Sharxiilee Salaataa
![]()
Salaata hidhachuun duratti sharxiilee (ulaagaalee) 9 tu guutamuu qaba:
- Muslima tahuu: (Kana jechuun namni tokko yoo islaamummaa hin qabaanne salaanni isaa fudhatama hin qabu)
- Aqlii qabaachuu: Kana jechuun maraataa tahuu dhabuudha.
- Waa adda beekuu: Kana jechuun yoo xiqqaate daa’imni waggaa 7 gahuu qaba
- Hadasa ifirraa fuudhuu: Kana jechuun yoo wuduu’a balleessitee jiraatte wuduu’a godhachuu fi yoo janaabtaan sirra jiraatte qaama dhiqachuudha.
- Najisa firraa deemsisuu: Najisni waa 3 irraa deemsifama:
- Qaama kee,
- Uffata kee fi
- Iddoo itti salaattu
- Oowraa sattarachuu:
- Oowraan dhiiraa: Handhura irraa kaasee hanga jilbaatti
- Oowraan dubartii: Shanacha harkaatii fi fuula isii malee qaamni isii guutuun oowraa waan taheef dhokfamuu qaba
- Yeroon salaataa seenuu: Salaanni tokko osoo yeroon isaa hin seenne yoo salaatame fudhatama hin qabu (Nama salaata jam’ii godhe yoo tahe malee).
- Qiblatti gara galuu
- Niyyachuu: Niyyaan qalbii keessatti godhama. Sagalee ol fuudhanii dubbachuun bid’aadha (nama dileessa). Salaanni ati salaatuuf deemtu salaata kam akka tahe qalbii teetiin yaadachuudha. Niyyaa tee keessatti sunnaa salaatuuf niyyattee yoo hidhatte salaanni kee san kanuma sunnaati taha malee erga hidhattee booda niyyaa tee salaata fardiitti jijjiirtee itti fufuu hin dandeessu. Salaata osoo hin hidhanne dura salaata fardii tahuu isaa niyyachuu qabda jechuudha.
Ulaagaalee saglan kana keessaa tokko yoo irrate salaanni keenya fudhatama hin qabu jechuudha
