{"id":142,"date":"2026-04-01T19:55:10","date_gmt":"2026-04-01T19:55:10","guid":{"rendered":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/seenaa-shekhul-islaam-ibnu-teymiyyaah-bara-661-728-hijiraa\/"},"modified":"2026-04-01T19:55:10","modified_gmt":"2026-04-01T19:55:10","slug":"seenaa-shekhul-islaam-ibnu-teymiyyaah-bara-661-728-hijiraa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/seenaa-shekhul-islaam-ibnu-teymiyyaah-bara-661-728-hijiraa\/","title":{"rendered":"SEENAA SHEKHUL ISLAAM IBNU TEYMIYYAAH (Bara 661-728 Hijiraa)"},"content":{"rendered":"\n
Abuul Abbaas Ahmad Binu AbdulHaliim binu AbduSalaam Binu Teymiyyaah bara 661 Hijiraa Harraan Magaalaa je\u2019amtu tan Turkiyaa keessatti argamtutti dhalate. Bara 728 Hijiraa Adunyarraa gama Akhiiraa godaane. <\/p>\n\n\n\n
Seenaa Sheekul Islaam Ilaalchisee Kitaabni kuma 1 ol barreeyfamee jira. Abbaan Isaa Aalim beekkamaa ture. Abbaan Isaa bara 667 Hijiraa gama Shaam Maatii Isaatiin godaanee itti gale. Ibnu Teymiyyaan Maatii beekkumsaan sadarkaa guddoo qaban keessatti dhalatee guddatte. Abbaan Isaa Damashqitti eega galan beekkumsa Isaatiin beekkamee barsiisaa ture. Akaakoon Isaa AbduSalaam beekaa Hadiisaa fii Tafsiiraati ture. Kitaaba \u201cMantaqaa Al-Akhbaar\u201d je\u2019amu qaba. Imaamu Showkaaniin \u201cNeylal Owxaar Sharhi Mantaqaa Al-Akhbaar\u201d jechuun Ibsa itti godhee jira. <\/p>\n\n\n\n
Ibnu Teymiyyaan Maatii akkanaa tana keessaan argame. Joollummaan Quraana Haffazee, Hadiisa Rasuulaa s.a.w Haffazuu itti fufe. Beekkumsa Islaamaarraa waan takka Osoo hin hambisin Sheekkootii 100 ol irraa baratee jira. Ibnu Teymiyyaan Abbaan Isaa bara 682 hoggaa du\u2019e, Inni bakka Isaa bu\u2019ee barsiisu eegale. Hoggaa Inni bakka Abbaa bu\u2019ee barsiisuu jalqabu Umriin Isaa amata 21 hin dabarre. Umrii Dargaggummaa Osoo hin dabrin joollummaan beekkumsa hedduu haffazee jira. Rabbiin dandeettii sammuu guddoo Isaan kenneen hedduun namaa Isa dinqisiifataa ture. <\/p>\n\n\n\n
Ibnu Teymiyyaa Rabbiin beekkumsa, Jeynummaa, Adunyarraa dantaa dhabuu, Obsa, Jabeenya qaamaa fii Aqiidaa qulqulluu badhaaseenii jira. Beekkumsaan, Barsiisuun, Haqa Ibsuun, Barreeysuun, Islaamaaf tumsuun yeroo Isaa sanitti warra jiran hunda dursee maqaa \u201cSheekhul Islaam\u201d je\u2019u kan sadarkaa argatee jira. Sheekh Islaamaa akka jechuuti, Sheekh Islaama hundaa tahee jira. <\/p>\n\n\n\n
Jihaada Inni karaa Rabbii keessatti godheen hoggaa hunda Muslimoota biratti moggaasa kabajaa \u201cSheekhul Islaam\u201d je\u2019uun yaamam.

Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaan Jihaada qalamaa, Afaanii fii Seyfillee godhee jira. Mootummaan Tattaar Shaam caphsuuf duula hoggaa bantu Muslimoota Jihaadaaf ka\u2019aa jechuun kaasee Shaamii hanga Misraatti akka Muslimoonni qabsoo karaa Rabbii keessatti godhan akka Ulamaa\u2019iitti yaamee ifiif keessaa hin hafne. Inni dirree lolaa dhaqee Adawwii dura dhaabbatee jira.

Jihaanni Isaa guddaan Amantii Islaamaa qulqulluu laaqaa adda addaarraa Xaharsuuf qabsoon godhe kan irraanfatamuu miti.

Firqaa fii Jallinni Inni hin Saaxilin hin jiru, Shii\u2019aa, warra Falsafaa, Jahmiyyaa, Mu\u2019atazilaa, Suufiyyaa, Kiristaanaa fii Yahuudaan irraa hin hafne. <\/p>\n\n\n\n
Hunda Quraanaa fii Hadiisaan Saaxilee qullaa dhaabee jira. Keessattuu warra Suufiyyaa Falsafaan balleeyse kan akka Ibnu Arabii hedduu Saaxilee maalummaa Isaanii ibse.

Ibnu Arabiin \u201cWanni hundi Rabbi, Anis Rabbi, Karkarroon Rabbi, Sareen Rabbi\u2026\u201d jechuun falsafaa \u201cWahdatul Wujuud\u201d Islaamatti kan makhe hoggaa tahu, Suufiyyaan hedduun Isa jala deemti.

Ibnu Teymiyyaan kitaaba Ibnu Arabii Quraanaa fii Hadiisa dura qabuun Ibnu
Arabiin akka Filoosoofara Kaafira tahe addeeysee jira. Sababaa Ibnu Arabii akka malee Saaxileef Sheekkootii Suufiyyaa takka takka itti hinaafanii Mootummoota zamana san jiruu waliin Isa miidhuuf yaalii adda addaa godhaa turan. Mootummaan Ibnu Teeymiyyaa fii Suufiyoota Ibnu Arabii jala deemu walitti fiddee Ibnu Teymiyyaan ragaa Quraanaa fii Hadiisaatiin Isaan wareersaa ture. Garuu beekkumsaan dadhabnaan humnaan waan itti tarkaanfataniif Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaa hogga hedduu hidhaa akka seenu godhanii jiran. <\/p>\n\n\n\n
Inni soda malee Quraanaa fii Hadiisa qofa qabatee waan sanii achii hunda Quraanaa fii Hadiisaan wal dura fiduun wal qunnamu fudhachuu fi wal khallafuu irraa dhaabbachuu aadaa Salafaa Muslimoota keessatti deebisuuf Jihaada guddaa godhee jira.

Kitaaboota hedduu barreeysee jira. Kitaaboonni Isaa dhibba 3 akka caalan
dubbatama. Barattoonni Isaa lakkaawamanii hindhuman. Kan sadarkaa beekkumsaatiin Islaama keessatti beekkaman hedduu warri Isarraa barate. <\/p>\n\n\n\n
Ibnu Teymiyyaan Islaama Qulqulluu Rasuulaa fii Sahaabaan irra turan san deebisuuf jecha hedduu carraaqe. Qulqullummaan Islaamaa Quraanaa fii Hadiisatti deebi\u2019uudha jechuun warra Falsafaa adda addaa hundaaf deebii kennee jira. Deebiin Inni warra jallataa zamana Isaa hundaaf kenne arrallee warra falsafaa hirriba dhorguu itti fuftee jirti.<\/p>\n\n\n\n
Yahuudaan Namni Jibban guddaan Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaadha.

Shii\u2019aan Ulamaa\u2019ii Islaamaa haalaan jibban keessaa Ibnu Teymiyyaan durarra jira.

Ahbaashiin Adawwiin isii guddaan Ibnu Teymiyyaadha. Firqaa jalloon hundi

Ibnu Teymiyyaan waan Isaan Saaxileef hin jaalatan. Garuu Muslimoonni Sunnaa hundi \u201cSheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaah\u201d Sheekh Islaama hundaa jechuun ittiin boonan.

Kitaaboonni Isaa arra mana Kitaabaa hunda keessatti argaman. Aalimni Kitaaba Isaa manaa hin qabne akka waan hin jirreeti. Sunniin fatwa Ibnu Teymiyyaatiin hin gammadiin akka waan hin jirreeti. Rabbiin abbaa fedheef beekkumsaa fii hikmaa kenna. Ibnu Teymiyyaa Rabbiin Jaalala ilma namaallee itti hin qusanne. Adunyaan Sunnii guutuun Isa ni jaalatan. Kitaabni seenaa Isaa dubbatu kuma 1 oliitu barreeyfame. <\/p>\n\n\n\n
Barattoonni Isaa qoftii Beekkumsa Isaatiif ragaa ni bahan. Darasoota Isaa keessaa Imaam Ibnul Qayyim Al-Jawzii fii Imaam Az-Zahbii dubbachuun ni gaha.

Kitaaboonni Isaa hedduudha, Sanirraa:

\u2022 Aqiidatu Al-Waasixiyyaah (Aqiidaa Ahlus-Sunnaah maal akka taate keessatti Ibsa.) Afaan Oromootiin Jafar Bayaan nama je\u2019amuun hikkamee jira.

\u2022 Raf\u2019ul Malaam Anil A\u2019imatil A\u2019alaam (Imaamman Islaamaa kabajaa Isaan qaban Ibsa)

\u2022 Majmuu\u2019ul Fataawaa (Jaldii ykn Volume 35)

\u2022 Al-Furqaan Beyna Owliyaa\u2019I Rahmaan wa Owliyaa\u2019I Sheeyxaan. (Kitaabni kun wanni irraa dubbatu Awliyaan Rabbii eenyu? Maaliin beekan? Awliyaan Sheeyxaanaa eenyu? Maaliin beekan?)
<\/p>\n\n\n\n
\u2022 Minhaaju Sunnaati An-Nabawiyyaah. Kanaa fii kan biroo Kitaaboonni
Isaa hedduudha.<\/p>\n\n\n\n
DU\u2019A SHEEKHUL ISLAAM IBNU TEYMIYYAA <\/p>\n\n\n\n
Bara 728 Hijiraa Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaan Damashqitti Ibnu Arabii
Filoosoofara je\u2019amu Kaafira tahuu Isaa Quraanaa fii Hadiisaan waan addeeyseef Suufiyyaan Ibnu Arabii jala deeman akka hidhamu godhanii mana hidhaa seene. Ibnu Teymiyyaan Kitaaba akka hin dubbifnee fii akka kitaaboota hin arganne godhamee ture. Garuu Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaan Kitaaboota qara\u2019e hunda mataa Isaa keessaa waan qabuuf mana Hidhaa keessa taa\u2019ee Kitaaboota hedduu barreeysaa ture. Mana hidhaa keessatti badii malee hidhamee achuma keessatti du\u2019e. Awwaalcha Isaa irratti Hawaasni Damashqii kuma dhibbaa ol tahu bahee awwaale. Sheekhul Islaam Ibnu Teymiyyaan Adunyaarraa galus dalagaan Isaa hanga guyyaa qiyaamaa Muslimoota fayyada. Kitaaboonni Isaa arrallee Adawwii Islaamaa hunda bochiisaa, saaxilaa jira. Muslimootaaf qajeelloo fii bakka itti deebi\u2019an tahee itti fufa. Ahbaashiin Sheekhul Islaam Adunyaan Maqaa Sheekha Islaamaa jettuun yaamtu kana Sheekhni Isaanii kan Maqaa \u201cSheekhul Fitnaa\u201d Sheekha Fitinaa jechuun beekkamu Kaafira jechuun arrabsa. Rabbiin abbaa fedhe beekkumsaan ol qaba. <\/p>\n\n\n\n
Ibnu Teymiyyaan Sheekhul Islaam je\u2019amee yaamamuu hanga guyyaa Qiyaamaa itti fufa. Abdullaahi Hararii Sheekhul Fitinaa jechuun yaamamuun Isaa itti fufti. Kunoo akkatti Rabbiin abbaa fedhe qajeelchee abbaa fedhe jallisa.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"
Abuul Abbaas Ahmad Binu AbdulHaliim binu AbduSalaam Binu Teymiyyaah bara 661 Hijiraa Harraan Magaalaa je\u2019amtu tan Turkiyaa keessatti argamtutti dhalate. Bara 728 Hijiraa Adunyarraa gama Akhiiraa godaane. Seenaa Sheekul Islaam Ilaalchisee Kitaabni kuma 1 ol barreeyfamee jira. Abbaan Isaa Aalim beekkamaa ture. Abbaan Isaa bara 667 Hijiraa gama Shaam Maatii Isaatiin godaanee itti gale. Ibnu […]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"pagelayer_contact_templates":[],"_pagelayer_content":"","_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"class_list":["post-142","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-uncategorized"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/142","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=142"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/142\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=142"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=142"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=142"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}