\u201cAmma namni Jannatarraa ta’e tokko isinitti dhufa.\u201d
Yeroo san namni Ansaaraa irraa tokko dhufe. Inni bishaan wuduu’aatiin jiidhee ture; kophee isaa lamaanis harka bitaatti qabatee dhufe.
Guyyaa itti aanuus Ergamaan Rabbii \ufdfa jecha kana irra deebi’anii dubbatan; namtichi haala walfakkaataadhaan dhufe.
Guyyaa sadaffaattis Ergamaan Rabbii \ufdfa jecha kana irra deebi’anii dubbatan; namtichis ammas haaluma saniin dhufe.
Ergamaan Rabbii \ufdfa yeroo ka’ee khute, Abdullaah ibn Amr (radiyallahu anhu) namicha san jala bu’e. Akkana je’een:
\u201cAni abbaa kiyya wajjin wal lolaa waaniin jiruuf, guyyoota sadii mana keenya akkaan hin dheeyne kakadheedhiin jira. Mee si bira turuu niin danda’aa?\u201d
Namichi ni je’een:
\u201cEeyyeen.\u201d
Abdullaahn guyyoota sadii isa bira ture. Haa ta’u malee, halkan keessa salaata dabalataa (qiyaamul-layl) baay’ee isaa salaatu hin agarre.
Yeroo rafu hunda Rabbi ni yaadata; eegasii ni rafa. Ergasii yeroo salaata Subhiif dammaqu ni ka’a.
Abdullaahis afaan isaa irraa jecha gaarii malee homaa hin dhageenye.
Guyyoonni sadan erga darban booda, waan addaa hojii isaa keessatti hin argine. Kanaaf akkana je’eetiin isa gaafadhe:
\u201cYaa gabricha Rabbii! Ani dhugumaan abbaa koo wajjin wal hin lolle; hariiroos hin kunne.
Ani Ergamaa Rabbii \ufdfa yeroo sadii, \u2018Amma namni Jannatarraa ta’e tokko isinitti dhufa\u2019 jechuun dubbataniin dhaga’e; yeroo hunda immoo situ dhufe.
Kanaaf hojii ati hojjettu ilaalee akkaan hordofuuf si bira ture. Garuu hojii addaa tokkollee sirratti hin agarre.
Maali ree, Ergamaan Rabbii \ufdfa maaliif akkasitti si dubbatan?\u201d
Namichi ni je’een:
\u201cAni akkuma ati na agarte sanuma qofa.\u201d
Abdullaah yeroo deemuuf deemu, namichi itti dabalee akkana je’een:
\u201cGaruu waan tokkootu jira:
Ani Muslima kamiyyuu jibba, haaloo yookaan hammeenya garaa hin qabuuf. Akkasumas waan gaarii Rabbiin nama biraatiif kenneef eenyuufillee hin hinaafu.\u201d
Yeroo kana Abdullaah ibn Amr (radiyallahu anhu) ni je’e:
\u201cKunumaa! Kun waan si sadarkaa kanaan si gahee. Innis waan nuti baay’een keenya bira hin geenye je’een.\u201d
Madda: Musnad Imaam Ahmad (Lak. 12286). Ibn Kathir akka ibsanitti hadiisni kun sahiih (sirrii) dha.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"
Nutii Ergamaa Rabbii \ufdfa wajjin taa’aa jiru. Ergamaan Rabbii \ufdfa akkana je’e: \u201cAmma namni Jannatarraa ta’e tokko isinitti dhufa.\u201d Yeroo san namni Ansaaraa irraa tokko dhufe. Inni bishaan wuduu’aatiin jiidhee ture; kophee isaa lamaanis harka bitaatti qabatee dhufe. Guyyaa itti aanuus Ergamaan Rabbii \ufdfa jecha kana irra deebi’anii dubbatan; namtichi haala walfakkaataadhaan dhufe. Guyyaa sadaffaattis […]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"pagelayer_contact_templates":[],"_pagelayer_content":"","_jetpack_newsletter_access":"","_jetpack_dont_email_post_to_subs":false,"_jetpack_newsletter_tier_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paywalled_content":false,"_jetpack_feature_clip_id":0,"_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":"","jetpack_post_was_ever_published":false},"categories":[1],"tags":[],"class_list":["post-157","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-uncategorized"],"jetpack_sharing_enabled":true,"jetpack_featured_media_url":"","_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/157","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=157"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/157\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=157"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=157"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=157"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}