Kutaa 6ffaa
Walitti Qabiinsa Qur’aanaa
Dachiin muslimaa babal’annaan hedduminni muslimas dabale. Sababa kanaan qaraatiin qur’aanaa garaagarummaa uummachuu eegale. Namoonni muslimaa cufti akka afaan isaanitittii qara’uun dhufte. Haala kana kan qalbise Huzeeyfaan Binu yaman wanni kun garaa isa nyaannaan, Lola biyya Azar bijaani fi Armaaniyaa irratti qooda fudhachuuf kan biyya Iiraaq jiru achii ka’ee Usmaanitti dhaquun baduuf deemu qur’aana ykn dubbisa loqodaa biraatti makachaa deemuf ta’uu qur’aanaa sodaatee itti hime.
Osoo wal dhabbiin akka kitaaba warra Amantii yahuudaa fi Nasaaraa Qur’aana kessatti hin uumamin dafii dhaqqabi je’een. Battalumatti Usmaan qur’aana Abbaan Bakrii walitti qabee Hafsaa bira jiru gara isaatti eyyama isiitin fichisiisee, Sahaaboota akka Zeydi ilma saabiti, Abddallah ilma Zubeyri, Sa’iid ilma Aasi, Abduramaan binu Haaris binu Shaam walitti qabuun akka gama qiraa’aa takkatti deebisan taasise.
Dararaa Fi Du’a Usmaan
Bulchiinssa Usmaan kesssatti qananii irraa ilmoon islaamaa cufti miindaa qabaachuu turan. Boodde garuu humni islaamaa jabaannaan zaalimman, munaafiqqan fi warri aangoo Usmaaniif hinaafan isa aangoo irraa buusuuf oduu eegalan. Namni dubbii kana eegale namticha yahuudaa kan islaamummaa himatu kan maqaan isaa Abdallah ilma sab’a ja’amu Masrii irraa ka’uun gara biyya Shaam deemuun dura dhaabbannaa aangoo Usmaan akkana jechuun ummata kakaasuu eegale.
Usmaan nama gosa isaatif malee aangoo hin qoodu je’ee, fakkeenyaaf Mu’aawiyyaa bulchaa shaam, Abdallah binu Abii Sarhi ka bulcha Masrii tahe, akkasuma Abdallah ilma Amiir kan bulchaa biyya Basraa ta’e lakkaahe, warri biyya shaam oduu kana gurra hin laannef tuffatee ofirraa ari’e.
Booda gara kuufaa deeme. Ummanni kuufaa duraanuu kan cubbuu fi bulchaa isaanii irratti himannaa heddummaatu ture. Warri kuufaa Dubbii Abdallah binu sab’aa kana keessummessuun Usmaan irratti olola sobaan maranii ofuu eegalan. Nama oduu kanaaf jala yaa’u argatee humna jabeeffatee jecha Nabin s.a.w du’a isaanii dura dubbatan “hokkarsi ykn jeequmsi kara kallattii bahaatiin eegala.” ja’an san dhugoomse. Booda hokkarsa erga kaasee booda gara Masritti deebi’e ummata faallaa Usmaan dhaabbatan biyyoota garaa garaa kessatti gurmeessutti seene.
Ummanni inni gurmeesse kun meeshaa lolaa kurfeeffatanii akka gara Madiinaa deeman ajajeen. Angoo Usmaan akka gadi dhiisisiisaniif, Ummanni gurmaa’e kun akkuma ajaja isaa fudhataniin Madiinaa dhaquun Usmaanin angoo gadi lakkisi jedhaniin. Usmaan garuu dhaamsa Rasuulaa s.a.w “Yaa Usamaan na booda Rabbiin mudawwaara si uffisuuf deemaa yoo warri munaafiqaa mudawwara ykn kombartaa kana baafadhu ykn mulqadhu siin jedhan akka hin baafanne.” jechuun kan dhaamaniif san yaadatee angoo gadi lakkisuu dide.
