“Namni wareegamaa lubbuun jiru, kan dachii irra qaamaan socho’u yoo laaluu fedhe, gara Xalhaa Binu Ubeeydullahi haa laalu.” je’e Rasuulli s.a.w.
Dhihaadhu; gara nama duula Uhud keessatti lubbuu isaa nabi Muhaammadiif s.a.w gumaachetti.
Dhihaadhu; gara wareegamaa lubbuun jiru osoo warra jannataa ta’uu isaa beeku, lafarra miilaan deemu.
Xalhaan Binu Ubeeydullah islaamahuu isaa dura biyya Basraa hojii daldalaatif, namoota umriin isa caalan waliin deemee, Namticha beekaa kitaaba Toowraatii fi Injil ta’e tokko kan ummata gabaaf dhufetti “mee eenyu namni Makkaa dhufe?.” je’ee lallabee ummata Makkaa gaafatu arge.
Sababa ummata waliin dhufan dura jiruuf namtichatti siqee akka isa ta’e itti hime. Yeroo kana namtichi “Nabiyyiin Ahmad je’amu ergamee Makkatti?.” je’ee gaafate. Xalhaanis Ahmad kam akka ta’e addaan baruuf isa gaafate, Ahmad binu Abdallaah binu Abdul Muxxalib akka ta’ee fi jiini inni itti ergamu akka gahe itti hime.
Dhumarratti “Nabiyyii kana jala deemuun siif gaaridha, Ummanni Makkaa biyyarraa isa baasee, booda biyyoo mukaa fi timiraa heddummaatutti gala.”je’eenii mallattoo Nabiyyicha ergamuu himeef.
Xalhaan dubbii tana akkuma dhagaheen waan dhufeef itti dhiisee, Farda isaa yaabbatee gara Makkaatti deebi’e. Erga biyyaa bahe waan tureef akkuma Makka gaheen waa’ee Nabi Muhammad s.a.w gaafate. Akka nabi Muhammad s.a.w ani nabiyyiidha ofiin jechuu eegalee fi Abbaan Bakriitis isa dhugoomse itti himan. Yeruma kana gara Abbaa Bakriitti deemee, waan isa mudate itti hime. Abbaan Bakris waan Xalhaan odeesseef kana akkuma dhagaheen fuudheeni Nabii s.a.w biraan gahe. Waan dhagahe hunda Xalhaan akkuma Nabi s.a.w odeessee geesseen islaamummaa qabate.
Akkuma islaamahuu dhagaheen Adeerri isaa Nowfil Binu Kuweeylid maqaan isaa Asad Quureeyishii kan beekkamu Abbaa Bakrii fi Xalhaa walitti hidhee, warra gowwoota Makkaa kan nama dararanitti kenne. Sababa kanarraa kan ka’e Muqarrineeyni (walitti qindeeffamoo) jedhaman.
Arjooma Xalhaa Binu Ubeeydullah
Guyyaa tokko hadramootirraa qabeenyi kuma dhibba torba (700,000) dhufnaafiin halkan san sodaachaa, obsa dhabaa, yaaddawaa bule. Jaartiin isaa Ummu Kulsum bintu Abii Bakrii Siddiiq itti ol seentee, “maal taate; yaa Abbaa Muhammad, anaatu sitti balleessee?.” jettee gaafannaan. “lakkii! ati intala gaariidha. Sirraa waa na hin miidhan.” je’eeni diinagdee kalee itti dhufte saniif akka yaaddahutti jiru itti hime. Osoo dinagdeen hamma kana gahu mana kiyya keessa buluu, Rabbiin maal naan ja’a kan ja’u isa dhiphe. Jaartiin isaa “maalif Muhaajirtootaa fi Ansaaraaf hin kennine? Akka bariiteen deemiiti ofirraa sadaqadhu.” jettee mala malteef. Yoo kana inniniis yaada isiititti gammadee “Rabbi Rahmata siif haa godhu, ati intala muslimaa haqa qunnamtuu, intala Abbaa haqa qunnamaati.” je’een.
Innis akka Haati mana warra isaa mala malteefitti ganamaan ka’ee, ummata hiyyeessa Muhaajiraa fi Ansaaraaf qoodee fixe.
Akkasumas gurbaan tokko itti dhufee firummaa (aanummaa) itti himatee, gargaarsas irra barbaade. Xalhaan namtichaan walitti firummaa akka qaban akka hin beeyne erga itti himee booda, Lafa Usmaan irraa bite san akka fudhatu, yoo fedhe immoo gurgureefii akka maallaqa kennuuf itti hime. Namtichi akka mallaqa fedhu itti himnaan, Kuma dhibba sadihitti gurguree mallaqa cufa kenneef.
