Kutaa 3ffaa
Godaansa Biyya Habashaa
Usmaan sababaa islaamahuu irraa kan ka’e, ummanni Qureeyshii balaaleffannaa, jibbaa fi dararaa irraan gahaa turan itti hammessan. Haalli kun sahaaboota hundarrattuu waan jabaateef Nabi Muhammad s.a.w akka gara biyya habashaatti baqatan heyyama godheef.
Biyyi Habashaa yeroo sanitti mooticha Najjaashii ja’amuun bulaa turte. Najjaashii bulchiinsi isaa kan nageenyaa waan tureef, Biyyi Habashaa yeroo sanitti mirga ilma namaa ni kabajji ture. Sababaa kanaaf baqatiinsi Islaamaa kan duraa gara biyya Habashaa ta’ee, Usmaanii fi Ruqiyyaanis osoo hin jaalatin biyya isaanii tan dhalootaa fi ummata isaanii gatanii gara Habashaa godaanuuf murteeffatan. Murteen isaanii tun garuu dirqama lubbuu fi islaamummaa itti ta’eeti malee, Abbaa Ruqiyyaa Nabi Muhammad s.a.w eenyuutu dhiisee biraa deemu fadha?
Nabi Muhammadiifis s.a.w gara jabummaa yoom ture? Ilma isaa tan shamaraa godaansaaf gaggeessuun, Usmaanis sahaabaa isaa kan akkaan jaalatamaa fi arjoomaa isaa ta’e hoo?
Haati mu’umintootaatis Kadiijaan intala isii Ruqiyyaa gaggeessitee yoom jaalatteeti imimmaan gadi lakkifte booyuu?
Wareegamummaan tun cufti islaamummaadhaaf turte malee Waan hunda isaanii gatanii Rabbii fi ifa islaamaa filatanii biyya habashaatti baqatan.
Godaansi Usmaanii fi Ruqiyyaa seenaa godaansa islaamaa keessatti eega Nabi Luuxiitii warra jalqabaa, kan Abbaan manaa fi haati manaa wajjiin godaanan ta’an. Miila malee garaan biyya ofiitii hin bahu akkuma ja’amu, Usmaaniis oduu “Ummanni Makkaa islaamawee Nabi Muhammad s.a.w wajjiin salaatu eegalee.” ka ja’an, akkuma dhagaheen ka’ee gammachuun gara biyya isaatti Ruqiyyaa wajjiin deebi’e. Garuu yeroo inni Makka gahu oduun dhagahanii dhufan olola sobaa waan tureef gammachuun isaanii gaddatti garagalte. Ummanni Makkaatis dararaan jara simachuu eegalan. Osoo akkanatti jiranii haati mu’umintootaa Kadiijaan du’uun immoo qalbii isaanii tan dararaan duraanuu cabuuf kaate akka malee gaddaan cabsite. Eegas booda garuu Rabbiin caba qalbii isaanii tana fayyisuuf Ruqiyyaadhaaf ilma dhiiraa kan Nabi Muhammad s.a.w Abdallah ja’eenii maqaa moggaaseef deesse.
Godaansa Madiinaa
Reebicha lafee hin cabsine dirra itti jijjiiratu akkuma ja’an, Gara jabummaan Qureeyshiin muslimatti hammaannaan, rakkoolee san jalaa bakka itti nagaya ta’anitti akka muslimni godaanu Rasuulli Rabbii s.a.w heyyama godheef, eegas booda akkuma muslima Makkaa kamuu Usmaanii fi Ruqiyyaanis wal qabatanii godaansa lammaffaa immoo Madiinatti godhan.
Yeroo muraasa booda Nabi Muhammadis s.a.w Madiinatti godaannaan lubbuun isaanii yaaddo irraa boqattee jiraachuu eegalan.
Lola Badrii
Ruqiyyaan dhukkubsattee osoo jirtuu ilmi isii Abdallah du’uun, dhukkuba isiititti dhukkuba ida’ee ka dur irra itti hammaatte, tun akkanaan osoo jiruu yaamichi lolaaf lallabamu baanaan, sahaboonni akkuma ajaja kana dhagahaniin yaa’uu eegalan. Usmaanis galaa isaa kurfeeffatee duulaaf qophaa’e. Usmaan hangamillee duulaaf dharra’u Rasuulli ]saw[ akka inni qa’eetti hafee Ruqiyyaa kunuunsu ykn dhukkubsachiisu ajaje.
Sahaaboonni injifannoodhaan milkaa’anii yeroo Rabbi galatomfachaa gammachuun gara qe’ee deebi’an, Ruqiyyaan Ardii addunyaa tanarraa du’aan boqattee jirti. Madiinaan gadda uffattee qorritee isaan eeyde. Sahaabonnis akkuma madiinaa gahaniin du’a isii dhagahaniin, gammachuun isaanii akkuma fixeensa ganamaa osoo hin turin goggogde.
Usmaanii fi Ummu-kulsum
Du’a Ruqiyyaa irraa yeroo muraasa booda, Umar Binu- Kaxxaab Usamaanitti dhaquudhaan intala isaa ta jaarsi irraa du’uudhaan harmalooyte akka irraa fuudhu gaafii dhiheesseef. Usmaan garuu gaafii umar tanaaf ittiin yaada je’ee lola maletti nagayaan gaggeesse. Akka usmaan fadhii fuudha intala isaa hin qabne barraan Umar gara Nabi Muhammad s.a.w deemuudhaan, Usmaan intala isaa Hafsaa akka irratti dide Rasuulatti s.a.w himate. Rasuullis s.a.w himannaa isaa kana akkuma dhagaheen itti seeqee, “Intala tee nama Usmaan caalutu fuudha, Akkasuma Usmaan immoo intala Hafsaa caaltu fuudha.” je’een. Akkuma jecha isaa Rasuulli s.a.w intala umar fuudhuun, Usmaan immoo intala Rasuula s.a.w Ummu kulsum fuudhe.
Usmaan sababa ilmaan Rasuulaa s.a.w Ruqiyyaa fi Ummu kulsum fuudheef maqaan Zinnureeyni ja’amee moggaafameef. Zinnuureyni jechuunis Saahiba ifaa lameenii jechuudha.
Usmaanii fi ummu kulsum karaa rabbii irratti walitti hidhatan, jaalalaa fi gammachuun bu’aa bahi imala jireenyaa waliin eegalan, osoo dadhabe si hifadhe tokko tokkoon hin ja’in, Guyyaan isaan dirqiin addaan kuttu akkuma tan ilma namaa kamirraahuu hin hafne, Ummu kulsuumiis yaamtee, addunyaa tanarraa Ummu kulsum akka lakkoofsa hijraa waggaa sagalitti du’aan isaan adda baate. Addunyaa tanarraa boqatte.
Arjummaa Usmaan
Dhugumaani arjummaan usmaan akka mukni dirree keessatti goggogee baala hunda lafatti harcaafatutti, Inniniis qabeenya isaa karaa Rabbii irratti harcaafate.
Muslimoonni Madiinatti baqannaan, Hedduminni ummataa dabalee bishaan barbaachisuu fi boolli bishaanii kan ummanni Ansaaraa dur qaban waliin wal madaaluu hin dandeenye. Haalli kun immoo bishaan qaalesse akka bittaan bishaanii eegalamu uumee jira. Bittaan bishaani kun ummata hiyyeessa daran jiruu itti hadheesse. Osoo bishaan jiruu ilma namaatif bu’uura ta’ee jiruu hanqina maallaqaa qofaaf namni dhumutti dhihaate. Haalli kun akkuma Nabi Muhammad s.a.w bira gaheen, Iddoo sahaabonni walitti qabamanitti, Eenyu mee, namni eela bishaanii kan namticha yahuudaa ummatatti bishaan gurguru irraa gatii qaaliin Rabbiif jecha bitee, Rabbi biratti jannata badhaafama.” je’ee gaafate?……………………………….Itti Fuufa