Categories
Uncategorized

Waan ofii hin hojjanne namaan hojjadhu ja’anii gorsuu caalaa hammeenyi biraa hin jiru.

يقولون مالا يفعلون
Laal
Biyyi lafaa ulfaattuudha,obsa guddaa sirraa barbaaddi,guyyaa kee eeggadhu,jabaadhuu baradhu,jabaadhuu hojjadhu,fuudhi heerumi, arraba kee toohadhu,garaa bal’adhu, biyyaafi saba kee jaaladhu, nyaataafi dhugaatii kee halaala tahuu isaanii mirkaneeffadhu,guddaa kabaji, xiqqaa garaa laafi,waan qabdurraa kenni, miskiina gargaari,cimii bahi,dubbii namaa hindhagahin,osoo hin hubatin hin gubatin, haadhaa abbaa keetii qajeeli,jedhanii nama gorsuun hedduu laafaadha.

Jaaloo
isuma namaan jettu kana ufitti as fidii ati bakkaan gahi mee osoo kan namaan  jedhu jiraatee,silaa gorsi keenna hundi waanuma dandeenuufi hojjannu qofarratti xiyyeeffatee namas fayyada taha,namnis dubbii keenna dhiisee hujiin nuu agarsiisa.

Obbolaa
Waan obsi tahe ati himuu dhiisii mee warra uffata namaa miicee ilmaan guddifatu sana gaafadhu, garaa baldhinni maal akka tahe,mee joollee mana namaa dalagdu kan umriin jaraa digdamootaa gadii sana gaafadhu,waan qaban irraa kennuu yoo tahe,mee joollee gammoojjii biyya Arabaa axxaamurtee hiyyummaa jalaa bahuuf carraaqatturraa iyyaafadhu malee namni gorsa dhagahuu dideen sirna miti.

Yoooo
Gorsi keenna jalqaba numa gorsuu qaba,nuti walii garaa laafnu,namni nurraa barata,nuti walii obsa qabaannu namni walii obsuu leenji’a,nuti dubbii dhiifnee hujiin agarsiisnu malee,ufii gaaddisa jala taa’aa ormaan aduun isin nyaataa nu dhagahaa yoo jenneen,haasofni keenna yoomuu taanaan kokkee namaa bira gadi hin taruu xiinxalli.

Yooo
Cidha keennarratti foon waddinee,affeellee, muraa rarraasnee nyaachisaa,ormaan israafa dhiisaa jechuun hin taatu,du’a keenna cidha fakkeessinee keessummaa adda foonee nyaata addaa dhiheessaafii, oamaan achii galtanii waa nyaatuun hin tahu jechuun hintaatu,ufii ta’anii ormi namarraa waa barataa hubadhu.

Yes
Diinal-islaam waan jiraatamu malee waan himamu miti,ati kootii baafadhuu miskiina jala gadi taa’ii rahmata godhuu leenji’i, bilbilan kan sin arganne, sitti dhufan kan nama jalaa hin dubbanne,ufii immoo Amriin islaamaa na yaachisa yoo jette, qoosaa malee dhugaa hin taatu,kanaaf yeroo hunda namni gurra nurraa qabataa beekuun dirqama.

Ekaaa.
Ulamoota baadiyyaa,kan mindaa Rabbi malee nama biraa hin qabne sana laali, Aayyoofi Aabboo lafa duguuganii mana Rabbii ijaaran sana argii, waan diinal islaam tahe hubadhu.

Jaaloo
Namni guutu malee,maayikiin sirraahu malee. Karaan qulqulluu tahu malee da’waan hin tahu jennaan,bashannana deemta malee ergas Nabii Rabii geessuu mitii hubadhu.

Halooo
Yeroo garii osoo deemuu baatanii,osoo dubbatuu dhiisanii,osoo mulachuu dhabanii irra faayidaa qabaa uf argadhu,da’waan keenna dawaa tahuu qabaa beeki.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *