:19}

وَٱلَّذِى نَزَّلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءًۢ بِقَدَرٍۢ فَأَنشَرْنَا بِهِۦ بَلْدَةًۭ مَّيْتًۭا ۚ كَذَٰلِكَ تُخْرَجُونَ
Ammas (Rabbiin) Isa samii irraa bishaan madaalaan buusee, ergasii ittiin dachii duutuu jiraachifne. Akkuma kana baafamtu. {Qur’aana 43:11}

Samii irraas bishaan barakaa qabu buufnee ergasii isaan ashaakiltiiwwaniifi firiiwwan haamamanis biqilchine. Hundee muka timiraa dhedheeroo, kan daraaraa kuufamaa qabuus (ni magarsine). Gabroota nyaachisuuf jecha (buufne). Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu jiraachifne. Baafamuunis akkasuma. {Qur’aana 50:9-11}

وَهُوَ ٱلَّذِى يُرْسِلُ ٱلرِّيَٰحَ بُشْرًۢا بَيْنَ يَدَىْ رَحْمَتِهِۦ ۖ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَقَلَّتْ سَحَابًۭا ثِقَالًۭا سُقْنَٰهُ لِبَلَدٍۢ مَّيِّتٍۢ فَأَنزَلْنَا بِهِ ٱلْمَآءَ فَأَخْرَجْنَا بِهِۦ مِن كُلِّ ٱلثَّمَرَٰتِ ۚ كَذَٰلِكَ نُخْرِجُ ٱلْمَوْتَىٰ لَعَلَّكُمْ تَذَكَّرُونَ
Inni Isa bubbeewwan gammachiisaa taasisee rahmata Isaa dura erguudha. Yeroo isheen duumessa ulfaataa baadhatte gara biyya duuteetti oofna; bishaan isatti buusuun fuduraalee hunda baafne. Akka isin gorfamtaniif jecha akka kanatti du’aa (awwaala irraa) kaafna.{Qur’aana 7:57}

وَٱللَّهُ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ ٱلرِّيَٰحَ فَتُثِيرُ سَحَابًۭا فَسُقْنَٰهُ إِلَىٰ بَلَدٍۢ مَّيِّتٍۢ فَأَحْيَيْنَا بِهِ ٱلْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ كَذَٰلِكَ ٱلنُّشُورُ
Allaahnis Isa qilleensa ergee, isheenis duumessa ol kaaftee gara lafa duuteetti isa oofnee dachii erga isheen duutee booda ittiin jiraachifne. Kaafamni Qiyaamaas akkuma kana.{Qur’aana 35:9}

Sadaffaa; uumamni samiiwwanii fi dachii uuma ilmaan namaa irra guddaa akka ta’e hubachuu.

لَخَلْقُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ أَكْبَرُ مِنْ خَلْقِ ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ
Samiifi dachii uumuutu namaa uumuu irra guddaadha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan. {Qur’aana 40:57}

أَوَلَمْ يَرَوْا۟ أَنَّ ٱللَّهَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ وَلَمْ يَعْىَ بِخَلْقِهِنَّ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يُحْـِۧىَ ٱلْمَوْتَىٰ ۚ بَلَىٰٓ إِنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍۢ قَدِيرٌۭ

Sila Rabbiin, Isa samiifi dachii uumee, isaan uumuu keessatti dadhabbiin itti hin dhaga’amin, du’aa kaasuu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee? Eeyyeen; Inni waan hunda irratti danda’aadha.{Qur’aana 46:33}

أَوَلَيْسَ ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يَخْلُقَ مِثْلَهُم ۚ بَلَىٰ وَهُوَ ٱلْخَلَّٰقُ ٱلْعَلِيمُ
Sila Inni samiifi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa mitii? Eeyyeen (danda’aa dha!)Inni akkaan uumaa, beekaadha. {Qur’aana 36:81}

Sila akka Rabbiin samiifi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa ta’eefi beellama isa keessa shakkiin hin jirre isaaniif taasise ta’uu hin ilaallee? Miidhaa dalagdoonni (Rabbitti) kafaruu malee ni didan. {Qur’aana 17:99}

رَفَعَ سَمْكَهَا فَسَوَّىٰهَا
Ijaarsa ishee ol fuudhee, ishee wal qixxeesse. {Qur’aana 79:28}

Guyyaa qiyaamaa ilmaan namaa uumaa isaanii kan jalqaba irratti uumaman sanaan wajjiin kaafamu. Garuu ummanni Rabbitti kafaran hedduun isaanii erga duunee, qaamni keenya bututee biyyee ta’ee booda akkamitti jiraachifamnee, qabrii keessaa baafamna jedhanii morman. Haa ta’u malee Qur’aanni mormii isaanii kanaaf deebii quubsaa yeroo kennu akkana jedhe;

Dhugumaatti, sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuu dinqisiifatan. Kaafiroonni“ kun waan dinqisiisaadha”jedhan. “Sila yeroo duunee biyyee taane (ni kaafamnaa)? Sun deebii fagoodha.” (jedhu). Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. Galmee tiksaatu nu bira jira. {Qur’aana 50:2-4}

Rabbiin beekaa waan hundaati. wanti tokkoo isa jalaa hin dhukatu. Dachee keessatti atamii fi waan atamirra xiqqoo ta’ee ni beeka. wanti tokkoo kan isatti ulfaatu hin jiru. Akkuma jireenya wayta adunyarraa sanatti qaama isaa wajjiin isa kaasa.

وَإِذْ قَالَ إِبْرَٰهِـۧمُ رَبِّ أَرِنِى كَيْفَ تُحْىِ ٱلْمَوْتَىٰ ۖ قَالَ أَوَلَمْ تُؤْمِن ۖ قَالَ بَلَىٰ وَلَٰكِن لِّيَطْمَئِنَّ قَلْبِى ۖ قَالَ فَخُذْ أَرْبَعَةًۭ مِّنَ ٱلطَّيْرِ فَصُرْهُنَّ إِلَيْكَ ثُمَّ ٱجْعَلْ عَلَىٰ كُلِّ جَبَلٍۢ مِّنْهُنَّ جُزْءًۭا ثُمَّ ٱدْعُهُنَّ يَأْتِينَكَ سَعْيًۭا ۚ وَٱعْلَمْ أَنَّ ٱللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌۭ
Yeroo Ibraahiim “Gooftaa kiyya! Akkamitti du’aa akka kaaftu natti agarsiisi” jedhes [yaadadhaa] (Rabbiiniis) “Sila hin amannee?” jedhe (Ibraahiimis): “Lakkii (amaneera), Garuu akka onneen kiyya tasgabbaa’uufi” jedhe”. Simbira irraa afur gara keetti fuudhii isaan kukkutii, Sana booda isaan irraa qooda wahii gaara hunda irra kaayi. Ergasii isaan waami; fiigaa sitti dhufu.” Rabbiin injifataa, ogeessa ta’uus beeki. {Qur’aana 2:260}

Nabi Ibraahiim {Nageenyi Rabbii isaan irra haa jiraatu} Allaattiwwan Afurii foon isaanii ciree walitti make. Erga sanii foon isaanii gaarren irratti qoqqodee kaaye. Sana booda ammo isaan waamee jennaan allaatti taatee walitti qabamte ariitiidhaan gara isaanii dhufte. {Ibnu kasiir}

Guyyaa diinotiin Rabbii gara ibiddaatti walitti qabamanii ittifaman san [yaadadhu]. Yeroo ishee bira dhufan, dhageettiin isaanii, agartuun isaanitiifi gogaan isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’u. Gogaa isaanitiin “Maalif ragaa nurratti baatu?” jedhan [Isaan] ni jedhu: “Rabbii Isa waan hunda dubbachiise, kan yeroo jalqabaa isin uume, kan gara Isaatti deebifamtantu nu dubbachiise.” Isinis dhageettiin keessan, agartuun keessaniifi gogaan keessan ragaa isin irratti ba’uu kan of dhoksitan hin taane. Haa ta’u malee, Rabbiin hedduu waan isin dalagdanii beekuu dhabuu yaaddan.Sun yaada keessan, kan isin Gooftaa keessanitti yaaddaniidha.Isin balleessee, warra hoonga’an irraa taatan.{Qur’aana 41:19-23}

ٱلْيَوْمَ نَخْتِمُ عَلَىٰٓ أَفْوَٰهِهِمْ وَتُكَلِّمُنَآ أَيْدِيهِمْ وَتَشْهَدُ أَرْجُلُهُم بِمَا كَانُوا۟ يَكْسِبُونَ
Har’a afaan isaanii ni cufna; harki isaanii Nutti dubbatti; miilli isaaniis waan isaan hojjataa turan ragaa baati.{Qur’aana 36:65}

يَوْمَ تَشْهَدُ عَلَيْهِمْ أَلْسِنَتُهُمْ وَأَيْدِيهِمْ وَأَرْجُلُهُم بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ
Guyyaa Arrabni isaanii, harki isaaniitiifi miilli isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’an (adabamu).{Qur’aana 24:24}

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *