Categories
Uncategorized

Abbaa Seeyfii Qara Lamaa

Abbaa seefii Afaan lamaa~Aliyyii ibnu Abii xalib ( R.A ) jaalatamaa ummataa Muhammad ( S A W ) sodda rasula Rabbi
ilmaa adeeraa rasula rabbii ( s a w )  araa senaa Aliyyi walin lala turti garii
————————————
Muslimtoonni yeroo karaa Rabbi keessaatti qabsaahu
Ummataa tokkon lola ol aantummaa ummataa San keessatti barbaadufii mitii
Biyyaa ummataa tokko too’annoo ifii jala oolfatee gabromfatuufii mitii kherii ummanni tokko qabu saamuufii mitii na argaafii na dhagahaafi mitii
Yeroo namaan lolan sanis hannaan ykn dagachiisanii hin lolan ifattii labsanii lolan!
Waan Rabbiin guddaan Subaahanahu wata’alaa isaanirraa barbaadufi karaa rabbiin isaanirraa fedhufi jalaatu ( qofaa) kessaattii lolan
————————————
Senaa gabaabdu ajaa’iba tana akka armaan gadiitii ilaala~ Aliyyii ibnu Abii xaalib
Kun fakkiin isaa sodaan inni Rabbi isaatiif qabu nama namni iimaanni qalbii isaa guutee tokkoo mu’ujizaa akka Ambiyotaa dalaguu ni danda’aa jechuu namati agarsiisu tokko iimaanni kun waan hin dalagne hin qabu bar
Guyyaa tokko bakka dirre lolaatti
Muslimtootaafi kaafirtootaanni lolaaf walitti dhufanii osoo tuutni walitti jigee lalli cimaan hin jaqabin duraa namaa jabaa jettanii itti amantan tokko of keessaa filaa waliif as baasaa jedhan kaffaarri gama isaanitti jabaa itti abdatu ni bahee
Duba  Bu’insi isaan gamaaf gamanaa walitti fiigan leencaa hidhaa kutee waa qabachuuf fiigu Humni isaan ittin wallolan mormaa walirraa gatuuf jecha jabeenyi isaan ittiin waldura dhaabbatan hijaa wal bahuuf jecha SUBAHAAN ALLAAH
Namuu dhaabbatee isaanuma laala seyfiin tun akka qilleensa hawarraa shawwisu godhati osuma wal haadhani yeruma kana namtichi kaafira kun xiqqo takkaan of boodatii siqe jedhe gufate kufe yeroo inni kufe
Aliyyii kaafirticha adaw’ii rabbiifi rasulaa kana isaa  gorra’uuf jecha itti fiige hoggaa Aliyyii dhufee irraa dhaabbatee namtichi kun ” Ak” jedhee  Hancufa fuula Aliyyi keessatti ol tufe
Aliyyii duraan secondi takkaa malee isaa kuchisiise jiraa amma yero inni hancufa fuulaarratti tufe dhiisee of booda achii biraa siqe
Kaafirtichii kun lafaa ka’eetti aboo tabaafii mitii ka waliif baanee walajjeessuf deemna narraayyu aante amma maliif na dhiifte?? Mee jedheen Aliyyi ni jedheen dhugaa dha Duran si ajjeessufin ture~ rabbiif jechaa fuula rabbii  barbaadufin siin lolaa ture duraan Haa ta’uu ammaa ergaa tuu jette hancufaa fuularratti natufte Rabbiin arteeti namticha kun sirraatti tufuuf jecha isaa ajjeefte male anaaf jechaa mitii jedhee yoo nagaafate malittin beka tanan sodaadhee bar tanaafin si dhisee bar jedheen Aah😭😭😭😭😭
Mee maal yaaddan?
Namtichii kaafiraa Kun Rifateetuma osoo gamaaf gamanaa hin mil’atin Dhugumaan Muhammad kun namaa haqati nabiyyii rabbitti jedhe

( ” Ashahadu Allaa ilaaha illallah waa Ashahadu Anna Muhammadan abduhuu warasuuluh jedhe)  Allaahu Akubar

Subahaan Allah nama du’ee kutetu afaan qabriitti ka’ee milkaahe namaa  du’etuu ka’ee islamummaan shahaada argate yoo jedhan nama hin shakkisiisuu

Namni dalagaan sahabticha kana tun  si dinqisiifte namaf share godhurra maltuu si dangessa?
Namticha kafiraa kun silaa du’e hancufumalleen taatu fulaa isaarrattin tufeen xiqqeessaa jedhee yade
Aliyyi ibnu Abii xaalib ammoo lubbuu isaatiif hijaa bahurraa fedhii lubbuu isaatiif guutuurraa

Soda Rabbi isaatu qaamaa onnee isa guute

Categories
Uncategorized

Haqa Haadhaa

Namni Saaliha Tahe Tokko Waa’ee Haqa Haadhaa Gaafatamee Yommuu Deebisu Akkana Jechuun Gorsa 30 Kennee Jira;

1. Sagalee tee Sagalee Isii Irra Ol Kaaftee Waliin Hin Haasawin
2. Mormii Hin Barbaachifne isiin Hin Mormin
3. Osoo isiin Dubbattee Hin Xumurin Hin Dubbatin
4. Maqaa Isiitiin Isii Hin yaamin (Ummaa, Harmee) Ja’ii yaami
5. Osoo Isiin Hirriiba Hin Fixatin Isii Hin Dammeysin
6. Sababa Yoo Qabaatte Malee Isii Dursitee Hin Socho’in
7. Akkuma Gabrichi Rabbii Rabbii Isaatiif Of Gadi Qabu Sana Atis Of Gadi Qabiif
8. Osoo Si Yaamtee Hin Fixatin Dafii jalaa Awwaadhu
9. Osoo Isitti Hin Himin Manaa Baatee Alatti Jalaa Hin Turin Sababni Isaas Qalbiin Isii Ni Rifattii
10. Yeroo Isii laaltu Ija tee Itti Hin Bobeessin
11. Haasawa Kee Humna Isiitii Ol Itti Hin Heddummeessin
12. Yommuu Isiin Siin Loltu Ati Immoo Callisi
13. Haasawa Isii Hin Tuffatin
14. Yeroo Dhiphachuu Isii Agartu Deemii Waliin Haasawii Taphachiisi
15. Yeroo Isiin Rakkattu Itti Dhihaadhuu Gargaari
16. Yeroo Isiin Dhukkubsatte Isii Yaalchisi
17. Yoo Isiin Daara Dhabde Daara isii Baasi
18. Dhimmi Isii Hundi Dhimma Kiyya Ja’i
19. Yaadaa Fi Karoora Isii waliin Qooddadhu
20. Firoottan Isii Ofitti Qabi
21. Jaallewwan Isii Jaaladhu
22. Abaarsa Isii Irraa Of Eeggadhu
23. Isii Mufachiisuu Irraa Fagaadhu
24. Yeroo Wal Dhabdan Suuta jedhi Dhimma Irratti Wal Dhabdan Isii Hubachiisi
25. Haasawa Haala Isiin Hubachuu Dandeessuun Isiin Haasa’i
26. Isii Gammachiisii Du’aa’ii Isii Argadhu
27. Eebba Isii Irratti Dorgomaa Ta’i
28. Kaayyoo kan kee hin dhoksiniin
29. Osoo Isiin Hin Teenye Dursitee Hin Taa’in
30. Salaata Hunda Irratti Du’aa’iin Isii Hin Dagatin

• Nama Haqa Haadha Isaa Tiksee Milkaa’u Rabbi Nu Haa Taasisu
#Aamiin

Categories
Uncategorized

Ergamaa Haqaa

Yeroon Rabii’al Awwal; wagga 7ffaa hijiraa keessa duula Zaati Riqaa jedhamuun beekamuutu ture. Nabiyyii Muhammed “ﷺ” fi Sahaaboonni duula kana irraa deebi’anii osoo karaa adeemanii iddoo wayiitti boqachuu barbaadan. Yeroo kana sahaaboonni muka gaaddisa bareedaa qabu tokko Rasuulaaf “ﷺ” dhiisanii isaanis naannawa sanatti muka biraa barbaaddatanii addaan faffaca’anii iddoo gaaddisa isaaniif qabu cicciisan.

