Categories
Uncategorized

Prank😂 / Nama Rifachiisuun Haraami ❌

بسم الله الحمد لله والصلاه والسلام على رسول الله صلى الله عليه وسلم وبعد
Obboleeyyan assalaamu aleeykum warahmatullahi wabarakaatu guyyaa har’aan tanaa dhaamsa obbolummaa dhaamsa gabaabaa qabadheetiin dhufee na wajjiin turaa dhaamsi kunilleen haala yeroo ammaa deemaa jiru kana keessatti sooshaal miidiyaa gubbatti namni waan hedduudha dalagaa jira keessattuu waan piraanki ja’anii nama rifachiisuu fi akkasuma ammoo nama sodaachisuu kana amantiin islaamaa nama sodaachisuu fi nama rifachiisu kana akkamitti ilaalti jennee yooniif wajjin laalle hadiisni ergama rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam tokko keessatti sahabaan argamaa rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam gaaf tokko ergamaa rabbii wajjin imala baanee ja’an nutii imala deemaa jiru nu keessaa
فنام رجل من الصحابه
Sahabaa keessaa namni tokko hirribni isaan kuteeti bakka qubanne san namni tokko rafee ja’an kana obboleessi isaa takkaahu saahibni isaa sahabaa irraa kan ta’e haada fuudheeti obboleessa isaa kan rafu kana gubbaa qaama isaa kana gubbaa babaasee sodaachise hogguu niifi hirribarraa ka’u rifatee sahaabtichi sun ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam waan uumame kana hoggaanii fi dhagahe akkana jechuudhaan barnoota isaaniif kanne sahabaadhaaf
لا تروع المسلم
Aboo nama muslimaa tokko hin rifachiisinaa
لا يحل لمسلم اي روعه اخاه المسلم
Nama muslimaa tokko nama rabbitti amane tokkof halaal hin tahu hin hayyamamu obboleessa isaa kan islaamaa tokko rifachiisuun akka inni rifatu isa godhuun dhoorkaadha ja’e ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam namni mu’minaa namni rabbitti amane yeroo hundaahu kabajaadha qaba rabbiin subhaanahu wata’alaa isa miidhullee tahee isa rifachiisuu illee tahee jecha keessatti gocha keessatti waa hunda keessatti haqa ilma namaa rabbiin subhaanahu wata’alaa akka firraa eeynu nu barsiise duboo ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam hadiisa biraa keessatti gocha tokko ammallee kan sahabaan daleeyde dhagahe kan maal ja’u sahabaa keessaa tokko kobee obboleessa isaa jalaa dhooyse ja’an kana obboleessi isaa sun kobee barbaadee hogganiifi dhabe san booda tabaafi je’ee hoggaasuma dhufee deebiseefi ergamaan rabbi aleeyhi sallaatu wassalaam bira dhaqee sahaabtichi rifatee kun hagam akka rifate ergamaa rabbiititti himate ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam
لا تروع المسلم فان روعه المسلم ظلم عظيم
Aboo nama muslimaa keessan tokko hin rifachiisinaa obboleessa kee rifachiisuun rabbi biratti miidhaa guddoodha zulmii guddoodha ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wasalaam nu dhoorke amantiin islaamaa nama muslimaa tokko rifachiisuun jecha keessattis gocha keessattis ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam hadiisa sahiiha biraa keessatti
من اشار الى اخيه بحديد
Namni obboleessa isaatti haaggate takkaahuu ablee qaramtuudhaan obboleessa isaa namni sodaachise
فان الملائكه تلعنه
Malaykaan isa abaarti
حتى يدعو
Hanga dhiisuu obboleessa isaa san sodaachisu san hanga dhiisutti malaykaan isa abaarti
ولو كان اخاه لابيه وامه
Obboleessi inni sodaachisu kun obboleessa muslimaa qofa osooniifi hin taane odoo  obboleessi isaa kan abbaa fi haadhaan tokko yooniifi ta’ellee yooniifi ableen sodaachise malaaykaan isa abaarti hanga gocha san dhiisutti ja’an ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam nama muslimaa sodaachisuun nama muslimaa tabaafillee haa ta’uu nama muslimaa akka rifatu godhuun dhorkaadha taphaaf immoo akka itti dhorkaadhaa ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam hadiisa sahiiha keessatti
من اخذ متاع اخيه لاعبا او جادا
Namni meeshaa obboleessa isaa tabaafis tahee dhugaafis fuudhee jalaa dhokeesse
فليردها اليه
Aboo gama isaa haa deebisuu ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam waa takka isiniif hin godhu obboleeyyan keessan hin rifachiisinaa piraanki jettanii tabaafis takkaa sooshaal miidiyaa gubbatti youtube keessan akka ummanni isiniif laalu tahuu waan adda addaa fi kijiba tokkoffaa kijiba of keessaa qaba wanni dalagaa jirtu sun kijiba kan lammaffaadhaa nama muslimaa tokko rifachiisuudha amantiin islaamaa nama rifachiisummoo nu dhoorkite jechuudha amantii islaamaa qofaa miti beeyladaallee rifachiisuu nu dhorkite ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam nu dhorke gaaf tokko ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam gurbaa re’ee qalu obboleeytii isaa biratti re’ee obboleeyyan 2 tokko cinatti hoggaa qalu arke sani ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam maaliif akkana goota maaliif hoggaa 2 ajjeesta tanallee lubbuu itti guraartee taanillee ofiifuu ajjeeftee maalif du’a lama goota je’eenii ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam  hattaa beeyladaa akka hin sodaachifne hadiisa ibnu mas-uud keessatti ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam ibnu mas’uuditti akkana ja’a gaaf tokko ergamaa rabbii wajjin imala baaneeti karaa deemaa turre kana muka takka jalaa qubannee ergamaa rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam wajji osoo qubannee ta’aa jirruu muka jala muka sanirra shimbirroo hedduutu ture sahabaa keessaa shimbirroo xiqqoo fuudhaniti itti taphachuu turan kana haati shimbirroo sanii ergamaa rabbii aleeyhi salaatu wassalaam  bira dhuftee iyyitee afaan beytuun ergamaa rabbiitti hoggaa himatte ergamaan rabbii sahabaa wali qabee
منفجع هذه بولدها

Aboo shimbirroo tana ilma isiitiin namni rifachiise isinirraa eenyu ja’aniin ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam hoggaanii fi akkanatti gaafate sahabaan nutii bar yaa ergamaa rabbii ja’aniin aboo itti deebisaa gama isii deebisaafii hin rifachiisinaa je’e ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam  hattaa beeyladaahuu rifachiisuu amantiin islaamaa nu dhoorkite
وما ارسلناك الا رحمه للعالمين
Rahmata aalama guutuudhaaf akka godhu rabbiin subhaanahu wata’alaa akka godhuuf amantii islaamaa nuuf erge obboleeyyan kiyya kabajamoo fi qaalii yaa warra piraanki jettanii maqaa adda addaatiin diraamaas jettanii waan feetan haa tahuu nama muslimaa tokko rifachiisuun dilana dhorkaadhaa jechu
عن جابر رضي الله عنه قال نحى عن النبي صلى الله عليه وسلم ان يتعاطى سيفا مسلول
Ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam jaabir irratti radi’allaahu anhu ergamaa rabbiitirraa odeessan ergamaan rabbii nu dhoorke seeyfii qartuu akka wali kannan ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam nu dhoorkee ja’an hadiisa biraa keessatti ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam gosa lama
من صلى احدكم سيفه
Namni seeyfii isaa qare namni ablee isaa isinirraa qarate
فاراد ان يعطي اخاه
Akkasuma ablee qartuu kana obboleessa isaatiif kennuu yoo barbaade
فليغمدها ثم يناوله
Ablee qartuu san qara san qabee obboleessa isaa akka hin rifachiisnetti ablee san itti haa kennu argamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam hattaa hoggaa kannitaniif qara gad deebisaatii obboleessa keessanii kannaa hin rifachiisinaa ja’a ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam  ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam hadiisa biraa keessatti namni isinirraa ablee takkaahu meeshaa waraanaa baadhatee jiru masjiida keenya akka nutti hin seenne yooniif kan seenu tahe ofirraa baasee lafa kaayee nu wajjin haa salaatu ja’an ergamaan rabbi aleeyhi salaatu wassalaam obboleessa isaa kan wajji salaatu kana akka hin rifachiisneef obboleessa isaa kana kan masjiida jiru kana qalbii isaa keessa akka waa finneef ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam meeshaa waraanaa baadhatanii masjiida hin seeninaa yoonif seentan lafa ofirraa kaayaa salaataa ja’a aleeyhi salaatu wassalaam hadiisa tokkooniin goolaba ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam tokkoon keessan hoggaaniifi nama sadiin deemtan yoo namni lama iccitii dubbachuudhaaf achi kan bahu tahe obboleessa isaa ka irraa iccitiin achi baatan kana khobaa dhiisuu duratti dhiifama gaafadhaa ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam akka qalbii isaa keessa hamtuu akka inni yaaduu hin godhinaa ja’a ergamaan rabbii hamtuu akka inni yaadu hin godhinaa akka hamtuu hin yaanneef dhiifama gaafadhaa ja’a ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam li’annahuu nama mu’minaa sodaachisuun nama mu’minaa rifachiisuun akka yaaddawan godhuun rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hin jaalatu nun ja’a ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam obboleeyyan kiyya kabajamoo fi qaali kaniin amma dubbadhe kun hadiisa ergama rabbiitii aleeyhi salaatu wassalaam namni rabbii fi ergama isaatti amanu ka jiraatu ta’e talagaa waan dalagaa jirtan kanarraa nama muslimaa akka waliigala sodaachisu jechaa fi gocha keessattillee maaliif taphaa fi dhugaafillee maaf hin taane dhoorkaadha haraam callaa obboleeyyan kiyya irraa haa fagaannun isiniin ja’a aayata rabbiitiin subhaanahu wata’ala goolabna
والذين يؤذون المؤمنين والمؤمنات بغير ما اكتسبوا فقد احتملوا بهتانا واثم مبينا
Isaaniiwwan nama muuminaa dhalaa fi dhiiraa akkanumatti miidhaa irratti gaggeessan dhugatti cubbuu fi dilii guddoo badhatanii jiran ja’a rabbiin subhaanahu wata’alaa obboleeyyan kiyya irraa haa fagaannu badii tanarraa lubbuu teenya haa qusannuun isin ja’a yooniin dogoggore lubbuu tiyyarraayi yoonin haqa qunname rabbirraahi assalaamu aleeykum warahmatullahi wabarakaatu.

Categories
Uncategorized

Gaaffiilee of madaallii

Gaaffiilee kitaaba asaasiyyaataa keessaa qophooyte tanaan of madaali

Gaafiilee eegaluuf bakka armaan gadii “Start” ja’u tuqi 👇👇👇👇

Categories
Uncategorized

Iimaanniniis qabsoo fadha bilaashitti hin jiru abadan!

Wanti hundi qabsoodha duniyaa tana keessatti duniyaa tana keessatti, wanni bilaashi tahu takka hin jirtu, akkuma namni tokko qabeenya fiduudhaaf hirriiba dhabee, ganama subiin ke’ee bakka isa barbaachisu dhaqee, harar taatu harar dhaqee, dirree dawaa taatu achi dhaqee, achii ol taatuus dhaqee waan fidu fidee itti yaadee, guyyaa itti laffa’ee, bashannana isaa itti dhabee laffa’ee qabeenya san arkatutti, laffaatii san wajji laffaatii sa saniin osoo hin taane khannaa rabbii khannaaf rabbi subhaanahu wa ta’aalaa tattaaffii isaa san keessa rabbiin isaaf khannaa jachu, akkuma dila san tattaafatutti qabeenya fiduuf qabsaahutti iimaana fiduulleen qabsoo feeti.

Iimaanniniis qabsoo fadha bilaashitti hin jiru abadan, akkanuma teenyee akka tazbiitti walitti dhawanii iimaana hoo furadhu ja’anii wanni namatti khaayan hin jiruu jachu, qabsoo fadha iimaanniniis, tattaaffii fadha, inumaatuu iimaanaatu irra qaalii waa hundarra, namni tokko walii galee arra khe’ee obboleessa keenya kana arra waan guddoo takka godhuu qabnaafii ja’anii wali dhufan cheeka isaa ol baasee tokko siif kataba miliyoona hangana taruma takkatti secondii muraasatti miliyoonara taate, si godhuu hin danda’uu akkasitti secondii muraasatti miliyoonara taataa je’ee khatabee sii khanna, iimaana hoo, iimaana eenyu khatabee siif khanna akkasitti, diin eenyuu khatabee siif khanna, ilmii eenyuu khatabee siif khanna.

Sheekha tokko bira dhaqi mee ittiin haajamee ilmii tana khatabii Naaf khanni ja’iin cheeka kamirratti katabee siif khanna, cheeka kamirratti sunana katabee siif khanna furadhu je’ee, hin jiruu jachu, maal goota itti laffaata arraas ni qaraata boruus ni qaraata iftaaniis, xiqqo xiqqoon jechaati akkasi guuttattaa jachu, qabeenya ammoo namni tara takkatti katabee siif khannuu danda’a, kun maal si garsiisa wanni akka diin qaalii numan jirre, iimaanaa fi ilmiin diin Islaamaa waa hundarra qaalii tahuu si garsiisaa jachu.

Categories
Uncategorized

Namoota gubbaan amanne ja’uu jira.

ومن الناس من يقول امنا بالله وباليوم الاخر وما هم بمؤمنين
Ilma namaa khanarraa ni jiraa je’e. nama amannee jirra ja’uu jiraa je’e. nama islaamooynee jirra, aboo amantii qabanne, nuti mislima, nuti mu’umina nama afaaniin ja’uu jiraa je’e.
وما هم بمؤمنين
Hin amanne immoo je’e isaan. guyyaa aakhiraattiis amanne ja’an, rabbittiis amanne ja’an, ammoo hin amannee keessa isaanii waan biraatii jiraa ja’a rabbi subhaanahuu wa ta’aalaa. gubbaan akkana ja’an malee.
يخادعون الله والذين امنوا وما يخدعون الا انفسهم وما يشعرون
Rabbi shawwaduu fedhanii je’e jarri san amanne ja’anii. warra rabbitti amanees shawwaduu fedhanii je’e amanne ja’anii. si wajji taa’anii si wajji haasawan, si wajji taa’anii diin si wajji haasawan, si wajji taa’anii diiniif si wajji quuqaman, afaaniin hogguu laaltu. gubbaa hogguu laaltu.
وما هم بمؤمنين
Keessaan ammoo hin amannee je’e rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa.
وما يخدعون الا انفسهم
Lubbuu isaanii malee namni isaan shawwadu jiran tokkon jiruu je’e rabbiin.
وما يشعرون
Ammoo hin beekhan. akka if shawwadu jiran hin beekhan. hariifaaf if taa’an isaan nama kana hunda itti taphachu jirraaf if taa’an, isaan nama kana hunda if jala oofu jirraaf if taa’an, ammoo hin beekhanii je’e akka if shawwadu jiran rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa.
في قلوبهم مرض
Qalbii isaanii keessa dhukkubaa jiraa je’e ummata san. qalbii isaanii keessa dhukkubaa jira.
فزادهم الله مرضا
Dhukkuba munaafiqummaa qalbii isaanii keessa jira. duraanuu rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhukkuba biraa isaaniif ida’ee je’e. suuraa biraa rabbiin gizee buuse suuraa san ittin amanan daranaa dhukkubni itti ida’amaaf. aayata biraa rabbiin gizee buuse san itti kafaran, ittin amanan daranaa dhukkuba ida’afii jachu. khuniis dhukkuba duraan qabanirratti rabbiin qur’aana buuseetuma dhukkuba biraa itti ida’aaf jara san.
ولهم عذاب عليم بما كانوا يكذبون
Ummanni san waan kijibaniif jecha, waan gubbaan amanne ja’anii keessa isaaniitiin waan biraa oofaniif jecha, waan gubbaan fakkeessanii keessa isaaniitiin waan biraatiin deemaniif jecha, qixaaxa jabaatu isaaniif jiraa ja’a rabbiin subhanahu wa ta’aalaa. qixaaxa laaleeysaatu isaaniif jiraa ja’a.

Categories
Uncategorized

Mokkorra Adda Addaa Rabbi Nama Fida 😔

Ilmi namaa ni mokkorama mokkora adda addaa rabbi nama fida amanne jatteetuma firaasharraa deemaa jannata seenuun hin jiru
الم احسب الناس ان يتركوا ان يقولوا امنا وهم لا يفتنون
Alif lam mim hiikkaa isaa rabbii beeka nama takkaaf hin himne rabbiin ergaa tokkottillee wahyii hin bufne rabbin subhaanahu wa ta’ala mu’jizaaf kaaye ijaaza godhee kaaye rabbi akkasuma kaaye hiikkaa isaa allaaha qofa beekhaa jachu
احسب الناس
Ilmi namaa kun sa ni yaadaa ni sehaa
ان يتركوا
Kha dhiifaman sahanii
ان يقولوا امنا وهم لا يفتنون
Rabbitti amanne hoggaa ja’an booda osoo hin mokkoramne kha akkanumatti dhiisnu sahaniihii ja’a rabbiin subhanahu wa ta’ala la wallaahi akkasii miti je’e aayata biraa keessatti himee rabbi subhaanahu wa ta’ala maal ja’a
ولنبلونكم حتى نعلم المجاهدين منكم والصابرين ونبل واخباركم
Isin mokkorra wallaahi isinirraa warra dhugaan qabsaawu warra dhugaan karaa rabbii keessatti tattaafatu fi kan biraa hanga adda baasnutti isin mokkorraa Ja’a rabbiin subhaanahu wa ta’ala aayata biraa keessattis maal ja’a
ولنبلونكم بشيء من الخوف والجوع ونقسم من الاموال والانفس والثمرات وبشر الصابرين الذين اذا اصابتهم مصيبه قالوا انا لله وانا اليه راجعون
Wallaahi isin mokkorra wahii sodaa irraa taate takka isinitti gadhiisnee isin mokkorra. isinumaa nagiya qabu kana, aboo gandi girgiraawe, ummanni akkanaa akkana jira, warri akkanaa biyya seene, girgirii takka isin gadhiisnee isin mokkorraa je’e rabbiin subhaanahu wa ta’ala
والجوع
Beela isinitti gadhiistee isin mokkorraa je’e ummatuma duraan nagayaan nyaatu, ummatuma duraan nagayaan dhugu, ummata takka waan nyaatu dhabee hin beeyne, beela isin keessa gadhiisnaa je’e rabbiin subhaanahu wa bbisuhaanahu wa ta’aalaa xiqqo dura akka itti jirru ni yaadattanii mi

Categories
Uncategorized

Nabi Iisaa Akka Islaamaatti

8.) KAN INNI ERGAMEEFIS ILMAAN ISRAA’IL QOFAAFI.

وَرَسُولًا إِلَىٰ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ أَنِّى قَدْ جِئْتُكُم بِـَٔايَةٍ مِّن رَّبِّكُمْ ۖ أَنِّىٓ أَخْلُقُ لَكُم مِّنَ ٱلطِّينِ كَهَيْـَٔةِ ٱلطَّيْرِ فَأَنفُخُ فِيهِ فَيَكُونُ طَيْرًۢا بِإِذْنِ ٱللَّهِ ۖ وَأُبْرِئُ ٱلْأَكْمَهَ وَٱلْأَبْرَصَ وَأُحْىِ ٱلْمَوْتَىٰ بِإِذْنِ ٱللَّهِ ۖ وَأُنَبِّئُكُم بِمَا تَأْكُلُونَ وَمَا تَدَّخِرُونَ فِى بُيُوتِكُمْ ۚ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً لَّكُمْ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ

Gara ilmaan Israa’iilittis ergamaa [isa godha]. “Ani dhugumatti Gooftaa keessan irraa raajiidhaanan isinitti dhufe. Ani dhoqqee irraa waan akka allaattiin isiniif uuma; isa keessattis nan afuufa; eeyyama Rabbiitiin allaattiis ni ta’a. Eeyyama Rabbiitiin jaamaafi lamxii nan fayyisa. Eeyyama Rabbiitiin du’aas nan jiraachisa. Waan isin nyaattaniifi waan isin manneen keessan keessa ol kaayattanis isinittin hima. Dhugumatti kana keessa yoo kan amantan taataniif mallattoo gaariitu isiniif jira.

Akkuma kana gara Banii Israa’iilittis ergamaa isa taasisa. Isaaniin ni jedhe: ‘ani ergamaa Rabbii gara keessanitti ergameedha. Mallattoolee dhugaa ta’uu nabiyyummaa kiyyaa akeektuunin isinitti dhufe. Isaanis: ani dhoqqee irraa waan boca simbiraa qabu isiniif tolchee isa keessa afuufnaan eeyyama Rabbiitiin simbira lubbuu qabu ta’a. Nama jaamaa ta’ee dhalates fayyisnaan arga. Nama lamxiidhaan tuqames gogaa nagaattin deebisa. Du’aas nin kaasa. Kun hunduu eeyyama Rabbiitiini. Waan isin mana keessan keessatti nyaattanuufi dhoksitanii ol kaa’attanus isinittin hima. Wantoota gurguddaa namoonni hin dandeenye ani isinitti hime kana keessa yoo kan iimaana feetan ta’ee ragaa mu’ujizaa jiru dhugoomsitaniif ani ergamaa Rabbii gara keessanitti ergame ta’uu irratti ragaa guddaatu jira.

Surah 3, Ayah 49

Qabxii kana keessatti akkuma sirriitti kaa’ame  jiruu iisaan (A.S) gara ilmaan yaaqub (ilmaan israa’elitti ) ergamaa ta’ee yeroo ergamuu raajii dhaan akka gargaarame fi raajiin kunis heeyyama allaahiitiin ta’eefi gargaarsa rabbiitiin akka hojjeetaa ture hubachuun ni danda’ama

☺️ Xumurri dubbii kennaa

Qur’aanni akka ibsuutti wantoota samii fi dachii irra jiran hundi gabroota rabbiiti wanti inni uumee hundi isaa jala jiraatu


Xumuramee jira😊
Haga barruu biraatiin walitti deebinutti share godhaa waa hundaanuu miseensa keenna ta’uu hin dagatinaa nagaa keessaa naaf turaa



فَذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمُ ٱلْحَقُّ ۖ فَمَاذَا بَعْدَ ٱلْحَقِّ إِلَّا ٱلضَّلَـٰلُ ۖ فَأَنَّىٰ تُصْرَفُونَ

Sun Allaah, Gooftaa keessan, kan dhugaati. Dhugaa booda jallina malee maaltu jira? Akkamumatti irraa gara galfamtu?

Egaa yaa namootaa! kan kana hunda hojjatu gooftaa keessan isa haqa tae sanaafi isa isin uume sana. Dubbii keessan isa olii gadii oofu sana. Egaa erga dhugaa baranii booda irraa fagaachuufi badiinsa malee maaltu jira? Sammuun keessan haqa mulataa kana dhiiftee eessa deemti ree?

Surah 10, Ayah 32


😳 Kun waamicha kheeyrii dukkanarraa gara ifaatti nama yaamuudha

Categories
Uncategorized

Nabi Iisaa Akka Islaamaatti

1.) iisaan (a.s)ilma mariyam tasumaa jireenya bara baraa jiraachuun hin kennamneefi

Rabbiin inni isa uume sa’aatii fedhetti isa dhabamsiisuu danda’a dhaabamuu kana irraa isaas ta’ee qaama biraatti gargaarsifatee humni tokkolleen kan isa baraaru hin jiru jechi rabbii akkas jedha

لَّقَدْ كَفَرَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓا۟ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلْمَسِيحُ ٱبْنُ مَرْيَمَ ۚ قُلْ فَمَن يَمْلِكُ مِنَ ٱللَّهِ شَيْـًٔا إِنْ أَرَادَ أَن يُهْلِكَ ٱلْمَسِيحَ ٱبْنَ مَرْيَمَ وَأُمَّهُۥ وَمَن فِى ٱلْأَرْضِ جَمِيعًا ۗ وَلِلَّهِ مُلْكُ ٱلسَّمَـٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا ۚ يَخْلُقُ مَا يَشَآءُ ۚ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ

Warri “Rabbiin isumatu Masiih ilma Maryami” jedhan dhugumatti kafaraniiru. Jedhi: “sila yoo Inni Masiih ilma Maryam, haadha isaatiifi namoota dachii irra jiran hunda balleesuu fedhe eenyutu Rabbi irraa isin tiksa?” Mootummaan samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii jiran hundaatuu kan Rabbiiti. Waan fedhe uuma. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.

Warri nasaaraa irraa ‘Rabbiin Iisaa ilma Maryam’ jedhan dhugumatti kafaraniiru. Yaa ergamichaa! ‘Eenyumatu yoo Rabbiin Almasiih Iisaa ilma Maryam, haadha isaatiifi namoota dachii keessaa hunda dhabamsiisuu fedhe Isa dhorguu danda’a?’ jedhiin. Yeroo namni tokkollee sana hin danda’u ta’e inni gooftaa tokkicha; uumamni hunduu Iisaafi haadha isaa dabalatee gabricha isaatii akeeka. Mootummaan samii, dachiifi wanta jidduu isaan lamaanii kan Rabbiiti. Waanuma fedhe uuma. Waan inni uumuu fedhee uume keessa tokko Iisaadha; inni gabricha Rabbiitiifi ergamaa Isaati. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.  Waan keeyyattoota darban irraa fudhatamu – Waadaa Rabbiitiin hojjachuu dhiisuun diinummaa, jibbaafi loliisa jidduu namootaatti banuu danda’a. – Nasaaraa warra Rabbiin foon Iisaa uffatee dhufe jedhanu irratti deebiin kennamee kufriifi jallinni isaanii ibsameera. – Iisaan gabbaramaa ta’uu waan dhara taasisu keessaa tokko odoo Rabbiin Almasiihiin, haadha isaafi cufa namoota dachii keessa jiranuu dhabamsiisuu fedhee namni tokkollee dhorguu hin danda’u. – Ammas gooftaa ta’uu dhabuu Iisaa kan akeeku keessaa tokko ‘Rabbiin waan fedhe uuma’ kan jedhuudha. Inni waan fedhe haadhaafi abbaa irraa ni uuma; kan akka Iisaa immoo abbaa malee haadha qofa irraa uuma. Kan akka bofa Muusaa jajjaboo irraa uume. Kan akka Hawwaa’i immoo dhiira irraa uume.

Surah 5, Ayah 17

Akka qabxii kanaatti allaahaan iisaas(A.S) ta’ee haadha isaa akkasuma wantoota dachii irra jiran hunda balleessuu osoo barbaade wanti isa irraa nama baasu akka hin jirre hubachiisa

2.)IISAAN (A.S) NYAATAA TURE

Namoota lafa irra jiraachuun wantoota bu’uura isaan barbaachisu keessaa tokko nyaata soorata malee jiraachuun hin danda’amu kun immoo uumamaan dadhabaa ta’uu isaanii argisiisa ilmi mariyam isaanis (A.S) namoota nyaatan keessaa tokko

Akkamitti kana waan lafarraa baheef biqilee nyaatu waaqayyoo ta’uu danda’a ?
مَّا ٱلْمَسِيحُ ٱبْنُ مَرْيَمَ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِ ٱلرُّسُلُ وَأُمُّهُۥ صِدِّيقَةٌ ۖ كَانَا يَأْكُلَانِ ٱلطَّعَامَ ۗ ٱنظُرْ كَيْفَ نُبَيِّنُ لَهُمُ ٱلْـَٔايَـٰتِ ثُمَّ ٱنظُرْ أَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ

Masiih Ilma Maryam ergamaa isa dura ergamoonni dabran malee homaa miti. Haati isaas akkaan dhugoomsituudha. Lamaanuu nyaata kan nyaatan turan. Akkamitti akka keeyyattoota ifa isaaniif taasifnu ilaali. Ergasiis akkamitti akka isaan (dhugaa irraa) garagalan ilaali.

Almasiih ilma Maryam ergamaa ergamoota keessaa tokko ta’e malee homaa miti. Duuti isaan qunname isas ni qunnama. Haati isaa Maryamaan dhugaa dubbachuufi dhugumeessuu baay’atti. Isaan lamaanuu nyaata nyaatu turan. Akkamumatti odoo nyaatatti haajomanuu gabbaramaa ta’u? Yaa ergamichaa! Akka nuti ragaa tokkummaa Rabbii ibsinuufi dhara isaan daangaa taranii gabbaramummaa waan Rabbiin malee jiruuf kennan dhabamsiisu ibsinu ilaalii xinxali. Isaan kana waliin aayatattii kana mormu. Sana boodas akkamitti akka isaan ragoolee iftuu tokkummaa Rabbii akeektu kanaa waliin haqa irraa deebifamanu ilaalii xinxali.

Surah 5, Ayah 75

3.) ILMI MARIYAM ISAAN (A.S) UUMAMA WAAN TA’EEF DU’A JALAA MILIQUU HIN DANA’U

Nabi’ isaan (A.S) osoo qiyaamaan hin gahin dura dachii kanarratti heeyyama rabbiitiin eega bu’ee ergama isa bakkaan gahee booda ni du’a.isaan (A.S) akka du’u yerooma dhalatee haati isa baattu  dubbate

وَٱلسَّلَـٰمُ عَلَىَّ يَوْمَ وُلِدتُّ وَيَوْمَ أَمُوتُ وَيَوْمَ أُبْعَثُ حَيًّا

Guyyaa ani dhaladhe, guyyaa ani du’uufi guyyaa ani kaafamuus nageenyi ana irra jira.”

Shayxaanaafi deeggartoota isaa irraa guyyaa dhaloota kiyyaa, guyyaan duuufi guyyaa fayyaa taee kaafamus nagaa ta`uun naaf jira. Guyaa mukuu kana sadan shayxaanni nah in xuqne jedhe.

Surah 19, Ayah 33

Gabbaramaan dhugaa allahaan tasumaa kan hin duuneedha kan du’a uumeefi Yesuus yoo Waaqayyoo ta’ee     akkamitti du’a ofii uumeen qabama .?

وَتَوَكَّلْ عَلَى ٱلْحَىِّ ٱلَّذِى لَا يَمُوتُ وَسَبِّحْ بِحَمْدِهِۦ ۚ وَكَفَىٰ بِهِۦ بِذُنُوبِ عِبَادِهِۦ خَبِيرًا

Jiraataa Isa hin duune irratti hirkadhu. Faarsuu Isaa waliin Isa qulqulleessi. Badii gabroota Isaa iccitii beekuu keessatti Isumatu ga’aadha.

Yaa ergamichaa! Dhimma kee hunda keessatti Rabbii jiraataa hafaa hin duune irratti hirkadhu. Isaa faarsaa qulqulleessi. Dilii gabroota isaa beekuudhaaf inni gahaadha. Isheerraa homaa isa hin dhokatu. Isheerratti isaan mindeessuuf jira.

Surah 25, Ayah 58

4.) GAAFFII FI DEEBII GUYYAA KA’UMSA (QIYAAMA)

Guyyaa qiyaamaa iisaan rabbii isaa funduratti dhihaate gaafatama ati anaafi haadhakoo rabbii gaditti waaqayyoo godhadhaa gabbaraa jettee turte ? Jedhamee gaafatama deebiin isaa bakka ganama tasa ani hin jenneen  ta’a

وَإِذْ قَالَ ٱللَّهُ يَـٰعِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ ءَأَنتَ قُلْتَ لِلنَّاسِ ٱتَّخِذُونِى وَأُمِّىَ إِلَـٰهَيْنِ مِن دُونِ ٱللَّهِ ۖ قَالَ سُبْحَـٰنَكَ مَا يَكُونُ لِىٓ أَنْ أَقُولَ مَا لَيْسَ لِى بِحَقٍّ ۚ إِن كُنتُ قُلْتُهُۥ فَقَدْ عَلِمْتَهُۥ ۚ تَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِى وَلَآ أَعْلَمُ مَا فِى نَفْسِكَ ۚ إِنَّكَ أَنتَ عَلَّـٰمُ ٱلْغُيُوبِ

Yeroo Rabbiin “Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha kiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?” jedhu [yaadadhu]. [Inni] ni jedhe: “Ati qulqulloofte! Ani waan dhugaa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta’u. Yoo ani isa jedheera ta’eef, ati dhugumatti isa barteetta. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku. Dhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti.

