Categories
Uncategorized

Ergamaa Haqaa

Yeroon Rabii’al Awwal; wagga 7ffaa hijiraa keessa duula Zaati Riqaa jedhamuun beekamuutu ture. Nabiyyii Muhammed “ﷺ” fi Sahaaboonni duula kana irraa deebi’anii osoo karaa adeemanii iddoo wayiitti boqachuu barbaadan. Yeroo kana sahaaboonni muka gaaddisa bareedaa qabu tokko Rasuulaaf “ﷺ” dhiisanii isaanis naannawa sanatti muka biraa barbaaddatanii addaan faffaca’anii iddoo gaaddisa isaaniif qabu cicciisan.

Ergamaan Rabbiitis “ﷺ” Seeyfii isaanii mukicha jala ciisan kana irratti fannifatanii ciisanii akkuma shilimsaniin (hirriibni isaan fudhateen) Namtichi mushrikaa (Namni muslima hin ta’in) Kan Ghowras Ibnul Haaris jedhamu; kan muslimoota kana irra miidhaa geessisuuf isaan faana bu’ee adeemaa ture tokko dhufee, gara iddoo muka Rassuulli “ﷺ” jala ciisanii adeemuudhaan seeyfii isaanii iddoo itti rarraafamte irraa gad buusee; Morma Rassuulaa “ﷺ” irratti qabuudhaan akkana jedheen:-

“Eenyuutu sirraa na dhoorka?”

Rassuulliniis “ﷺ” (hirriiba isaaniirraa dammaqanii) “Allaah jabaatee ol taheetu (narraa si dhorka)” jedhaniin.

Yeroo kana Seeyfiin namticha harkaa lafatti kufte, Rassuulliniis “ﷺ” seeyfii tana fudhatanii (akkuma namtichi godhe sana morma isaa irratti qabuudhaan) “Eenyuutu sirraa na dhoorga?” Jedhanii gaafatan.

Namtichi baadiyyaa kuniis “Atummaan irra caalaa nama seeyfii qabatee ta’i (malee namni si narraa dhoorgu hin jiru)” jedhe

Rassuulliniis “ﷺ” ‹‹Allaah’n malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre Ragaa ni baataa?›› jedhe

Namtichiniis: ‹‹Lakkii kana ragaa hin bahu. Garuu (kana booda) akkaan si hin waraannee fi ummata si waraanu wajjiinis akkaan hin taane waadaan siif gala.›› jedhee gad lakkifame. Sana booda Namtichi mushrikaa kun achii deemee yeroo ummata isaa bira dhaqu ummata isaatiin:-

‹‹Dhugumatti Irra caalaa ilma namaa biraayiin gara keessan dhufe.›› jedheen.

Sana booda osuma hin turin isaa fii ummanni isaatiis fedhii fi kaka’umsa mataa isaaniitiin gara amantii islaamaatti seenan.
***
Nabiyyii humnaan amantii babal’isu osoo hin taane; Nabiyyii nama isa ajjeesuuf dhufeyyuu akkanatti dhiifamaan gad lakkisu qabna. Alhamdulillaah! Kan amantii islaamummaa babal’isees jaalalaafi namaaf dhiisuu kana malee humnaa miti.

√ Mee Ergamaa Rahmataa Kana Irratti Salawaata Buusaa
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *