{"id":66,"date":"2025-12-04T18:06:10","date_gmt":"2025-12-04T18:06:10","guid":{"rendered":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/badii-dilii-tuffachuun-qabdu\/"},"modified":"2025-12-04T18:06:10","modified_gmt":"2025-12-04T18:06:10","slug":"badii-dilii-tuffachuun-qabdu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/badii-dilii-tuffachuun-qabdu\/","title":{"rendered":"Badii dilii tuffachuun qabdu"},"content":{"rendered":"\n
Beeki, Rabbiin anaafi sis haa mararfatuu, Rabbiin ol ta’e gabroota Isaa bifa dirqama ta’een tawbaa isaaf qulqulleessuutti ajaje. Rabbiin ol ta’e ni jedhe:

\u064a\u064e\u0627 \u0623\u064e\u064a\u0651\u064f\u0647\u064e\u0627 \u0627\u0644\u0651\u064e\u0630\u0650\u064a\u0646\u064e \u0622\u0645\u064e\u0646\u064f\u0648\u0627 \u062a\u064f\u0648\u0628\u064f\u0648\u0627 \u0625\u0650\u0644\u064e\u0649 \u0627\u0644\u0644\u0651\u064e\u0647\u0650 \u062a\u064e\u0648\u0652\u0628\u064e\u0629\u064b \u0646\u064e\u0635\u064f\u0648\u062d\u064b\u0627} [\u0627\u0644\u062a\u062d\u0631\u064a\u0645: 8

“yaa warra amantan! Tawbaa qulqulluu gara Rabbiitti toobadhaa (deebi’aa).”

Rabbiin keenya odoo maleykonni kabajamoon dilii hin barreessin dura akka toobannuuf yeroo nuu kenneera. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “(maleykaan) gara bitaa sa’aatii ja’a gabricha muslimaa dogongore irraa qalama kaasa. Yoo inni gaabbee araarama Rabbirraa barbaade ishee gatee dhiisa. Yoo kana hin taane immoo dilii tokkittiitu itti barreeffamti.” Xabraaniin Alkabiir keessattiifi Albayhaqiitu Shu’ab Al-iimaan keessatti gabaasan. Albaaniin hasan godheera. Yeroon biraa kan kennamuuf immoo erga barreeffamee ka’ee hanga baallamni du’aa dhufutti eeguudha.

Musiibaan namoota baay’ee kan yeroo ammaa, isaan guddina Rabbii ol ta’ee hin sodaatanu. Halkaniifi guyyaa gosa dilii baay’eedhaan Isa faallessu. Ammas isaan keessaa nama dilii tuffachuudhaan mokkorametu jira. Garii isaanii kan inni dilii xixiqqoo lubbuu isaa keessatti tuffatu argita.

Fakkeenyaaf ni jedha: ‘gara ajnabiyyaa\u00b9 ilaaluun yookiin harkaan qabuun maal miiti? Kana irraa ka’uudhaan gaazeexaafi fiilmii keessatti gara haraamaa ilaaluutti dhaqqabu. Inumaayyuu gariin isaanii yeroo haraama ta’uu waan tokkoo bare tuffachuudhaan ‘dilii hagamtu keessa jira?’ jedha. Ogga qabatama argamaaru kana barte mee jidduu isaatiifi jidduu hadiisa lamaan armaan gadii kan Sahiiha Imaama Bukhaarii irraa fudhanneen waliin madaali.

1. Anas irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: “isin hojii baay’ee kan ija keessan keessatti ija garbuu irra xiqqoo taate hojjattu. Nuti immoo bara Ergamaa Rabbii (saw) waan nama halaaktu irraa lakkoofna turre.”

2. Ibn Mas’uud irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: “dhugumatti Mu’uminni dilii isaa akka waan gaara isatti kufuu sodaatu jala taa’aaruutti ilaala. Jallataan immoo dilii isaa akka tisiisa funyaan isaa irra tarraan harka isaatiin akkana jedhee ofirraa deebiseetti ilaala.”

Amma warri kun yeroo hadiisa Ergamaa Rabbii (saw) kan armaan gadii dubbisan badii dubbii kanaa madaaluu ni danda’uu? “dilii tuffachuu irraa fagaadhaa. Fakkeenyi nama dilii tuffatuu akka ummata dirree wahii irra qubatanii inni kun muka tokko fidee sunis muka biraa fidee hanga waan ittiin nyaata isaanii bilchiissuu danda’an walitti qabataniiti.

