Zikriin dalagaa gabrichi Isii dalaguudhaan gara Rabbii isaa dhiyaatu. Dalaga laaftuu arrabaan ja’anii galata guddaa itti arkatan. Zikriin sadarkaa tee ol si kaasti, Dahabaa fii Qrashii Sadaqachuu Namaafi caalti.jedhan subhana Allah ☝️🙏
✨
Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Akkana Ja’an ۞ﷺ۞“ Fakkiin Nama Rabbii Isaa zakkaruu fii kan hin zakkarree Akka Fayyaa fii Du’aati”.
☀️
Zikriilee isii godhuun gabrichi gama Rabbii isaa ittiin dhihaatu keessaa takka Subhaanallaah jechuudha.
🌸
Subhaanallaah jechuun Waa Hundarraa Rabbi Qulqulleessuudha. isiin Jecha Akkaan Rabbii Biratti Jaalatamaa fii akkasumaas irra caalaa jechaati.
🌺
Osoo Diliin teenya hanga hoomacha baharaa heddumatte,hillee zikriilee akkanaa tana jechuu heddumessun Rabbiin keenya dilii San hunda nurraa haqee yoo fedhe toltutti Nuuf jijjiira.
🌹
Zikrii heddumessun sababaa Rizqiin namaafi banamuuti, akkasuma ammaas isii heddumessudhan Rabbiin ilmaan nama razaqa.
💫
Tanaafi Yaa obboleeyyan Kiyya zikrii godhuun Sadarkaa Guddoo qabaachuu beeynee hanga dandeenye afaan Keenya, Arraba keenyan zikrii godhuun haa shaakallu.
🦋
Yeroo dhaabbannu, yeroo teenyu, yeroo deemnu fii akkasumaas Haala keessa jirru hundatti zikrii Godhuun gara Rabbii Keenyaa haa dhiyaannu.
🥀
Rabbiin Zikrii Nuuf laaffisee, Warra Ganamaa fi Galgalaa isa zakkaru irraa Nu Haa Taasisu.
Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin 🤲🤲
Month: December 2025
يقولون مالا يفعلون
Laal
Biyyi lafaa ulfaattuudha,obsa guddaa sirraa barbaaddi,guyyaa kee eeggadhu,jabaadhuu baradhu,jabaadhuu hojjadhu,fuudhi heerumi, arraba kee toohadhu,garaa bal’adhu, biyyaafi saba kee jaaladhu, nyaataafi dhugaatii kee halaala tahuu isaanii mirkaneeffadhu,guddaa kabaji, xiqqaa garaa laafi,waan qabdurraa kenni, miskiina gargaari,cimii bahi,dubbii namaa hindhagahin,osoo hin hubatin hin gubatin, haadhaa abbaa keetii qajeeli,jedhanii nama gorsuun hedduu laafaadha.
Jaaloo
isuma namaan jettu kana ufitti as fidii ati bakkaan gahi mee osoo kan namaan jedhu jiraatee,silaa gorsi keenna hundi waanuma dandeenuufi hojjannu qofarratti xiyyeeffatee namas fayyada taha,namnis dubbii keenna dhiisee hujiin nuu agarsiisa.
Obbolaa
Waan obsi tahe ati himuu dhiisii mee warra uffata namaa miicee ilmaan guddifatu sana gaafadhu, garaa baldhinni maal akka tahe,mee joollee mana namaa dalagdu kan umriin jaraa digdamootaa gadii sana gaafadhu,waan qaban irraa kennuu yoo tahe,mee joollee gammoojjii biyya Arabaa axxaamurtee hiyyummaa jalaa bahuuf carraaqatturraa iyyaafadhu malee namni gorsa dhagahuu dideen sirna miti.
Yoooo
Gorsi keenna jalqaba numa gorsuu qaba,nuti walii garaa laafnu,namni nurraa barata,nuti walii obsa qabaannu namni walii obsuu leenji’a,nuti dubbii dhiifnee hujiin agarsiisnu malee,ufii gaaddisa jala taa’aa ormaan aduun isin nyaataa nu dhagahaa yoo jenneen,haasofni keenna yoomuu taanaan kokkee namaa bira gadi hin taruu xiinxalli.
Yooo
Cidha keennarratti foon waddinee,affeellee, muraa rarraasnee nyaachisaa,ormaan israafa dhiisaa jechuun hin taatu,du’a keenna cidha fakkeessinee keessummaa adda foonee nyaata addaa dhiheessaafii, oamaan achii galtanii waa nyaatuun hin tahu jechuun hintaatu,ufii ta’anii ormi namarraa waa barataa hubadhu.
Yes
Diinal-islaam waan jiraatamu malee waan himamu miti,ati kootii baafadhuu miskiina jala gadi taa’ii rahmata godhuu leenji’i, bilbilan kan sin arganne, sitti dhufan kan nama jalaa hin dubbanne,ufii immoo Amriin islaamaa na yaachisa yoo jette, qoosaa malee dhugaa hin taatu,kanaaf yeroo hunda namni gurra nurraa qabataa beekuun dirqama.
Ekaaa.
Ulamoota baadiyyaa,kan mindaa Rabbi malee nama biraa hin qabne sana laali, Aayyoofi Aabboo lafa duguuganii mana Rabbii ijaaran sana argii, waan diinal islaam tahe hubadhu.
Jaaloo
Namni guutu malee,maayikiin sirraahu malee. Karaan qulqulluu tahu malee da’waan hin tahu jennaan,bashannana deemta malee ergas Nabii Rabii geessuu mitii hubadhu.
Halooo
Yeroo garii osoo deemuu baatanii,osoo dubbatuu dhiisanii,osoo mulachuu dhabanii irra faayidaa qabaa uf argadhu,da’waan keenna dawaa tahuu qabaa beeki.
▫️HUBADHU▫️
📌Qalbiin Qulqulina Barbaaddi,Hedduun Namaa Qalbii Isaa Irratti Kan Hin Xiyyeeffanne Qaama Isaa Irratti Kan Xiyyeeffatee Qulqulleessutu Jira.
📌Qalbii Duutuu Baatanii Qaama Qulqulleessuun Bu’aan Isaa Dadhabbiidha,Hedduu Namaattu Ifaajee Qofa Irratti Kan Hafan Jiru Jireenya Duniyaa Kana Keessatti Gaafa Qalbii Ofii Ergaran.
📌Qalbiin Bareennaan Ruuhiin Ni Bareeddi Ruuhiin Bareenni Gaafa Duniyaa Irraa Deemte Gara Samaawaataatti Ol Baati Khabaja Isiitirraa,Garuu Qaamni Dachii Irratti Hafa Biyyee Keessatti Awwaalama.
