{"id":62,"date":"2025-12-02T19:19:30","date_gmt":"2025-12-02T19:19:30","guid":{"rendered":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/yoo-hin-amannes-beekuu-qabda\/"},"modified":"2025-12-02T19:19:30","modified_gmt":"2025-12-02T19:19:30","slug":"yoo-hin-amannes-beekuu-qabda","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/yoo-hin-amannes-beekuu-qabda\/","title":{"rendered":"Yoo hin Amannes Beekuu qabda!"},"content":{"rendered":"\n
Qabxiin ilmaan namaa hundi beekuu qaban wajjiin walqabatee qabxiilee hedduu kaasuun barbaada. Tariitii Namoota beekumsa hin qabne hedduu fayyaduu danda’a. Kan hubannoo qabaniifis dabalata ni ta’a. Akkkasumas Namoonni hin beeknes beekuu qaban. Garuu amanuun waan biraati.

1ffaa: Islaamummaa fi Madda Islaamummaa

Islaamummaa fi madda Islaamummaa beekuu barbaannaan Qur’aanaa fi Hadiisota sirrii ta’an xiinxalaan dubbisuu fi beekuu nama gaafata. Waa’ee Islaamummaa yoo dhageessu jalqabarratti sammuun kee gaafii siif kaasuu danda’a. Islaamummaan eessaa dhufte? jechuu dandeessa. Gaaffii gaarii ta’a. Hanga deebisaa isaa argattutti qorannaa kee itti fufuu qabda. Maddi amantaa kanaa Rabbiin biraayi, kun deebii isa sirriidha. Akkamitti jettee gaafachuu dandeessa?

Islaamummaan amantaa Rabbiin biraa dhufeedha. Erga Rabbiin biraa dhufuun siif mirkaanaa’ee jiraatee, bakka itti dhugaa ta”uunsaa dubbatame barbaadda. Kanaafis baay’ee cinqamuu nama hin barbaachisu. Deebisaan Qur’aanaa fi Hadiisota Sirriidha. Qur’aana kabajamaa keessatti Maddi Islaamummaa Rabbiin biraa ta’uu wajjiin walqabatee haala armaan gadii kanaan haa hubannuu ykn haa qorannuu…

Qorannoo 2ffaa

-Islaamummaan amantaa Rabbiin ilmaan namaa irratti uumeedha. Kana jechuun ilmaan namaatu Islaamummaa irratti dhalatan jechuudha. Quraanni akkana jedheera:

Amantaan Rabbiin ilmaan namaa irratti uume Islaamummaadha, uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru. Santu amantaa sirriidha. [Suuraa Ruum 30:30

Mee jecha Afaan Arabaa “Fixraa” jedhu haa ilaallu. Fixraa jechi jedhu; jacha afaan Arabaa yommuu ta’u, Hiikni isaa immoo uumama jechuu ta’a..

Jechi “laa Tabdiila” jedhu kana yoo xiinxallu, kana jechuun uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru jechuu ta’a. Icciitiin keewwata kana keessa jiru, fakkeenya tokko fudhannee haa ilaalluu, kiristaanummaa keessatti Daa’imni tokko dhiira ta’ee yoo dhalate, Guyyaa 40 booda kiristaanummaa kaasan, Dubartii yoo taate immoo guyyaa 80 booda kiristaanummaatti geeddaran. Sababbiin kanaa; Yoo odoo kiristaanummaatti hin geeddarre kan dhiifamtu taate “Daa’imni sun muslima tahuu waan amananiifi. Kanaaf jecha Rabbiin (sw) uumaa Rabbii akka hin jijjiirre akeekkachiise.

Ergamaan Rabbii (Sallallaahu Aleeyhi Wosallam) sahiiha Bukaarii keessatti akka ibsametti, Daa’imman hundi yeroo dhalatan Islaamummaa irratti akka dhalatan ibsanii jiran, Garuu dhiibbaa Haadhaa fi Abbaatiin gara Amantaa birootti geeddaramu jedhan. Aadam irraa eegalee hanga har’aatti namoonni guutuun Islaamummaa irratti dhalachaa har’a gahan.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"
Qabxiin ilmaan namaa hundi beekuu qaban wajjiin walqabatee qabxiilee hedduu kaasuun barbaada. Tariitii Namoota beekumsa hin qabne hedduu fayyaduu danda’a. Kan hubannoo qabaniifis dabalata ni ta’a. Akkkasumas Namoonni hin beeknes beekuu qaban. Garuu amanuun waan biraati. 1ffaa: Islaamummaa fi Madda Islaamummaa Islaamummaa fi madda Islaamummaa beekuu barbaannaan Qur’aanaa fi Hadiisota sirrii ta’an xiinxalaan dubbisuu fi […]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"pagelayer_contact_templates":[],"_pagelayer_content":"","_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"class_list":["post-62","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-uncategorized"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/62","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=62"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/62\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=62"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=62"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=62"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}