Waraanni nafxayyaa Oromiyaa cabsuuf osoo meeshaalee deeggarsaa biyyoota lixaa irraa hin arganne ta’e, waa’een Oromiyaa koloneeffachuu abjuu ta’ee hafa.
Hitlar warra Israa‟el fixuuf karoorfatee, humna waraanaafi meeshaa akkasumas maallaaqa osoo hin qabaannee yaada qofa ta’e hafa.
Maarree obboloonni yaalii xiyyaara kalaquu godhan lamaan illee osoo deeggarsa meeshaalee fi maallaqa akkasums humna namaa hin qaban ta’ee yaadaan qofa balali’u turani.
Maarree giddu galli qorannoo hawwaa Ameerikaa „NASA‟ jedhamu, humna guutuu waan qabuuf, kan gurraachonni hojii kalaqaa dandeettii qaban kan akkuma kaleessaa achi gara Ameerikaa guuramanii, hojii isaaniif dalaganii achumatti hafaniif!
Lakki barnootaaf deemani jechuu dandeessa. Garuu dhugaan jiru akka ati barattu barbaadaniitii? Namni giddu gala qorannoo hawwaa Ameerikaa dhaqe as deebi’ee Afrikaa keessatti maal hojjetee beekaa? Erga akka barattuuf ta’ee maaliif asumatti nama si barsiisu erganii si hin barsiifnee? Osuma yaadaafi dandeettii qabanii humna dhabuu irraayi.
Warri lixaa kaleessa humnaan nama keenya bitanii gabroomsani. Amma immoo sammuu bitani. Sammuun bitamnaan gabrummaa fokkisaan isadha. Waan warri sun hojjetan qofatu sirri itti fakkaata. Keessattuu dargaggeessi Afrikaas ta’ee, kan Oromoo qaamaan biyya kana jira malee sammuufi onneen isaa biyya ormaa jira. Deemanii baratanii deebi’anii akka Jawaar Mohammed lammii ofii gargaaruu yoo ta’e bareeda. Dhugaan ati beekuu qabdu Jawar jabaa waan ta’eef, sammuu isaatti fayyadamee lammii isaa gargaare malee waan biyya hambaatti barateef qofa miti. Jabaa ta’uu keetu murteessa malee biyya hambaatti
barachuu qofti hayyuu nama hin taasisu. Dhageessee? Jawaar osoo biyya kana keessatti baratees, akkuma kana hayyuu diina raasu ta’a.
Maarree akkuma atuu beektu warri Kuush warri Gadaa kalaqe, amantiiaddunyaa bu’uura warri kaa’an, warri qorannoo hawwaafi barnoota ammayyaa bu’uuressan, (gurraachonni) biyya hambaa dhaqanii hin
baranne. Fara’oononni piraamidii akkas bareeduufi har’a illee addunyaaf gaaffii ta’e kana warri hojjetan, ala deemanii hin baranne. Garuu sammuu isaaniitti fayyadamanii, jabina isaanii waan hubataniifi. Siif galee? Eeyyee hubadhu….sammuu ittiin baratan malee bakka itti baratan miti kan hayyuu nama taasisu. Akka warri gurrachaa bu’uura
qaroomina addunyaaf kaa’an immoo ragaa fagoo siif hin himu… Gadaan Oromoofi sirni jiruufi jireenya Oromoo gahaadha. Siif dabaluu? Siidaa Aksum, piraamidii warra Ijipti….Nuubiyaafi qarooma Giriik jettee kan
baratte hundi isaa warra Kuush jalaa kan waraabame ta’uu isaa hoo beektaa? Xiqqoo sitti ulfaachuu mala garuu liqimsi daawwaadha. Eeyyee sammuun humna jabaa akka qabu argite mitiree? Volkaanoon
dhohu malee, boombiin illee yoo dhuka’e malee jijjiirama hin fidani. Maarree humni sammuukee si keessa dhokatee jiru yoo ol baastee hojiirra oolchite malee waan jiruyyuu sitti hin fakkaatu. Dhugaa kana
hubadhuuti humnakee fayyadami. Ati sammuu keetti fayyadamtee waan addunyaan hin beekne kalaquu dandeessa. Sitti fakkaachuu dhabuu mala garuu dhugaadha amanii fudhadhu. Nan danda’a jedhanii dirree waraanaa seenu malee moo’amanii seennaan, moo’amuun guyyaadha. Eeyyee ni dandeessa!