Ummanni Abdallahi binu sab’aan gurmaa’ee kun didda Usmaan kana humnaan angoo irraa mulquuf mana isaa akka dalla manatti naannessuun akka gadi hin baane fi namni itti ol hin seenne guyyaa afurtamaa oliif marsan. Usmaan goota obsi isaa kan akkaa gaaraatti tullame waan tureef yeroo sahaabonni ummata kanaan lolleee sirraa haa kaafnu jedhaniin gaafii sahaabotaa fashaleesse akka ajaja koo malee mana keessanii hin baane lolaaf jedheeni dhorge.
Ummanni angoof garaan isaani hinaafe kun garuu Usmaanin dararuu irraa kan ka’e akka namni dhufee isa hin ziyaarre dhorkan, hamma nyaataa fi dhugaati dhoggachuun warra isaatii fi Usmaaninillee dararan.
Boodarra Aliyyi fi sahabonni muraasni humnaan gara mana Usmaan deemuun bishaan erga kennaniifi. Zayid binu Saabitis Alii fa’aa waliin warra dhufe keessaa ka ture akka Usmaan lola eyyamuuf ansaaronni siif tumsuuf qophitti jiranii nuuf eyyami jedheen. Aliyyis itti ansuudhaan goototni dhibbi shanii akka waliin jiranii fi irraa loluuf eyyama naaf godhi jedhee Usmaanin kadhattti gadi taa’e. Osoo agartuu dhiiga kee hin dhangalaasiin jedheen. Usmaan garuu boloola Aliyyi kanaaf galata gooftaan siif haa deebi’u jedhee erga galateeffate booda akka sababa isaaatin dhiigni islaamaa islaamaan jigu hin feene itti hime. Sahaabonni garuu murtii isaa kanatti bay’ee waan hin quufinif akka inni eyyama kennuuuf jabeessani kadhachutti seenan. Muhajirtoonni, Ansaroonni fi ilmaan isaaniille Usamaanii tumsuuf bahani ka jiran eyyama isaa akka bishaanitti dheebotanii eegu turen. Hangamuu sahaabonni kadhaan isa dirqanuu, innis ajaaja dirqii kenne. Akka namni tokko isarraa lolaaf jedhee seeyfi hin luqifanne kakadhee jira. Nama ajaja kiyyaa fudhachuun irra jirutti. Yoo dubbi isaa kana dhagahan ummanni isaaf tumsuu ka’e qalbii cabee ofirra taa’e.
Usmaan lubbuu isaa wareegee ummata muslimaa dhiigaa isaani jigiinsarra hanbisuun fakkeenya ta’e. Guyyaan guyyaa bakka buusee guyyaan Usmaan manaa gadi bahu gahe jennaan, Usmaanis akkuma guyyaa kana gadi bahe morma isaa ol fuudhee ummata isa marse kanaan haasaa eegale. Rabbii isin uumeen sagalee olfuudhee isin gaafadhaa, “beektu Nabi Muhammad s.a.w, Abbaa Bakrii, Umarii fi anillee ka jiru gaara Uhuudirra baanee jeennaan gaarri hanga dhakaan irraaa gadi harca’utti hurgufamte, jennaan gadi dhaabadhu. Nabi Muhammad s.a.w, Nabiyicha, Siddiiqii fi shahiidee lameen malee namuu sirra hin jiru jedheen beektuu?.” ee ni beekna jedhaniin Usmaannis, Allahu Akbar, Shahidummaa tiyya ragaa naa bahan jedhe. Rabbii haqaan gabbaramaa malee ka biroo ka hin jirreen isin gaafadha. Sila beektu? Nabiin Rabbii fuulaa ormaa keessa laalaa, “nama tajaajila waraan kanaatiin dhaabbatte Rabbiin isaaf haa araaramu.” akka jedhan. Ka an kurfeesse waraanaa saan, hamma gaalli sakaalla fi lugaama hin dhabinitti qopheessee? Ee jedhe umaanis. Yaa Rabbi ragaa na bahi jedhee ammas itti deeb’uun sagalee ol kaasee isin gaafadhaa, Sila beektuu? Nabin Rabbii kajedhe “nama boolla ruumaa qote jannanni isaaf taatuudha.” Akkasuma waraana cinqiidhaa ka kurfeesse? ani boolloo san hin qonne? ani waraana san hoo hin kurfeessinee jedheen? Ee kurfeessite jedhaniin. Usmaan ammas of irra garagale ummata mogga isaa jirutti dubbate akka abjuun Rasuula s.a.w, Abbaa Baakrii fi Umariin arge ka isaan sadiinu nu biratti sooma kee hikta jedhaniin himeef. Usmaan yeroo marfame kana guutuu soomarra ture. Boodaa Usmaan kitaaba naa fidaa jedhee banatee dubbisutti seene, yeroo kana warri qa’ee isaa marsanille dallaa isaa cabsanii seenuu jalqaban. Booda itti marsanii kallatti cufaan qubbeen isaa seyfiin irraa ciccirutti seenan. Usmaan garuu yoo kana cufaa bismillah, tawakkaltu alallahi subhanallahi, jechutti ciche.
Hanga dhiigni isaa harcaatutti aayata qur’aanaa tana irratti. Suuraa Baqaraa 137
فَسَيَكْفِيكَهُمُ اللَّهُ ۚ وَهُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ. البقرة: 137
Hikkaan aayata tanaa akkana “Rabbiin gahaa isaaniiti, Rabbiin dhagaha dha, Akkasumas beekadha.” ta jettu turte. Ergasii Usmaan wareegamee guyyaa sadii turee salata magriibaa booda awwaalame.
“Rabbiin nama isaatirraa ni deebisa. Akkasuma hin jaalatu warra kafaree fi boonullee.”
Rasuulli s.a.w hadiisa Qudsii keessatti Rabbiin akkana jedhe jedhee dubbate “nama jaalalle kiyya diina godhate an isaan lola isa beeksise jedhe.” Ragaan kanaas Abbaan Qilaabaa osoo ummata waliin deemutti jiru, sagalee gurbaa tokko dhagahe. ka jedhu “wayyaa gubata koo ta ibiddanii.” yeroma kana yoo abbaan Qilaabaa gara gurbaa deeme bira gahu harki isaa lameen lukti isaa lameenis citaa ture ijji isaas jaamaa ture, kan fulli isaa dachitti gombifamaa ta’e arge. Maal taate jedhee yoo gaafatu. Guyyaa Usmaan ajeesan an ummata san waliin ture, yeroo Usmaan ajjeesan haati mana isaa iyyinaan an kabale, Usmaanis na abaare, Rabbi harka kee lamaaniif luka kee lamaanille sirraa haa kutu. Ijaa kee lamanis si haajaamsu. Jahannaminille si haa gubu naan jennan. Yeroma san baqadhee abaarsa isaa sodadhee achii tare. Kunoo agarta narraa hin hafne na dhaqqabe wanti ati gartu cufti jedheen. Tokkoolle abaarsa isaa irraa narraa hin hafne azaaba ganaa itti deemaa jiru san male. Booda Abbaan Qilaabaallee Rabbiin si haa fageessu Rahmata isaa irraa jedheeni biraa deeme. Yaziid binu Habiib akka jedheetti warroonni guyyaa san isa ajjeesu dhufan hedduun isaanii ni maratan jedhe. Sahaabdichi sifni isaa arjummaa, duulinsaan, haqa dalaguun, of gadi qabuun, wareegamuun karaa Rabbititti bulaa ture sun, dhiigni isaa ni yaate ta qulqulluu taate sun, qaaxira ykn gurzaa bulu sun qur’aana waliin, hin hafte. Ni godaane Sahaabdichi toltuu heddu fakkenyummaa namaaff dhiise sun. Usmaan ni godaane gara jaalallee Rabbiititti. Kunoo nullee hojii isaa san dubbachutti jirra toltuu isaa faarsutti jirra. kan yoomu isa hin irranfanne ta’e.
“Rabbiiin irraa haa jalatutti, Usmaanin jannatul firdosittis walitti nu haa qabu.”
……………………………..Xumuramee jira