Guyyaa Qiyaamaa ogga Rabbiin Iisaadhaan dubbatee ‘yaa Iisaa ilma Maryam! Sila ati namootaan anaafi haadha kiyya Rabbii gaditti gabbaramoo taasifadhaa jetteettaa?’ jedhu yaadadhu. Iisaan Rabbii isaa qulqulleessee ni jedhe: ‘dhugaa malee isaanitti himuun anaaf hin barbaachisu. Odoon jedheera ta’ee ati sana beekteetta; homaa si hin dhokatu waan ta’eef. Waan ani lubbuu kiyya keessatti dhoksu ni beekta. Waan lubbuu kee keessaa hin beeku. Kan waan fagoo akkaan beeku si qofa. ‘

Surah 5, Ayah 116

Gabbaramaan dhugaa allaahin anaaf bulaa ana qofa gabbaraa jedha

وَمَآ أَرْسَلْنَا مِن قَبْلِكَ مِن رَّسُولٍ إِلَّا نُوحِىٓ إِلَيْهِ أَنَّهُۥ لَآ إِلَـٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعْبُدُونِ

(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafuu Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine.

Yaa Ergamichaa! si dura ergamaa tokko hin ergine, dhugaan kan gabbaramu ana malee hin jiru; kanaafuu Anuma qofa gabbaraa; Ana biras waa hin qabinaa jechuun wahyii itti goonu malee.

Surah 21, Ayah 25

5✓ ISAAN [A.S] NABIYYII TA’UU

قَالَ إِنِّى عَبْدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِىَ ٱلْكِتَـٰبَ وَجَعَلَنِى نَبِيًّا

Innis (daa’imichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ani gabricha Rabbiiti. Inni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira.

Iisaan (as): ni jedhe: an gabricha Rabbiiti; Injiiliin naa kenneera; nabiyyoota isaa keessaayis isa tokko na godheera.

Surah 19, Ayah 30

Gabbaramaan keenya allaahaan immoo nabiyyii akka nuti waaqayyoo goonee qabaannutti nun ajajne nabiyyiinis uummataan garboota koo ta’aa taayitaan jedhu hin kennamneef

مَا كَانَ لِبَشَرٍ أَن يُؤْتِيَهُ ٱللَّهُ ٱلْكِتَـٰبَ وَٱلْحُكْمَ وَٱلنُّبُوَّةَ ثُمَّ يَقُولَ لِلنَّاسِ كُونُوا۟ عِبَادًا لِّى مِن دُونِ ٱللَّهِ وَلَـٰكِن كُونُوا۟ رَبَّـٰنِيِّـۧنَ بِمَا كُنتُمْ تُعَلِّمُونَ ٱلْكِتَـٰبَ وَبِمَا كُنتُمْ تَدْرُسُونَ

Ilma namaa tokkoof Rabbiin kitaaba, hukmii (beekumsaafi hubannoo seera amantii)fi nabiyyummaa isaaf kennee, ergasii namootaan “Rabbii gaditti gabroota naaf ta’aa” jechuun (isaaf) hin malu. Garuu (kan inni isaaniin jedhu) waan kitaaba barsiisaa turtaniifi waan qu’ataa turtaniif jecha beektota beekumsa isaaniitiin hojjatan ta’aa jechuudha.

Nama tokkoof Rabbiin kitaaba Isa biraa buufame kennee beekumsaafi hubannoo kennee nabiyyii godhee isa filannaan ergasii namootaan ‘Rabbii gaditti anaaf gabricha ta’aa’ jechuun hin taane. Garuu isaaniin ‘beektota beekumsa isaaniitiin hojjatan, namoota leenjisan, kitaaba namoota irratti buufame barsiisuufi kan hubattanii irraa barataartanuutiin gaaromsaa ta’aa’ isaaniin jedhu.

Surah 3, Ayah 79

وَلَا يَأْمُرَكُمْ أَن تَتَّخِذُوا۟ ٱلْمَلَـٰٓئِكَةَ وَٱلنَّبِيِّـۧنَ أَرْبَابًا ۗ أَيَأْمُرُكُم بِٱلْكُفْرِ بَعْدَ إِذْ أَنتُم مُّسْلِمُونَ

Maleykotaafi nabiyyoota gabbaramaa taasifachuutti isin ajajuun isaaf hin malu. Sila erga isin Muslimoota taatanii booda kufritti isin ajajaa?

Akkasumas maleykotaafi nabiyyoota Rabbii gaditti gabbaramaa godhachuu isin ajajuun isarraa hin barbaachisu. Sila erga isin Rabbitti amantanii isa jala butamtanii kufriitti isin ajajuun isaaf eeyyamamaa?

Surah 3, Ayah 80

6.) waaqayyoo ofii isaati waaqayyo hin qabu

Gabbaramaan dhuga tokkicha qofa isa qofatu gabbaramaa waan ta’eef isa irratti gabbaramaan biraa hin jiru garuu ilmi mariyam iisaan(A.S) ofii isaatii akka allaahiin gabbaramaa keennaaf gabbaramaa isaa ta’e suuraa quraana kabajamaa keessatti irratti dubbachuun isaa allaahin akkas jechuun nuuf hime

لَقَدْ كَفَرَ ٱلَّذِينَ قَالُوٓا۟ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلْمَسِيحُ ٱبْنُ مَرْيَمَ ۖ وَقَالَ ٱلْمَسِيحُ يَـٰبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ ٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبَّكُمْ ۖ إِنَّهُۥ مَن يُشْرِكْ بِٱللَّهِ فَقَدْ حَرَّمَ ٱللَّهُ عَلَيْهِ ٱلْجَنَّةَ وَمَأْوَىٰهُ ٱلنَّارُ ۖ وَمَا لِلظَّـٰلِمِينَ مِنْ أَنصَارٍ

Isaan “Rabbiin Masiih Ilma Maryami” jedhan dhugumatti kafaranii jiru. Masiihis ni jedhe: “Yaa Ilmaan Israa’iil! Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa. Dhugumatti, dubbiin namni Rabbitti waa qindeesse, Rabbiin isa irratti jannata haraama taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Miidhaa raawwattootaafis tumsitoonni hin jiranu.”

Nasaaraan warri Rabbiin Almasiih Iisaa ilma Maryam jedhan dhugumatti kafaraniiru. Waan gabbaramuu wanta Rabbiin malee jirutti hirkisaniif jecha. Almasiih ilma Maryam isaaniin jedhe: ‘yaa Banii Israa’iil Rabbiin tokkicha gabbaraa; inni gooftaa kootiifi gooftaa keessani. Nuti isaaf gabricha ta’uu keessatti wal qixa. Namni waan biraa Rabbitti qindeesse Rabbiin jannata seenuu isarratti haraama godheera. Qubannaan isaa ibidda jahannami. Rabbiin biratti tumsaafi gargaaraan isaaf hin jiru. Adabbii isa eeggatu irraa wanti isa bilisa baasu hin jiru. ‘

Surah 5, Ayah 72

Dabalataaf (.Suuraa Al/Imaraan 3:51.)(.Suuraa maa’idaa 5:117.) .(SUURAAmarayam 19:36.)
(.Suuraa zukruf 43:64.)

