Categories
Uncategorized

Anas ibn Maalik (radiyallahu anhu) Akkana ja’an.

Nutii Ergamaa Rabbii ﷺ wajjin taa’aa jiru. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana je’e:

“Amma namni Jannatarraa ta’e tokko isinitti dhufa.”

Yeroo san namni Ansaaraa irraa tokko dhufe. Inni bishaan wuduu’aatiin jiidhee ture; kophee isaa lamaanis harka bitaatti qabatee dhufe.

Guyyaa itti aanuus Ergamaan Rabbii ﷺ jecha kana irra deebi’anii dubbatan; namtichi haala walfakkaataadhaan dhufe.

Guyyaa sadaffaattis Ergamaan Rabbii ﷺ jecha kana irra deebi’anii dubbatan; namtichis ammas haaluma saniin dhufe.

Ergamaan Rabbii ﷺ yeroo ka’ee khute, Abdullaah ibn Amr (radiyallahu anhu) namicha san jala bu’e. Akkana je’een:

“Ani abbaa kiyya wajjin wal lolaa waaniin jiruuf, guyyoota sadii mana keenya akkaan hin dheeyne kakadheedhiin jira. Mee si bira turuu niin danda’aa?”

Namichi ni je’een:

“Eeyyeen.”

Abdullaahn guyyoota sadii isa bira ture. Haa ta’u malee, halkan keessa salaata dabalataa (qiyaamul-layl) baay’ee isaa salaatu hin agarre.

Yeroo rafu hunda Rabbi ni yaadata; eegasii ni rafa. Ergasii yeroo salaata Subhiif dammaqu ni ka’a.

Abdullaahis afaan isaa irraa jecha gaarii malee homaa hin dhageenye.

Guyyoonni sadan erga darban booda, waan addaa hojii isaa keessatti hin argine. Kanaaf akkana je’eetiin isa gaafadhe:

“Yaa gabricha Rabbii! Ani dhugumaan abbaa koo wajjin wal hin lolle; hariiroos hin kunne.

Ani Ergamaa Rabbii ﷺ yeroo sadii, ‘Amma namni Jannatarraa ta’e tokko isinitti dhufa’ jechuun dubbataniin dhaga’e; yeroo hunda immoo situ dhufe.

Kanaaf hojii ati hojjettu ilaalee akkaan hordofuuf si bira ture. Garuu hojii addaa tokkollee sirratti hin agarre.

Maali ree, Ergamaan Rabbii ﷺ maaliif akkasitti si dubbatan?”

Namichi ni je’een:

“Ani akkuma ati na agarte sanuma qofa.”

Abdullaah yeroo deemuuf deemu, namichi itti dabalee akkana je’een:

“Garuu waan tokkootu jira:

Ani Muslima kamiyyuu jibba, haaloo yookaan hammeenya garaa hin qabuuf. Akkasumas waan gaarii Rabbiin nama biraatiif kenneef eenyuufillee hin hinaafu.”

Yeroo kana Abdullaah ibn Amr (radiyallahu anhu) ni je’e:

“Kunumaa! Kun waan si sadarkaa kanaan si gahee. Innis waan nuti baay’een keenya bira hin geenye je’een.”

Madda: Musnad Imaam Ahmad (Lak. 12286). Ibn Kathir akka ibsanitti hadiisni kun sahiih (sirrii) dha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *