Categories
Uncategorized

Ulaagaa Towbaatii Fi Waan Guutuu Isii Taasisu.

Jechi tawbaa ja’u jecha guddaadha. Isiin hiika guddaa qabdi. Isiin akka namoonni baay’een se’an kan arraba qofaan je’amtee ergasii dilii irra turanii miti. Mee jecha Rabbii kana xiinxali:

وَأَنِ اسْتَغْفِرُوا رَبَّكُمْ ثُمَّ تُوبُوا إِلَيْهِ} [هود: (3)

“Gooftaa keessan araarama karadhaa; ergasiis gama Isaatti tawbaa deebi’aa jechuun (adda baafne).” (Huud: 3). Kana irraa ka’uudhaan tawbaan (gara Rabbii deebi’uun) istighfaara (araarama kadhachuu) irra waan dabalataa ta’uu argita.

Sababa wanti guddaan kun ulaagaa hin dhabneef, beektonni ulaagaa tawbaa kan aayata Qur’aanaatii fi hadiisa irraa fudhatame dubbataniiru. Kan armaan gadii garii isiiti:

1. Daddaffiidhaan dilii irraa dhaabbachuu,
2. Tan dabarteef sheenawuu,
3. Fuulduraaf itti deebi’uu dhiisuu murteessuu fi
4. Haqa namoota miidhee deebisuu yookiin akka isaaf dhiifama godhan gaafachuudha.

Beektonni gariin ulaagaa tawbaa qulqulluutiif ibsa biraas dubbataniiru. Fakkeenya garii waliin haa laalluu.

1) Dilii dhiisuun Rabbiif jecha ta’uu qaba. Waan biraatiif ta’uu hin qabu. Fakkeenyaaf akka isa hojjachuu yookiin irra deddeebi’uuf dandeettii dhabuu, yookiin haasawa namaa sodaaf ta’uu hin qabu.

Namni akka diliin nama keessatti kabajaa isaa fi gurra isaa irratti rakkoon hin finneef, yookiin akka hojii isaa irraa hin ari’amneef jecha hojjachuu dhiise toobateera hin jedhamu.

Akkasumas namni fayyummaa isaafi humna isa eeguuf jecha dilii dhiise kan akka dhukkuba daddarbu sodaadhaaf jecha zinaa dhiisuu, yookiin qaama kiyya na dadhabsiisa jedhee zinaa dhiise toobateera hin jedhamu.

Namni kallattii ittiin mana namaatti seenu dhabee yookiin mana kuusaa banuu dadhabee yookiin poolisa sodaatee hanna dhiise toobataa hin jedhamu.

Namni malaammaltummaa fudhachuu sodaa inni kennaaru kun warra farra malaammaltummaa ta’aatiin dhiise toobateera hin jedhamu.

Akkasumas namni waan deegee qarshii dhabeef jecha khamrii dhuguu dhiise yookiin waan sammuu hadoochu irraa fagaate toobate hin jedhamu.

Ammas namni waan dandeettii isaatiin alaatiif jecha dilii dhiise, fakkeenyaaf namni kijibaan tokko arrabni isaa shalallaan dubbachuu dadhabe, namni sagaagala hojjatu wal qunnamtii saalaa irratti dandeettii dhabe yookiin hattuun balaa wahiitiin harkaafi miila dhabe hanna dhiise toobate hin jedhamu. Kana hundaafuu gaabbuun, dilii sana hawwuu irraa buqqa’uuniifi isa dabre irratti gadduun dirqama ta’a. Isa kanaaf jecha Nabiyyiin (saw) “gaabbiitu tawbaadha” jedhan.

Rabbiin namicha dadhabaa jechaan taa’ee hawwu sadarkaa nama hojjatee irra isa kaa’e. Kunoo hin ilaaltuu Ergamaan Rabbii (saw) akkana jedhan: “Duniyaan kan namoota bifa afuriiti. Tokko nama Rabbiin qabeenyaafi beekumsa isaaf kenne. Kan isa keessatti Gooftaa isaa sodaatu, kan isa keessatti firoota isaa fufu, kan haqa Rabbiin isa keessaa qabu beeku. Kun nama sadarkaa guddaa qabu. Inni lammaffaa nama Rabbiin beekumsa isaaf kenneefi qabeenya isaaf hin kennin kan niyyaan isaa qajeelati. ‘Odoon qabeenya qabaadhee silaa anis dalagaa akka ebaluun dalaga’ jedha. Inni niyyaa (yaada) isaatiin ta’ee mindaan jara lamaanii wal qixa. Sadaffaan gabricha Rabbiin qabeenya isaaf kenne kan beekumsa isaaf hin kennin kan qabeenya isaa beekumsa malee akka fedhetti balleessu. Gooftaa isaa ittiin hin sodaatu. Firoota isaa ittiin hin fufu. Haqa Rabbii kan isa keessa jiru hin beeku. Inni sadarkaa daran fokkataa ta’e irra jira. Inni afraffaa nama Rabbiin beekumsaafi qabeenyas isaaf hin kennin yoo ta’u, inni kun ‘Odoon qabeenya qabaadhee silaa anis dalagaa akka ebaluun ittiin dalaga’ jedha. Sun niyyaa (gadhee) isaa argata. Kanaaf diliin isaan lamaanii wal qixa ta’a.” Ahmadiifi Tirmiiziitu gabaasan. Inni Sahiih Attarghiib wattarhiib keessas ni jira.

2) Fokkinni diliitiifi miidhaan ishee isatti dhaga’amuu Yaadni kun kan inni itti fedhe tawbaan sirriin isa waliin yeroo dilii dabre yaadate mi’aafi gammachuun isatti dhaga’amuun yookiin sababa sanaa gara fuulduraatti itti deebi’uu hawwuun hin mijaa’u.

Ibn Alqayyim kitaaba isaa ‘Addaa’u waddawaa’u walfawaa’idu’ jedhamu keessatti miidhaa dilii baay’ee dubbateera. Isaanis:

Beekumsa dhorgatamuu, mukaa’uu qalbii, dubbiin hunduu itti jabaachuu, qaamni laafuu, Rabbiin ajajamuu dhabuu, barakaan haqamuu, haqa qunnamuun xiqqaachuu, qoma dhiphachuu, badiin isaa wal horuu, dilii aadeffachuu, namni dilii hojjate sun Rabbiin biratti xiqqeeffamuu, namoota birattis xiqqeeffamuu, beelladoonni isa abaaruu, uffata xiqqeenyaa uffachuu, qalbiin isaa qollofamuu, abaarsa jala seenuu, du’aa’iin qeebalamuu diduu, dachiifi bishaan irratti badii tamsaasuu, inaaffaan dhibamuu, qaanfiin baduu, qananiin namarraa deemuu, adabbiin namarratti bu’uu, sodaan qalbii dilaawaa keessatti darbamuu, jama’aa shayxaanaa keessatti ramadamuu, boodni (aaqibaan) baduufi adabbii aakhiraati.

Gabrichi tokko miidhaa dilii kana baruun akka inni guutumatti dilii irraa fagaatu isa gooti. Namni gariin dilii tokko sababa wahiitiif jecha gara badii biraatti goru. Sababni kunis:

1. Diliin ishee irra xiqqaadha jedhee amanuudhaan,
2. Nafsiin irra caalaa gara isheetti dabuudhaan, fedhiin inni ishee irraa qabu jabaa ta’uu,
3. Badii isa kana hojjachuun isa kaan irra waan laafuuf, kan biraa qophii baay’ee barbaaduutu mala, sababni isaas guutuu dida.
4. Hiriyoonni isaatiifi warri inni waliin jiraatu badii kana hojjatu waan ta’eef isaan irraa adda bahuun isatti waan cimuuf,
5. Nama tokkoof diliin wahii kabajaa wahii jidduu hiriyoota isaatti argamsiisuutu mala. Waan sadarkaa kana dhabuun isatti ulfaatuuf jecha badii kana itti fufa. Kun immoo baay’inaan matootii jama’aa sharriitiifi badii biratti argama. Akkuma kana Abuu Nawwaas inni walaleessaan sun yeroo Abul Itaahiyaan inni walaleessaan isa gorsee isa inni badii keessa tasa seenu irratti isa komatu walaloodhaan isaaf deebisee ni jedhe:

Yaa Itaahii kan an tapha sana dhiisu na seetaa Ibaadaadhaanin ummata biratti kabajaa koo balleessaa yaaddaa

3) Gabrichichi tawbaatti ariifachuu qaba: kanaafuu tawbaa tursiisuunuu matuma isaattuu badii tawbaatti haajomuudha.

4) Tawbaan isaa hanqina qabaa sodaachuu: naaf qeebalamteetti jedhee murteessee lubbuu isaa irratti hirkatee tooftaa Rabbii irraa of hin amanu.

5) Haqa Rabbii waan tare guutuudha: kun yoo kan mijaa’u ta’eedha. Fakkeenyaaf zakaa yeroo dabre keessa odoo hin kennin ture baasuudha; kun immoo haqni hiyyeessaas waan keessa jiruufi.

6) Bakka badii sana gadi lakkisuu: kunis yoo achi keessa turuun yeroo lammataaf badii keessa isa buusu ta’eedha.

7) Namoota badii irratti isa gargaaran irraa fagaachuu:

(qabxiin kuniifi inni isa duraa waan nuti hadiisa namticha namoota dhibba ajjeese irraa barannuudha; fuulduratti ni dhufa).

Rabbiin ol ta’e ni jedhe:

الْأَخِلَّاءُ يَوْمَئِذٍ بَعْضُهُمْ لِبَعْضٍ عَدُوٌّ إِلَّا الْمُتَّقِينَ} [الزخرف: 67

“Jaalalleewwan guyyaa san isaan Rabbiin sodaatan malee, gariin isaanii gariif diina.” (Azzukhruf: 67).

Hiriyoonni hamaan Guyyaa Qiyaamaa siichi gariin isaanii garii abaara. Kanaafuu yaa nama tawbaa gootu yoo da’awaa isaaniif godhuu hin dandeenye akka shayxaanni si kakaasee gara isaaniitti deebi’uu siif hin miidhagsine isaan irraa adda ba’i; isaan dhiisi; isaan irraa citi; isaan irraas dinniini. Akkasumas odoo dadhabina kee beektuu akka maqaa da’awaa isaanii godhuutiin gara isaaniitti akka hin deebine. Haala heddu kan namoonni hariiroo hiriyaa hamaa waliin godhachuudhaan gara badii deebi’an ni jira.

8) Wantoota haraama biratti hafan dhabamsiisuu: fakkeenyaaf wantoota nama macheessan, meeshaa muuziiqaa kanneen akka dibbeefi fiinoo, suuraa adda addaa fiilmii dhorgamtuu, odoo jaalala maraatuufi kkf irraa fagaachuu qaba. Waan akkasii caccabsuun, dhabamsiisuufi ishee gubuun barbaachisaadha.

Ibsa: namni toobatu tokko tawbaa irratti istiqaamaa godhachuuf jecha huccuu jaahiliyyaa (bara wallaalaa) hundaa baasuun dirqama ta’a. Seenaa meeqatu jira kan namoonni baay’een sababa waan haraama mana keessatti hambisuutiin erga tawbaatii duuba deebi’aniifi booda qajeelumaatii jallatan meeqatu jira. Sabaata Rabbiin kadhanna.

9) Hiriyoota gaarii kan lubbuu isaa mo’achuu irratti isa gargaaran filachuu: kun immoo bakka hiriyoota hamtuu ta’a. Halaqaa zikriitiifi bakka barumsaa irratti xiyyeeffachuu, yeroo isaas waan bu’a qabeessaan fixuu qaba. Kun immoo akka shayxaanni boqonnaa baay’ee isa biratti argatee badii darbe isa hin yaadachiifneef gargaara.

10) Qaama isaa kan waan haraama irraa biqile dandeettii isaa waan gaarii hojjachuu keessatti dabarsuu qaba. Akka foon isaa waan halaala irraa biqiluuf waan halaala qofa nyaachuu¹ qaba.

1 Qabxiin kun yaada murteessaa of keessaa qaba. Namni qaamni isaa waan haraamaa irraa biqile ibiddatu waan hunda irra isatti aana. Kana jechuun qaama haraama akka ribaa, qabeenya miidhaan argame, malaammaltummaafi qabeenya haraama kan biroo irraa biqile ibidda jahannamtu isa nyaatti jechuudha. Namni of yaadatee badii kana irraa

11) Toobattiin odoo lubbuun du’uudhaaf sakaraa irra hin gahin (gargaraan dura) ta’uufi odoo aduun karaa dhihaatiin hin bahin ta’uu qaba.

Gargaraa jechuun sagalee yeroo ruuhiin ba’u morma keessaa dhaga’amuudha. Kanatti kan fedhame toobaan Qiyaamaa xiqqoolfi Qiyaamaa guddoo dura ta’uu qabaadha. Ragaan jecha Ergamaa Rabbiiti (saw): “namni gargaraa dura toobate Rabbiin toobaa isaa irraa qeebala.” Ahmadiifi Tirmiziitu gabaasan. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Ragaan isa lammaffaa immoo jecha Ergamaa Rabbiiti (saw): “namni odoo biiftuun dhiha isheetiin hin bahin dura toobate Rabbiin toobaa isaa ni qeebala.” Muslimtu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *