Hadiisa Abii sa’iid al khudrii ka muslim gabaase”لا تكتبوا عني، ومن كتب عني غير القرآن فليمحه، وحدثوا عني ولا حرج، ومن كذب علي متعمداً فليتبوأ مقعده من النار “ Quraana malee waan biraa narraa hin barreeysinaa Namni quraana male waan biraa narraa barreeyse haa haquu , ammoo afaanumaan hadiisa narraa odeeysaa rakkoo hin qabuu ammoo namni hoggaa odeeysu san kijiba itti dabale mana isaa jahannamirraa qopheeyfatee jiraachuu haa hubatuu.
Ragaan hadiisa barreeysaatti ajaju
2 Hadiisa Abdallaah binu Amrii kan Abuu daawuud fii Ahmad odeeysan عن عبد الله بن عمرو قال : “كنت أكتب كل شيء أسمعه من رسول الله صلى الله عليه وسلم أريد حفظه، فنهتني قريش وقالوا: تكتب كل شيء تسمعه من رسول الله، ورسول الله بشر يتكلم في الغضب والرضا؟! فأمسكت عن الكتاب، فذكرت ذلك لرسول الله صلى الله عليه وسلم، فقال: اكتب، فوالذي نفسي بيده، ما خرج مني إلا الحق.” “Ani Ergaa Rabbiirraa waaniin dhagahe hunda niin barreeysa haffazuu barbaaduuf jacha , Qureeyshiin Ergaan Rabbii ilma namaatii yeroo Aaree fii yeroo gammade waa dubbachuu malaa hin barreeysin naan jannaaniin barruurraa if qabeetiin ergaa Rabbii itti gaafadhe . Ergaan Rabbii isa Lubbun tiyya harka isaa jirtuun sii kakadhaa Afaan kiyya keeysaa waan haqaa malee hin bahuu barreeysi naan jana dhoorkitee
Fknf Iyesuus afaan isaatiin maal jedhe jennee yoo ilaalle
“Biyya lafaa keessa hamman jirutti, ani ifa biyya lafaa ti” isaaniin jedhe.” — Yoh. 9:5
Kanaafuu seerri isaa daangeffamaadha jechuudha. Ergamiinsi iyesuus fi seerri isaas hanguma inni lafa kana irra jiruudha.
Kanaaf rabbiin nabiyyii hordofnu nabiyyii goolaba nabiyyoota ta’e nabi Muhammad saw hordofna seera isaaf kennameen bulla kun ajaja rabbii keenyaati.
YESUUS ISIRAA’ELOOTA QOFAAF ERGAMEE KAN DHUFEEDHA.
✝️”Si keessaa Kan moo’u tokko Saba koo ISIRAA’ELIN Kan bulchu ba’a. {w/Maatiwoos 2:6} ↕️ Isiraa’elin Kan bulchu jedhe malee addunyaa Kan bulchu hin jenne🙏
✝️”Yesuus immoo Ani dhugumaan isinitti hima biyya lafaa ishee haaraatti ilmi nama ulfinna isaatiin teessoo irra yemmuu taa’u isin warri na duukaa buutan immoo teessota kudha lamaan irra teessanii gosa kudha lamaan keessatti firdii ni kennituu”. {W/Maatiwoos 19:28} ↕️Warri saba Isiraa’el gosa kudha lamaan Sana keessa hin jirre akkam ta’a.? Iyesuus addunyatti hin jenne Saba isiraa’eel gosa kudha lamaan qofa jedhe.
✝️ Waaqayyo geeddarannaa yaada garaatii fi dhiifamuu cubbuu ISIRAA’ELIIF kennuudhaaf abbooma fayyisaas godhee gara mirga isaatti ol Isa fuudheera”.{H/ergamtoota 5:31} ↕️ Iyesuus wanni gara samitti ol fudhatameef cubbuun addunyaa akka dhiifamuuf osoo hin taane cubbuun isiraa’eeloota qofaati akka dhiifamuufidha.
✝️”Akkuma abdachiisetti sanyii namicha kanaa keessaa (daawit) waaqayyoon Saba ISIRAA’ELIIF fayyisaa kaaseera; inni immoo yesuus”.{H/ergamtoota 13:23} ↕️Yesuus addunyaadhaf fayyisaa ta’e Kan ka’e osoo hin taane waaqayyoon Saba isiraa’eeliif fayyisa godhee Kan kaaseedha.
🙏Walii galatti Mee kana irratti #yesuus maal jedhe laata ni morme moo dhugaadha jedhe isiraa’eeloota qofaaf dhufu isaa kana?
✝️”Ani warra akka hoolotaa kararra goranii Mana isiraa’eelii badan qofaaf/duwwaaf malee hin ergamne” jedhe.{w/Maatiwoos 15:24}
🤔Ani Kan jedhu warri saba Isiraa’el hin taane maaf dhama’uu osoo macaafni akkanatti itti himu Sana bira kutee yesuus afaan isaatiin isaanitti osoo himu.🤔sabni isiraa’eel sunuu Kan wayta nabi muhammad saw hin ergaminiin dura turaniidha. Erga nabi muhammad saw ergamee immoo ergaan iyesuus xumurameetin jira.
Dubbisuu dhabuufi hubachuu dhabutu akkanatti nama dhamaasa.
Kanaaf obbolewwan Koo Kan kiristaana kootta gara amantii isilaamatti gara amantii waaqayyoon moggaafate filateetti koottan kun yaamsa keenya Kan hawaasa musiliima hundaati.
Sababa wanti guddaan kun ulaagaa hin dhabneef, beektonni ulaagaa tawbaa kan aayata Qur’aanaatii fi hadiisa irraa fudhatame dubbataniiru. Kan armaan gadii garii isiiti:
Rabbiin namicha dadhabaa jechaan taa’ee hawwu sadarkaa nama hojjatee irra isa kaa’e. Kunoo hin ilaaltuu Ergamaan Rabbii (saw) akkana jedhan: “Duniyaan kan namoota bifa afuriiti. Tokko nama Rabbiin qabeenyaafi beekumsa isaaf kenne. Kan isa keessatti Gooftaa isaa sodaatu, kan isa keessatti firoota isaa fufu, kan haqa Rabbiin isa keessaa qabu beeku. Kun nama sadarkaa guddaa qabu. Inni lammaffaa nama Rabbiin beekumsa isaaf kenneefi qabeenya isaaf hin kennin kan niyyaan isaa qajeelati. ‘Odoon qabeenya qabaadhee silaa anis dalagaa akka ebaluun dalaga’ jedha. Inni niyyaa (yaada) isaatiin ta’ee mindaan jara lamaanii wal qixa. Sadaffaan gabricha Rabbiin qabeenya isaaf kenne kan beekumsa isaaf hin kennin kan qabeenya isaa beekumsa malee akka fedhetti balleessu. Gooftaa isaa ittiin hin sodaatu. Firoota isaa ittiin hin fufu. Haqa Rabbii kan isa keessa jiru hin beeku. Inni sadarkaa daran fokkataa ta’e irra jira. Inni afraffaa nama Rabbiin beekumsaafi qabeenyas isaaf hin kennin yoo ta’u, inni kun ‘Odoon qabeenya qabaadhee silaa anis dalagaa akka ebaluun ittiin dalaga’ jedha. Sun niyyaa (gadhee) isaa argata. Kanaaf diliin isaan lamaanii wal qixa ta’a.” Ahmadiifi Tirmiiziitu gabaasan. Inni Sahiih Attarghiib wattarhiib keessas ni jira.
2) Fokkinni diliitiifi miidhaan ishee isatti dhaga’amuu Yaadni kun kan inni itti fedhe tawbaan sirriin isa waliin yeroo dilii dabre yaadate mi’aafi gammachuun isatti dhaga’amuun yookiin sababa sanaa gara fuulduraatti itti deebi’uu hawwuun hin mijaa’u.
Namoonni hubannoo fi beekumsa gahaa hin qabne, ilaalcha Nabi Muhammad (s.a.w) araboota qofaaf ergaman jedhan qabu. Garuu Qur’aana kabajamaa fi Hadiisota sirrii xiinxalaan yeroo dubbifte, Keewwanni tokko kan Nabi Muhammad (saw) araboota qofaaf ergaman jedhu hin jiru.
Nabi Muhammad (s,a,w) Kan ergamaniif, ummata addunyaa hundaafi. Dhimma kana ilaalchisee Rabbiin (s.w) Qur’aana kabajamaa keessatti akkana jechuun dubbate.
{ Jedhi; “Yaa namoota! dhugumatti, Ani Ergamaa Rabbii isa Mootummaan Samii fi Dachii kan isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergameedha). Isa malee dhugaan Gabbaramaan hin jiru. Ni jiraachisa, ni ajjeesas. Rabbii fi Ergamaa isaa, kan Nabiyyii hin dubbifnee fi hin barreessine ta’ee Rabbii fi jechoota isaatti Amanutti, amanaa. Akka qajeeltaniif jecha isa hordofaa.} [A’araaf 7:158]
Nabi Muhammad (s.a.w) Rahmata addunyaati. Dhimma kana ilaalchisee Qur’aanni akkana jedhee dubbate.
{Aalama hundaaf Rahmata taasifnee malee waan biraatiif si hin ergine.} [Anbiyaa’a 21:107]
Ergamaan Rabbii nagayaa fi Rahmanni isaanirra haa jiraatuu akkana jedhan:
( Ani wantoota shan kan Nabiyyoonni naan duraa hin kennamin kenname, sana keessaa tokko; Nabiyyoonni gara saba isaanii ergamaa turan, Ani garuu dhala namaa hundaafan ergame.) (Sahiiha Bukaarii,333, fi Muslim 521)
5: Arjaa kan ja’amu kan Gaafa namni haajame haajaa San nama baasu, rakkattee itti haajamtee arjummaa isaa osoo hin mirkaneeffatin namni Kun arjaadha jechuun akkaan ulfaatti.