{"id":39,"date":"2025-11-16T17:34:39","date_gmt":"2025-11-16T17:34:39","guid":{"rendered":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/haraam-irraa-ija-gaqqabachuu\/"},"modified":"2025-11-16T17:34:39","modified_gmt":"2025-11-16T17:34:39","slug":"haraam-irraa-ija-gaqqabachuu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/haraam-irraa-ija-gaqqabachuu\/","title":{"rendered":"Haraam irraa ija gaqqabachuu"},"content":{"rendered":"\n
\u2022 Obboleeyyan islaamaa hunda dura lubbuu tiyyaa fi isiniif sodaa rabbiitiin dhaama. sodaan rabbii ajaja rabbiin s.w ummata nu dura dabree fi nullee itti nu ajaje. akkasuma sodaan rabbii waan duniyaa fi aakhirattillee ittiin najaa bahanii jachuudha duboo obboleeyyan. warra rabbi sodaatu rabbi nu haa taasisu insha allah. itti aansuudhaan mata dureen gorsa keenyaa maal jetti

\u063a\u062f \u0627\u0644\u0646\u0630\u0631
Ija gaqqabachuu waan ja’u waliin laalla jechuudha. Gorsa guyyaa har’aa keessatti insha allah maalifiin mata duree tana filadhe jennaan. irra hedduun keenya har’aan tana bakka tanaan mokkoramnee jirra. irra hedduun keenya ija gaqqabachuu tana laaftu laallee jirra. ammoo khasaaraan isiin qabdu, badiin isiirraa khaatu akkaan guddoodha obboleeyyan islaamaa. hangam takka balaa akka qabdu waliin laalla jechuudha arraan tana. rabbiilleen s.w qur’aana isaa keessatti, ergamaan isaatilleen a.s.w hadiisa isaa keessatti kana nu barsiisanii jachu duboo obboleeyyan.

\u2022 Rabbiin maal ja’a s.w

\u0642\u0644 \u0644\u0644\u0645\u0624\u0645\u0646\u064a\u0646 \u064a\u063a\u0636\u0648\u0627 \u0645\u0646 \u0627\u0628\u0635\u0627\u0631\u0647\u0645 \u0648\u064a\u062d\u0641\u0638\u0648\u0627 \u0641\u0631\u0648\u062c\u0647\u0645 \u0630\u0644\u0643 \u0627\u0630\u0643\u0649 \u0644\u0647\u0645 \u0627\u0646 \u0627\u0644\u0644\u0647 \u062e\u0628\u064a\u0631 \u0628\u0645\u0627 \u064a\u0639\u0645\u0644\u0648\u0646
Akkana je’iinii ja’a warra rabbitti amaneen je’i yaa ergamaa kiyya muhammad s.a.w ija teessan gaqqabadhaa je’iin, ija teessan gaqqabaa ja’iin warra rabbitti amane khanaan

\u0648\u064a\u062d\u0641\u0638\u0647 \u0641\u062e\u0631\u0648\u062c\u0647\u0645
Qaama saalaa isaaniitillee tiyfadhaa je’iinii ja’a rabbiin s.w

\u0630\u0644\u0643 \u0627\u0630\u0643\u0649 \u0644\u0647\u0645
Santu isaaniif irra gaariidhaa je’e. qalbii isaaniitiif sanii irra gaari, jireenya bareedaa jiraachuuf sanii irra gaari, fahmii gaarii qabaachuuf sanii irra gaari, qur’aanni si keessa taa’uudhaaf saniitu irra gaariidhaa ja’a rabbiin s.w.

\u2022 Dhiira qofaa miti ka ija gaqqabatu, dubartiilleen ija gaqqabachuu qabdi, dubartiilleen ija isii lafa gaqqabuu qabdi maal ja’an

\u0648\u0642\u0644 \u0644\u0644\u0645\u0624\u0645\u0646\u0627\u062a \u064a\u063a\u0636\u0636\u0646 \u0645\u0646 \u0627\u0628\u0635\u0627\u0631\u0647\u0646 \u0648\u064a\u062d\u0641\u0638\u0646 \u0641\u0631\u0648\u062c\u0647\u0646 \u0648\u0644\u0627 \u064a\u0628\u062f\u064a\u0646\u0627 \u0632\u064a\u0646\u062a\u0647\u0646 \u0627\u0644\u0627 \u0645\u0627 \u0638\u0647\u0631 \u0645\u0646\u0647\u0627
Dubartiilleen ija teessan gaqqabadhaa ja’iinii ja’a RABBI s.w. dhiirtiniis dubartiiniis ija gaqqabutti ajajamte jechu obboleeyyan islaamaa. maalirraa ija gaqqabata namni, maal irraa ijasaa gaqqabuu qaba ilmi namaa. waan isaaf haraam tehe hundarraa ija gaqqabuu qaba, ajnabii laalurraa ija gaqqabuu qaba. dubartiileen dhiiraa ajnabii ija itti dhaabdee laaluurraa ija gaqqabuu qabdi khanaatu qalbii isaaniitiifillee qulqulluudha irra gaariidha. RABBI s.w nu barsiise islaamummaa keessatti RABBIIN waan nuu tolu hunda nu barsiise, waan milkii jireenyaa nuu fidu hunda nu barsiise, waan jireenya bareedaa akka jiraannu, balaarraa akka tiiyfamnu waan nu godhu hunda RABBI s.w nu barsiise. yoo nuti qajeelfama diin islaamaa jala deemne, yoo nuti qajeelfama amantii islaamaa jala deemne jireenyi keenya hundi milkii taha jechu duboo obboleeyyan islaamaa. warra diin islaamaa jala deemu RABBI nu haa taasisu obboleeyyan.

