Zinaa Jachuun Waliin Gangalachuu Qofaa Miti.

Zinaa jachuun uffata firraa yaasanii waliin gangalatanii fadhinnaa firraa baasuu qofaa miti ilmi namaa zamana kana keessatti waan hedduudhaani zinaa godhaa jira karaa hedduun jachuu obboleessa kiyya obboleeytii tiyya hammeenya zinaa rabbi s.w qur’aana keessatti dubbatee jira walaa taqrabu zinaa zinaa ittin dhihaatinaa rabbi s.w nuun je’e qur’aana keessatti hadiisa rasuulaa s.a.w keessatti wanni dhufe qaamni ilmi namaa kuni osoo waliin gangalatanii wal qunnamtii saalaa godhuu qofan taane osoo achiihuun geenye qaamni keenya kun qaamni adda addaa kun akka zinaa godhu hadiisa keessatti nuu dhaaman.

Sanirraa afaan kun zinaa godhaa je’e rasuulli rabbii s.a.w zinaan afaanii waan hamtuu kara zinaatti nama geessitu san afaaniin dubbachuu akkasuma ijji tun zinaa gooti waan zinaa itti nama geessituu fi zinaa taate ija tanaan laaluu gurri kun zinaadha godha waan zinatti nama kakaasu gurraan dhagayuu arrabni akkasi harki akkasi harki kun zinaa godhaa je’e rasuulli rabbii s.a.w zinaan harkaa maali intala fuudhuun siif hayyamamtu intala ajnabii takka harka fuudhuun zinaa rasuulli rabbii s.a.w hammeenya dubartii harka fuudhuun qabdu dubbatanii jiran hangam takka hanga hamtuu taate intala dubraa takkaa dubartii takka tan ajnabii harka fuudhuurra osoo mismaaraan mataa keessa madooshaan si cafaqani irra siif jirti hammeenya isiin guyyaa qiyaamaa qabdurraa obboleessa kiyya obboleeytii tiyya.

Zinaan waliin gangalachuu qofa si fakkaattee akka if hin daganne arrabni ati haasooytuun haasooyni dheeraan ati jinjanaadha jattee asiin baatee osoo teessuu huccuu firra jiissitee fadhinnaan sirraa baatu saniis zinaadha intalti akka obboleeytii teetiitti guyyuu harka itti darbitee itti maramaa ooltu san saniis zinaadha harka keetiin namarratti fiigaa hin oolinii harka kee lafa gad deebifadhu gurra keetiin muuziqaa zinatti si geessu muuziqaa shahwaa sitti kaasu kan oowwa sitti kaasuus zinaadhaa irraa fagaadhu arraba keetiin dudubbattee qalloo tiyya bareedduu tiyya maarree tiyyaaniis waan zinatti nama geessu jachuu kanaaf obboleeyyan kiyya zinaan fadhinnaa wal qunnamtii saalaa godhanii fadhii firraa baasuu qofa osoon taane karaa kana hundaan arkamti hanga dandeenyetti zinaarraa if haa eenyuu.

Leave a Comment

Shopping Cart