📌Akkamitti Namni Sammuu Qabu Isa Dachii Keessatti Hafuuf Eddoo Kenna! Isa Gara Samaawaataa Gama Rabbiitti Ol Baahu Dhiiseeti?!
📌Yeroo Kee Hin Ergarin,Nama Bakka Hundatti Argamu Hin Ta’in Ati Tiisisaa Miti Nama,Nama Keessaa Immoo Muslimni Akka Kanniisaati Jedhan Nab Muhammad Sallallahu Aleeyhi Wossallam.
📌Qalbiin Raafama Qabdu Qaamni Isii Baatee Jiru Bakka Hundaa Mullata,Gosa Maraan Haala Bakka Sanii Dhaalee Kan Achii Mullatu Qaama San.
📌Qaamni Munaafiqaa Qalbii Isaatiin Wol Hin Fakkaatu,Wol Dhaba,Isa Yeroo Nama Gaarii Bira Gahu Gaarii Bareeda Fakkaatu,Isa Yoo Sheeyxaana Bira Gahes Nuti Isin Wojjiin Jirra Isin Deeggarra Jedhu,Yeroo Kaan Mu’umina Yeroo Kaan Mujrima Kun Haala Tokko Dhabuun Haala Munaafiqaati.
📌Dhiirri Dhiirummaa Ofii Gadi Lakkisee Dubartii Hin Fakkaatin Inni Filatamaadha,Dhiirummaan Haqiiqaa Yoo Iimaanni Bira Jiraate Isii San,Gahee Dubartii Dubartiif Inni Beeke Dhiise Qaroomee Jira,Isaanitti Fakkaachuun Diin Faallessuudha,Jaalala Nama Sammuu Qabuu Namaaf Hin Argamsiistu Dubartitti Fakkaachuun Dhiirri,Isa Dubartii Fakkaachuuf Yaalu Dubartoonni Dhiira Jedhanii Abbaa Manaa Jedhanii Filatuu?! Akkamitti?
📌Dubartiin Dubartummaa Isii Beeytee Irra Jiraatte Haadhaa Fi Haadha Manaas Taatee Kan Mana Ofii Hoogganuu Danda’u Isiidha,Jireenya Bultiitiif Ilmaan Abbaa Manaatiif Filatamtuun Isiidha,Kanaafuu Dhiirri Aqlii Qabu Inni Iimaanaaf Ilmii Daandii Ittiin Ilaallatuun Rabbiin Isaaf Kenne Dubartii Dubartii Taatee Amala Dubartiitiin Jiraattu Fedha,Kan Dhiira Tahuuf Haala Dhiira Keessa Buutu,Akka Dhiiraa Of Taasistu Qullaa Baatee Fuuldura Hawaasaatti Suuraa Kaatu Suuraa Lakkistu Isa San Inni Sammuu Qabu Dhuguma Dubartii Jedhee Itti Amanee Haadha Manaa Hin Taasifatu,Dubartii Tahuun Isiituu Shakkamaadha,Haalli Dubartii Beekamaadha Waan Taheef.
▫️CARRAAN ISIIN QABDU SUN LAMA TAHUU DANDAHA▫️
1) Isa Nagaha Hin Qabne Halaalaa fi Haraama Gar Gar Baasee Hin Beekneen Bultii Ijaarachuudha,Isa Malliniif Haalli Isa Dhibe,Isa Rabbii Isaa Irraa Quba Hin Qabne.
2)Jireenya Namaan Wojjiin Jiraachuu Bultii Ijaarrattee Ilmaan Bareeda Guddisuu Irraa Garaa Kutachuu,Akkuma Lubbuun Koo Feetetti Jiraachuu Eenyuuyyuu Na Dirqamsiisuu Hin Dandahu Jechuu Yaaduu,Murteen Hammaatan Kun Jireenya Gadadoo Keessa Isii Akka Jiraattu Taasise,Daandiin Jalaa Badee Fuuldura Ija Hawaasaatti Kan Hafe Hedduudha,Abbaarsaa Rabbiitiif Malaa’ikaa Mu’umintootiin Saaxalamaadha Inni Akkanaa Kun Yeroo Baayyee,Shamarrii Hedduun Yeroo Ammaa Murtee Fokkataa Akkanaa Kana Kan Murteessanii Aduu Mataa Isii Bowwaasisu Keessatti Kan Hafan Hedduu dha Bakka Isaan Kuun Ijoollee Rahmata Rabbiin Isiif Kenne Wojjiin Gaaddisa Manaa Keessatti Abbaa Manaa Isii Wojjiin Qananiitu.
▫️RAHMAAN NAGIYA NU HAA BAASU, QALBII TEENYAAS TIKA OFII JALA RABBIIN OOLCHEE IIMAANA IRRATTI GAD NU HAA DHAABU ▫️
Hadiisa jechuun maali?
Deebii
Hadiisa jachuun hiika walii galaatti jachaa fii gocha gama nabiitti hirkifame hunda, jachaa fii gocha sahaabaa kan isa biratti dalagamee Nabiin irraa callise dabalatee inni ( iqraara) ja’ama .
Akkasuma jachaa fi gocha Sahaabaa fii Taabi’aallee ni dabalata akka hiika kanaatti. Bifa uumaama isaatii fii bifa haala isaallee ni dabalata.
Akka hiika kophaatti ammoo jachaa fii gocha Sahaabaa fii Taabi’aa hin dabalatu
Maqaalee isaa
Hadiisa
Khabara
Asara
Sunnaa
Yoo hiika walii galaa fudhanne hundinuu tokkuma,yoo hiika kophaa fudhanne khabarri hadiisarra ballaadha kan sahaabaa fii taabi’aa dabalata. Asarri ammo Sahaabaa fii taabi’a qofarratti gabaabbata.
Ammaaf asumatti dhaabnee gara yoom barreeyfameetti dabarra.
HADIISNI YOOM BARREEYFAME?
Hadiisni akkuma quraanaa yeruma Nabiyyallaah Mohammed sallallaahu aleeyhi wasallam duniyaarra jirurraa eegalee ,eega inni deemee gadaa sahaabaa fii taabi’aa barreeyfamuu itti fufe hanga dhuma jaarraa 1ffaa bakka takkatti walitti qabamutti eegas booda xiqqo xiqqoon baballachaa hanga kitaabban hadiisaa barreeyfamanii asriin riwaayaa dhumtutti fufe.
Bakka tanatti yaada lamaatu ka’a hadiisa waan quraana malee jiru barreeysuu dhoorkuu fii hadiisa barreeysutti ajaju.
Kha dhoorku
Hadiisa Abii sa’iid al khudrii ka muslim gabaase”لا تكتبوا عني، ومن كتب عني غير القرآن فليمحه، وحدثوا عني ولا حرج، ومن كذب علي متعمداً فليتبوأ مقعده من النار “
Quraana malee waan biraa narraa hin barreeysinaa Namni quraana male waan biraa narraa barreeyse haa haquu , ammoo afaanumaan hadiisa narraa odeeysaa rakkoo hin qabuu ammoo namni hoggaa odeeysu san kijiba itti dabale mana isaa jahannamirraa qopheeyfatee jiraachuu haa hubatuu.
Ragaan hadiisa barreeysaatti ajaju
2 Hadiisa Abdallaah binu Amrii kan Abuu daawuud fii Ahmad odeeysan
عن عبد الله بن عمرو قال :
“كنت أكتب كل شيء أسمعه من رسول الله صلى الله عليه وسلم أريد حفظه، فنهتني قريش وقالوا: تكتب كل شيء تسمعه من رسول الله، ورسول الله بشر يتكلم في الغضب والرضا؟! فأمسكت عن الكتاب، فذكرت ذلك لرسول الله صلى الله عليه وسلم، فقال: اكتب، فوالذي نفسي بيده، ما خرج مني إلا الحق.”
“Ani Ergaa Rabbiirraa waaniin dhagahe hunda niin barreeysa haffazuu barbaaduuf jacha , Qureeyshiin Ergaan Rabbii ilma namaatii yeroo Aaree fii yeroo gammade waa dubbachuu malaa hin barreeysin naan jannaaniin barruurraa if qabeetiin ergaa Rabbii itti gaafadhe . Ergaan Rabbii isa Lubbun tiyya harka isaa jirtuun sii kakadhaa Afaan kiyya keeysaa waan haqaa malee hin bahuu barreeysi naan jana dhoorkitee
2 guyyaa fathii makkaa ergaan Rabbii erga gorsee fixe booda gurbaan warra yaman kha Abii shaah ja’amu tokko “Naa barreeysaa yaa ergaa Rabbii” jannaan”barreeysaaf “ja’e ergaan Rabbii
3. Hadiisa Raafi’i binu khadiik kha Ahmed gabaase
عن رافع بن خديج رضي الله عنه قال:
> “قلنا: يا رسول الله، إنا نسمع منك أشياء أفنكتبها؟ قال: اكتبوا، ولا حرج”
Hadiisa dhoorkuu fii itti ajaju kana mataa walitti qabuuf jachi ulamaa hedduudha.Gabaabsinee yaada ulamaa sadihii haa fudhannuu
1.Hadiisni duraa shaaramaadha kuni hadiisni hadiisa shaaruuf ragaadha jalqaba amrii dhoorkee eegas itti ajaje.
Yaada ibnu Quteeybaati(ت276ه)تأويل مختلف الحديث ص: 412
2.Dhoorkaan dhufte hadiisaa fii quraana walkeeysatti barreeysurraahi akka nama qara’urratti walin hin fakkaanneef yaada Khaxxaabiiti(ت388ه) في معالم السنن )4/184)
3. Jalqaba hijraati namni hadiisaan quraanarraa shaakhalamuun yeroo hin amanamne san
Yaada Raamahurmuuziiti (ت369ه(Muhdasul faasil beeyna Al raawii wal waa’ii kheeysatti.( 386)
Eega yaada sadeen kana fudhanne booda ragaalee Hadiisni zamana Nabiyyallaah Mohammed barraahuurratti qaceelchan hanga tokko haa tuuynuu
1 . Walii galtee hudeey biyyaa
2. Ergaawwan Nabiin gara moototaatti erge
3. Sahiifatu Aliyyii binu Abii xaalib
4. Sahiifatu Asaadiqaa ta Abdallah binu Amrii ta hadiisa 1000 tokko if keeysaa qabdu
4. Sahiifatu Sa’ad bunu Ubaadaa
5. Sahiifatu Jaabir binu Abdallah ta qataadaan sahiifaa isaa haffazuurra suuraa baqaraa haffazuutu irra caala ja’u
6. Sahiifatu Abdallah binu Abbaas
Sahiifatu zeeydi binu sabit
7. Walii galtee Madiinaa fi kkf hundi hadiisni osoo nabiin jiruu barraahuurratti qaceelchan
Gaaffiilee hafteef itti fufa………
IYYESUUS ISIRAA’EL QOFAAF
Kiristaanonni yeroo baay’ee isin Musilimtoonni Iyesuusiin ni jaalanna jettu garuu maaliif isa hin hordofneree nuun jedhu.
Nuti Musilimtoonni Iyesuus qofaa osoo hin taane nabiyyoota hundaa lubbuu keenya caala jaallanna garuu ittiin bulmaanni keenya barsiisa isaanitiinii miti. Sababni isaas nabiyyoota hundaa rabbiin biyya biyya isaaniitiin erge nabi Muhammadiin malee (saw)
Fknf Iyesuus afaan isaatiin maal jedhe jennee yoo ilaalle
“Biyya lafaa keessa hamman jirutti, ani ifa biyya lafaa ti” isaaniin jedhe.”
— Yoh. 9:5
Kanaafuu seerri isaa daangeffamaadha jechuudha. Ergamiinsi iyesuus fi seerri isaas hanguma inni lafa kana irra jiruudha.
Kanaaf rabbiin nabiyyii hordofnu nabiyyii goolaba nabiyyoota ta’e nabi Muhammad saw hordofna seera isaaf kennameen bulla kun ajaja rabbii keenyaati.
YESUUS ISIRAA’ELOOTA QOFAAF ERGAMEE KAN DHUFEEDHA.
✝️”Si keessaa Kan moo’u tokko Saba koo ISIRAA’ELIN Kan bulchu ba’a. {w/Maatiwoos 2:6}
↕️ Isiraa’elin Kan bulchu jedhe malee addunyaa Kan bulchu hin jenne🙏
✝️”Yesuus immoo Ani dhugumaan isinitti hima biyya lafaa ishee haaraatti ilmi nama ulfinna isaatiin teessoo irra yemmuu taa’u isin warri na duukaa buutan immoo teessota kudha lamaan irra teessanii gosa kudha lamaan keessatti firdii ni kennituu”. {W/Maatiwoos 19:28}
↕️Warri saba Isiraa’el gosa kudha lamaan Sana keessa hin jirre akkam ta’a.? Iyesuus addunyatti hin jenne Saba isiraa’eel gosa kudha lamaan qofa jedhe.
✝️”Yesuus deebisee, inni hundumaa irra caalu dhaga’i yaa ISIRAA’EEL gooftichi waaqayyoo keenya kophaa isaa gooftaadha”.{w/maarqoos 12:29}
↕️ Iyesuus dhagahi yaa addunyaa hin jenne dhagahi yaa isiraa’eel jedhe.
✝️”Gabricha isaa ISIRAA’EELIIN gargaaruufis birmate”.{w/Luuqas 1:54}
↕️Addunyaa gargaaruuf osoo hin taane isiraa’eeloota gargaaruudhaf waaqayyoo iyesuusiin erge.
✝️ Waaqayyo geeddarannaa yaada garaatii fi dhiifamuu cubbuu ISIRAA’ELIIF kennuudhaaf abbooma fayyisaas godhee gara mirga isaatti ol Isa fuudheera”.{H/ergamtoota 5:31}
↕️ Iyesuus wanni gara samitti ol fudhatameef cubbuun addunyaa akka dhiifamuuf osoo hin taane cubbuun isiraa’eeloota qofaati akka dhiifamuufidha.
✝️”Akkuma abdachiisetti sanyii namicha kanaa keessaa (daawit) waaqayyoon Saba ISIRAA’ELIIF fayyisaa kaaseera; inni immoo yesuus”.{H/ergamtoota 13:23}
↕️Yesuus addunyaadhaf fayyisaa ta’e Kan ka’e osoo hin taane waaqayyoon Saba isiraa’eeliif fayyisa godhee Kan kaaseedha.
🙏Walii galatti Mee kana irratti #yesuus maal jedhe laata ni morme moo dhugaadha jedhe isiraa’eeloota qofaaf dhufu isaa kana?
✝️”Ani warra akka hoolotaa kararra goranii Mana isiraa’eelii badan qofaaf/duwwaaf malee hin ergamne” jedhe.{w/Maatiwoos 15:24}
🤔Ani Kan jedhu warri saba Isiraa’el hin taane maaf dhama’uu osoo macaafni akkanatti itti himu Sana bira kutee yesuus afaan isaatiin isaanitti osoo himu.🤔sabni isiraa’eel sunuu Kan wayta nabi muhammad saw hin ergaminiin dura turaniidha. Erga nabi muhammad saw ergamee immoo ergaan iyesuus xumurameetin jira.
Dubbisuu dhabuufi hubachuu dhabutu akkanatti nama dhamaasa.
Kanaaf obbolewwan Koo Kan kiristaana kootta gara amantii isilaamatti gara amantii waaqayyoon moggaafate filateetti koottan kun yaamsa keenya Kan hawaasa musiliima hundaati.
Waaqayyoon qalbiifi ija keessa isiniif haa banu.

Jechi tawbaa ja’u jecha guddaadha. Isiin hiika guddaa qabdi. Isiin akka namoonni baay’een se’an kan arraba qofaan je’amtee ergasii dilii irra turanii miti. Mee jecha Rabbii kana xiinxali:
وَأَنِ اسْتَغْفِرُوا رَبَّكُمْ ثُمَّ تُوبُوا إِلَيْهِ} [هود: (3)
“Gooftaa keessan araarama karadhaa; ergasiis gama Isaatti tawbaa deebi’aa jechuun (adda baafne).” (Huud: 3). Kana irraa ka’uudhaan tawbaan (gara Rabbii deebi’uun) istighfaara (araarama kadhachuu) irra waan dabalataa ta’uu argita.
Sababa wanti guddaan kun ulaagaa hin dhabneef, beektonni ulaagaa tawbaa kan aayata Qur’aanaatii fi hadiisa irraa fudhatame dubbataniiru. Kan armaan gadii garii isiiti:
1. Daddaffiidhaan dilii irraa dhaabbachuu,
2. Tan dabarteef sheenawuu,
3. Fuulduraaf itti deebi’uu dhiisuu murteessuu fi
4. Haqa namoota miidhee deebisuu yookiin akka isaaf dhiifama godhan gaafachuudha.
Beektonni gariin ulaagaa tawbaa qulqulluutiif ibsa biraas dubbataniiru. Fakkeenya garii waliin haa laalluu.
1) Dilii dhiisuun Rabbiif jecha ta’uu qaba. Waan biraatiif ta’uu hin qabu. Fakkeenyaaf akka isa hojjachuu yookiin irra deddeebi’uuf dandeettii dhabuu, yookiin haasawa namaa sodaaf ta’uu hin qabu.
Namni akka diliin nama keessatti kabajaa isaa fi gurra isaa irratti rakkoon hin finneef, yookiin akka hojii isaa irraa hin ari’amneef jecha hojjachuu dhiise toobateera hin jedhamu.
Akkasumas namni fayyummaa isaafi humna isa eeguuf jecha dilii dhiise kan akka dhukkuba daddarbu sodaadhaaf jecha zinaa dhiisuu, yookiin qaama kiyya na dadhabsiisa jedhee zinaa dhiise toobateera hin jedhamu.
Namni kallattii ittiin mana namaatti seenu dhabee yookiin mana kuusaa banuu dadhabee yookiin poolisa sodaatee hanna dhiise toobataa hin jedhamu.
Namni malaammaltummaa fudhachuu sodaa inni kennaaru kun warra farra malaammaltummaa ta’aatiin dhiise toobateera hin jedhamu.
Akkasumas namni waan deegee qarshii dhabeef jecha khamrii dhuguu dhiise yookiin waan sammuu hadoochu irraa fagaate toobate hin jedhamu.
Ammas namni waan dandeettii isaatiin alaatiif jecha dilii dhiise, fakkeenyaaf namni kijibaan tokko arrabni isaa shalallaan dubbachuu dadhabe, namni sagaagala hojjatu wal qunnamtii saalaa irratti dandeettii dhabe yookiin hattuun balaa wahiitiin harkaafi miila dhabe hanna dhiise toobate hin jedhamu. Kana hundaafuu gaabbuun, dilii sana hawwuu irraa buqqa’uuniifi isa dabre irratti gadduun dirqama ta’a. Isa kanaaf jecha Nabiyyiin (saw) “gaabbiitu tawbaadha” jedhan.
