Categories
Uncategorized

Tawbaa

Jireenya keessatti namni dadhabaa waan ta’eef fedhii isaatiin qoramuun daandii qajeelaa irraa daba. Daandii qajeelaa irraa yommuu dabuu rakkoo baay’een isa
muudata. Rakkoolee kanniin keessaa: jireenya keessatti gammachuu fi kabaja dhabuu, sooranni isaa itti dhiphachuu, sodaa fi gaddaan guuttamuudha. Namni daandii haqaa irraa erga jallatee adabbiif of saaxilee booda, karaan adabbii kana jalaa itti bahuu danda’u tawbadha.

Hiikkaa Tawbah fi istighfaaraa

Jechi Tawbah ja’u jecha taaba ja’u irraa kan horsifameedha. Taaba jechuun “deebi’e” jechuudha. Akka shari’aatti “Tawbah jechuun ajaja Rabbiitti buluu diduu fi badii hojjachuu irraa gara Isaaf ajajamuu fi qajeelcha Isaa qabachuutti deebi’uudha.[1]”
Jechi Istighfaar ja’u maxxantuu isti- fi xumura “ghafara” jedhu irraa kan ijaarrameedha. Maxxantuun “ist-“ jettu hiika “barbaadu, gaafachu, kadhachuu” qabdi. Ghafara jechuun “araarame” jechuudha. Kanaafu, ist- fi ghafar yommuu walitti dhufan hiika “araarama barbaadu” qaba. Kanaafu, Istighfaara jechuun araarama barbaadu ykn kadhachuudha.

Araarama jechuun Rabbiin dogongora namaaf dhoksuu, badii namarraa haaqu fi gara fuunduraatti nama adabu dhiisudha.[2]” Nama du’een “Rabbiin isaaf haa araaramu” yommuu jennu, Rabbiin badii isa irraa haa haaqu, adabbii irraa isa haa baraaru jechaa jirra. Rabbiin rahmata isaaf haa godhu yommuu jennu immoo “Rabbiin adabbii irraa isa baraarun Jannata isa haa qubsiisu” jechuu keenya.

Kanaafu, namni Rabbiin irraa araarama barbaadu wantoota sadii barbaadaa jiraa jechuudha. Isaaniis:
Rabbiin badii isaaf dhoysuu, wanta badaa badii san irraa dhalatu isarraa haqun nama qulqulluu isa taasisu fi Aakhiratti adabbii jalaa isa baraarun Jannata seensisuudha.
Gabaabumatti tawbah jechuun badii irraa buqqa’un gara Rabbii ol ta’aaf ajajamuutti deebi’uudha. Istighfaara jechuun araarama kadhachuudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *