{"id":137,"date":"2026-03-25T21:42:57","date_gmt":"2026-03-25T21:42:57","guid":{"rendered":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/tawbaa\/"},"modified":"2026-03-25T21:42:57","modified_gmt":"2026-03-25T21:42:57","slug":"tawbaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/tawbaa\/","title":{"rendered":"Tawbaa"},"content":{"rendered":"\n
Jireenya keessatti namni dadhabaa waan ta\u2019eef fedhii isaatiin qoramuun daandii qajeelaa irraa daba. Daandii qajeelaa irraa yommuu dabuu rakkoo baay\u2019een isa
muudata. Rakkoolee kanniin keessaa: jireenya keessatti gammachuu fi kabaja dhabuu, sooranni isaa itti dhiphachuu, sodaa fi gaddaan guuttamuudha. Namni daandii haqaa irraa erga jallatee adabbiif of saaxilee booda, karaan adabbii kana jalaa itti bahuu danda\u2019u tawbadha.
<\/p>\n\n\n\n
Hiikkaa Tawbah fi istighfaaraa <\/p>\n\n\n\n
Jechi Tawbah ja’u jecha taaba ja’u irraa kan horsifameedha. Taaba jechuun \u201cdeebi\u2019e\u201d jechuudha. Akka shari\u2019aatti \u201cTawbah jechuun ajaja Rabbiitti buluu diduu fi badii hojjachuu irraa gara Isaaf ajajamuu fi qajeelcha Isaa qabachuutti deebi\u2019uudha.[1]\u201d
Jechi Istighfaar ja’u maxxantuu isti- fi xumura \u201cghafara\u201d jedhu irraa kan ijaarrameedha. Maxxantuun \u201cist-\u201c jettu hiika \u201cbarbaadu, gaafachu, kadhachuu\u201d qabdi. Ghafara jechuun \u201caraarame\u201d jechuudha. Kanaafu, ist- fi ghafar yommuu walitti dhufan hiika \u201caraarama barbaadu\u201d qaba. Kanaafu, Istighfaara jechuun araarama barbaadu ykn kadhachuudha.
<\/p>\n\n\n\n
Araarama jechuun Rabbiin dogongora namaaf dhoksuu, badii namarraa haaqu fi gara fuunduraatti nama adabu dhiisudha.[2]\u201d Nama du\u2019een \u201cRabbiin isaaf haa araaramu\u201d yommuu jennu, Rabbiin badii isa irraa haa haaqu, adabbii irraa isa haa baraaru jechaa jirra. Rabbiin rahmata isaaf haa godhu yommuu jennu immoo \u201cRabbiin adabbii irraa isa baraarun Jannata isa haa qubsiisu\u201d jechuu keenya.
<\/p>\n\n\n\n
Kanaafu, namni Rabbiin irraa araarama barbaadu wantoota sadii barbaadaa jiraa jechuudha. Isaaniis:
Rabbiin badii isaaf dhoysuu, wanta badaa badii san irraa dhalatu isarraa haqun nama qulqulluu isa taasisu fi Aakhiratti adabbii jalaa isa baraarun Jannata seensisuudha.
Gabaabumatti tawbah jechuun badii irraa buqqa\u2019un gara Rabbii ol ta\u2019aaf ajajamuutti deebi\u2019uudha. Istighfaara jechuun araarama kadhachuudha.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"
Jireenya keessatti namni dadhabaa waan ta\u2019eef fedhii isaatiin qoramuun daandii qajeelaa irraa daba. Daandii qajeelaa irraa yommuu dabuu rakkoo baay\u2019een isa muudata. Rakkoolee kanniin keessaa: jireenya keessatti gammachuu fi kabaja dhabuu, sooranni isaa itti dhiphachuu, sodaa fi gaddaan guuttamuudha. Namni daandii haqaa irraa erga jallatee adabbiif of saaxilee booda, karaan adabbii kana jalaa itti bahuu […]<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"pagelayer_contact_templates":[],"_pagelayer_content":"","_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"class_list":["post-137","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-uncategorized"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/137","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=137"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/137\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=137"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=137"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=137"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}