🪷🖊. Irra guddaa wanta Nama mu’minaa akka inni Rasuularratti ﷺ Salawaata heddumeeysu isa taasisu keessaa tokko hadiisaa Guddaa kan *” Nama anarratti Salawaata tokko buuse; Rabbiin Rahmata 10 isarratti buusa “* ja’uudha.
☘🖊. Mee naa wajjiin furadhu!. Salawaata hunda ati Rasuularratti ﷺ buustuuni Rabbiin taraa 10 Rahmata sirratti buusa. Shuf akka ati dhimma kana qabatamaan qalbiidhaan gad lallaalaa naa wajjiin deemtuun hawwe.
☘🖊. Laali mee ! Rabbii samiilee fi dachiilee Rabbii aalamaatu 10 rahmata sirratti buusaa??????… hiiiiii!!.
📃Mee silaa yeroo 100 salawaata buustee hoo??
📃Mee silaa 1000 salawaata buustee hoo ree ??
📃Mee Yaadi mee silaa kumaatamaan salawaata buusurraa taateehoo???.
Subhaanallaah.
🪷🖊. Wallaahi! Sila namni tokko asarri rabbiin rahmata isirratti buusuun diin,qajeelloo fii qulqullina qalbii isaarratti qabdu beekee ; Arraba isaatiin Rasuularratti salawaata buusuurraa hafuura hin baafatu ture.
☘🖊. Bar kanaaf jecha; irra caalaa nama qajeelloo gurguddoo fii xuma’niinaa baay’ee qabu Namoota Rasuularratti ﷺ salawaata heddumeeysan ta’uu argina. Sababni maal akka ta’ee beeytaa?. Rahmata rabbiinﷻ garbicha isaatirratti buusuun rabbiin ﷻ garbicha isaa kana dukkanoota garagaraatirraa gara ifaa isa baasa. { هُوَ ٱلَّذِی یُصَلِّی عَلَیۡكُمۡ وَمَلَـٰۤىِٕكَتُهُۥ لِیُخۡرِجَكُم مِّنَ ٱلظُّلُمَـٰتِ إِلَى ٱلنُّورِۚ وَكَانَ بِٱلۡمُؤۡمِنِینَ رَحِیمࣰا }
[Surah Al-Aḥzāb: 43]
📃🖊. Qooda kee kan Salawaatarraa qabaachuu qabdu hin dagatin. Wirdii dhaabbattuu yeroo tokkollee addaan hin murre taasifadhu.
🪷🖊. Sakhaawiin Rahimahullah akkana ja’a ” Kaayyoon barbaadamtuu warraa duraa fii booda Rahmata rabbiiﷻ tokko argachuudha. [ Erga kan Rabbiin Rasuula isaa irratti salawaata buusuun garboota isaa irratti kan Rahmata buusu ta’ee ] mee akkamitti salawaata buusuu heddumeeyfachuu dhabuu fii irraa dagachuun Nama mu’minaatirraa bareeda? ]|*.
《اللَّهُمَّ صَلِّ علَى مُحَمَّدٍ وعلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كما صَلَّيْتَ علَى إبْرَاهِيمَ، وعلَى آلِ إبْرَاهِيمَ، إنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ، اللَّهُمَّ بَارِكْ علَى مُحَمَّدٍ وعلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كما بَارَكْتَ علَى إبْرَاهِيمَ، وعلَى آلِ إبْرَاهِيمَ إنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ.》
Categories