Duula Uhudii fi Xalhaa
Xalhaa binu Ubeydallah duula Uhudii keessatti duulaaf qofa osoo hin taane, du’ee wareegamummaa duraan Rasuulli s.a.w ni argatta ja’aniin barbaacha bahe. Milkiin duula Badrii irratti injifannoo muslimaatiin goonfame, duula Uhud irratti, sababaa; waraanni Rasuulli s.a.w gaara Uhud irratti ajajaa (abbaa duulaa) Abdallaha binu Jubeyrii erga godhanii booda “yoo diinni akka Allaattiin foon lafaa guurtutti ka nuguurtu ta’ellee, Gaara tana gadi lakkistanii hin bu’inaa.” ja’anii ajajan, boojuu guurranna ja’anii iddoo qubannaa fi ajaja Rasuulaa s.a.w dhiisanii bu’an. Kun immoo waraana mushriktootaatiif carraa injifannoo uumee muslimtoota moo’atan.
Waraanni muslimaa; erga lolli eegalamee dirree lola Uhud kana keessatti, iddoo gara garatti addaan ciccitan. Rasuula s.a.w biratti namni hafee Ansaara torbaa fi Muhaajira lama turan. Muhaajira lamaan turan keessaa tokko Xalhaa bin Ubeydullah ture. Torban Ansaarotaa osoo Rasuula s.a.w irraa diina deebisutti jiranuu ajjeefaman.
Oduu bukaari fi muslim odeessan keessatti Abbaa Usmaan irraa ‘Rasuula s.a.w biratti Xalhaa Binu Ubeydullahi fi Sa’ad binu Abii Waqqaas malee namni tokko hin hafne’ ja’an. Guyyaa lola Uhud, Nabiin s.a.w xiyya ufiif qopheeffatan Sa’ad jalatti gadi naqanii, “yaa Sa’ad ittiin darbadhu, ati Ayyoof abboo kiyyaan furamaadha.” ja’aniin.
Akka Jaabir irraa odeeffametti “Guyyaa duula Uhud keessatti; waraanni baqatee, Nabiin s.a.w nama kudha lama waliin qofa hafe. San keessaa tokko Xalhaadha.” je’e.
Mushrikoonni Nabitti s.a.w marsinaan, Rasuulli s.a.w “eenyu narraa deebisa.” ja’anii, Namoota bira jiran irraa gargaarsa gaafatan. Xalhaan yeroo kana “ana.” je’ee du’aaf of kennuuf kaanaan, “ati taa’i “ja’aniinii dhorkan. Booda sahaabonni biratti hafan tara taraan hundinuu dhumnaan, Xalhaa dhumarratti kophaa isaa iddoo nama kudha tokkoo bu’ee osoo loluu, qubbeen isaa irraa ciramnaan dhukkubbiin obsa isaatii ol taatee itti dhagahamnaan, sagalee “Aaa!.” ja’u baafatee aade. Miira isaa ka dhukkubbii ibsannaan Yeroo kana Rasuulli s.a.w sagalee isaa kana dhagahanii “osoo hamma “Aaa!.” jette, bismillah! jettee, silaa mala’ikoonni ol si fuudhan hamma namni si arkutti.” ja’aniin akka Haakim nuu gabaase muktasara (Kitaaba gabaabaa) keessatti.
Akka Xabaraaniin nuuf gabaasetti immoo ‘Osoo bismillah jettee, silaa malaa’ikaan siin bararti, osoo namni laale si arkuu je’een ’Akka imaamu Nasa’ii fi imaamu Beeyhaqiin dalaa’ila (maqaa kitaabaati) keessatti nuuf gabaasanitti; ‘osoo bismillah! jettee Hamma siin seentutti mala’ikaan, qilleensa samii keessa siin deemti ja’aniin’.
Akka Ahmad nuuf gabaasetti immoo; ‘osoo bismillah jettee, silaa ni garta; mana siif jaarame jannata keessatti. Osoo ati addunyarra jirtuu ja’aniin’
Duula kana keessatti Xalahaan Binu Ubeeydullah iddoo soddoomi shan (35) ykn iddoo soddomi sagal (39) waraanamee, quba arrabsituu fi quba quboota keessaa dheeraas muramuun duula kanarraa lubbuun hafe. Sababa kanaaf Rasuulli s.a.w.” namni wareegamaa osoo hin du’in lubbuun dachii irra deemu laaluu jaalatu, Xalhaa Binu Ubeeydullah haa laalu.” ja’an.
Aa’ishaa irraa akka odeeffametti ‘Abbaan isii Abubakar; duulli Uhud kan Xalhaa Binu Ubeeydullahi qofa ja’a, waan Xalhaan gahee guddaa taphateef’.
“Guyyaa duula Uhudii qaama guutuuniin waraaname, hamma qaamni saalaa kiyyalleen nan hafinitti.” je’ee Xalahaan ofirraa dubbate.
Rabbiin rahmata isaa haa godhuu Xalhaan Binu Ubeeydullah, goota dirree arjoomaa fi dirree duulaa ka ta’e, Goota qalbiin isaa sodaa Rabbiitiif qofa cabxe, Goota Lubbuu fi qabeenya isaa Nabii Rabbiitii fii s.a.w diin Islaamaatif wareegeedha…………..Xumurame