Kutaa 4ffaa
Usmaan gara namticha yahuudaa deemuudhaan akka eela itti isaaf gurguru gaafate. Namtichi garuu akka guyyaa tokko tokko waraabachuu danda’anitti malee akka itti hin gurgurre itti hime. Filmaatni biraa waan hin jirreef yaada namticha yahuudaatin walii galuun, Maallaqa yeroo sanii kuma kudha lamaan bite.
Ummanni Madiinaa yeroo usmaan waraabbatu manatti kuufachaa turan guyya yahuudichaa immoo ofirra dabarsuu eegallaan yahuudichiniis Usmaan bira dhaqee guutumaan guututti akka irraa bitu gaafate. Yeroo kana Usmaanis kuma saddeet kenneefii tajaajila ummata muslimaatif oolche.
Dhiphinna Masjidaa Bal’isuu
Ummaanni muslimaa daran daballaan Madiinaa keessatti, waqtii salaataa shananiittuu masjiinni dhiphachuu eegale. Masjiida kana bal’isuuf Rasuullis s.a.w waamicha sahaabootaaf godhan. Usmaan yaamicha isaanii kana akkuma dhagaheen lafa masjiida dura jirtu kuma digdamiin bituudhaan, akka masjiinni bal’ifamuuf gumaache.
Bal’isuu Masjiida Nabiyyiiti Fi Haramaa
Sababa namni bara bulchiinsa Usmaan keessa baadiyyaa irraa gara magaaalaa Madiinaa fi Makkatti galuu eegaleen namni heddummaate. Yeroo salaataa dhiphinni masjiidaa uumame. Kana akkuma hubateen masjiida Nabii kan Madiinatti argamuu fi masjiida Haramaa kan Makkatti argamu akka bal’ifamu ajaja kenne haala kanaan masjiini lameenuu baliffame.
Qophii Duula Tabuukii Fi Arjooma Usmaan
Duula tabuuk keessatti Abbaan Bakrii qabeenya isaa guutuu osoo waan tokko manatti hin hanbisin kennate. Umaris walakkaa qabeenya isaa kennatee. Duula Kana keessaatti sahaabonni hanqina geejjibaa fi galaa waan qabaniif, Usmaan taraa sadii Gaala dhibba sinqii wajjin kennate. walumaa galatti Gaala dhibba sadihi sinqii wajjinii fi dirhaama kum tokko arjoome.
Yeroo kana Nabi Muhammad s.a.w ajabbiin “Usmaan ammaa booda osoo; hamtuu fedhe dalagee waa isa hin miitu.” ja’an itti aansuunis. “Yaa Rabbi an arjummaa usmaan kana jaaladhe atis irraa jaaladhu.” ja’anii gammachuun Rabbi kadhataniif.
Hajjii Dhaammannaa Arjoomuu Usmaan
Hajjii dhaammannaa booda Rasuulli s.a.w waraana gosa adda addaatti erguuf qopheessan. Gaafa kanaas Usmaan; Gaala dhibbaa fi afurtamii sagal (149) fa’ina wajjinii fi farda jahatam (60) arjoome. Haa ta’u malee Rasuulatti s.a.w dhukkubni hammaannaan du’aan boqotan. Eega du’a isaanii booda bara bulchiinsa kaliifaa Abaa Bakrii keessa waraanni sun duule.
Beelawaa Madiinaa Nyaachisuu Usmaan
Bulchiinsa Abbaa Bakrii keessatti hongeen (Barri Abaar) Madiinatti buutee, ummanni beelaaf saaxilamnaan, Abbaan Bakrii cinqaa ummataa kana tasgabbeessuuf Rabbii isaa abdachuun akkana je’e “yoo Rabbiin ja’e, boru akka bariitetti isinitti hin dhiitu; kan Rabbi isinitti bal’isu taatu malee.” je’e. Abdatiinsa isaa kanaas Rabbiin Usmaanin sababa godhuuf, daldaltoonni Usmaan osoo ummanni Madiinaa agabuu fi cinqitti jiruu, nyaata fidanii biyya biraa irraa dhufan. Warri qabeenya qabu kana arganii Usmaan dachaan sirraa binna nuuf gurguri ja’anii gaafatan. Ni dide, tara lamaa fi sadii itti deebi’anii kadhatanillee usmaan garuu ni dide, dhumarra garuu dachaa shaniin akka itti gurguru gaafatan, yeroo kanaas ni dide. Gatii kanaa ol argadhee gurguradheetiin jira je’een Usmaan. Eegas booda sooreyyiin kanneenis aaranii biyya arabaatti namni gatii kanaa oliin sirraa bitu hin jiru ja’anii itti of tuuluu eegalan. “Inniniis isiniitu hin beeyne malee ni jira.” je’een. Eenyu akka ta’e baruuf cinqamanii gaafiin isa cinqan. Yeroo kana Usmaan akka Rabbiin dachaa kudhaniin namaaf kafalu tahe itti himee warra beelawaa Madiinaa irratti Rabbiif jecha sadaqadhe jedheen.
Gabra Bilisoomsuu Usmaan Guyyaa Jimmataa
Usmaan tola diinagdee kennatu qofatti arjoomni isaa kan gabaabbatee miti. Guyyaa jimmataa cufa ilma namaa kan gabroomfamee gurguramu irra deeme gatii olka’aa ta’ees gadbu’aa ta’ees bitee bilisoomsu ta’e.
Qaanyii ykn Saalfatiinsa Usmaan
Nabi Muhammad s.a.w irra qaanfataan umata kiyyaa Usmaani, ja’anii irraa dubbatan. Qaanyii isaa irraa kan ka’e.
A’ishaan Oduu nuuf dabarsite keessatti ‘Rasuulli s.a.w gudeeda isaa irraa uffanni saaqamee osoo taa’uu; Abu bakri dhufee ol seenuuf balbala dhadhahee heyyamsiifatee ol seene eegas booda Umariis dhufee haaluma Abbaa bakrii saniin ol seene. Dhumarra Usmaan dhufee ol seenuuf balbala dhadhahe. Yeroo akka isa ta’e beekan Rasuulli s.a.w gudeeda isaanitti uffata gadi dachaasanii akka seenu heyyamanii fi seene. Eega jarri cuftinuu bahanii, A’ishaan haala ta’e kana waan qalbiftee turteef; yeroo Abbaan Bakrii fi Umar dhufan kan gudeeda keetitti gad hin deebifatin yeroo Usmaan dhufe maaliif akka gadi deebifatte jattee gaafatte. “Nama malaa’ikaan irraa qaanfattu akkamitti an irraa qaanfachuu dhaba.” ja’anii deebisaniif’.
Hasan Al-basriinis haala isaa kanarraa akkana jechuun irraa odeesse ‘Usmaan kan namni bira hin jirre ta’ee osoo kophaa jiruu, uffata baafatee dhiqachuu qaanfata’ je’e.
Wareegamummaa Fi Warra Jannataa Tahuu Usmaan
Wareegamummaa Usmaan irraa, Abu hureeyraan akkana jechuun odeesse; Rasuula s.a.w ‘Abubakri, Umar, Usmaan, Aliyyi, Xalhaa fi Zubeyri wajjin osoo gaara gubbaa jiranii, gaarri sossoonaan: Rasuulli s.a.w gaaraan gad taa’i, Nabiyyi s.a.w Siddiqi fi wareegamaa malee sigubarra tokkon jiruu’ ja’aniin.
Rabbi Gabbaruu Usmaan
Rabbi gabbaruu isaa irratti Usmaan kan akkaan jabaa ta’eedha. Salaata, soommana fi zikrii, qaraatii qur’aanaa, Akkasuma haafiza Qur’aanaati. Keessaafuu wanni nama ajaa’ibsiisu salaata witrii raka’aa takka keessatti qur’aana guutu ykn juuza soddoma fixee kan bulu ture. Abdallah ilmi Umar akka je’e ‘suuraan Zumar aayanni saglaffaan waa’ee Usmaan dubbatti’ je’e…………………………………………………Itti Fuufa