Categories
Uncategorized

Prank๐Ÿ˜‚ / Nama Rifachiisuun Haraami โŒ

ุจุณู… ุงู„ู„ู‡ ุงู„ุญู…ุฏ ู„ู„ู‡ ูˆุงู„ุตู„ุงู‡ ูˆุงู„ุณู„ุงู… ุนู„ู‰ ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡ ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ูˆุจุนุฏ
Obboleeyyan assalaamu aleeykum warahmatullahi wabarakaatu guyyaa har’aan tanaa dhaamsa obbolummaa dhaamsa gabaabaa qabadheetiin dhufee na wajjiin turaa dhaamsi kunilleen haala yeroo ammaa deemaa jiru kana keessatti sooshaal miidiyaa gubbatti namni waan hedduudha dalagaa jira keessattuu waan piraanki ja’anii nama rifachiisuu fi akkasuma ammoo nama sodaachisuu kana amantiin islaamaa nama sodaachisuu fi nama rifachiisu kana akkamitti ilaalti jennee yooniif wajjin laalle hadiisni ergama rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam tokko keessatti sahabaan argamaa rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam gaaf tokko ergamaa rabbii wajjin imala baanee ja’an nutii imala deemaa jiru nu keessaa
ูู†ุงู… ุฑุฌู„ ู…ู† ุงู„ุตุญุงุจู‡
Sahabaa keessaa namni tokko hirribni isaan kuteeti bakka qubanne san namni tokko rafee ja’an kana obboleessi isaa takkaahu saahibni isaa sahabaa irraa kan ta’e haada fuudheeti obboleessa isaa kan rafu kana gubbaa qaama isaa kana gubbaa babaasee sodaachise hogguu niifi hirribarraa ka’u rifatee sahaabtichi sun ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam waan uumame kana hoggaanii fi dhagahe akkana jechuudhaan barnoota isaaniif kanne sahabaadhaaf
ู„ุง ุชุฑูˆุน ุงู„ู…ุณู„ู…
Aboo nama muslimaa tokko hin rifachiisinaa
ู„ุง ูŠุญู„ ู„ู…ุณู„ู… ุงูŠ ุฑูˆุนู‡ ุงุฎุงู‡ ุงู„ู…ุณู„ู…
Nama muslimaa tokko nama rabbitti amane tokkof halaal hin tahu hin hayyamamu obboleessa isaa kan islaamaa tokko rifachiisuun akka inni rifatu isa godhuun dhoorkaadha ja’e ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam namni mu’minaa namni rabbitti amane yeroo hundaahu kabajaadha qaba rabbiin subhaanahu wata’alaa isa miidhullee tahee isa rifachiisuu illee tahee jecha keessatti gocha keessatti waa hunda keessatti haqa ilma namaa rabbiin subhaanahu wata’alaa akka firraa eeynu nu barsiise duboo ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam hadiisa biraa keessatti gocha tokko ammallee kan sahabaan daleeyde dhagahe kan maal ja’u sahabaa keessaa tokko kobee obboleessa isaa jalaa dhooyse ja’an kana obboleessi isaa sun kobee barbaadee hogganiifi dhabe san booda tabaafi je’ee hoggaasuma dhufee deebiseefi ergamaan rabbi aleeyhi sallaatu wassalaam bira dhaqee sahaabtichi rifatee kun hagam akka rifate ergamaa rabbiititti himate ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam
ู„ุง ุชุฑูˆุน ุงู„ู…ุณู„ู… ูุงู† ุฑูˆุนู‡ ุงู„ู…ุณู„ู… ุธู„ู… ุนุธูŠู…
Aboo nama muslimaa keessan tokko hin rifachiisinaa obboleessa kee rifachiisuun rabbi biratti miidhaa guddoodha zulmii guddoodha ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wasalaam nu dhoorke amantiin islaamaa nama muslimaa tokko rifachiisuun jecha keessattis gocha keessattis ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam hadiisa sahiiha biraa keessatti
ู…ู† ุงุดุงุฑ ุงู„ู‰ ุงุฎูŠู‡ ุจุญุฏูŠุฏ
Namni obboleessa isaatti haaggate takkaahuu ablee qaramtuudhaan obboleessa isaa namni sodaachise
ูุงู† ุงู„ู…ู„ุงุฆูƒู‡ ุชู„ุนู†ู‡
Malaykaan isa abaarti
ุญุชู‰ ูŠุฏุนูˆ
Hanga dhiisuu obboleessa isaa san sodaachisu san hanga dhiisutti malaykaan isa abaarti
ูˆู„ูˆ ูƒุงู† ุงุฎุงู‡ ู„ุงุจูŠู‡ ูˆุงู…ู‡
Obboleessi inni sodaachisu kun obboleessa muslimaa qofa osooniifi hin taane odooย  obboleessi isaa kan abbaa fi haadhaan tokko yooniifi ta’ellee yooniifi ableen sodaachise malaaykaan isa abaarti hanga gocha san dhiisutti ja’an ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam nama muslimaa sodaachisuun nama muslimaa tabaafillee haa ta’uu nama muslimaa akka rifatu godhuun dhorkaadha taphaaf immoo akka itti dhorkaadhaa ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam hadiisa sahiiha keessatti
ู…ู† ุงุฎุฐ ู…ุชุงุน ุงุฎูŠู‡ ู„ุงุนุจุง ุงูˆ ุฌุงุฏุง
Namni meeshaa obboleessa isaa tabaafis tahee dhugaafis fuudhee jalaa dhokeesse
ูู„ูŠุฑุฏู‡ุง ุงู„ูŠู‡
Aboo gama isaa haa deebisuu ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam waa takka isiniif hin godhu obboleeyyan keessan hin rifachiisinaa piraanki jettanii tabaafis takkaa sooshaal miidiyaa gubbatti youtube keessan akka ummanni isiniif laalu tahuu waan adda addaa fi kijiba tokkoffaa kijiba of keessaa qaba wanni dalagaa jirtu sun kijiba kan lammaffaadhaa nama muslimaa tokko rifachiisuudha amantiin islaamaa nama rifachiisummoo nu dhoorkite jechuudha amantii islaamaa qofaa miti beeyladaallee rifachiisuu nu dhorkite ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam nu dhorke gaaf tokko ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam gurbaa re’ee qalu obboleeytii isaa biratti re’ee obboleeyyan 2 tokko cinatti hoggaa qalu arke sani ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam maaliif akkana goota maaliif hoggaa 2 ajjeesta tanallee lubbuu itti guraartee taanillee ofiifuu ajjeeftee maalif du’a lama goota je’eenii ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaamย  hattaa beeyladaa akka hin sodaachifne hadiisa ibnu mas-uud keessatti ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam ibnu mas’uuditti akkana ja’a gaaf tokko ergamaa rabbii wajjin imala baaneeti karaa deemaa turre kana muka takka jalaa qubannee ergamaa rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam wajji osoo qubannee ta’aa jirruu muka jala muka sanirra shimbirroo hedduutu ture sahabaa keessaa shimbirroo xiqqoo fuudhaniti itti taphachuu turan kana haati shimbirroo sanii ergamaa rabbii aleeyhi salaatu wassalaamย  bira dhuftee iyyitee afaan beytuun ergamaa rabbiitti hoggaa himatte ergamaan rabbii sahabaa wali qabee
ู…ู†ูุฌุน ู‡ุฐู‡ ุจูˆู„ุฏู‡ุง

Aboo shimbirroo tana ilma isiitiin namni rifachiise isinirraa eenyu ja’aniin ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam hoggaanii fi akkanatti gaafate sahabaan nutii bar yaa ergamaa rabbii ja’aniin aboo itti deebisaa gama isii deebisaafii hin rifachiisinaa je’e ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam  hattaa beeyladaahuu rifachiisuu amantiin islaamaa nu dhoorkite
ูˆู…ุง ุงุฑุณู„ู†ุงูƒ ุงู„ุง ุฑุญู…ู‡ ู„ู„ุนุงู„ู…ูŠู†
Rahmata aalama guutuudhaaf akka godhu rabbiin subhaanahu wata’alaa akka godhuuf amantii islaamaa nuuf erge obboleeyyan kiyya kabajamoo fi qaalii yaa warra piraanki jettanii maqaa adda addaatiin diraamaas jettanii waan feetan haa tahuu nama muslimaa tokko rifachiisuun dilana dhorkaadhaa jechu
ุนู† ุฌุงุจุฑ ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ู‚ุงู„ ู†ุญู‰ ุนู† ุงู„ู†ุจูŠ ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ุงู† ูŠุชุนุงุทู‰ ุณูŠูุง ู…ุณู„ูˆู„
Ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam jaabir irratti radi’allaahu anhu ergamaa rabbiitirraa odeessan ergamaan rabbii nu dhoorke seeyfii qartuu akka wali kannan ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam nu dhoorkee ja’an hadiisa biraa keessatti ergamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam gosa lama
ู…ู† ุตู„ู‰ ุงุญุฏูƒู… ุณูŠูู‡
Namni seeyfii isaa qare namni ablee isaa isinirraa qarate
ูุงุฑุงุฏ ุงู† ูŠุนุทูŠ ุงุฎุงู‡
Akkasuma ablee qartuu kana obboleessa isaatiif kennuu yoo barbaade
ูู„ูŠุบู…ุฏู‡ุง ุซู… ูŠู†ุงูˆู„ู‡
Ablee qartuu san qara san qabee obboleessa isaa akka hin rifachiisnetti ablee san itti haa kennu argamaan rabbii aleeyhi sallaatu wassalaam hattaa hoggaa kannitaniif qara gad deebisaatii obboleessa keessanii kannaa hin rifachiisinaa ja’a ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam  ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam hadiisa biraa keessatti namni isinirraa ablee takkaahu meeshaa waraanaa baadhatee jiru masjiida keenya akka nutti hin seenne yooniif kan seenu tahe ofirraa baasee lafa kaayee nu wajjin haa salaatu ja’an ergamaan rabbi aleeyhi salaatu wassalaam obboleessa isaa kan wajji salaatu kana akka hin rifachiisneef obboleessa isaa kana kan masjiida jiru kana qalbii isaa keessa akka waa finneef ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam meeshaa waraanaa baadhatanii masjiida hin seeninaa yoonif seentan lafa ofirraa kaayaa salaataa ja’a aleeyhi salaatu wassalaam hadiisa tokkooniin goolaba ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam tokkoon keessan hoggaaniifi nama sadiin deemtan yoo namni lama iccitii dubbachuudhaaf achi kan bahu tahe obboleessa isaa ka irraa iccitiin achi baatan kana khobaa dhiisuu duratti dhiifama gaafadhaa ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam akka qalbii isaa keessa hamtuu akka inni yaaduu hin godhinaa ja’a ergamaan rabbii hamtuu akka inni yaadu hin godhinaa akka hamtuu hin yaanneef dhiifama gaafadhaa ja’a ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam li’annahuu nama mu’minaa sodaachisuun nama mu’minaa rifachiisuun akka yaaddawan godhuun rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hin jaalatu nun ja’a ergamaan rabbii aleeyhi salaatu wassalaam obboleeyyan kiyya kabajamoo fi qaali kaniin amma dubbadhe kun hadiisa ergama rabbiitii aleeyhi salaatu wassalaam namni rabbii fi ergama isaatti amanu ka jiraatu ta’e talagaa waan dalagaa jirtan kanarraa nama muslimaa akka waliigala sodaachisu jechaa fi gocha keessattillee maaliif taphaa fi dhugaafillee maaf hin taane dhoorkaadha haraam callaa obboleeyyan kiyya irraa haa fagaannun isiniin ja’a aayata rabbiitiin subhaanahu wata’ala goolabna
ูˆุงู„ุฐูŠู† ูŠุคุฐูˆู† ุงู„ู…ุคู…ู†ูŠู† ูˆุงู„ู…ุคู…ู†ุงุช ุจุบูŠุฑ ู…ุง ุงูƒุชุณุจูˆุง ูู‚ุฏ ุงุญุชู…ู„ูˆุง ุจู‡ุชุงู†ุง ูˆุงุซู… ู…ุจูŠู†ุง
Isaaniiwwan nama muuminaa dhalaa fi dhiiraa akkanumatti miidhaa irratti gaggeessan dhugatti cubbuu fi dilii guddoo badhatanii jiran ja’a rabbiin subhaanahu wata’alaa obboleeyyan kiyya irraa haa fagaannu badii tanarraa lubbuu teenya haa qusannuun isin ja’a yooniin dogoggore lubbuu tiyyarraayi yoonin haqa qunname rabbirraahi assalaamu aleeykum warahmatullahi wabarakaatu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *