Kana qofaa miti namoonni daandii irra jiraatan 75% ol kan tahan warra dhiiraati kunoo sababaan isaa maali?
Jechoota hawaasa keenyaa kanarraa haa jalqabuu ati yeroo dhiira taate akkana siin jan…
1.Ati dhiiraa if dandahuu qabda
2.Ati dhiiraa akkamitti dadhabe jetta
3.Ati dhiiraa bar
4.Dhiira taatee moo
5.Dhiirummaa guuttee bar
6.Ati dhiira, maatii kee rakkoo kana keessaa baasuu qabda, ati dhiira bar siin jan aniis waaniin siin ja’u hin qabu ati dhiiraa jabaadhu.
Ilmi dhiiraa tokko lakkuma gama dargaggummaa ol guddachaa deemuun waa’een jireenyaa isa yaachisuu eegala yeroo kana wanta dandahu hunda yaaluu eegala wanta yaalu kana namootatti himuu caalaa ifiif waliin rakkachuu filata sababaa kanaaf dhiphinni sammuu fi yaaddoon itti dabalaa deema wanta yaade san yoo milkeessuu dadhabe yaaliin daandii milkaa’inaa irraa tokko ja’ee kan biraa yaaluu eegala yeroo kanatti yoo namni isa gargaaru bira hin jiraanne takkahuu namni daandii sirrii irra isa kaayu yoo bira hin jiraanne ”Stress” keessa seenee rakkoo sammuuf saaxilama.
Kun Kan mudate sababaa hojii dhabuu fi diinagdeetiini rakkoo isaa kana if dagachiisuuf takkaahuu wanti Hin Dandeessu ja’u akka sammuu keessatti itti hin da deebiineef Araada adda addaa namarraa kophatti bahee fayyadamuu eegala kun akka inni jireenya daandii irraa filatu isa godha.
Walumaa galatti dhiibbaa kana kan fide qabxiilee gurguddoo 4.
1.Sababa aadaa fi hasaasummaa
2.Rakkoo maatii
3.Rakkoo sammuu
4.Deeggarsa namootaa dhabuudha.
Akkuma beekkamu hawaasani keenya harki caalu fuula dargaggeessaa irraa rakkoo isaa hubachuu hin dandahan kun ammoo dhukkubbii fi dhibee dargaggummaa keessatti namoonni hedduun akka maraatan waan godhe keessaa hangafa.
Ammallee an akka dargaggeessa tokkotti wanniin siin ja’u yoo jiraate ATI DHIIRAA JABAADHU garuu sammuu tee hanga yaaduu dandeessu ol hin yaachisin.
Warri barruu kana hanga dhumaatti dubbiftan galatoomaa.\ud83e\udd17<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"
Itoopiyaa dabalatee biyyoota addunyaarra jiran hunda keessatti lakkoofsi dargaggeessa dhiiraa sammuun miidhamanii dachaa dachaan dabalaa jira kun sababaan isaa maali ni beeytanii? Kana qofaa miti namoonni daandii irra jiraatan 75% ol kan tahan warra dhiiraati kunoo sababaan isaa maali? Jechoota hawaasa keenyaa kanarraa haa jalqabuu ati yeroo dhiira taate akkana siin jan…1.Ati dhiiraa if dandahuu […]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"pagelayer_contact_templates":[],"_pagelayer_content":"","_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"class_list":["post-151","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-uncategorized"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/151","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=151"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/151\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=151"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=151"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=151"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}