7.) ilmi mariyam Iisaan (A.S) gargaarsa barbaadaa ture

iisaan (aleehia salaam) waan hojjatu hunda keessatti gargaarsaafi eegumsa gabbaramaa isaa barbaadaa ture akkasuma malakaa jibriiliin ajajamaa ture raajii kanniin hojjatus dandeettii fi taayitaa mataa isaan osoo hin ta’iin heeyyamaa fi gargaarsa allaahiin hojjechaa ture kun waaqaayoo ta’uu dhabuu isaa argisiisa 

إِذْ قَالَ ٱللَّهُ يَـٰعِيسَى ٱبْنَ مَرْيَمَ ٱذْكُرْ نِعْمَتِى عَلَيْكَ وَعَلَىٰ وَٰلِدَتِكَ إِذْ أَيَّدتُّكَ بِرُوحِ ٱلْقُدُسِ تُكَلِّمُ ٱلنَّاسَ فِى ٱلْمَهْدِ وَكَهْلًا ۖ وَإِذْ عَلَّمْتُكَ ٱلْكِتَـٰبَ وَٱلْحِكْمَةَ وَٱلتَّوْرَىٰةَ وَٱلْإِنجِيلَ ۖ وَإِذْ تَخْلُقُ مِنَ ٱلطِّينِ كَهَيْـَٔةِ ٱلطَّيْرِ بِإِذْنِى فَتَنفُخُ فِيهَا فَتَكُونُ طَيْرًۢا بِإِذْنِى ۖ وَتُبْرِئُ ٱلْأَكْمَهَ وَٱلْأَبْرَصَ بِإِذْنِى ۖ وَإِذْ تُخْرِجُ ٱلْمَوْتَىٰ بِإِذْنِى ۖ وَإِذْ كَفَفْتُ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ عَنكَ إِذْ جِئْتَهُم بِٱلْبَيِّنَـٰتِ فَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِنْهُمْ إِنْ هَـٰذَآ إِلَّا سِحْرٌ مُّبِينٌ

“Yaa Iisaa ilma Maryam! haala ati daa’imummaafi ga’eessummaan nama dubbiftuun yeroo Ani ruuhii qulqulluudhaan si jabeesse, ni’imaa Ani siifi haadha kee irratti oole yaadadhu” yeroo Rabbiin jedhe (dubbadhu). Ammas (yeroo) Ani kitaaba, ogummaa, Tawraatiifi Injiiliin si barsiisuufi yeroo heyyama kiyyaan dhoqqee irraa waan akka allaattii uumtee afuura keessatti afuuftee heyyama kiyyaan allaattii ta’u; yeroo heyyama kiyyaan jaamaafi shoolii (barasa) fayyiftu, yeroo heyyama kiyyaan du’aa kaaftu, yeroo ati ragaa ifa ba’aan isaanitti dhufnaan isaan irraa warri kafaran “kuni sihrii ifa galaadha” jedhan, yeroo (si ajjeesuu barbaadnaan) banii Israa’iil sirraa deebise” [yaadadhu].

Ogga Rabbiin Iisaadhaan dubbatee ‘yaa Iisaa ilma Maryam! Tola kiyya ani sitti oole oggan abbaadhaan malee si uume, tola ani haadha kee Maryam irratti oggan dubartoota bara ishee irra ishee filadhu itti oole yaadadhu. Akkasumas tola kiyya kan ogga Jibriiliin si jabeessinaan daa’imummaan gara Rabbitti isaan waamtuufi ga’eessummaan namootaan dubbattu, kan ogga ani barreeffama si barsiisuu, Tawraatiin ishee Muusaa irratti buuseefi Injiiliin kan sirratti buuse si barsiise akkasumas iccitii sharii’aafi kaayyoo isaa si barsiisu sirratti oole, ammas tola Rabbiin sirratti oole irraa ati dhoqqee irraa boca fakkii allaattii tolchitee ergasii ishee keessatti afuuftee eeyyama kiyyaan allaattii ta’a; nama jaamummaan dhalate fayyifta; lamxii ni fayyifta; gogaa nagaa godhata; du’aa’ii

kee Rabbiin kadhattuun du’aa fayyiftu hunda yaadadhu; hundi kunuu eeyyama kiyyaani. Ammas tola ani sirratti oole irraa kan biroo ogga Baniin Israa’iil ati ragaa ifaadhaan isaanitti dhufnaan kafaranii wanti Iisaan ittiin dhufe kun sihrii ifaadha jedhanii si ajjeesuu fedhan sirraa deebisuudha.

Surah 5, Ayah 110

Akka waliigalaatti qabxiin qur’aan ni kabajamaa armaan olitti ibsaman shakkii tokko malee iisaan (aleehi salaam) garbichaafi ergama arabbiiti malee waaqayyoo miti ilma waaqayyootii mitii akka hin turree akka hin taaneefi tasumaayyuu ta’uu akka hin dandeenye nuuf ibsa allahiin keenya akkas nuun jedha

فَذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمُ ٱلْحَقُّ ۖ فَمَاذَا بَعْدَ ٱلْحَقِّ إِلَّا ٱلضَّلَـٰلُ ۖ فَأَنَّىٰ تُصْرَفُونَ

Sun Allaah, Gooftaa keessan, kan dhugaati. Dhugaa booda jallina malee maaltu jira? Akkamumatti irraa gara galfamtu?

Egaa yaa namootaa! kan kana hunda hojjatu gooftaa keessan isa haqa tae sanaafi isa isin uume sana. Dubbii keessan isa olii gadii oofu sana. Egaa erga dhugaa baranii booda irraa fagaachuufi badiinsa malee maaltu jira? Sammuun keessan haqa mulataa kana dhiiftee eessa deemti ree?

Surah 10, Ayah 32


Itti fufa 👆👳‍♀😌

Categories
Uncategorized

Obsa

Obsa dhabuu fi dubbii hin taane dubbachuun keenya waan tokkollee jijjiiruu ykn waan barbaadame nuuf argamsiisuu hin danda’u.
Ibnul Qayyim (Rahimahullaah) akkana jedhu:

🔰 Sabrii (Obsa) jechuun:
🔻 Murtee Rabbii irratti akka hin aarre lubbuu ofii qabuu (qusachuu),
🔻 Arraba himannaa dhiheessuu irraa qabuu,
🔻 Qaama hammeenya (cubbuu) hojjachuu irraa qabuu jechuudha.
Marsaan Sabrii (obsaa) bu’uuraalee sadan kana irra naanna’a.

Rakkoo fi karaa Rabbii irratti rakkoo nama mudatu irratti obsuu
Gabrichi Rabbii tokko yeroo Qur’aana qara’u, rakkoon qaama addunyaa kanaa ta’uu isaa fi rakkoo kana irraa fagaachuu akka hin dandeenye sirritti beeka. Rakkoon karaa hadhaa’aa gabroonni Rabbii dhugaa irra deemaniidha. Dhugaa kana jechi Rabbii itti aanu kun akkana jechuun mirkaneessa:

(الم أَحَسِبَ النَّاسُ أَن يُتْرَكُوا أَن يَقُولُوا آمَنَّا وَهُمْ لَا يُفْتَنُونَ وَلَقَدْ فَتَنَّا الَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۖ فَلَيَعْلَمَنَّ اللَّهُ الَّذِينَ صَدَقُوا وَلَيَعْلَمَنَّ الْكَاذِبِينَ)

(Aliif Laam Miim). Namoonni “Amanneerra” jechuu qofaan, isaan osoo hin mokkoramin kan dhiifaman of se’uu? Isaan warra isaaniin dura turan dhugumatti mokkorreerra. Rabbiin warra dhugaa dubbatan ni beeka; kijibdootas ni beeka.

(Al-Ankabuut; 1-3)

Keeyyata Qur’aana biraa keessatti akkana jedha:

( لَتُبْلَوُنَّ فِي أَمْوَالِكُمْ وَأَنفُسِكُمْ وَلَتَسْمَعُنَّ مِنَ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ مِن قَبْلِكُمْ وَمِنَ الَّذِينَ أَشْرَكُوا أَذًى كَثِيرًا ۚ وَإِن تَصْبِرُوا وَتَتَّقُوا فَإِنَّ ذَٰلِكَ مِنْ عَزْمِ الْأُمُورِ )

Qabeenya keessanii fi lubbuu keessan keessatti dhugumatti ni mokkoramtu. Warra isin dura kitaaba kennaman irraa fi warra (Rabbiitti) qixxeessan (Mushrikoota) irraas waan namaudduu baay’ee ni dhageessu. Yoo obsitanii fi Rabbiin sodaattan, dhugumatti kun dhimmoota gurguddoo (kutannoo barbaadan) irraayyi.

(Aali-Imraan; 186)
Akkasumas:

( وَلَنَبْلُوَنَّكُم بِشَيْءٍ مِّنَ الْخَوْفِ وَالْجُوعِ وَنَقْصٍ مِّنَ الْأَمْوَالِ وَالْأَنفُسِ وَالثَّمَرَاتِ ۗ وَبَشِّرِ الصَّابِرِينَالَّذِينَ إِذَا أَصَابَتْهُم مُّصِيبَةٌ قَالُوا إِنَّا لِلَّهِ وَإِنَّا إِلَيْهِ رَاجِعُونَ أُولَٰئِكَ عَلَيْهِمْ صَلَوَاتٌ مِّن رَّبِّهِمْ وَرَحْمَةٌ ۖوَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُهْتَدُونَ )

Sodaa fi beela irraa waan ta’een, qabeenya, lubbuu fi fuduraalee irraas hir’isuun dhugumatti isin mokkorra. Warra obsan (Jannataan) gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe “Nuti kan Rabbiiti; nuti gara Isaattis deebi’oodha” jedhan (gammachiisi). Warri sun immoo faaruun Gooftaa isaanii irraa ta’ee fi rahmanni isaan irra jira. Isaan sun isaanumatu qajeelfamoodha.

(Al-Baqaraa; 155-157)

( وَلَنَبْلُوَنَّكُمْ حَتَّىٰ نَعْلَمَ الْمُجَاهِدِينَ مِنكُمْ وَالصَّابِرِينَ وَنَبْلُوَ أَخْبَارَكُمْ )

Isin irraa warra qabsaa’anii fi warra obsan hanga adda baasnee beeknutti, oduu keessanis hanga ibsinutti dhugumatti isin mokkorra.

(Muhammad; 31)

Yeroo lamaan (bal’inaa fi dhiphina) keessattis nama gabricha Rabbii ta’e, waan jaallatuus ta’ee waan jibbu irratti haala barbaachisuun nama Rabbiif dhaabbate; isaaf jecha dubbiin Rabbii kun darbe:

{ أَلَيسَ اللَّهُ بِكافٍ عَبدَهُ }

{Rabbiin gabricha Isaa ga’aa mitii?}

Eeyyeen! Rabbiin ga’aadha!!
<< Al-Waabil As-Sayyib – Ibnul Qayyim >>

Kanarraa qabxiin nuti fudhannu, Rabbiin gabroota isaa hunda akka mokkoruu fi mokkora sana obsa godhannee yoo dabarre Jannata ishee nuuf qaalii taate akka nu seensisu; kanaa faallaa yoo ta’e immoo adabbii cimaa akka qabuudha. Rabbiin nu haa tiiksu. Rabbiin nama jaallate ni mokkora; nuti immoo mokkora sana obsa godhannee darbuu qabna.


Yaa Rabbii keenya, Waan hunda irratti obsa nuuf kennii.

Amiiiiiiiiiin 🤲 🤲 🤲

Categories
Uncategorized

Hajarul_Aswad /Dhagaa gurraacha

Kiristaanonni yeroo baay’ee waan nuti musilimtoonni ka’abaa waaqessinu sehu.

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin.

47:19″Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan
biraa akka hin jirre beeki.
فاعلم أنه لا إله إلا الله

Beekumsa Keessaa Inni Dursu Rabbii Nu Uume Beekuudha. Rabbii Keenya “Allah Malee Dhugaan Kan Waaqeffatamu Hin Jiru” Ja’anii Beekuudha.

Rabbiin Keenya Allahn Ummata Hunda Keessatti Ergamtoota Isaa “Na Qofa Gabbaraa ; Taabotoota Irraa Immoo Fagaadhaa” Je’ee Ergee Jira.

16:36″ Dhugumatti, Nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas
fagaadhaa” (jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra.
ولقد بعثنا في كل أمة رسولا أن اعبدوا الله واجتنبوا الطاغوت

Erga Kana Akka Seensaatti Hubannee Booda Gama Yaada Faallaa Kiristaanota Bira Jiruutti Haa Deebinuu.
Akkana Je’u “Muslimoonni Dhakaa Gurraacha  (Hajarul Aswad) Waaqeffatu” Ja’anii Yaadu.

Hajarul Aswad Dhakaa Miidhaas Faayidaas Hin Qabneedha. Rabbii Tokkicha Allaah Kan Fayyaduus Miidhuus Danda’u Malee Hajarul Aswad Hin Waaqeffatamu.
Sahih Bukaarii Kitaaba 25, Hadiisa 83
Aabis Ibn Rabii’aa Irraa Akka Odeeffametti Umar (R.A) Gama Hajarul Aswad Dhufee Dhungatee Akkana Je’e “Ni Beeka Ati Dhakaadha ; Hin Fayyaddus Hin Miitus. Nabiyyiin Osoo Kan Si Dhungatan Arguu Baadhee Silaa Si Hin Dhungadhu”.

ﻋَﻦْ ﻋَﺎﺑِﺲِ ﺑْﻦِ ﺭَﺑِﻴﻌَﺔَ، ﻋَﻦْ
ﻋُﻤَﺮَ ـ ﺭﺿﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ ـ ﺃَﻧَّﻪُ ﺟَﺎﺀَ ﺇِﻟَﻰ ﺍﻟْﺤَﺠَﺮِ ﺍﻷَﺳْﻮَﺩِ ﻓَﻘَﺒَّﻠَﻪُ، ﻓَﻘَﺎﻝَ ﺇِﻧِّﻲ ﺃَﻋْﻠَﻢُ ﺃَﻧَّﻚَ ﺣَﺠَﺮٌ ﻻَ ﺗَﻀُﺮُّ ﻭَﻻَ ﺗَﻨْﻔَﻊُ، ﻭَﻟَﻮْﻻَ ﺃَﻧِّﻲ ﺭَﺃَﻳْﺖُ ﺍﻟﻨَّﺒِﻲَّ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ ﻳُﻘَﺒِّﻠُﻚَ ﻣَﺎ ﻗَﺒَّﻠْﺘُﻚَ

Kanaa Ol Maal Barbaadda? Hajarul Aswad Dhakaa Hin Miines Hin Fayyadnes. Garuu Nabi Muhammad ﷺ Wanta Isaan Dhungataniif Ni Dhunganna.

Dhungachuun Qabeenya Rabbiitii Miti. Sababni Isaas Rabbiin Hin Dhungatamu. Dhungachuun Qabeenya Ilma Namaati. Dhungachuun Waaqeffatuu Miti. Dhungachuun Wanta Jaalalti Ittiin Ibsamtuudha.
Fakkeenya Ilmi Abbaa Osoo Dhungatee Waaqeffate Jechuu Miti.
Namni Tokko Osoo Tapha Tokko Injifatee Waancaa Dhungatee Waaqeffate Jechuu Miti.

Hajarul Aswad Osoo Isaaf Kan Sagadamu ; Kadhatamu ; Sodaatamu… Ta’ee Shirkii (Rabbii Gaditti Waaqeffatame) Ja’amuu Ni Danda’a. Garuu Wantoota Kanniin Hundumaa Isaaf Godhuun Dhoorkaadha.

Hajarul Aswad Dhakaa Caccabaadha. Dhagahuu , Dubbachuu , Arguu , Beekuu Kan Hin Dandeenye Yoo Ta’u Bu’uura Mana Rabbiitiif Akka Ta’uuf Jannata Irraa Dhufe.

Sunan Nasa’i Kitaaba 24, Hadiisa 2938
Abdallaah Ibn Abbaas Akka Odeessetti Nabi Muhammad ﷺ Akkana Ja’an ” Hajarul Aswad Jannata Irraayi “.
عن ابن عباس أن النبي ﷺ قال “الحجر اﻷسود من الجنة”

Hajarul Aswad Akka Hin Gabbaramne Erga Ragaadhaan Akkanatti Hubannee Worroonni Hajarul Aswadiin Waaqeffattu (Gabbartu) Nuun Ja’an Ragaan Isaanii Maalii?

Hajarul Aswad Nabi Muhammad ﷺ Ergamuun Dura Naannoo Ka’abaatti Taabotoota 360 Keessa Tokko Kan Ja’aniif Ragaan Isaanii Maali?
Jette Jettee Ganda Keessaa Osoo Hin Ta’in Ragaa Qur’aanaa , Hadiisaa Fi Seenaa Irraa Nuuf Fidaa Mee. Wanta Hin Jirre Kijiba Eessaa Baasu Ree?!

Amantiin Islaamaa Amantii Qulqulluu Rabbiin Tokkichi Allahn Keessatti Gabbaramu(Waaqeffatamu) dha Malee Dhakaa Fi Mukni Kan Keessatti Waaqeffatamuu Miti. Kanaafuu Gama Amantii Dhugaa, Qulqulluu Fi Jaalatamtuu Kan Taate Gama Amantii Islaamaa Koottaa Isiniin Jenna. Rabbiin Amantii Dhugaa Kana Isiniif Haa Hiru. Aamiin!

Categories
Uncategorized

Qur’aanaa fi Saayinsiin Ammayyaa Waa’ee Orbiitii Maal ja’a?

Qur’aanaa fi Saayinsiin Ammayyaa waa’ee Orbiitii ilaalchisee maal dubbatan. Yeroo Kana jennu, Qur’aanaa fi Saayinsiin tokko jechuu keenyaa miti. Garuu waan Qur’aanni Waggoota 1400 dura dubbate, kan Saayinsiin ammayyaa itti qaqqabe dubbachuu keenya malee. Yoo Qur’aanaa fi Saayinsiin tokko kan jennu taate dogooggora guddaadha. Wanti Nuti waa’ee kanaa irratti ibsuu barbaanne waan Qorannoon Saayinsii ammayyaa itti qaqqabe kan Qur’aanni waggoota 1400 dura dubbate ifa Gochuu dha. Mee bakka lamatti qoodnee waa’ee Orbiitii (Falaka) jedhu kana haa ilaalluu:

1. Waa’ee Orbiitii (Falak):  Qur’aanni waa’ee sochii aduu, ji’aa fi qaamolee samii biroo yeroo dubbatu, jecha addaa fi hiika gadi fagoo qabu fayyadama. “Falak” Jechi kun afaan Arabiffaatiin waan geengoo ykn daandii maramaa agarsiisa.
Aayatoonni armaan gadii dhimma kana ifa godhu:
A. Aayata “Kullun fii Falakin Yasbahuun”
Aayanni kun Qur’aana keessatti iddoo lamatti irra deddeebi’amee dhufe, kunis barbaachisummaa isaa agarsiisa: Suuraa Al-Anbiyaa’, Aayata 33:
“وَهُوَ الَّذِي خَلَقَ اللَّيْلَ وَالنَّهَارَ وَالشَّمْسَ وَالْقَمَرَ ۖ كُلٌّ فِي فَلَكٍ يَسْبَحُونَ”

Hiika: “Inni (Rabbiin) Isa halkan, guyyaa, aduu fi ji’a uumeedha. Hundinuu daandii (orbiitii) ofii isaanii keessa daaku (socho’u).”
Suuraa Yaasiin, Aayata 40 ttis akkana jedha:
“لَا الشَّمْسُ يَنبَغِي لَهَا أَن تُدْرِكَ الْقَمَرَ وَلَا اللَّيْلُ سَابِقُ النَّهَارِ ۚ وَكُلٌّ فِي فَلَكٍ يَسْبَحُونَ”

“Aduun ji’a qaqqabachuun (bakka isaa bu’uun) isaaf hin malu; halkanis guyyaa hin dursu. Hundinuu daandii (orbiitii) ofii isaanii keessa daaku (socho’u).”

Ibsa Aayata Kanaa: Kullun-Hundinuu): Jechi kun aduu, ji’a, fi akkuma aayata duraa irraa hubannutti, qaamolee halkan uumaman (urjoota) fi lafa (sababni halkan fi guyyaan lafa irratti uumamuuf) of keessatti hammata. Kana jechuun qaamni samii hundi sochii keessa jira jechuudha.

Falak – Orbiitii/Daandii) jechuudha. Akkuma olitti ibsame, kun daandii geengoo, kan maramaa ta’e agarsiisa.
Yasbahuun jechuun Ni daaku jechuudha. Jechi kun Arabiffatti sochii qaama tokkoo kan ofuma isaatiin ofirra naanna’aa deemu agarsiisa. Akkuma nama bishaan keessa daakuu jechuudha. Kunis aduun, jiinii fi lafti yeroo orbiitii isaanii keessa deeman, ofirraas naanna’uu (rotation) isaanii agarsiisa.

Dinqiin isaa, jechi Yasbahuun jedhu gara duubaatti yoo dubbifames “Yasbahuun” ta’a.  Kunis sochii irra deddeebii fi kan hin dhaabbanne agarsiisuu danda’a.

Yaada “Aduun ni Socho’a” Jedhu; Hanga jaarraa dhihoo asitti, saayintistoonni Awurooppaa aduun bakka tokko dhaabbatti (static) jedhanii amanu turan. Garuu Qur’aanni ifatti aduunis akka sochootu ibsa.
Suuraa Yaasiiin, Aayata 38 irratti:
“وَالشَّمْسُ تَجْرِي لِمُسْتَقَرٍّ لَّهَا ۚ ذَٰلِكَ تَقْدِيرُ الْعَزِيزِ الْعَلِيمِ”

“Aduun iddoo murtaa’e) kan isheedhaaf murameef ni fiigdi (socho’a). Kun murtoo (Rabbi) Injifataa, Beekaati.”
Jechi “Tajrii” jedhu ni fiigdi jechuudha. Aduun bakka tokko dhaabbachuu ishee Qur’aanni ni morma.
Walumaagalatti: Qur’aanni ifaan ifatti, Qaamonni samii (aduu, ji’a, urjoota, lafa) hundi ni socho’u. Tokkoon tokkoon isaanii daandii (orbiitii) mataa isaanii qabu.
Sochiin isaanii akka daakuuti, kunis ofirra naanna’uu fi orbiitii keessa deemuu agarsiisa.
Aduun bakka tokko hin dhaabbattu, isheenis orbiitii mataa ishee qabdi.

2. Ilaalcha Saayinsii Ammayyaa: Orbiitii fi Sochii Samii;  Saayinsiin ammayyaa ragaa qabatamaa hedduun wantoota Qur’aanni waggaa 1400 dura ibse kana itti qaqqabeera.
Qaamni Samii Hundi ni Socho’a: Yaada “wantoonni samii hin socho’an” jedhu durii, saayinsiin kuffiseera. Aduun, pilaanetoonni ishee (lafa dabalatee), ji’oonni isaanii, fi urjoonni hundi sochii walxaxaa keessa jiru.

✅️Orbiitiiwwan (Daandiiwwan):
-Jiini  lafa naanna’a.
-Lafii fi pilaanetoonni biroo aduu naanna’u.

-Aduun mataan ishee bakka tokko hin dhaabbattu! Akkuma Qur’aanni jedhe, aduun sirna pilaanetootaa ishee (Solar System) guutuu waliin, wiirtuu gaalaaksii keenyaa (Milky Way Galaxy) naannofti. Saffisa tilmaamaan 220 km/sekondii ta’uun socho’a. Naannoo tokko guutuu gochuuf waggoota miliyoona 230 itti fudhata.
-Gaalaaksiin keenya (Milky Way) mataan isaas ni socho’a. Gara gaalaaksii biroo kan “Andromeda” jedhamuutti saffisa guddaan siqaa jira.
✅️Sochii “Daakuu” (Rotation and Revolution):
-Lafri: Yeroo aduu naannoftu (revolution), ofirras ni naannofti (rotation). Kun halkan fi guyyaa uuma.
-Ji’a: Yeroo lafa naanna’u, ofirras ni naanna’a. Sababa kanaaf, nuti yeroo hunda fuula ji’aa isa tokko qofa agarra.
-Aduun: Ofirras ni naannofti.
✅️Seera Uumaa (Physical Laws): Sochiin kun hundi akka tasaa miti. Seerota fiiziksii kan akka harkisa lafaa (gravity) fi seera sochii Newton hordofee adeema. Qur’aanni kana “Taqdiirul-‘Aziizil-‘Aliim” (Murtoo Injifataa, Beekaati) jechuun ibsa. Kunis sirna (system) uumamaa kan herrega sirrii fi seera cimaan hoogganamu ta’uu isaa agarsiisa.

Akkuma waa’ee boca lafaa irratti argine, dhimma orbiitii irrattis ilaalchi Qur’aanaa fi saayinsii ammayyaa guutummaatti wal-simu. Qur’aanni yeroo saayinsiin hawaa hin jirreetti ragaa sirrii fi ifa ta’e kenne. Fkn, aduun bakka tokko akka hin dhaabbanne ibsuun isaa, dinqii Qur’aanaa kan biraati. Kunis ammas ragaa Qur’aanni jecha uumaa addunyaa kanaa ta’uu isaa mirkaneessudha.