Guyyaa Jumu’aa Maaltu Adda Godha?
Guyyaan jumu’aa Rabbii fi muslimoota birattillee guyyaa addaati. Akkuma Ergamaan Rabbii (S.A.W) hadiisa keessatti nuuf himanitti guyyaa kana Rabbiin guyyaa ibaadaa isaatiif filate. Ummata nu duraatiif Rabbiin guyyaa jumu’aa guyyaa ibaadaa akka godhataniif jacha isaaniif filee qeebaluu didan.
- Yahuudaan guyyaa jimmataa didanii guyyaa Sabtii fudhannaan,
- Nasaaraan ammoo guyyaa Alhadaa qabatte.
Guyyaa sadarkaa guddaa qabu kana ammoo Rabbiin (S.W) ummata Ergamaa Rahmataa (S.A.W) ummata Nabi Muhammadiif kenne.
Wantoota guyyaa kana adda taasisan keessaa muraasni:
- Irra caalaa guyyoota torbanii tahuu isaa,
- Guyyaa abbaan keenya Nabi Aadam (A.S) keessa uumame tahuu isaa,
- Guyyaa isa keessatti abbaan keenya Aadam (A.S) jannata seene tahuu isaa,
- Guyyaa isa keessa jannatarraa baafame tahuu isaa,
- Guyyaa isa keessa qiyaamaan tahuuf jiraattu tahuu isaa,
- Guyyaa za’aan du’aa’iin akkaan qeebalamtu isa keessatti argamtu tahuu isaa,
- Guyyaa isa keessatti Suuraa Kahaf qara’uun sadarkaa qabdu tahuu isaa,
- Guyyaa salawaata Rasuularratti (S.A.W) buusuu isa keessatti baayyisuun karaa godhamee fi sadarkaa keessatti qabu tahuu isaa,
- Guyyaa Muslimoonni isa keesaatti wal arganii dhimma isaan yaachisuu fi isaan laalchisu imaamarraa keessatti dhaggeeffatan tahuu isaa,
- Guyyaa isa keessatti sawaabni akka nama waggaa guutuu halkan isaa salaataan, guyyaa isaa soommanaan Rabbi gabbaraa dabarseetti namni argatu isa keessatti argamu tahuu isaa,
- Guyyaa isa keessatti diliin torban guutuu araarama siif godhamtu tahuu isaa,
- Guyyaa isa keessatti salaata jumu’aa dhaquun dhiirarratti waajiba tahee fi hayyama shari’aatiin yoo tahe malee jumu’aarraa hafuun ammoo badii guddoo taate tahuu isaa faadha.
Kanaaf jacha Muslimoonni guyyaa kanaaf bakka guddaa kennanii itti fayyadamuutu isaanirraa eegama.
Ergamaan Rabbii (S.A.W) guyyaa kana keessatti sunnaalee nuti itti dhimmamnee hojiirra oolchuu qabnu hedduu karaa nuuf taasisan. Isii keessaa muraasni:
A. Dhiqaansa guyyaa jumu’aati
Ergamaan Rabbii (S.A.W) hadiisa isaanii keessatti akkana ja’an:
“Nama ballaghe (umrii saal-lammeessoo gahe) hundarratti dhiqaansi jumu’aa dirqama”
[Bukhaarii: 879]
Hadiisa biraa keessattiis akkana ja’an:
“Tokkoon keessan hoggaa salaata jumu’aatiif deemuu fedhe haa dhiqatu“
[Bukhaarii: 877]
B. Qulqullummaa eeggachuu
Kuniis wantoota armaan gadii of keessatti hammata:
- Rifeensa bobaa jalaa buqqisuu yokiin haaduu
- Rifeensa naannoo qaama hormaataatti biqilu haaduu
- Afkarroo (yokiin rifeensa funyaan jalaa) haaduu fi k.k.f dha.
C. Suuraa Kahaf Qara’uu
Yeroon itti qara’amu salaanni subhii hoggaa salaatamurraa eegalee hanga salaanni maghribaa juddutti qara’ama. Yeroo tana jiddutti hoggaa siif mijjaawetti qara’uu dandeessa.
D. Uffata kee keessaa irra bareedaa uffachuu
Uffata haariyaa fi bareedaa yoo hin qabaanne ammoo kanuma qabdu miiccattee (dhiqattee) qulqulleeffattee uffachuu.
E. waan urgaawaa (shittoo) yoo qabaatte dibachuu
F. Rifeensa kee eega dhiqattee qulqulleessitee booda filattee tolchitee dibata gaarii ka qabdurraa dibachuu
G. Gara masjidaa deemuu
Yeroo gara masjidaa deemtu konkolaataa, mootorsaaykilii, baajaajii yaabbattee osoo hin taane miilaan gara masjidaa deemuutu irra caalaa fi irra filatamaadha.
H. Ganamaan gara masjidaa deemuu
Guyyaa Jumu’aa yeroodhaan gara masjidaa deemuun sunnaadha. Akkasumaas ajrii (sawaaba) guddaa qaba. Akka nama sadaqaa kennateeti.
Ergamaan Rabbii (S.A.W) sadarkaa guyyaa jumu’aa yeroodhaan masjiidaa dhaquun qabdu akka armaan gadiitti nuuf himan:
- Namni guyyaa jumu’aa sa’aa 1ffaa irratti gama masjidaa deeme akka nama gaala sadaqateeti.
- Namni za’aa 2ffaa irratti gama masjidaa deeme akka nama loon sadaqateeti.
- Namni za’aa 3ffaa irratti gama masjidaa deeme akka nama hoolaa sadaqateeti.
- Namni za’aa 4ffaa irratti gama masjidaa deeme akka nama lukkuu sadaqateeti.
- Namni za’aa 5ffaarratti dhaqe akka nama killee (buphaa) sadaqateeti. Tuni sadarkaa irraa dhumaati.
Sadarkaa guyyaa jumu’aa ganamaan gama masjiidaa deemuun qabu ta biraa yeroo nuuf himan Ergamaan Rabbii (S.A.W) akkana ja’an:
“Namni guyyaa jumu’aa dhiqate, ganamaan masjida dhaqe, imaamatti dhihaatee callisee khuxbaa dhaggeeffate, kan tapharraa fagaate tarkaanfii tarkaanfate hundatti sawaaba nama amata tokko guutuu halkan leeylii salaatee guyyaa soommanaan dabarseeti argata“
[Tirmizii: 456] [Albaaniin sahiiha godhe]
Allaahu Akbar! Ajrii guddaa akkanaa kana irra hedduun muslimootaa irraa dagatanii jiran. Yeroo baay’ee osuma mana keessa asii fi achi gara gaggalanii yokiin bakka buna itti dhuganii fi hiriyootaa wajji ta’anii osuma haasawanii sawaabni hedduun kun nama jala dabra.
Hubachiisa: Sunnaan yeroodhaan gama masjiidaa deemuu kun imaamaa fi hawaasa isa boodaan salaatuuf wal dhaba.
- Ummataaf ganamaan masjiida dhaquutu sunnaadha.
- Imaama khuxbaatiif ammoo booda aanee yeroo khuxbaan dhihaatte majiida dhaquutu sunnaadha.
Kutaan 2ffaan itti fufa….