1 Ajnabiyyaa jechuun warra akka sharii’aatti wal fuuchuun eeyyamamuudha. Kana jechuun warra mahaarima (firoota) hin ta’in jechuudha.

Namni dilii tuffatu abbaan ishee gaafa ittiin qabame isa halaakti.” Gabaasa biraatiin immoo Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “dilii tuffachuu irraa fagaadhaa; diliin namicha irratti walitti qabamtee isa halaakti.” Ahmadtu gabaase.

Akka warri beekumsaa dubbatanitti diliin xiqqoon yoo hayaa dhabuun, dhimma godhachuu dhiisuuniifi Rabbiin sodaachuu dhiisuun ishee tuffachuu waliin wal ga’e dilii gurguddaatti ishee dhaqqabsiisa. Inumaayuu sadarkaa dilii gurguddaa keessa ishee kaa’a. Kanaafuu, irra turuu waliin diliin xiqqoon hin jiru (guddaatti jijjiirama jechuudha). Istighfaara waliin immoo diliin guddaanuu hin jiru (Rabbiin ni araarama jechuudha).

Nama haalli isaa akkana ta’een ni jenna: gara xiqqeenya dilii hin ilaalin; garuu gara guddina Rabbii faallessitee ilaali.

Kun jechoota yoo Rabbiin fedhe warri dhugaa, warri dilii isaaniitiifi hanqisuu isaanii ofirratti beekan ittiin fayyadamanuudha. Warri jallina isaanii keessa dhama’anuufi jallina keessa turan ittiin hin fayyadamanu.

Isheen nama jecha Rabbii kanatti amanuufi:

\u0646\u064e\u0628\u0651\u0650\u0626\u0652 \u0639\u0650\u0628\u064e\u0627\u062f\u0650\u064a \u0623\u064e\u0646\u0651\u0650\u064a \u0623\u064e\u0646\u064e\u0627 \u0627\u0644\u0652\u063a\u064e\u0641\u064f\u0648\u0631\u064f \u0627\u0644\u0631\u0651\u064e\u062d\u0650\u064a\u0645\u064f (49) \u0648\u064e\u0623\u064e\u0646\u0651\u064e \u0639\u064e\u0630\u064e\u0627\u0628\u0650\u064a \u0647\u064f\u0648\u064e \u0627\u0644\u0652\u0639\u064e\u0630\u064e\u0627\u0628\u064f \u0627\u0644\u0652\u0623\u064e\u0644\u0650\u064a\u0645\u064f (50)} [\u0627\u0644\u062d\u062c\u0631: } 50 \u060c49] <\/p>\n\n\n\n
“Ani dhugumatti Anatu araaramaa, rahmata godhaa dha” jechuu gabroota kiyyatti odeessi.” (Alhijr: 49). Akkasumas nama isa kanattis amanuufi: “Adabni kiyyas isatu adaba laalessaadha” (jeechuus itti himi).” (Alhijr: 50)<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"
Beeki, Rabbiin anaafi sis haa mararfatuu, Rabbiin ol ta’e gabroota Isaa bifa dirqama ta’een tawbaa isaaf qulqulleessuutti ajaje. Rabbiin ol ta’e ni jedhe: \u064a\u064e\u0627 \u0623\u064e\u064a\u0651\u064f\u0647\u064e\u0627 \u0627\u0644\u0651\u064e\u0630\u0650\u064a\u0646\u064e \u0622\u0645\u064e\u0646\u064f\u0648\u0627 \u062a\u064f\u0648\u0628\u064f\u0648\u0627 \u0625\u0650\u0644\u064e\u0649 \u0627\u0644\u0644\u0651\u064e\u0647\u0650 \u062a\u064e\u0648\u0652\u0628\u064e\u0629\u064b \u0646\u064e\u0635\u064f\u0648\u062d\u064b\u0627} [\u0627\u0644\u062a\u062d\u0631\u064a\u0645: 8 “yaa warra amantan! Tawbaa qulqulluu gara Rabbiitti toobadhaa (deebi’aa).” Rabbiin keenya odoo maleykonni kabajamoon dilii hin barreessin dura akka toobannuuf yeroo […]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"pagelayer_contact_templates":[],"_pagelayer_content":"","_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"class_list":["post-66","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-uncategorized"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/66","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=66"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/66\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=66"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=66"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=66"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}