\u2022 Balaan ijarraa kaatu balaa akkaan hamtuuti. aayata duraa san keessatti maal je’e RABBI s.w.

\u0642\u0644 \u0644\u0644\u0645\u0624\u0645\u0646\u064a\u0646 \u064a\u063a\u062f \u0645\u0646 \u0627\u0628\u0635\u0627\u0631\u0647\u0645 \u0648\u064a\u062d\u0641\u0638\u0648 \u0641\u0631\u0648\u062c\u0647\u0645
Warra rabbitti amaneen ja’i ija teessan gaqqabadhaa ja’iin itti aansee maal dubbate qaama saalaa kheessan haraam irraa tiiysaa je’iinii je’e. mufassirtoonni maal ja’an ayaata kana hoggaa fudhatan wanni rabbiin qaama saalaa tiiysuu dura ija gaqqabachuu dubbateef isiitu karaa san nama geessaa ja’an, dubartii haaraamiin laaluutu karaa san nama geessa, footoolee adda addaa haraamiin laaluutu karaa san nama geessa zabana ammaa kanafaa zabana fitinaan heddummaatte kana zamana intarneet mana cufa guute kana dubartii gosa adda addaa tanaa si dura deema, mobile bantu gosa addaa si dura deema, tv bantu gosa addaa si dura deema namni yoo ijasaa qaqabachuu baate fitinaa hedduu keessa bu’aa jechuudha duuboo obboleeyyan islaamaa.

\u2022 Namni hoggaa haraam itti dhufe, namni hoggaa osoo deemuu ijji isaa dubartiirra dheeyxe dafee irra deebisuu qaba ija isaa itti dhaabe ilaalu hin qabu. dubartiilleen akkasuma bakka fitnaarraa hoggaa ijji isii dheeyxe daftee irraa deebisuu qabdi li’annahuu sheyxaanni tana fayyadama

\u0627\u0644\u0646\u0638\u0631 \u0633\u0647\u0645 \u0645\u0633\u0645\u0648\u0645 \u0645\u0646 \u0633\u0647\u0627\u0645 \u0627\u0628\u0644\u064a\u0633
Ijaan waa laaluun tun xiyya sheyxaanaa hamaati xiyya summii qabuu ja’an. xiyyi summii qabu si dirraan numa duuta. xiyyi summii qabu si dirraan laalaa fi dhukkubbii hedduu qaama keessa gadhiisa. akkasuma laalichi haraam kunilleen summii qaama kee keessa gadhiisa.

\u2022 Ibnul qayyimal jawziyan maal ja’a RABBIIN rahmata isaaf haa godhuu ijaan haraam laaluun tun tokkoffaa waan laalte tana qalbii teetirratti footoo akka khaatu si gootii je’e wanti tun qalbii teetirraatti footoo hoggaa khaate bakka sanii yoo deemtellee waan san qaxab qaxabii si dhufaa je’e. Waan san hoggaa qaxab jatte qalbii tee keessatti bakka kanniteefii waan san itti deddeebitee kan yaadattu yoo taate waan kana xiintaluu dhufaa je’e. waan kana xiinxaluun lakka dhufuun hawwiin ati waan kanaaf qabdu si dabalaa dhufaa je’e. lakka ati hawwiin waan kanaaf qabdu si dabalaa dhufuun murannaa dhufaa je’e khalaas waan kana arkachuun qabaa, waan kana itti qanani’uun qabaa waan ja’uu si dhufa. waan kana itti qanani’uun qabaa takka murannaan ilmi namaa waan san numa dalagaa je’e wanti takka irraa isa hin deebistuu je’e yoo rabbummaan rahmata isaa godhee waan san haala isaa mijjeessuu baatee takkaa isa jibbisiisee irraa deebise malee takka murannaan dhufnaan wanni feete irraa isa deebisuu hin dandeessuu je’e. laalaa duboo obboleeyyan islaamaa. dura maalirraa khaate wanni tun dura laalicharraa khaate jachuu. namni laalicha kana laaftu laaluun qabu. <\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"
\u2022 Obboleeyyan islaamaa hunda dura lubbuu tiyyaa fi isiniif sodaa rabbiitiin dhaama. sodaan rabbii ajaja rabbiin s.w ummata nu dura dabree fi nullee itti nu ajaje. akkasuma sodaan rabbii waan duniyaa fi aakhirattillee ittiin najaa bahanii jachuudha duboo obboleeyyan. warra rabbi sodaatu rabbi nu haa taasisu insha allah. itti aansuudhaan mata dureen gorsa keenyaa maal […]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"pagelayer_contact_templates":[],"_pagelayer_content":"","_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"class_list":["post-39","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-uncategorized"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/39","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=39"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/39\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=39"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=39"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=39"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}