1: Mukni Firiin Beekama
2: Jaartiin Gaafa Jaarsi Miskiinawe Beekamti
3: Saahibni Yeroo Rakkoo Beekama
4: Mu’uminni Yeroo Mokkorame Beekama
5: Arjaan Yeroo Itti Haajaman Beekama
1: Mukni hedduun yoo baala isaa ykn dhaabbata isaa laalan Wal namatti fakkaachuu ni mala, garuu gaafni inni sirritti beekkamu Yeroo firii baase.
2: Gaafa quufaa fii ballinaa jaartiin gaariidha moo badduudha ja’anii addaan beekuun ni ulfaatti, garuu Gaafa Abbaan manaa waa harkaa dhabee miskiinawe maalummaan jaartiin tan Dhugaa San beekkamti.
3: Hiriyaan kee akka si jaalatu, akka bakka siif Qabu, akka si mararfatu baruun Gaafa ballinaa hedduu ulfaatti, maalif jennaan Gaafa quufaa fii ballinaa kan deemu hundaatu si jaalata gaafa rakkatte ammoo hiriyaan Dhugaa fii sobaa addaan namaaf baati.
4: Namni tokko dhugaan Rabbitti amanuun isaa kan beekkamu gaafa hamtuun ykn balaan takka irra geesse adda beekkama, balaa addaa addaatiin mokkoramee yoo Rabbii isaatiif ja’ee obse Dhugumaan namni San mu’umina.
5: Arjaa kan ja’amu kan Gaafa namni haajame haajaa San nama baasu, rakkattee itti haajamtee arjummaa isaa osoo hin mirkaneeffatin namni Kun arjaadha jechuun akkaan ulfaatti.
Categories