Namoonni hubannoo fi beekumsa gahaa hin qabne, ilaalcha Nabi Muhammad (s.a.w) araboota qofaaf ergaman jedhan qabu. Garuu Qur’aana kabajamaa fi Hadiisota sirrii xiinxalaan yeroo dubbifte, Keewwanni tokko kan Nabi Muhammad (saw) araboota qofaaf ergaman jedhu hin jiru.
Nabi Muhammad (s,a,w) Kan ergamaniif, ummata addunyaa hundaafi. Dhimma kana ilaalchisee Rabbiin (s.w) Qur’aana kabajamaa keessatti akkana jechuun dubbate.
﴿وَمَآ أَرْسَلْنَٰكَ إِلَّا كَآفَّةًۭ لِّلنَّاسِ بَشِيرًۭا وَنَذِيرًۭا وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ﴾
{Nuti nama hundaaf walumaagalatti gammachiisaa fi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine. Garuu irra hedduun Namootaa hin beekan.} [Saba’ 34:28]
Ragaaleen Nabi Muhammad (s.a.w) addunyaaf, ergamuu isaanii ibsan Qur’aana kabajamaa keessatti bakka heddutti dubbatamanii jiru. Rabbiin (s.w) Qur’aana kabajamaa keessatti akkana jedha:
﴿تَبَارَكَ ٱلَّذِى نَزَّلَ ٱلْفُرْقَانَ عَلَىٰ عَبْدِهِۦ لِيَكُونَ لِلْعَٰلَمِينَ نَذِيرًا ﴾
{Inni Furqaan (Qur’aana) akka Aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf, Gabricha isaa irratti toltuun isaa baay’atte.} [Furqaan 25:1]
Qur’aanni ammas akkana jedha:
﴿قُلْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنِّى رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيْكُمْ جَمِيعًا ٱلَّذِى لَهُۥ مُلْكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ ۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحْىِۦ وَيُمِيتُ ۖ فَـَٔامِنُوا۟ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِ ٱلنَّبِىِّ ٱلْأُمِّىِّ ٱلَّذِى يُؤْمِنُ بِٱللَّهِ وَكَلِمَٰتِهِۦ وَٱتَّبِعُوهُ لَعَلَّكُمْ تَهْتَدُونَ﴾
{ Jedhi; “Yaa namoota! dhugumatti, Ani Ergamaa Rabbii isa Mootummaan Samii fi Dachii kan isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergameedha). Isa malee dhugaan Gabbaramaan hin jiru. Ni jiraachisa, ni ajjeesas. Rabbii fi Ergamaa isaa, kan Nabiyyii hin dubbifnee fi hin barreessine ta’ee Rabbii fi jechoota isaatti Amanutti, amanaa. Akka qajeeltaniif jecha isa hordofaa.} [A’araaf 7:158]
Nabi Muhammad (s.a.w) Rahmata addunyaati. Dhimma kana ilaalchisee Qur’aanni akkana jedhee dubbate.
﴿وَمَآ أَرْسَلْنَٰكَ إِلَّا رَحْمَةًۭ لِّلْعَٰلَمِين﴾
{Aalama hundaaf Rahmata taasifnee malee waan biraatiif si hin ergine.} [Anbiyaa’a 21:107]
Ergamaan Rabbii nagayaa fi Rahmanni isaanirra haa jiraatuu akkana jedhan:
( Ani wantoota shan kan Nabiyyoonni naan duraa hin kennamin kenname, sana keessaa tokko; Nabiyyoonni gara saba isaanii ergamaa turan, Ani garuu dhala namaa hundaafan ergame.) (Sahiiha Bukaarii,333, fi Muslim 521)
Categories