Imimmaan ija ummataa jalaa dhokatee dhangala\u2019u sun, gadda osoo hin taane, jaalala kophummaa keessatti RAHMAAN waliin qabaniidha. Ati utubaa jala dhokatee kan booyu sitti fakkaata, inni garuu balbala samii rukutaa jira.
Imimmaan iccitii utubaa Masjidaa duubatti lola\u2019u, iyya lafa irratti hin dhaga\u2019amne garuu Arshii biratti deebii qabuudha. Namni uummata keessaa dhokatee Rabbitti booyu, addunyaa of harkaa qaba.
\u2022 Qabeenya Hin Mul’anne
Rabbiin gabrootta isaa warra jaallatu uummata keessa dhoksee qaba. Huccuu isaanii irraa utuu hin taane, amala fi gadi-of-qabummaa isaanii irraan isaan beekta. Isaan warra lafa irratti hin beekamne, garuu samii keessatti maqaan isaanii guyyaan dubbatama!
\u2022 Yeroo ati namoota jalaa dhokattee Rabbitti waa himattu, ati hiyyeessaa miti; ati hunda caalaa sooreessa. Sababni isaas, ati kan kadhattu sana malee homaa akka hin qabne mirkaneessiteetta. Gaafa kana ati waan hunda qabda!
Dhugumatti, Rabbiin gabroota isaa warra akkasii gidduu keenya facaasee qaba.
\u2022 War**aana Dhokatee Dhahu
Namoota ijaan yoo laalan laafaa fakkaatan,yoo harkaan qaban harki isaanii huqqina irraa nama hooqu,kan garuu YAA RABBI yoo jedhan \u201c Maal feeta !?\u201d Kan RABBIIN jedhutu nu keessa jira,nama isa tuquun jiruun keenya barbadaa\u2019utu jira!
Waraa**na dhokatee dhahu RABBIIN nu keessaa qaba,eenyuun akka nyaatamtu hin beektu of eeggataa wal eeggataa haa jiraannuun dhaamsa Halkan Ramadaana 29ffaati.<\/figcaption><\/figure>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"pagelayer_contact_templates":[],"_pagelayer_content":"","_jetpack_memberships_contains_paid_content":false,"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"class_list":["post-125","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-uncategorized"],"jetpack_featured_media_url":"","jetpack_sharing_enabled":true,"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/125","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=125"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/125\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=125"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=125"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ijabanaa.com\/afaanoromoo\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=125"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}