Rabbiin namicha dadhabaa jechaan taa’ee hawwu sadarkaa nama hojjatee irra isa kaa’e. Kunoo hin ilaaltuu Ergamaan Rabbii (saw) akkana jedhan: “Duniyaan kan namoota bifa afuriiti. Tokko nama Rabbiin qabeenyaafi beekumsa isaaf kenne. Kan isa keessatti Gooftaa isaa sodaatu, kan isa keessatti firoota isaa fufu, kan haqa Rabbiin isa keessaa qabu beeku. Kun nama sadarkaa guddaa qabu. Inni lammaffaa nama Rabbiin beekumsa isaaf kenneefi qabeenya isaaf hin kennin kan niyyaan isaa qajeelati. ‘Odoon qabeenya qabaadhee silaa anis dalagaa akka ebaluun dalaga’ jedha. Inni niyyaa (yaada) isaatiin ta’ee mindaan jara lamaanii wal qixa. Sadaffaan gabricha Rabbiin qabeenya isaaf kenne kan beekumsa isaaf hin kennin kan qabeenya isaa beekumsa malee akka fedhetti balleessu. Gooftaa isaa ittiin hin sodaatu. Firoota isaa ittiin hin fufu. Haqa Rabbii kan isa keessa jiru hin beeku. Inni sadarkaa daran fokkataa ta’e irra jira. Inni afraffaa nama Rabbiin beekumsaafi qabeenyas isaaf hin kennin yoo ta’u, inni kun ‘Odoon qabeenya qabaadhee silaa anis dalagaa akka ebaluun ittiin dalaga’ jedha. Sun niyyaa (gadhee) isaa argata. Kanaaf diliin isaan lamaanii wal qixa ta’a.” Ahmadiifi Tirmiiziitu gabaasan. Inni Sahiih Attarghiib wattarhiib keessas ni jira.
2) Fokkinni diliitiifi miidhaan ishee isatti dhaga’amuu Yaadni kun kan inni itti fedhe tawbaan sirriin isa waliin yeroo dilii dabre yaadate mi’aafi gammachuun isatti dhaga’amuun yookiin sababa sanaa gara fuulduraatti itti deebi’uu hawwuun hin mijaa’u.
Ibn Alqayyim kitaaba isaa ‘Addaa’u waddawaa’u walfawaa’idu’ jedhamu keessatti miidhaa dilii baay’ee dubbateera. Isaanis:
Beekumsa dhorgatamuu, mukaa’uu qalbii, dubbiin hunduu itti jabaachuu, qaamni laafuu, Rabbiin ajajamuu dhabuu, barakaan haqamuu, haqa qunnamuun xiqqaachuu, qoma dhiphachuu, badiin isaa wal horuu, dilii aadeffachuu, namni dilii hojjate sun Rabbiin biratti xiqqeeffamuu, namoota birattis xiqqeeffamuu, beelladoonni isa abaaruu, uffata xiqqeenyaa uffachuu, qalbiin isaa qollofamuu, abaarsa jala seenuu, du’aa’iin qeebalamuu diduu, dachiifi bishaan irratti badii tamsaasuu, inaaffaan dhibamuu, qaanfiin baduu, qananiin namarraa deemuu, adabbiin namarratti bu’uu, sodaan qalbii dilaawaa keessatti darbamuu, jama’aa shayxaanaa keessatti ramadamuu, boodni (aaqibaan) baduufi adabbii aakhiraati.
Gabrichi tokko miidhaa dilii kana baruun akka inni guutumatti dilii irraa fagaatu isa gooti. Namni gariin dilii tokko sababa wahiitiif jecha gara badii biraatti goru. Sababni kunis:
1. Diliin ishee irra xiqqaadha jedhee amanuudhaan,
2. Nafsiin irra caalaa gara isheetti dabuudhaan, fedhiin inni ishee irraa qabu jabaa ta’uu,
3. Badii isa kana hojjachuun isa kaan irra waan laafuuf, kan biraa qophii baay’ee barbaaduutu mala, sababni isaas guutuu dida.
4. Hiriyoonni isaatiifi warri inni waliin jiraatu badii kana hojjatu waan ta’eef isaan irraa adda bahuun isatti waan cimuuf,
5. Nama tokkoof diliin wahii kabajaa wahii jidduu hiriyoota isaatti argamsiisuutu mala. Waan sadarkaa kana dhabuun isatti ulfaatuuf jecha badii kana itti fufa. Kun immoo baay’inaan matootii jama’aa sharriitiifi badii biratti argama. Akkuma kana Abuu Nawwaas inni walaleessaan sun yeroo Abul Itaahiyaan inni walaleessaan isa gorsee isa inni badii keessa tasa seenu irratti isa komatu walaloodhaan isaaf deebisee ni jedhe:
Yaa Itaahii kan an tapha sana dhiisu na seetaa Ibaadaadhaanin ummata biratti kabajaa koo balleessaa yaaddaa
3) Gabrichichi tawbaatti ariifachuu qaba: kanaafuu tawbaa tursiisuunuu matuma isaattuu badii tawbaatti haajomuudha.
4) Tawbaan isaa hanqina qabaa sodaachuu: naaf qeebalamteetti jedhee murteessee lubbuu isaa irratti hirkatee tooftaa Rabbii irraa of hin amanu.
5) Haqa Rabbii waan tare guutuudha: kun yoo kan mijaa’u ta’eedha. Fakkeenyaaf zakaa yeroo dabre keessa odoo hin kennin ture baasuudha; kun immoo haqni hiyyeessaas waan keessa jiruufi.
6) Bakka badii sana gadi lakkisuu: kunis yoo achi keessa turuun yeroo lammataaf badii keessa isa buusu ta’eedha.
7) Namoota badii irratti isa gargaaran irraa fagaachuu:
(qabxiin kuniifi inni isa duraa waan nuti hadiisa namticha namoota dhibba ajjeese irraa barannuudha; fuulduratti ni dhufa).
Rabbiin ol ta’e ni jedhe:
الْأَخِلَّاءُ يَوْمَئِذٍ بَعْضُهُمْ لِبَعْضٍ عَدُوٌّ إِلَّا الْمُتَّقِينَ} [الزخرف: 67
“Jaalalleewwan guyyaa san isaan Rabbiin sodaatan malee, gariin isaanii gariif diina.” (Azzukhruf: 67).
Hiriyoonni hamaan Guyyaa Qiyaamaa siichi gariin isaanii garii abaara. Kanaafuu yaa nama tawbaa gootu yoo da’awaa isaaniif godhuu hin dandeenye akka shayxaanni si kakaasee gara isaaniitti deebi’uu siif hin miidhagsine isaan irraa adda ba’i; isaan dhiisi; isaan irraa citi; isaan irraas dinniini. Akkasumas odoo dadhabina kee beektuu akka maqaa da’awaa isaanii godhuutiin gara isaaniitti akka hin deebine. Haala heddu kan namoonni hariiroo hiriyaa hamaa waliin godhachuudhaan gara badii deebi’an ni jira.
8) Wantoota haraama biratti hafan dhabamsiisuu: fakkeenyaaf wantoota nama macheessan, meeshaa muuziiqaa kanneen akka dibbeefi fiinoo, suuraa adda addaa fiilmii dhorgamtuu, odoo jaalala maraatuufi kkf irraa fagaachuu qaba. Waan akkasii caccabsuun, dhabamsiisuufi ishee gubuun barbaachisaadha.
Ibsa: namni toobatu tokko tawbaa irratti istiqaamaa godhachuuf jecha huccuu jaahiliyyaa (bara wallaalaa) hundaa baasuun dirqama ta’a. Seenaa meeqatu jira kan namoonni baay’een sababa waan haraama mana keessatti hambisuutiin erga tawbaatii duuba deebi’aniifi booda qajeelumaatii jallatan meeqatu jira. Sabaata Rabbiin kadhanna.
9) Hiriyoota gaarii kan lubbuu isaa mo’achuu irratti isa gargaaran filachuu: kun immoo bakka hiriyoota hamtuu ta’a. Halaqaa zikriitiifi bakka barumsaa irratti xiyyeeffachuu, yeroo isaas waan bu’a qabeessaan fixuu qaba. Kun immoo akka shayxaanni boqonnaa baay’ee isa biratti argatee badii darbe isa hin yaadachiifneef gargaara.
10) Qaama isaa kan waan haraama irraa biqile dandeettii isaa waan gaarii hojjachuu keessatti dabarsuu qaba. Akka foon isaa waan halaala irraa biqiluuf waan halaala qofa nyaachuu¹ qaba.
1 Qabxiin kun yaada murteessaa of keessaa qaba. Namni qaamni isaa waan haraamaa irraa biqile ibiddatu waan hunda irra isatti aana. Kana jechuun qaama haraama akka ribaa, qabeenya miidhaan argame, malaammaltummaafi qabeenya haraama kan biroo irraa biqile ibidda jahannamtu isa nyaatti jechuudha. Namni of yaadatee badii kana irraa
11) Toobattiin odoo lubbuun du’uudhaaf sakaraa irra hin gahin (gargaraan dura) ta’uufi odoo aduun karaa dhihaatiin hin bahin ta’uu qaba.
Gargaraa jechuun sagalee yeroo ruuhiin ba’u morma keessaa dhaga’amuudha. Kanatti kan fedhame toobaan Qiyaamaa xiqqoolfi Qiyaamaa guddoo dura ta’uu qabaadha. Ragaan jecha Ergamaa Rabbiiti (saw): “namni gargaraa dura toobate Rabbiin toobaa isaa irraa qeebala.” Ahmadiifi Tirmiziitu gabaasan. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Ragaan isa lammaffaa immoo jecha Ergamaa Rabbiiti (saw): “namni odoo biiftuun dhiha isheetiin hin bahin dura toobate Rabbiin toobaa isaa ni qeebala.” Muslimtu gabaase.
Badii dilii tuffachuun qabdu
Beeki, Rabbiin anaafi sis haa mararfatuu, Rabbiin ol ta’e gabroota Isaa bifa dirqama ta’een tawbaa isaaf qulqulleessuutti ajaje. Rabbiin ol ta’e ni jedhe:
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا تُوبُوا إِلَى اللَّهِ تَوْبَةً نَصُوحًا} [التحريم: 8
“yaa warra amantan! Tawbaa qulqulluu gara Rabbiitti toobadhaa (deebi’aa).”
Rabbiin keenya odoo maleykonni kabajamoon dilii hin barreessin dura akka toobannuuf yeroo nuu kenneera. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “(maleykaan) gara bitaa sa’aatii ja’a gabricha muslimaa dogongore irraa qalama kaasa. Yoo inni gaabbee araarama Rabbirraa barbaade ishee gatee dhiisa. Yoo kana hin taane immoo dilii tokkittiitu itti barreeffamti.” Xabraaniin Alkabiir keessattiifi Albayhaqiitu Shu’ab Al-iimaan keessatti gabaasan. Albaaniin hasan godheera. Yeroon biraa kan kennamuuf immoo erga barreeffamee ka’ee hanga baallamni du’aa dhufutti eeguudha.
Musiibaan namoota baay’ee kan yeroo ammaa, isaan guddina Rabbii ol ta’ee hin sodaatanu. Halkaniifi guyyaa gosa dilii baay’eedhaan Isa faallessu. Ammas isaan keessaa nama dilii tuffachuudhaan mokkorametu jira. Garii isaanii kan inni dilii xixiqqoo lubbuu isaa keessatti tuffatu argita.
Fakkeenyaaf ni jedha: ‘gara ajnabiyyaa¹ ilaaluun yookiin harkaan qabuun maal miiti? Kana irraa ka’uudhaan gaazeexaafi fiilmii keessatti gara haraamaa ilaaluutti dhaqqabu. Inumaayyuu gariin isaanii yeroo haraama ta’uu waan tokkoo bare tuffachuudhaan ‘dilii hagamtu keessa jira?’ jedha. Ogga qabatama argamaaru kana barte mee jidduu isaatiifi jidduu hadiisa lamaan armaan gadii kan Sahiiha Imaama Bukhaarii irraa fudhanneen waliin madaali.
1. Anas irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: “isin hojii baay’ee kan ija keessan keessatti ija garbuu irra xiqqoo taate hojjattu. Nuti immoo bara Ergamaa Rabbii (saw) waan nama halaaktu irraa lakkoofna turre.”
2. Ibn Mas’uud irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: “dhugumatti Mu’uminni dilii isaa akka waan gaara isatti kufuu sodaatu jala taa’aaruutti ilaala. Jallataan immoo dilii isaa akka tisiisa funyaan isaa irra tarraan harka isaatiin akkana jedhee ofirraa deebiseetti ilaala.”
Amma warri kun yeroo hadiisa Ergamaa Rabbii (saw) kan armaan gadii dubbisan badii dubbii kanaa madaaluu ni danda’uu? “dilii tuffachuu irraa fagaadhaa. Fakkeenyi nama dilii tuffatuu akka ummata dirree wahii irra qubatanii inni kun muka tokko fidee sunis muka biraa fidee hanga waan ittiin nyaata isaanii bilchiissuu danda’an walitti qabataniiti.
1 Ajnabiyyaa jechuun warra akka sharii’aatti wal fuuchuun eeyyamamuudha. Kana jechuun warra mahaarima (firoota) hin ta’in jechuudha.
Namni dilii tuffatu abbaan ishee gaafa ittiin qabame isa halaakti.” Gabaasa biraatiin immoo Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “dilii tuffachuu irraa fagaadhaa; diliin namicha irratti walitti qabamtee isa halaakti.” Ahmadtu gabaase.
Akka warri beekumsaa dubbatanitti diliin xiqqoon yoo hayaa dhabuun, dhimma godhachuu dhiisuuniifi Rabbiin sodaachuu dhiisuun ishee tuffachuu waliin wal ga’e dilii gurguddaatti ishee dhaqqabsiisa. Inumaayuu sadarkaa dilii gurguddaa keessa ishee kaa’a. Kanaafuu, irra turuu waliin diliin xiqqoon hin jiru (guddaatti jijjiirama jechuudha). Istighfaara waliin immoo diliin guddaanuu hin jiru (Rabbiin ni araarama jechuudha).
Nama haalli isaa akkana ta’een ni jenna: gara xiqqeenya dilii hin ilaalin; garuu gara guddina Rabbii faallessitee ilaali.
Kun jechoota yoo Rabbiin fedhe warri dhugaa, warri dilii isaaniitiifi hanqisuu isaanii ofirratti beekan ittiin fayyadamanuudha. Warri jallina isaanii keessa dhama’anuufi jallina keessa turan ittiin hin fayyadamanu.
Isheen nama jecha Rabbii kanatti amanuufi:
نَبِّئْ عِبَادِي أَنِّي أَنَا الْغَفُورُ الرَّحِيمُ (49) وَأَنَّ عَذَابِي هُوَ الْعَذَابُ الْأَلِيمُ (50)} [الحجر: } 50 ،49]
“Ani dhugumatti Anatu araaramaa, rahmata godhaa dha” jechuu gabroota kiyyatti odeessi.” (Alhijr: 49). Akkasumas nama isa kanattis amanuufi: “Adabni kiyyas isatu adaba laalessaadha” (jeechuus itti himi).” (Alhijr: 50)
Islaamummaan amantii dubbisuu fi beekumsa barbaaduuf iddoo guddaa kennituudha. Faayidaan kitaaba dubbisuu amantii Islaamaa keessatti baay’ee bal’aa fi gadi fagoodha.
1. Ajaja Rabbii (SWT) Guutuu Dha.
Wanti jalqaba Qur’aana keessatti bu’e jecha “Iqra’!” (اقْرَأْ) jedhu yoo ta’u, hiikni isaas “Dubbisi!” jechuudha. Kun Surah Al-Alaq keessatti argama. Kun agarsiisa guddaadha kan Islaamummaan dubbisuu fi barachuuf xiyyeeffannaa hangamii akka kennitu. Kanaafuu, Muslimni yeroo kitaaba dubbisu, ajaja Gooftaa isaa isa jalqabaa hojiirra oolchaa jira.
2. Iimaana (Amantii) Cimsuu fi Rabbitti Dhihaachuu.
Kitaabni hundarra caalu kan dubbifamuu qabu Qur’aana. Qur’aana dubbisuun, hiika isaa xiinxaluun (Tafsiira), fi ergaa isaa hubachuun iimaana namaa ni cimsa. Aayatoota Rabbii dubbisuun jaalala, sodaa fi abdii Rabbiif qabnu dabala. Akkasumas kitaabota waa’ee siiraa (seenaa) Ergamaa Rabbii (SAW), seenaa nabiyyoota biroo, fi waa’ee Maqaa fi Sifaata Rabbii dubbisuun, amantii keenyaaf jabina ta’a.
3. Beekumsa (Ilmii) Barbaaduun Dirqama (Faardii) Dha.
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Beekumsa barbaaduun Muslima dhiiraa fi dubartii hunda irratti dirqama.” Kanaafuu, dubbisuun karaa ittiin dirqama amantii keenyaa kana bahannudha. Beekumsi ifa (nuur) yoo ta’u, wallaalummaan dukkana. Namni beekumsa qabu karaa sirrii argachuu fi wantoota halaala fi haraama ta’an adda baafachuun isaaf laafa.
4. Sadarkaa Ol’aanaa Argamsiisa.
Rabbiin (SWT) Qur’aana keessatti akkana jedha: “…Rabbiin isin keessaa warra amanan, fi warra beekumsi kennameef sadarkaadhaan ol isin kaasa…” (Surah Al-Mujadila, 58:11).
Kun agarsiisa beektonni (Ulamaa’onni) fi namoonni beekumsa barbaadan Rabbi biratti sadarkaa guddaa akka qaban agarsiisa. Dubbisuun furtuu beekumsaati.
5. Seenaa Irraa Barachuuf:
Qur’aanni seenaa ummattoota durii kanneen toltuu hojjetanii milkaa’anii fi kanneen hamtuu hojjetanii badanii bal’inaan dubbata. Seenaa kanneenii fi seenaa Islaamaa kan biraa dubbisuun, dogoggora darbe irraa barannee jireenya keenya sirreessuuf, akkasumas ciminna warra gaggaarii irraa qooddachuuf nu gargaara. Keessattuu seenaa (Siiraa) Nabi Muhammad (SAW) dubbisuun, fakkeenya gaarii (uswah hasanah) jireenya keenyaaf arganna.
6. Addunyaa fi Aakiraaf Hubannoo Gaarii Qabaachuuf;
Dubbisuun waa’ee amantii keenyaa qofa osoo hin taane, waa’ee saayinsii, herrega, fayyaa fi beekumsa addunyaa biroos hubannoo akka qabaannu nu taasisa. Beekumsi kun immoo hawaasa keenya tajaajiluuf, da’waa (gara Islaamummaatti waamuu) gochuuf, fi shakkiiwwan amantii keenyarratti ka’an deebisuuf nu gargaara. Namni dubbisu jireenya addunyaa kanaa fi Aakiraa wal simsiisee jiraachuuf hubannoo gaarii qabaata.
7. Hojii Gaarii Itti Fufiinsa Qabu (Sadaqah Jaariyah) Argamsiisa:
Namni beekumsa baratee, kitaaba tokko barreesse yookiin kitaaba faayidaa qabu namaaf kenne, yoo du’eellee mindaan (sawaabni) isaa itti fufa. Hanga namoonni kitaaba sana dubbisanii irraa fayyadamanitti, mindaan sun isaaf katabamaa deema. Kun faayidaa guddaa fi itti fufiinsa qabudha.
Islaamummaa keessatti dubbisuun gocha yeroo ittiin dabarsinu qofa osoo hin taane, ibaadaa (gocha gabbaruu) guddaadha. Inni karaa ittiin Rabbiin itti dhihaannu, iimaana keenya cimsannu, dirqama amantii keenyaa bahannu, fi jireenya addunyaa fi aakiraa keenyaa ittiin fooyyeffannudha. Kanaafuu, Muslimni tokko yeroo isaa irraa muree kitaabota gaggaarii dubbisuun isarraa eegama.
Yoo hin Amannes Beekuu qabda!
Qabxiin ilmaan namaa hundi beekuu qaban wajjiin walqabatee qabxiilee hedduu kaasuun barbaada. Tariitii Namoota beekumsa hin qabne hedduu fayyaduu danda’a. Kan hubannoo qabaniifis dabalata ni ta’a. Akkkasumas Namoonni hin beeknes beekuu qaban. Garuu amanuun waan biraati.
1ffaa: Islaamummaa fi Madda Islaamummaa
Islaamummaa fi madda Islaamummaa beekuu barbaannaan Qur’aanaa fi Hadiisota sirrii ta’an xiinxalaan dubbisuu fi beekuu nama gaafata. Waa’ee Islaamummaa yoo dhageessu jalqabarratti sammuun kee gaafii siif kaasuu danda’a. Islaamummaan eessaa dhufte? jechuu dandeessa. Gaaffii gaarii ta’a. Hanga deebisaa isaa argattutti qorannaa kee itti fufuu qabda. Maddi amantaa kanaa Rabbiin biraayi, kun deebii isa sirriidha. Akkamitti jettee gaafachuu dandeessa?
Islaamummaan amantaa Rabbiin biraa dhufeedha. Erga Rabbiin biraa dhufuun siif mirkaanaa’ee jiraatee, bakka itti dhugaa ta”uunsaa dubbatame barbaadda. Kanaafis baay’ee cinqamuu nama hin barbaachisu. Deebisaan Qur’aanaa fi Hadiisota Sirriidha. Qur’aana kabajamaa keessatti Maddi Islaamummaa Rabbiin biraa ta’uu wajjiin walqabatee haala armaan gadii kanaan haa hubannuu ykn haa qorannuu…
Qorannoo 2ffaa
-Islaamummaan amantaa Rabbiin ilmaan namaa irratti uumeedha. Kana jechuun ilmaan namaatu Islaamummaa irratti dhalatan jechuudha. Quraanni akkana jedheera:
Amantaan Rabbiin ilmaan namaa irratti uume Islaamummaadha, uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru. Santu amantaa sirriidha. [Suuraa Ruum 30:30
Mee jecha Afaan Arabaa “Fixraa” jedhu haa ilaallu. Fixraa jechi jedhu; jacha afaan Arabaa yommuu ta’u, Hiikni isaa immoo uumama jechuu ta’a..
Jechi “laa Tabdiila” jedhu kana yoo xiinxallu, kana jechuun uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru jechuu ta’a. Icciitiin keewwata kana keessa jiru, fakkeenya tokko fudhannee haa ilaalluu, kiristaanummaa keessatti Daa’imni tokko dhiira ta’ee yoo dhalate, Guyyaa 40 booda kiristaanummaa kaasan, Dubartii yoo taate immoo guyyaa 80 booda kiristaanummaatti geeddaran. Sababbiin kanaa; Yoo odoo kiristaanummaatti hin geeddarre kan dhiifamtu taate “Daa’imni sun muslima tahuu waan amananiifi. Kanaaf jecha Rabbiin (sw) uumaa Rabbii akka hin jijjiirre akeekkachiise.
Ergamaan Rabbii (Sallallaahu Aleeyhi Wosallam) sahiiha Bukaarii keessatti akka ibsametti, Daa’imman hundi yeroo dhalatan Islaamummaa irratti akka dhalatan ibsanii jiran, Garuu dhiibbaa Haadhaa fi Abbaatiin gara Amantaa birootti geeddaramu jedhan. Aadam irraa eegalee hanga har’aatti namoonni guutuun Islaamummaa irratti dhalachaa har’a gahan.
Namoonni hubannoo fi beekumsa gahaa hin qabne, ilaalcha Nabi Muhammad (s.a.w) araboota qofaaf ergaman jedhan qabu. Garuu Qur’aana kabajamaa fi Hadiisota sirrii xiinxalaan yeroo dubbifte, Keewwanni tokko kan Nabi Muhammad (saw) araboota qofaaf ergaman jedhu hin jiru.
Nabi Muhammad (s,a,w) Kan ergamaniif, ummata addunyaa hundaafi. Dhimma kana ilaalchisee Rabbiin (s.w) Qur’aana kabajamaa keessatti akkana jechuun dubbate.
﴿وَمَآ أَرْسَلْنَٰكَ إِلَّا كَآفَّةًۭ لِّلنَّاسِ بَشِيرًۭا وَنَذِيرًۭا وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ﴾
{Nuti nama hundaaf walumaagalatti gammachiisaa fi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine. Garuu irra hedduun Namootaa hin beekan.} [Saba’ 34:28]
Ragaaleen Nabi Muhammad (s.a.w) addunyaaf, ergamuu isaanii ibsan Qur’aana kabajamaa keessatti bakka heddutti dubbatamanii jiru. Rabbiin (s.w) Qur’aana kabajamaa keessatti akkana jedha:
﴿تَبَارَكَ ٱلَّذِى نَزَّلَ ٱلْفُرْقَانَ عَلَىٰ عَبْدِهِۦ لِيَكُونَ لِلْعَٰلَمِينَ نَذِيرًا ﴾
{Inni Furqaan (Qur’aana) akka Aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf, Gabricha isaa irratti toltuun isaa baay’atte.} [Furqaan 25:1]
Qur’aanni ammas akkana jedha:
﴿قُلْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنِّى رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيْكُمْ جَمِيعًا ٱلَّذِى لَهُۥ مُلْكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ ۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحْىِۦ وَيُمِيتُ ۖ فَـَٔامِنُوا۟ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِ ٱلنَّبِىِّ ٱلْأُمِّىِّ ٱلَّذِى يُؤْمِنُ بِٱللَّهِ وَكَلِمَٰتِهِۦ وَٱتَّبِعُوهُ لَعَلَّكُمْ تَهْتَدُونَ﴾
{ Jedhi; “Yaa namoota! dhugumatti, Ani Ergamaa Rabbii isa Mootummaan Samii fi Dachii kan isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergameedha). Isa malee dhugaan Gabbaramaan hin jiru. Ni jiraachisa, ni ajjeesas. Rabbii fi Ergamaa isaa, kan Nabiyyii hin dubbifnee fi hin barreessine ta’ee Rabbii fi jechoota isaatti Amanutti, amanaa. Akka qajeeltaniif jecha isa hordofaa.} [A’araaf 7:158]
Nabi Muhammad (s.a.w) Rahmata addunyaati. Dhimma kana ilaalchisee Qur’aanni akkana jedhee dubbate.
﴿وَمَآ أَرْسَلْنَٰكَ إِلَّا رَحْمَةًۭ لِّلْعَٰلَمِين﴾
{Aalama hundaaf Rahmata taasifnee malee waan biraatiif si hin ergine.} [Anbiyaa’a 21:107]
Ergamaan Rabbii nagayaa fi Rahmanni isaanirra haa jiraatuu akkana jedhan:
( Ani wantoota shan kan Nabiyyoonni naan duraa hin kennamin kenname, sana keessaa tokko; Nabiyyoonni gara saba isaanii ergamaa turan, Ani garuu dhala namaa hundaafan ergame.) (Sahiiha Bukaarii,333, fi Muslim 521)