Ergamaan Rabbiitis “ﷺ” Seeyfii isaanii mukicha jala ciisan kana irratti fannifatanii ciisanii akkuma shilimsaniin (hirriibni isaan fudhateen) Namtichi mushrikaa (Namni muslima hin ta’in) Kan Ghowras Ibnul Haaris jedhamu; kan muslimoota kana irra miidhaa geessisuuf isaan faana bu’ee adeemaa ture tokko dhufee, gara iddoo muka Rassuulli “ﷺ” jala ciisanii adeemuudhaan seeyfii isaanii iddoo itti rarraafamte irraa gad buusee; Morma Rassuulaa “ﷺ” irratti qabuudhaan akkana jedheen:-

“Eenyuutu sirraa na dhoorka?”

Rassuulliniis “ﷺ” (hirriiba isaaniirraa dammaqanii) “Allaah jabaatee ol taheetu (narraa si dhorka)” jedhaniin.

Yeroo kana Seeyfiin namticha harkaa lafatti kufte, Rassuulliniis “ﷺ” seeyfii tana fudhatanii (akkuma namtichi godhe sana morma isaa irratti qabuudhaan) “Eenyuutu sirraa na dhoorga?” Jedhanii gaafatan.

Namtichi baadiyyaa kuniis “Atummaan irra caalaa nama seeyfii qabatee ta’i (malee namni si narraa dhoorgu hin jiru)” jedhe

Rassuulliniis “ﷺ” ‹‹Allaah’n malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre Ragaa ni baataa?›› jedhe

Namtichiniis: ‹‹Lakkii kana ragaa hin bahu. Garuu (kana booda) akkaan si hin waraannee fi ummata si waraanu wajjiinis akkaan hin taane waadaan siif gala.›› jedhee gad lakkifame. Sana booda Namtichi mushrikaa kun achii deemee yeroo ummata isaa bira dhaqu ummata isaatiin:-

‹‹Dhugumatti Irra caalaa ilma namaa biraayiin gara keessan dhufe.›› jedheen.

Sana booda osuma hin turin isaa fii ummanni isaatiis fedhii fi kaka’umsa mataa isaaniitiin gara amantii islaamaatti seenan.
***
Nabiyyii humnaan amantii babal’isu osoo hin taane; Nabiyyii nama isa ajjeesuuf dhufeyyuu akkanatti dhiifamaan gad lakkisu qabna. Alhamdulillaah! Kan amantii islaamummaa babal’isees jaalalaafi namaaf dhiisuu kana malee humnaa miti.

√ Mee Ergamaa Rahmataa Kana Irratti Salawaata Buusaa
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam.

Categories
Uncategorized

Seenaa Saree Ajaa’ibaa

Ibnu Hajar Alasqalanin Kitaaba Isaani “ADRARUL KAMINA” Jedhamtu Keessatti Seenaa Saree Kanaa Nuuf Gabaasani Jiru Anis Akka Armaan Gadiitti Hiikee Isiniif Gumaachen Jira
DUBBISA GAARII

Biyya #Mangoliya Jedhamtu Keessatti Yeroo Sana Hawaasni Muslimaa Haala Ho’aa Fi Xiiqiin Guutameen Amantii Islaamaa Dhaloota Haarawa Dhaalchisaa Turan Haa Tahu Malee Haati Warraa Mootii Biyya Kanaa Hordoftuu Amantii Biraa Waan Taatef Biyya Kanatti Amantii Ishii Kanatti Nama Affeeruf Sagantaa Guddaa Tokko Biyyichatti Qopheessite Sagantaa Kana Irratti Beektoliin Amantii fi Abbootiin Taayitaa Garaa Garaa Affeeramanii Turan Sagantaan Kunis Nii Jalqabe Dursa Irrattis Beekaa Amantichaa Gara Wal-Tajjiitti Affeeran Namtichi Kunis Gara Wal-Wajjiitti Koruun Haasawa Eegale Akkuma Jalqabeen Ergamaa Nagayaa Nabi Muhammadiin Arrabsuu Eegale Bakka Wal-Tajjiin Kun Itti Geggeeffamaa Jiru Fuuldura Isaa Saree Adamoon Beekamu Takkatu Hidhamee Jira Namtichi Kunis Nabi Muhammadin Arrabsuu Itti Fufe Sareen Kunis Funyoo/Haada Isaa Kutachuun Namticha Kijibaa Kanatti Utaale Namoonni Waltajjii Kana Hordofaa Jiran Gamanumaan Dafanii Saree Kana Irraa Qabanii Hidhan
Hordoftoota Sagantaa Kanaa Keessaa Namtichi Waan Kana Hordofaa Jiru Tokko Aarii Sareen Kanaa Isaaf Gale Akkana Jedhe “Sareen Kun Kan Inni Akkanaan Sitti Utaaleef Sababa Ati Ergamaa Islaamaa Nabi Muhammadin Daangaa Dabartee Arrabsiteefi Dha Kanaaf Arrabsoo Kee Kanarraa Of Qusadhu” Jedhee Yommuu Inni Gorsu Beekaan Amantichaa Kunis Dadhabinni/Hir’inni Akka Itti Hin Dhaga’amneef Jecha Gorsa Namticha Kanaa Akkana Jechuun Kuffisee Darbe “Sareen Kun Sodaa Of Keessaa Hin Qabu (Goota Dha) Kanaaf Yeroo Ani Harka Kiyya Facaasaa Dubbadhu Waan Ani Isa Rukutu Itti Fakkaate Anatti Utaale” Jechuun Uummata Gowwamsuun Haasawa Isaa Itti Fufe
Ammallee Namtichi Kun itti Fufuun Daran Maqaa Rasuulaa Xureessun Seenaa Isaanii Dubbachuun Haasawa Isaa Miidhaksuu Itti Fufe Sareen Kunis Daran Kan Duraa Caalaa Aarun Osoo Namni Hin Beekin Funyoo Isaa Kutachuun Uummata Keessa Suuta Deemee Namticha Kanatti Utaalee Hidda Morma Isaatti Utaalun Hidda Isaa Kutee Lafa Ciibse
#SUBHAANA_ALLAH

√ Eeyyeen Gochi Ajaayibaa Kunis Falmii Tokko Malee Hirmaattota Waltajjichaa 40,000tti Tilmaaman Akka Isaan amantii Islaamaa Fudhataniif Sababa Tahee Jira

°••° Ergamaa Ajaayibaa Kana Irratti Salawaata Buusi S. A. W

Categories
Uncategorized

☞ WANTOOTA 30 KAN SABABA GAMMACHUU YKN MILKII SIIF TA’U

1.waan Rabbi sii kanne xinxaalii galata galchi…
2.wanti dabre dabree san yaaduun yeroo tee ifirraa hin fixin..
3.guyyaan kee kanuma kana kessa waan gaarii hojjadhu…
4.waan fulduraa hanga dhufutti waa’ee isaa yaaduu dhiisi…
5.namni si komachuu hin dhiisuu,xiyyeffannaa hin kanniniif..
6.Galata namarraa hin eegin,waan hojjattu Rabbumaaf hojjadhu…
7.namatti tola ooli….
8.boqonnaa kee hojii keyriitin xumuri…
9.if tahii jiraadhu,nama biraa fakkachuun of hin rakkisin….
10.murtii Rabbii jaalalaan qeebali..
11.Rakkoo waliin ballootu jira jechuu beeki..
12.rakkoo sitti dhufte obsaan furmaatatti jijjiiri…..
13.hoggaa rakkatte kan si gargaaru Rabbi qofa tahuu beeki
14.dhimma namaa caalaa dhimmi kee si haa rakkisuu…
15.Waan Rabbiif jattee yoo dhiiste kan bakka siif buusu Rabbi tokkicha tahuu beeki…..
16.jiruun dhugaa jiruu iimaanaati(jiruu Rabbitti amantee ajaja isaa hordofuu)
17.waa itti fayyadamte haaluma gaariin itti fayyadami…ana booda namni itti hin fayyadamin jettee hin ballessin…
18.zikrii Rabbiitin qalbiin tasgabboyti….
19.waan Rabbiin namaaf kannerratti nama hin hassadin…
20.jiruu tana akkuma isiin sitti dhuftetti qeebali..
21.Namoota balaan itti buute laalii obsi…
22.salaata jabeessi,Dhamsa nabiyyii kan dhumaatii..
23.gahaan kiyya Rabbii,inni irkoo kiyya tahuun waa tolee ji’ii itti irkadhu…
24.dachii Rabbi kessa deemi barnoota irraa fudhu..
25.hoggaa rakkoon sitti buute obsa gaarii obsi,kan dirqamaan obsitu osoon tahin fadhiin obsi..
26.rakkoo waa hundaa ofirratti hin deebisin
27.wanti, xiqqoon kararraa si meysin kaayyoo tee qabadhuu socha’i..
28.waan Rabbi si qoode jaaladhu irra caalaa namaa taata…
29.lubbuu tee jannata ballinni isii samii fi dachii san yaadachiisi..keyrii irratti akka kakaatu taasisi…
30.jiruu tee hunda kessattu jiddu-galessaa tahi……
#dr_Aaid_Al_QARNII ..(RABBIIN GALATA ISAA JANNATAAN HAA DEEB’UUF)
RABBIIN NAMA MILKII DUNIYAA FI AAKHIRAA ARGATU NU HAA TAASISU…….

Categories
Uncategorized

Jechoota Akka Sukkaraatti Mi’aawoo Ta’an

☞Namaa Wajjiin Jiraachuuf Amaloota Torba 7 kanneen kophummaa fi ko’ummaa irraa bilisa nama godhan kana qabaadhu:
1. Naamusa gaarii qabaachuu.
2. Shakkii irraa bilisa ta’uu.
3. Rakkina uumuu irraa of qusachuu.
4. Amala hamilee guddoo qabaachuu.
5. Obsa amala godhachuu.
6. Dandeeytii namootaan walii galuu qabaachuu.
7. Namoota akkuma amala isaaniitti itti michomuudha.

☞ Waa shan waan shaniin tola
1-jirenyi fayyaan tola
2-bareedinni haala gaariin tola
3-hirriibni yaada gaariin tola
4-imaltuun saahiba gaariin tola
5-halkan zikrii Rabbiitiin tola

☞ Waa Shan waa shaniin bekkama
1-Mukni firiin beekkama
2-Jaartiin yeroo jaarsi miskiinawe beekkamti
3-Saahibni yeroo Rakkoo beekkama
4-Mu’uminni yaroo mokkorame beekkama
5-Arjaan yeroo itti haajaman beekkama

☞ Rasuul (S.A.W) “Namni wantoota sadeen kanneen amala isaa
godhate doyna hin ja’amu” je’ee jira:-
1, Zakaa kan kennu.
2, Keessummaa isaa akkaan kan keessummessu.
3, Namoonni yeroo rakkatan gargaarsa kan arjoomuuf.

☞~Waa sadii (3) Rabbiin sirraa haa Fageeysu
1, Miskinumaa (Hiyyumaa)
2, Rakkoo
3, Cinqii (hiraar)
============================

☞2~Waa sadii (3) Rabbiin siif haa tiiysuu
1, Diin kee (Amantii tee)
2, Lubbuu tee
3, Warra kee
==========================

☞3~ Waa sadiin(3) Rabbiin siihaa gammachisu
1, Riziqii balloo
2, Umrii barakhaa qabduu
3, Qanaani bareedduu taan Rabbiif Irrattii galata galchitu
===========================

☞4~Waa sadii (3) Rabbiin sirraa haa deebisuu
1, Ibiddaa jahannam
2, ija haasidaa
3, Nama wallaalaa

☞5~Waan sadii (3) Rabbiin irrattii sihaa gargaruu
1, Zikrii godhuu
2, Qananii isaa irrattii galata galchu
3, Ibaadaa isaa tolchitee bareechuบ

Categories
Uncategorized

Jireenya Jechuun Maali?

Namtichi Arra dhalate, boru ni du’a.

Namtichi arra Gamoo keessaa jiraatu boru Dachee jala jiraata.

Namtichi Arra konkolata konkolachisu boru Ambulasiitu isa konkolachisa.

Namtichi arra wan barbaade nyaatu, boru ilbisootaan nyaatama.

Namticha har’a mana isaa keessatti isaa boqonnaa godhu argitu, boru isaa sanduuqa refkaa kessatti boqotu argita nutis nagiyaan boqodhu qofa jannaan.

Namtchi har’aa nama hunda caalaa sorressummaan beekamu, boru qabeenyi isaa maal akka tahufi essa akka dhaqu hin beekamu.

Kannaan booda jireenyi maali?
Boru jiraachu kee wan hin beekneef Har’a karooraan jiraadhu.

Yoo har’a karooraan jiraatte ati  wan si dhufu maraaf sodaa hin qabdu.

GOCHA SIRRII FI JIREENYA GAARII.
YEROO HUNDA NAMOOTAF HARKA KEE BAL’ISI.

Mee kana ittti yaadi.

1: Jireenyi ati jiraattu = bilisa
2: Mana Amantaa seenuun= bilasa
3: Jaalalti Rabbii = bilisa
4: Hafuura baafachuun= bilisa
5: Hafuura galfachuun: bilisa

A: sigaara= ni kafalta
B: Alkooli= ni kafalta
C: mana Dhichisaa(night club) seenuf= ni kafalta
D: Humna Aduunya ittin bulchitu argachuuf = ni kafalta
Mee Namoonni mana ibidda(jahanama) bitachuuf Maliif kafalti kaffalu? Irra debi’i itti yaadi.

Rabbitti Amani isaatu hamtu  jalaa si basa.

Yeroo hunda wa’ee guyyaa yaadna valantine day(guyyaa jaalala)
Guyya Abbotii
Guyyaa Harmee
Guyya Da’ima
Guyyaa qotee bulaa
Guyyaa matii fi k.k.fk

Guyyaan Guyyaan dhume garuu ati Guyyaa murtii Rabbitiif yaadde beekta? Guyyaa san guyyaa ittin Bashanantu moo ittin rakkattu beekte jirta lata?

yoo atillee Rabbiin si baase, hiriyoota fi namoonni ati jaalattu akkamitti jiru?

Namoota akkaan jaalattu wa’ee guyyaa murtii boru kana yadachisuudhan jaalala isaanif qabdu argisisi. Maloo namoota 15 kan akkan jaalattuf ergaa kana dabarsi. boodan ergaaf hin jadhin, sabaabni isaas boru jachuun fagoodha, Daqiiqaa murasa booda maal akka tatu wan hin beekneef. Maloo booda hin jadhin.

Yoon namootaa ati iddoo qabduf keessa tokko ta’e erguma kana naf debisi jaalala kee na argisisi
Categories
Uncategorized

Jechoota Hayyuu Islaamaa

☞Sodaa Rabbii keetii uffata godhadhu.
☞Waan balleessite toowbatuuf jarjarfadhu.
☞Zikrii baay’isuun fedhii lubbuu keetii
injifadhu.
☞An maaliifiin uumame jedhii of
gaafadhu.
☞Naamusaa fi kabajaa kee tikfadhu.
☞Uzriin maletti salaata dabarsuu fi dhiisuu
irraa of qusadhu.
☞Yeroo baay’ee Rabbii kadhatuu amala
taasifadhu.
☞Rizqii yoo argatuu barbaadde, fira kee
maxxanfadhu.
☞Umrii dheeratuu yoo barbaadde, toltuu
dalagadhu.
☞Obbolewwan keetiif yaada gaarii
qabaadhu.
☞Haqaa fi baaxil ragaan adda baafadhu.
☞Barnoota amantii keetii xiqqollee ta’u
baradhu.
☞Shari’aa diin keetii sirritti akeekkadhu.
☞Kheeyrii keessatti umrii dheertuu
kadhadhu.
☞Waan qabdu irraa sadaqaa kennadhu.
☞Kan dhukkubsate bira deemii gaafadhu.
☞Kan kheeyritti si waame jalaa
owwaadhu,
☞Ilma namaa hundaaf kabajaa qabaadhu.
☞Haadhaa fi Abbaa kee tola itti ooluun
gammachiifadhu.
☞Kan tola sitti oole hunda galateeffadhu.
☞Jannata argatuu yoo feete amala kee
bareeffadhu.
☞Ejjannoo gaarii mataa keetiif qabaadhu.
☞Kaayoo kee irratti kutannoo fi abdii
godhadhu.
☞Odoo rakkoon hin dhufne Rabbii kee
baradhu.
☞Waan hundafuu filannaa qabaadhu.
☞Namummaa keetiin of tahii mulladhu.
☞Waan kennattu yoo dhabde sharrii tee
namarraa qabadhu.
☞Hamiidhaan foon namaa nyaatuu irraa
fagaadhu.
☞Yooo ati of qabde Rasuulli(saw) Jannata
siifof qabee akka jiru hubadhu.
☞Atiis arraba fi waan miila jidduu jiru san
haraamirraa qabutti jabaadhu.
☞Nama bultii waliin ijaartu diiniin
madaalii filadhu.
☞Rabbiin si hin dhoorkinee, mirga keetiif
falmadhu.
☞Biyya fi lammii keetiif bilisummaa
barbaadadhu.
☞Dhaamsi koo xiqqaatus, hanganuma
guddifadhu.
☞Gorsi koo kun yoo siif tahe fudhadhu.
☞Yoo dogoggora qabaate naaf
sirreeffadhu.
☞Zannii wal balleessuu irraa Rabbi
sodaadhu.•••
Eessaa akka dhufte, eessa akka jirtu fi
eessatti akka deemaa jirtu beekuuf of
qoradhu•••
Categories
Uncategorized

Dhaloota Nabiyyii

Maatii kabajamtuu irraa Makkaa kheeystti dhalate. Gostii Isaa Araba kheeysatti warra sadarkaa qabu, kabajamoodha. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam waa’ee Isaa irraa hoggaa dubbatu akkana je’e: “Rabbiin Ilmaan Ismaa’iil irraa Kinaanaa file, Kinaanaa irraa Qureeyshii file, Qureeyshii irraa banii Haashim file, Ana banii Haashim kheeysaa na file.”

Abdullaahi ilmaan Abdul Muxxalib kheeysaa quxusuu. Abdullaahi Amiinaa bint Wahab fuudhe. Erga fuudhee baatii muraasa Booda Daldalaaf  gama #Shaam bahe. Osoo Shami Deebi’u Madiinaatti dhukkubsatee du’e. Amiinaan Ilma garaa qabdu wajjiin jaarsa Isii Abdullaahi arra gala, boru gala jettee osoo eydu du’a Isaa dhageeyse. Muhammad sallallaahu aleeyhi wasallam Makkaatti akkuma aadaatti dhalate. Wanni Addaa kan hoggaa inni dhalate tahee fii argame hin jiru ture.

Barri dhaloota Isaa Amata Mooticha Habashaa Makkaatti duule kheeysa hoggaa tahuu bara Arbaa jechuun beekkama. Sababaan bara Arbaa ja’anii Waggaa san moggaasaniif waraana Abrahaa kan Ka’abaa jiiysuuf duule kheeysa Arbi jira. Bara 570 dhaloota Iisaa irraa, baatii Rabii’u Al-Awwal, guyyaa 12ffaati dhalate jechuun irra hedduun warra siiraa gabaasan.

Guyyaa dhaloota Isaatiin wal qabatee Ibaadaan addaa tan godhamtu Islaama kheeysatti karaa qajeelaan hin raggaane.
Dhaloota Isaa booda Akaakoon Isaa Abdu Al-Muxxalib Maqaa Muhammad ja’u itti moggaase. Maqaan Muhammad jedhu kuni Araba kheeysatti gaafa san beekkamaa miti. Maaliif maqaa Muhammad ja’u itti baafte jechuun hoggaa gaafatan, Abdul Muxxalib: “Akka Samii kheeysatti Rabbiin Isa faarsuu fii dachii kheeysatti namni Isa faarsuufi” jechuun deebise. Rabbuma biraa maqaan Muhammad Isaaf fedhame jechuu qissaa tanarraa hubanna..

Muhammad jechuun faarfamaa jechuudha.

Akkasitti Nabiyyiin sallallaahu Aleeyhi wasallam kan Abbaan irraa du’e Yatiima tahee dhalate, Yatiima tahee guddate. Rabbiin ammoo Muhammad sallallaahu aleeyhi wasallam irra caalaa Ilmaan namaa Isa godhe.

👌 Allaahum Salli Alaa Muhammad wa Ahli Muhammad
☑️ MEE ERGA DUBBISTEE ERGAMAA KANA IRRATTI SALAWAATA BUUSI

Categories
Uncategorized

QAROOMINA ISLAAMAA

↪ Qajeelfamni Keenya [ Qaroominni Qaroomina Kan Ja’amu Yoo Ilma Namaatif Fayidaa Argamsiise Qofa ]
↪ Qaroominni Qaroomina Kan Ja’amu Yoo Gaffiwwan Kanneeni Fi k.k.f Deebii Kenne Qofa
Ilmi Nama Beelarraa Bilisa Ba’ee jiraa?
Ilmi Nama Daara Ba’ee jiraa?
Ilmi Nama Diinagdeen Ol Ka’ee jiraa?
Ilmi Nama Nageenyaf Tasgabbii Argatee jiraa?
Kana Yoo Hin Taane Qaroomina Hin Ja’amu

Magaala Keessa Olii fi Gadi deemanii
:- Nama Fuudha Barbaadu Nii Fuusisna
:- Nama Mana jaarrachuu Dadhabe Ni jaarraaf
:- Nama Liqiin Irra Jirtu Irraa Kaffalla
:- Nama Hajjii Umraa Deemu Barbaade Ni Geessina
MAALLAQA UUMMATA ISLAAMATIN!

👉 Lallabni Akkanatti Lallabamu Kun Kan Amma Addunyaan tun Qaroomne Jettee Lafa Dhiittuu Miti
👉 Lallaba Kan Yeroo Amma Abbootin Qabeenya Zulmiidhaan Harka Qalleeyyii Irratti Miidhaa Geggeessanii Miti

➡ Lallabni Kun Bara Mootii Islaamaa Kaliifaa 5ffaa #Umar Bin Abdulaziz Kan Waggoota 48 Haqaan Ilma Nama Bulche

SEENAAN AJA’IBAA tun Akkana Turte…

Akka Seera Islaamaatti Utubaawwan A/Islaamaa Kan Ja’aman 5tu Jira Isaan Keessaa tokko #ZAKAA Dha Innis Maallaqa Abbooti Qabeenyaa Harkaa Fuudhame Namoota Harka Qalleeyyiif Qoodamuudha

Hojjettoonni Kaliifa Umar Bin Abdulaziz Maallaqa Zakaa Uummata Islaamaa Harkaa Walitti Qabanii Harka Qalleeyyiif Qoodanii Maallaqa Irraa Hafe Gara Umaritti Fidan

Umar Akkana Je’e;
” Deemaa Harka Qalleeyyiif Qoodaa”
Hojjettoonni Isaas “Muslimoota Keessa Harka Qalleeyyin Takkalleen hin Jiru” Ja’aniin

Umar “Waraanaaf Hidhannoo Isaanii Guutaa” Hojjettoonni “Waraanni Keenya Hundaa Ol Hidhannoon Isaa Guutamee Jira”

Umar “Dargaggoota Hin Fuudhin Fuusisaa”
Hojjettoonni “Nama Hin Fuudhin Cufa Fuusisne Garuu Ammas Maallaqni Nu Harkatti Hafee Jira”

Umar “Nama Liqiin Irra Jiru Irraa Kafalaa”
Hojjettoonni “Nama Liqiin Irra Jiru Irraa Kafalle Ammalle Maallaqni Ni Hafe”

Umar ” Deemaa #Kiristaanaa fi #Yahuudotaa Kan Liqiin Irra Jiru Irraa Kaffalaa”
Hojjettoota “Jaraafis Kafalle Ammallee Maallaqni Hafee Jira”.

Umar “Beektootaaf Maallaqa Kennaafi”
Hojjettoota “Beektootaaf Maallaqa Kennine Ammallee Maallaqni Hafe” Ja’an

➡️ Dhuma Irratti Mootin Islaamaa Kun Umar Akkana Je’e “Ega Rakkataan, dadhabaan Kan Maallaqatti Dhimmamu Cufti Dhume Maallaqa Hafe Kanaan Garbuu Bitaa Ergasii Gaara Kallattii Arfaniin Jiran Kana Irraatti Qoodaati facaasaa Biyyaa Islaamaa Keessatti Allaattin Takkalleen Beela’uu Hin Qabdu” Je’e

#SUBHAANALLAH AKKAS TURE QAROOMINNI ISLAAMAA

↪ Mee Yoo Qaroominni Islaamaa Kun Si Gammachise #Maasha_Allah Ja’i